Tarkaanfiin seeraa ni fudhatama

Gabaa simintoo tasgabbeessuuf sochii taasifamu gufachiisuuf qaama socho’u irratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibsa tibbana baaseen eereera. Ibsichis kunooti;

Mootummaan Naannoo Oromiyaa seeraan alummaa gabaa simittoo keessatti mul’atu sirreessuuf akkasuma gabaa tasgabbeessuuf abbootii warshaalee simintoo naannoo keenya keessatti argaman waliin marii taasisuun raabsi simintoo karaa waldaalee mootummaa naannichaa gurmaa’anii akka raawwatamu waliigaltee mallatteessuunsaa ni yaadatama.

Bu’uuruma waliigaltee taasifameen waldaaleen IMX beekamtii seeraa qaban 304 magaalotaafi godinaalee Oromiyaa hunda keessatti gurmeessuun raabsi simintoo gatii madaalawaan karaa waldaalee kanneenii hawaasa naannoo keenyaaf akka dhiyaatu haaldureen xumurameera.

Waan ta’eef, daldaltoonni kanaan dura raabsa simintoo irratti bobbaatanii turtan simintoo mankuusaa keessaa qabdan gatii Biiroon Daldalaa Oromiyaa murteessee godinaaleefi magaalota hundaaf dabarseen gurgurtaan akka raawwattan Mootummaan Naannoo Oromiyaa cimsee hubachiisa. Koreen dhimma kana raawwachiisuuf sadarkaa sadarkaan hundeeffame to’annoo cimaa akka taasisuufi tarkaanfii seera qabeessa akka fudhatu kallattiin kennameera.

Abbootiin warshaalee simintoo naannoo keenya keessatti argamtan bu’uuruma waliigaltee mallattaa’een humna guutuun omishtanii faayidaan waloo hawaasaafi warshaalee akka mirkanaa’u, akkasumas walitti dhufeenyi warshaaleefi hawaasa naannoo sababa faddaaltotaan akka hinboorofne waliigaltee mootummaa naannichaa waliin mallatteessitan miira ittigaafatamummaa olaanaan akka bahattan barbaadama.

Kun kan ta’uuf ammoo qaala’iinsa jireenyaa sababa faddaltotaatiin ummata irratti fe’ame cabsuun faayidaa waloo ummata bal’aafi warshaalee mirkaneessuu dirqama waan ta’eefi.

Kanaafuu, kanaan booda waldaalee seera qabeessa raabsa simintootiif eeyyama argatanii alatti simintoon karaa seeraan alatiin kuufamee argames ta’ee gatii shallagameen alatti gurguramu kamuu mootummaadhaan dhaalamee gatii madaalawaa ta’een hawaasaaf kan raabsamu ta’uu mootummaan Naannoo Oromiyaa cimsee hubachiisa. Tattaaffii mootummaan gabaa simintoo tasgabbeessuuf taasisu qaama gufachiisuuf socho’u kamuurratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu hubachiifna.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 4 Bara 2014

Recommended For You