Atileetoonni Itoophiyaa korniyaa lameeninuu mo’atan

Finfinnee: Dorgommiin Liigii Daayimandii ALA bara 2022, magaalota biyyoota 13 irratti adeemsifamaa jira. Badhaasni dorgommii kanaan argamu dolaara kumaatamaan lakkaa’amu waan ta’eef atleetonni addunyaarratti beekaman marti hirmaachaa jiru.

Dorgommichi adeemsifamaa kan jiru fiigicha gabaabaafi dheeraadhaan yoo ta’u, fiigicha meetira kuma shanii kan dheengada magaalaa guddoo Noorweey, Oslootti adeemsifametti atileetonni Itoophiyaa dhiiraafi dubaraan tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’uun mo’ataniiru.

Dorgommii dubartoota gidduutti adeemsifameen Atileet Daawwit Siyyuum daqiiqaa 14:15.84n, Gudaaf Tsaggaayee daqiiqaa 14:26.68n, Latasanbat Giday  daqiiqaa 14:26.92n tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’uun mo’ataniiru.

 Dhiirotaan ammoo Atileet Xilaahuun Haayilee daqiiqaa 13:03.51n, Saamu’eel Tafarraa daqiiqaa 13:04.31n, Geetinnat Waalee daqiiqaa 13:04.48 tartiibaan galuudhaan injifataniiru.

BARIISAA Waxabajjii 11 / 2014

Recommended For You