“Daa’imummaankoo tola ooluurraa nan daangessu” Paarlaamaa Daa’immanii Oromiyaa

Saamraawiit Girmaatiin

Hojiin tola ooltummaa qomoo, amantii, umurii, ilaalcha siyaasaafi kanneen biro ilaaluun kan hojjetamu miti. Namni waan nama ta’eef qofa rakkoo hawaas dinagdee isa tokkoo hiikuuf kan hojjetudha. Akkasumas, waan qabaatanii namarraa hafeef osoo hintaane, kan qabanirraa hir’isanii qooduun kan hojjetamudha. Kanfaltiin isaas boqonnaa sammuun ofii argatu malee qarshiidhaan kan tilmaamamu miti.

Tola ooluuf humnaafi maallaqa osoo hintaane yaadatu barbaachisa. Yaadaafi kaka’umsa nama gargaaruu qabaannaan warra kaan kakaasanii deeggarsa garagaraa taasisuun ni danda’ama. Hamma yoonaa muuxannoo tola ooltummaa jirurraas kan hubatamu kanuma. Itoophiyaattis keessumaa waqtii gannaa waliin walqabatee hojiileen tola ooltummaa hedduu sadarkaa sadarkaatiin ni hojjetamu.

Paarlaamaan Daa’immanii Oromiyaa bu’uura labsii tajaajila lammummaa Mootummaan Oromiyaa labserraa ka’uun Waxabajjii 6, bara 2014 irraa kaasuun hojiin tola ooltummaa jalqabameera. Hojii kanaanis barattoota sababoota garagaraatiin rakkoof saaxilaman gargaaruu, nyaachisuu, meeshaalee barnootaa dhiheessuu, akka barnoota adda hinkunne deeggaruufi ijaarsa manneen barnootaa bu’uura boruu keessatti daa’imman kan gaheesaanii akka ba’atan kan taasisuudha. Paarlaamichi ibsa tibbana Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaatti miidiyaaf kenneen kan ibse.

Afyaa’iin paarlaamichaa Barataa Abdulawaab Shek Jamaal Haji Yusuuf akka ibsetti, hojii tajaajila lammummaa manneen barnootaa cufamanii osoo barattoonni adda hinbittinnaa’iin guutuu Oromiyaatti eegaluuf yaadamuufi bu’uuruma kanaanis Wiixata darberraa eegalee hojiitti seenamuu hima.

Tajaajila lammummaa kanaanis karoora mootummaan bara 2015tti daa’imman miliyoona 7.5f nyaata dhiheessuuf karoorfate keessaa paarlaamaan daa’immanii daa’imman miliyoona tokkoof nyaata dhiheessuuf karoorfachuu eeree, sababa nyaata dhabuutiin daa’imman barnootarraa akka hinhafneef ummata kakaasuun daa’imman eeraman nyaachisuuf akka yaadame ibsa.

Akkasumas daa’imman sababoota garagaraatiin rakkoof saaxilamanii meeshaalee barnootaa guuttachuu dadhaban miliyoona 2.5f deeggarsa taasisuuf kan yaadame ta’uu kaasee, kanaanis peennaa, dabtara, yunifoormii, korojoo, kitaabaafi kkf walitti qabuuf kan hojjetamu ta’uu hima.

Akka barataa Abdulwahaab jedhutti, sababa meeshaa barnootaa dhabuutiin daa’imni tokkoyyuu manatti hafuu hinqabu dhaadannoo jedhuun hojichi kan hojjetamu ta’a. Dhimmichis kan paarlaamaa daa’immanii qofaan galma gahuu osoo hintaane hirmaannaa qaamota hundaa kan barbaaduudha.

Manneen barnootaa bu’uura boruu kuma  ja’a mootummaan tajaajila lammummaatiin ijaaruuf karoorfateefis miseensonni paarlaamichaa daa’imman kaan kakaasanii qarshii tokkorraa kaasuun waan humnasaanii deeggaruuf qophii ta’uu ni addeessa.

Keessumaa naannawa baadiyyaatti daa’imman lafa dheeraa deemanii barachuuf akkasumas kutaa waldhipisaa keessa baay’atanii taa’uuf akka dirqaman kan himu afyaa’ii Abdulwaahaab, ijaarsa dareewwan dabalataa taasifamuufis paarlaamichi waan irraa eegamu ba’achuuf qophii ta’uu dubbata.

Gama harcaatii barattootaa hir’isuutinis barattoota, barsiisota maatiifi hawaasa hirmaachisuun hojjechuuf yaadamuu kan ibsu afayaa’ichi, barattoonni daree keessaa gaafa barataan hafu sababasaa gaafachuufi eeruu kennuutiin, barsiisonni hordooffii taasisuun, maatiifi hawaasnis to’annoo barbaachisu taasisuun harcaatii barattootaa hir’isuuf waan irraa eegamu ba’achuu akka qaban hubachiisa.

Hojiilee Paarlaamaan Daa’immanii Oromiyaa hojjechuuf karoorfate kanneen yaadichi kan daa’immaniiti jechuun namuu utuu hintuffatiin akka tumsus ittaantuun afyaa’iifi ittigaafatamtoonni koreewwan dhaabbii garagaraa gaafataniiru.

BARIISAA Waxabajjii 11 / 2014

Recommended For You