“Dhaabbileen 149 ol Oromiyaa keessa ta’anii gibiraafi taaksii federaala qofaaf kaffalaa turan, Oromiyaan akka qooddatu ta’eera” – Aadde Maskaram Dabbabaa

Galiin Naannoo Oromiyaarraa sassaabamu hedduunsaa bajata naannichaaf ramadamu keessaa dhibbantaa 40 ol kan haguuguudha. Galiin achiirraa argamu kun karaa seeraqabeessaan Oromiyaaf qoodamuu dhabuun jechuunis dhaabbileen gara garaa maddi galiisaanii Oromiyaa keessa ta’e hedduunsaanii maqaa ‘gibiraafi taaksii federaalaaf kaffallaatiin’ galii naannichi argachuu malu dhabsiisaa turaniiru.

Keessumaa jijjiirama dura dhaabbileen gara garaa Oromiyaa keessaa warshaalee qaban gibiraafi taaksii federaalaaf kaffalla maqaa jedhuun dachee Oromiyaarraa omishaa Oromiyaa dheebuu galiitiin waxalaa turuu niyaadatama.

Kun ta’us jijjiiramaa as qabsoo ittifufiinsaa taasifameen Manni Maree Federeeshinii seera haaraa baasuun naannoleen gibiraafi taaksii abbootiin qabeenyaa federaalaaf kaffalanirraa qooddachuu akka qaban taasiseera. Oromiyaanis seera kanaan fayyadamaa taatus dhaabbileen xiqqaa hinjedhamne ammallee kan miliqan akka jiran himama.

Saamicha gama kanaan raawwatamaa ture dhabamsiisuuf warraaqsiwwan gara garaa taasifamaa kan turan yoo ta’u, Oromoonis dubartii hoggantuu cimtuu, adda durummaan hojmaata badaafi hanna kana dhabamsiistu Biiroo Galiiwwanii Oromiyaatii qaba. Dubartiin tun eenyu? Haalli barnootasaanii maal fakkaata isa jedhuuf oluma seenaa dubbisaa jetti Bariisaan.

Oromiyaarraa nyaachaa Oromiyaa dheebessuun kun amma maalirra jira isa jedhuuf Sadarkaa Pirezdaantii Ittaantuutti Hoggantuu Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa, Aadde Maskaram Dabbabaa keessummaa keenya maxxansa kanaa taasifanneerra.

Bariisaa: Aadde Maskaram eenyu? Eessatti dhalatanii guddatan?

Aadde Maskaram: Maqaan koo Maskaram Dabbabaa Gammachuu jedhama. Kanan dhaladhee guddadhe Godina Arsii, Aanaa Suudee, Ganda Burqituutti. Hanga umriin kiyya barnootaaf gahutti akaakayyuukoo birattin guddadhe.

Bariisaa: Afaan keessan dammaan qabe; maqaan akaakayyuun keessan kan ibsituu keessanirra jiru Waldamaariyaam jedha, isin ammoo Obbo Gammachuu jettan mee waa’ee kanarratti ibsa xiqqoo nuu kennituu?

Aadde Maskaaram: Kolfa gabaabduu booda…! Lakki maqaan akaakayyuukoo ibsituurra jiru kan kiristinnaati. Haala yeroo sana turerraa kan ka’e maqaan akaakayyuukoo akkasiin jijjiiramee hafe malee maqaan ganamaasaanii Gammachuu Badhaasaa, ilma warra Arsii Suudee, Ganda Burqituuti.

Bariisaa: Barnoota sadarkaa 1ffaa eessatti barachuu eegaltan?

Aadde Maskaram: Barnoota garuu kanin eegale Magaalaa Finfinnee, naannawa Muujjaa, Mana barumsaa Iyyarusaalem Sadarka 1ffaan galee hanga kutaa 2ffaatti achitti baradhe. Adeemsa keessa maatiin kiyya waan Sabbatatti jijjiiramaniif anis isaan faana deemuuf dirqame.

Adeemsuma kanaan Mana Barnootaa Mulugeetaa Gadlee Sadarkaa 1ffaa galeen hanga kutaa 6ffaatti achumatti baradhe. Sadarkaa lammaffaa Mana Barnootaa Sabbataa Sadarkaa 2ffaa seenee 1979 kutaa 12ffaa xumuree qabxii gaariin darbe.

Bariisaa: Barnoota sadarkaa olaanaa hoo eessatti hordoftan?

Aadde Maskaram: Akkuman barnoota kutaa 12ffaa qabxii gariin darbeen ramaddiin dhaabbilee barnoota olaanaa na qaqqabee kenname Yunivarsiitii Asmaraa ture.

Yunivarsiiticha galee akkuman waggoota sadiif barnoota akkaawuntiingiitiin baradheen haalli nageenyaa rakkisaa ta’aa deemuun walqabatee Finfinneetti deebi’e. Sana booda Yunivarsiitii Finfinneetti barnoota koo ittifufeen barnoota Akkaawuntiingiidhumaan digrii jalqabaatiin eebbifame.

Ergan hojiitti bobba’ee booda digrii 2ffaa akaakuudhuma barnootaa Akkaawuntiingiitiin Kolleejjii Liid Istaarirraa eebbifameera. Imalli barnootaakoo kana fakkaata.

Bariisaa: Hojii eessatti eegaltan?

Aadde Maskaram: Dur ramaddiin kan kennamu carraadhaan ture. Kanaan carraan kan na ga’e akka moggaasa yeroo sanaatti Sidaamoo, Magaalaa Hawaasaatti, Waajjira Faayinaansiitti ramadamee waggaa tokkoofi walakkaaf hojjedheera. Jijjiirama sirnaatiin walqabatee akkuma Oromiyaan akka naannootti hundoofteen gara Oromiyaattin deebi’e.

Bariisaa: Oromiyaatti deebitanii hoo eessatti ramadamtan?

Aadde Maskaram: Yeroo sanatti odiitara muummichaatti ramadamee namoota mana hojichaa hundeessan keessaa tokko yoon ta’u, sadarkaa ogeessaarraa kaasee hanga Abbaa Adeemsaa Odiitiitti waggoota 12f; jechuunis hanga bara 1998tti achi hojjedheera.

Bariisaa: Waldaa Aksiyoonaa Liqiifi Qusannoo (WALQO) keessas hojjetaa akka turtan himamaatii turtiin achii hoo akkam ture?

Aadde Maskaram: Eeyyee, ji’a Waxabajjii 1998 kaasee hanga Fulbaana 2010tti sadarkaa hoggansaafi ittaantummaatti mana hojichaatti hojjedheera.

Sana booda haaromsi gaggeessitootaa wayita gaggeeffamu Waldaa Aksiyoona Faayinansii Meeshaalee Kaappitaalaatti Hooggantuu ta’een hanga 2012tti hojiikoo ittan fufe.

Bitootessa 2012 kaasee garuu gara Hooggansa olaanaa naannoottin dhufe, yeroo ammaattis Sadarkaa Ittaantuu Pirezdaantiitti Hoggantuu Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa ta’een hojjetaa jira.

Bariisaa: Haalli maatii keessanii maal fakkaata?

Aadde Maskaram: Maatii nan qaba, abbaan warraakoos hojjetaa mootummaati. Ijoollee afur horanneerra. Isaan keessaa lama digrii 2ffaa barachaa jiru, tokko digrii duraa barachaa jira, inni hafe sadarka 2ffaa barata. Egaa maatii keenya jiraachisaa hoggansa natti kennames of kennee hojjetaan jira.

Bariisaa: Erga mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufee aadaan dubartoota aangessuu xiyyeeffannaa argateera. Bu’aa hoggansa dubartootaatiin galmaa’aa jiru akkamiin madaaltu?

Aadde Maskaram: Dhugaadha; hojiin dubartii hinhirmaachisne hojii hinta’u akkuma jedhamu dubartoonni keenya sadarkaa hoggansaa hanga ministeeraatti hojjechaa jiran hojii boonsaa galmeessisaa jiru.

Fakkeenya yoon sii kaase hojiin kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee hojjetaa jiraniifi bu’aa isaan galmeessisaa jiran ga’umsa dubartoonni hojiirratti qaban ifatti baasee kan mul’iseedha.

Dubartoonni keenya sadarkaa hooggansaarra jiraniifi bakka jiran hundatti hojiifi bu’aa cululuqaa galmeessisaa jiru, kun ilaalcha boodatti hafaa cabsuurra darbee rikardii jijjiirama haaraa dinagdeefi siyaasa biyyaa fuulduratti tarkaanfachiisuu keessatti bu’aa guddaa kan galmeessiseedha jechuun ni danda’ama.

Rakkoo ilaalchaa yoo ta’een ala dubartiin gara boodaatti dhiirri gara duraatti kan jedhu har’a hinhojjetu.

Ani gamakoon ergama hoggansaa natti kenname qixaafi ogummaan deeggaramee hojjechuun girbiraafi taaksii waliindhahamaa ture bakkatti deebisuun galii naannichaa guddisaan jira. Hojjetaa najala jiru hunda hirmaachiseen mana hojichaa jijjiireera. Kun dhugaa yoomiyyuu hinhaalamneedha. Kanaaf kutannaniifi ogummaan jiraannaan wanti bira hinga’amne hinjiru.

Bariisaa: Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa galii naannichaa guddisuuf sochii akkamiirra jira kaleessaafi har’a ija ogummaafi hoggansaan gaafa madaaltan?

Aadde Maskaram: Dhugaa dubbachuuf galii Oromiyaa yeroo yerootti fooyyessuuf karoora hiixataa baasnee hojjetaa turreerra. Kana malees dhaabbileen gibiraaf taaksiisaanii amanamummaan akka kaffalaniif barumsa ijaarsa dandeettii kennaa tureerra, kanaanis jijjiiramni mul’ate olaanaadha. Galiin sassaabamu yeroorraa yerootti dabalaa jira.

Bariisaa: Galiin bara darbeefi kan bara kanaa garaagarummaa agarsiise qabaa laata, raawwiinsaa hanga ammaatti jiru maal fakkaata?

Aadde Maskaram: Garaagarummaa guddatu jira. Kan bara darbeetiin walbira qabnee yoo ilaalle fakkeenyaaf karoorri keenya bara 2013 hanga ji’a Ebla biliyoona 29 yoo ta’u, raawwiin keenya biliyoona 37 ture.

Kan baranaa hanga ji’a Eblaatti galii idileefi kan mana qopheessaa dabalatee karoorri biliyoona 42.79 yoo ta’u, raawwiin keenya biliyoona 42.273 jedhaniiru. Yeroo walfakkaatuun bara darbe faana garaagarummaa galii yoo ilaalle caalmaa qarshii biliyoona 12.325n agarsiiseera.

Galiin keenya kun akka ol guddatuuf sochii dinagdee fi galii dinagdeen kun irraa maddan adda baasuun namoota ga’umsa qaban itti bobbaasuun gibira miliqfamaa ture bakkatti deebisneerra.

Bariisaa: Gamoowwan hedduun Oromiyaa keessatti gibiraafi taaksii kaffalaa hinturre. Kun amma maalirra jira?

Aadde Maskaram: Abbootiin gamoo hedduun kiraa argatanirraa gibiraafi taaksii kaffalaa hinturre. Sochii gama kanaan taasisneen gamoowwan kuma saddeetiifi 800 ol jiran gibiraafi taaksii akka kaffalan kallattii taa’een galiin miliyoona 600 ol sassaabameera.

Bariisaa: Galiin akka Oromiyaatti sassaabamu bajata naannootiif ramadamu dhibbantaa 40 oliin haguuga jedhamaatii kun akkami?

Aadde Maaskaram: Dhugaadha; galiin keenya bajata naannoof ramadamu dhibbantaa 40 ol uwwisa. Ta’us kanaan dura akkaataa barbadameen sassaabamuu dhabuufi waliindhahuun qaqqabaa tureera.

Bariisaa: Dhaabbileen maddi galiisaanii Oromiyaa keessa ta’e Oromiyaaf gibira hinkaffalle hedduun akka jiran himamaatii tarkaanfiin kana sirreessuuf fudhatame yoo jiraate?

Aadde Maskaram: Gamoowwan Oromiyaa keessa jiran kan kireeffaman dhaabbileen ‘PLC’fi sheer kaampaanii ta’an hedduunsaanii maddi dinagdeesaanii Oromiyaa keessa ta’us gibira federaalaaf qofa kaffalaa turan. Hojmaanni kun seeraan ala waan ta’eef qabsoo taasifameen galiin kun Oromiyaaf qoodamuu akka qabu ta’eera.

Milkaa’ina raawwii kanaatiif Manni Maree Federeeshinii seera haaraa baasuun dhaabbileen Sheer Kaampaanii ta’aniifi ‘PLC’ maddi galiisaanii naannoo Oromiyaa keessa ta’e akkasumas federaalaaf gibira kaffalan Oromiyaan qooddachuu akka qabu taasifameera.

Hordoffii gama kanaan taasifameen dhaabbileen 149 ol maddi galiisaanii Oromiya keessa ta’e dhaabbiin federaalaaf gibiraafi taaksii kaffalaa kan turan yoo ta’u, seera haaraa bahe kanaan gibiraafi taaksii federalaaf kaffalamurraa Oromiyaan akka qooddatu ta’ee hojiirra ooleera. Galiin damee kanarraa argamaa jirus gibiraafi taaksii Oromiyaa guddisaa jira.

Bariisaa: Erguma seerri kun bahee dhaabbileen ammallee Oromiyaaf gibiraafi taaksii kana hinkaffalle jiru jedhamaatii kanarratti maal jettu mee?

Aadde Maskaram: Dhaabbilee 149 adda bahaniin ala maqaa federaalaatti kaffalla jedhuun galii naannoon Oromiyaa argachuu malu kanneen waliindhahan jiru kan jedhu dhugaadha.

Kana sirreessuuf faana buunee hordoffii barbaachisaa taasisaa jirra. Qaamni kamuu seeraa ol miti. Oromiyaarraa nyaachaa Oromiyaa beelessuun hintarkaanfachiisu. Yeroo ammaattis cichinee qabnee irratti hojjetaa jirra. Warra diduu barbaadanirratti ammoo tarkaanfii seeraa fudhachuuf dirqamna.

Bariisaa: Dhaabbileen ‘PLC’fi sheer kaampaanii akkasumas abbootiin gamoo gibiraafi taaksii kana amanamummaan kaffaluurratti maal fakkaatu?

Aadde Maskaram: Isa argatanirraa kan amanamummaan kaffalan akkuma jiran kanneen waliin dhahuun faayidaa dhuunfaasaanii dursuuf wixxirfatanis jiru. Isa kana galii isaan ji’aan argatan hordofuun gibiraafi taaksii galiisaaniin walmadaalu akka kaffalan taasisaa jirra. Warra waliindhahuuf yaalanis sirreessaa jirra. Yaaliin qabeenya ummataa ukkaamsuuf taasifamu eessayyuu hingahu.

Bariisaa: Waantota akka galiin gibiraafi taksiirraa argamu gadi bu’u taasisan keessaa daldalli seeraan alaafi kontirobaandiin ni eeramaatii gama kanaan maaltu hojjetamaa jira?

Aadde Maskaram: Daldala seeraan alaatiin walqabatee kanneen adda bahan kuma 31 oli. Isaan kunniin eeyyama malee daldalawwan gara garaarratti kanneen bobbahaniidha.

Hojmaata badaafi hanna seeraan ala qaqqabaa jiru kana maqsuuf hordoffii taasisneen walakkaa ol eeyyama baafatanii seeraqabeessa taasisneerra. Warreen hafanis eeyyama baafatanii akka hojjetan gochuuf tattaafataa jirra.

Bariisaa: Ittifayyadamni maashinii gurgurtaa hammam hojiirra oolaa jira?

Aadde Maskaram: Akka Oromiyaatti maashiniiwwan gurgurtaa kuma 30 ol kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa kuma 27 si’aayinaan hojiirra oolanii hordoffii jala jiru. Kanneen hafan keessaa walakkaan sababa suphaatiin hojii dhaabaniiru. Ta’us yeroo gabaabaatti hojiirra akka oolan gochuuf hojjetaa jirra.

Bariisaa: Aadaan waa bitanii nagahee fudhachuu hoo sadarkaa akkamiirra jira?

Aadde Maskaram: Rakkoo cimaa, gibirri akka milqifamu, hawaasni akka saamamu taasisaa jiru keessaa tokko isa kana. Hawaasni keenya mi’a bitatee nagahee hingaafatu. Kunimmoo gibiraafi taaksiin akka miliqu, daldalaan seeraan ala akka fayyadamu, mootummaafi hawaasni akka miidhamu taasisaa jira.

Warreen gurguranii nagahee dhowwatan hordofnee adabaa jiraannus hordoffiin gama kanaan taasifamu waan quufsaa hintaaneef namoota nagahee fudhatan onnachiisuun aadaan waa bitanii nagahee fudhachuu akka gabbatu gochuuf hojiitti jirra.

Warra waa bitanii nagahee fudhatan badhaasuu ni eegalla. Yeroo sana daldaltoota gibira miliqsuun alkallattiin duroomuuf watwaatan tasgabbeessinee hawaasa mirgasaatiif falmu horanna.

Bariisaa: Hanqinoota naannawa keellaatti mul’atan sirreessuuf maaltu hojjetamaa jira?

Aadde Maskaram: Akka naannootti waggaa dhufuu kaasnee keellaawwan hordoffiin teknoloojiidhaan deeggarame ittigaggeeffamu ijaaruuf qophiirra jirra. Keellaawwan kanneen irratti gibiraafi taaksiin akka kaffalamu hojjenna.

Taateewwan keellaawwan kannneen irratti raawwataman jechuunis akaakuu omishaa adda baasuu, hangasaa madaaluu gibirasaa tilmaamuu, tilmaama sirriifi gibira madaalawaa kaffaluusaa tajaajila teknolojii dijitaalaa kaameeraa ‘CCTV’fi moosaajiidhaan deeggarameen hojjechuuf qophiirra jirra.

Teknolojiin kun maamilli gibira barbachisu akka kaffalu, hojjetaan keenyas loogii tokko malee kaffaltii kana akka irraa fuudhu kan taasisuudha.

Teknolojichi kallattiin hojii hojjetamu biiroonis akka hordofamu kan taasisu waan ta’eef isa hatuuf kaka’us isa matta’aa kennuuf yaalus kan saaxilu waan ta’eef galii dhokataafi burjaajeffamaa ture ni sirreessa jedhamee abdatama.

Bariisaa: Burjaajessa galiirratti gama kaffaltoota gibiraafi taaksiitiin mul’atu furuuf maaltu hojjetamaa jira?

Aadde Maskaram: Jalqabarratti dhaabbilee ‘PLC’fi sheer kaampaanii maddi galiisaanii Oromiyaa keessa ta’e gibiraafi taaksii federaalaaf qofa kaffalaa turan Oromiyaan akka qooddattu taasisneerra.

Warra miliqanii hafanirrattis tarkaanfii seeraa hanga mana hojii saamsuutti fudhachuun gibiraafi taaksii malu qaama ilaallatuuf akka kaffalan hojjetaa turreerra; ammas ittuma jirra.

Isa dide seeraan sirreessuun galii guddisuuf yoomiyyuu caalaa hojjetaa jirra. Dhaabbanni kamuu hamma maddi galiisaa Oromiyaa keessa ta’etti kaffaluun ala mala biraa hinqabu. Warreen gibira kaffaluu didanirratti tarkaanfii jajjaboo fudhanneerra.

Warreen kunniin nagahee kennuu diduu, yeroo kaa’ameef keessatti gibiraafi taaksii kaffaluu dhabuufi waliin dhahuuf yaalan kuma sadiifi 574 irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Tarkaanfiin fudhatame kunis lakkoofsa herrega baankii cufsiisuu, waajjirasaanii saamsuu, warra humnaa ol ta’animmoo qabeenyasaanii caalbaasiin gurguruun galii mootummaa waliin dhahame bayyanachiisaa jirra. Kanarraas qarshiin adabbii miliyoona 100 ol mootummaaf galii ta’eera.

Bariisaa: Akkuma warreen gibiraafi taaksii waliin dhahan adabdan kanneen amanamummaan gibiraafi taaksii yeroon kaffalan onnachiisuurratti hoo maaltu jira?

Aadde Maskaram: Dhugaa dubbachuuf abbootii qabeenyaa amanamummaan gibiraafi taaksii yeroo kaa’ameef keessatti kaffalan akkaataa hojiisaaniin sadarkeessuun waggaa waggaan badhaasaa, onnachiisaa jirra.

Abbootiin qabeenyaa kunniin warra faayidaa mataasaaniin kan ummatasaaniis giddugaleeffatanii deeman hamma ta’anitti jajjabeessuun keenya ittumafufa. Kunimmoo kan nama boonsuudha. Isaanis abdiin mootummaafi ummanni isaanirraa qabu akka cimu taasisaa jiru.

Bariisaa: Biiroon Galiiwwan Oromiyaa gama tajaajila haqaqabeessa, si’aayaafi qulqullina qabu kennuutiin maal fakkaata?

Aadde Maskaram: Warreen rakkoo kenniinsa tajaajilaa uumaniifi hannarratti bobba’an adabbii madaalawaa akka argatan taasisneerra. Haaluma kanaan hojjettoota 397 irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Bariisaa: Badiin dalagame walcaalaatii, tarkaanfiin fudhatame akkamiin ibsama?

Aadde Maskaram: Akkaataa ulfaatina badiisaaniifi rikardiisaanii hordofuun namoonni sadii hojiirraa gaggeeffamaniiru, Tarkaanfii waliigalaa hojjettoota 379. Kanneen keessaa hojjettoonni sadii hojiirraa gaggeeffaman, 84 sadarkaarraa gadi buufaman, 26 gitarraa kan kaafaman, 225 akeekkachiisa afaanii fudhatan, 27akeekkachiisa barreeffamaa, jaha adabbii mindaa, saddeet seektara biraatti jijjiiraman.

Warra gibira kaffaluu didan ilaalchisee lakkoofsa baankii herregaa cufsiisuu, mana hojii samsuu hanga qabeenyasaanii caalbaasiin gurguruutti kan fudhatame yoo ta’u galii qarshii miliyoona 56 ol irraa argameera.

Imaanaa ummataa nutti kenname haalaan bahachuu akka qabnu kallattii keenyee galii naannoo guddisuun badhaadhina biyyaa qabatamaan mirkaneessuuf hojjetaa jirra.

Dhiheenyuma kanallee Buraayyuutti hojjetaan mindeeffamee waggaa lama hinguunne hanna nagahee walcaalchisuutiin qabamee dhimmisaa seeraan hordofamaa jira. Hanni gocha badii biyya miidhu waan ta’eef kan dhiifamaan bira darbamu miti.

Faallaa kanaanimmoo hojjettoonni of kennanii hojiifi ergama mootummaan kenneef qixaan bahatan jiru. Isaan kunniin yoomiyyuu galateeffamuu qabu. Sababnisaas galiin naannichaa dachaan akka dabalu hojii boonsaa waan hojjetaniif.

Bariisaa: Kenna tajaajilaa si’eessuun walqabatee maamilli bakkuma jiruu karaa dijitaalaa kaffaltii barbaachisu akka raawwatuuf malli dhahame jiraa?

Aadde Maskaram: Kanaan dura galmee kaffaltoota gibiraa baasuun kaffaltii sassaabuun kenna tajaajilaa keenyarratti daran harkifannaa uumee ture. Amma garuu teknolojii dijitaalaatiin fayyadamnee abbaan dhimmaa yeroo gabaabaa keessatti gibiraafi taaksiisaa akka kaffalatu ta’aa jira.

Maamilli tokko jalqaba wayita galmaa’u lakkoofsi galmee kennameefii qabata. Sana booda karaa dijitaalaa bakka jirutti lakkoofsasaa qofa itti himuun kaffaltiisaa si’aayinan raawwatee deemuu danda’a.

Tajaajilli kun akka Oromiyaatti magaalota 13tti hojiirra kan oole yoo ta’u, wiirtuu Daataa Galiiwwanii Oromiyaa jedhamuun beekama. Tajaajila kana bakkeewwan hafan hundatti waliin geenyee harkifannaa kenna tajaajilaa hambisuuf hojjetaa jirra.

Bariisaa: Maamillis ta’e hawaasni shira gibiraafi taaksiirratti raawwatamurratti yoo eeruu kennuu barbaade akkamiin isin quunnama?

Aadde Maskaram: Gama kanaan, kanaan dura hordoffii hojjettoonni keenya taasisaniin, darbeemmoo eeruu qaamaan ykn barreeffamaan namni kennuun hordofaa turreerra. Amma garuu tajaajila bilbila tolaa eegalleerra. Hawaasni kamuu dhimma gibiraafi taaksiirratti eeruu kennuu yoo barbaade lakkoofsa bilbila tolaa 9795 fayyadamuu danda’a.

Hanniifi hojmaanni badaa kan dhaabbatu hordoffii mootummaa qofaan waan hintaaneef gibiraafi taaksiin sassaabamu kan ummatichaa waan ta’eef ummanni qabeenyasaarratti hordoffii barbaachisu taasisuun wayita waa bitu nagahee gaafachuu qaba. Yoo isa dhorkatan ammoo eeruu kennuun irra jiraata.

Bariisaa: Xumurarrtti ergaa waliigalaa yoo qabaattan?

Aadde Maskaram: Egaa karoorri bara hojii 2015 qophaa’aa jira. Karoorri keenya hiixataa, kan galiin naannoo keenyaa dachaan akka dabalu taasisuudha.

Kun akka milkaa’uuf hojjettoonni dirqama isaan irraa eegamu haalan bahachuu qabu. Kaffaltoonni gibiraas keessumaa kan garee “c”Adoolessaa kaasee kaffaltii gibiraa waan gaggeessaniif daangaa yeroo kennameefitti fayyadamanii kaffaltii irraa barbaachisu xumurachuu qabu.

Warri gibira miliqsuun takkaan federaalattin kaffala, takkaan naannoottin yaada jedhuun burjaajii uumuuf yaalanis gamanumaa saaphana seeraa jala galuun faayidaasaaniifi kan naannoo mirkaneeffachuun hojjechuu akka qaban dhaamsan qaba.

Walumaagalatti amanamummaadhaan gibira kaffaluun hattuufi waliindhooftuu gibiraa saaxiluun badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessuuf hariiroon mootummaafi ummataa yoomiyyuu caalaa cimuu qabaan ergaakooti.

Bariisaa: Aarsaa yeroo keessaniif maqaa Kutaa Qophii Gaazexaa Bariisaatiin isin galateeffanna.

Aadde Maskaram: Isinis dhimmi gibiraafi taaksii na ilaallata jettanii deeggarsa ogummaa hawaasa dadammaqsuu waan taasistaniif galatoomaa.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 4 Bara 2014

Recommended For You