Itoophiyaan Misir 2-0n mo’achuun seenaa haaraa galmeessiste

Finfinnee: Waancaan kubbaa miilaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaatiin hogganamu waggaa lamatti al tokko biyyoota miseensota konfedereeshinichaatiin adeemsifamaa tureera.

Walmorkiin kun ALA bara 1957 kan jalqabame yoo ta’u waggoota 65 lakkoofsiseera.Waggoota kanneen keessatti yeroo 33f biyyoota Afrikaa adda addaatti adeemsifameera. Yeroo 34ffaaf ALA Waxabajjii 23 hanga Adoolessa 23 bara 2023tti magaalota Kotidivaaritti adeemsifama.

Walmorkicharratti hirmaachuuf biyyoonni 48 ramaddii 12tti qoodamuudhaan tapha gulaalaa adeemsifachaa jiru. Ramaddii 4ffaa keessatti Maalaawii, Itoophiyaa, Giiniifi Misiritu argamu.

Itoophiyaan tapha adeemsifattetti masaanuushee Misir 2-0n mo’achuudhaan seenaa haaraa biraa irra deebiidhaan galmeessisteetti.

Walmorkii kanatti daaw’ataa kubbaa miilaa biyyaa alaa dhiisi kan Itoophiyaatuu qabxiin akkanaa ni argama jedhee hineegne.

Sababiinsaas Misir biyyoota waancaa kubbaa miilaa Afrikaa hundeessan keessaa takka ta’uudhaan walmorkiiwwan kanaan dura adeemsifamanitti yeroo 25f waancaaf dabarte, kudhanitti tapha maahessaatiif dhihaachuudhaan yeroo torbaaf waancaa fudhachuun tokko kan dhunfaa godhachuusheeti.

Haata’u malee Waaliyaan xiiqiidhaan walmorkii kanaaf qophaa’uun Kamisa darbe Maalaawiitti Misir 2-0n mo’atee yaada daaw’ataan kanaan dura qabu geeddarsiisera.

Galchoonni lameen kan argaman aaragalfannaa dura daqiiqaa 21ffaarratti Daawaa Huxxeessaa, daqiiqaa 40ffaarratti Shimallis Baqqalaa galchaniini.

Waaliyaan walmorkichaan “Fari’oonota” mo’achuusaatti keessumaa jaalataan kubbaa miilaa Itoophiyaa gammachusaa muldhiseera.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaas qabxii argame kana sababeeffachuudhaan garichaaf qarshii miliyoona lama badhaasuuf qophaa’uusaa pirezidaantiin federeeshinichaa Obbo Isaayyaas Jiraa ibaniiru.

Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifamanitti biyyoonni afranuu walqixa qabxii sadii, sadii galmeessisanis Itoophiyaan garaagarummaa galchiitiin caaluudhaan ramaddicha dursaa jirti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 4 Bara 2014

Recommended For You