Shaampiyoonaa atileetiksii Afrikaarratti Itoophiyaan meedaaliyaa warqii lammaffaa argatte

Finfinnee: Bu’uura ispoortii Atileetiksii Afrikaa lafa kan kaa’ee K o n f e d e r e e s h i n i i n Atileetiksii Afrikaa kan hundeeffame ALA bara 1973 yaa’ii jalqabaa Misir, Magaalaa Kaayirootti a d e e m s i f a m e t t i . M i s e e n s o n n i k o n f e d e r e e s h i n i c h a a yaa’ii kanarratti argamanis S h a a m p i y o o n a a n Atileetiksii, Ardii Afrikaatti akka adeemsifamu murteessan.

Haaluma kanaan Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa inni jalqabaa ALA Hagayya 2-5 bara 1979 magaalaa guddoo Seeneegaal, Daakaartitti jalqabame. Shaampiyoonichis atileetota ciccimoo Afrikaa bakka bu’uun atileetota shaampiyoonaa atileetiksii addunyaarratti hirmaatan horachuuf ture. Shaampiyoonaa yeroo jalqabaaf adeemsifamerratti biyyoonni 24 akaakuuwwan ispoortii 39n atileetota 251 hirmaachisuun qooda fudhataniiru.

Shaampiyoonaan kun waggaa lamatti al tokko akka adeemsifamu murtaa’uusaatiin waggoota 43n darbanif osoo addaan hincitiin adeemsifameera. Shaampiyoonaan biyyoota 24 gidduutti jalqabame kun miseensonni konfedereeshinichaa dabalaa dhufuudhaan yeroo ammaa hirmaattonni biyyoota 52 gahaniiru.

Shaampiyoonaawwan kanaan dura adeemsifamanitti biyyoonni 45 qofti gabatee meedaaliyaa keessa yoo galan biyyoonni torba ammoo hirmaannaan alatti meedaaliyaa argachuuf hinmilkoofne. Walumaagalatti hanga ammaatti meedaaliyaawwan kuma lamaafi 620 biyyoota 45f badhaasaan kennamaniru. Meedaaliyaawwan kanneen keessaa warqiin 675, meetiin 879fi nahaasni 866 ta’uun beekamera.

Naayijeeriyaan warqii 155, meetii 122, nahaasa 91, dimshaashumatti meedaaliyaawwan 368 argachuudhaan gabatee meedaaliyaa dursaa kan jirtu yoo ta’u, Keeniyaan warqii 144, meetii 129fi nahaasa 109n walumaagalatti meedaaliyaawwan 382n sadarkaa lammaffaarratti argamti.

Afrikaan Kibbaa warqii 129, meetii 114fi nahaasa 96n waliigalaan meedaaliyaawwan 339n sadarkaa sadaffaa qabatteetti. Itoophiyaan ammoo meedaaliyaa warqii 41, meetii 57fi nahaasa 58n dimshaashumatti meedaaliyaawwan 156n sadarkaa jahaffaarratti argamti. Shaampiyoonaan kun kanaan dura biyyoota 13tti yeroo 21f yoo adeemsifamu Misir al sadii, Naayijeeriyaa, Morookoo, Aljeeriyaa, Seeneegaaliifi Afrikaan Kibbaa yeroo lama lama keessummeessaniiru. Akkasumas Kaameeruun, Tuniziyaa, Riippaablika Dimookiraatawaa Koongoo, Itoophiyaa, Keeniyaa, Beeniiniifi Morishees al tokko tokko qopheessaniiru.

Shaampiyoonaan kun baranas yeroo 22ffaaf Magaalaa Morishees Porti Lowis, Istaadiyoomii biyyoolessaa Kotido’aaritti guyyoota shaniif adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u bor ni xumurama jedhamee eegama. Morishees shaampiyoonaa kana yoo qopheessitu yeroo lammaffaasheeti.

Shaampiyoonaa baranaarratti biyyoota Afrikaa 52 irraa atileetonni 600 ol ta’an akaakuuwwan ispoortii 44n hirmaachaa jiru.

Gareen atileetiksii Itoophiyaa miseensota atileetiksii 54 qabus shaampiyoonaa kanarratti dubartoota 28fi dhiirota 26n fiigicha atileetiksii gabaabaa, giddugalaafi dheeraa akaakuu 35n akka hirmaachaa jirtus federeeshiniin atileetiksii Itoophiyaa mul’iseera.

Itoophiyaan dorgommiiwwan gulaalaa hedduu godhachaa kan jirtu yoo ta’u, isaan keessaa fiigicha meetira kuma kudhanii dhiiraan Atileet Mogas Xi’umaayiifi Cimdeessaa Dabalaa tokkoffaafi lammaffaa ba’uun meedaaliyaa warqiifi meetii, Akkasumas fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadii dhiiraan Hayilaariyaam Amaara warqii, Taaddasaa Taakkalaa meetii, dabalataanis fiigicha meetira kuma shanii dubartootaan Faantaayee Balaayinaa lammaffaa ba’uun meedaaliyaa meetii, fiigicha meetira kuma 1fi 500niin Ayyaal Daanyaachaw sadaffaa ba’uudhaan nahaasa argamsiisaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 4 Bara 2014

Recommended For You