“Utuu hojjechuu dandeenyuu waanti nyaatamu dhabamee biyyi baduu hinqabu” -Obbo Umar Huseen

Dubbistoota keenyaa, keessummaan keenya maxxansa kanaa hayyuu bakka ramadaman hundatti bu’aaqabeessummaan beekaman keessumaa jijjiirama ammaan tana damee qonnaa keessatti galmaa’eefi galmaa’aa jiruuf adda durummaan kan eeraman, akka biyyi keenya nyaataan of dandeessuuf, karoorri omisha qamadii bonee akka milkaa’uuf sagalee dhokfatanii, riphanii, of kennanii boqonnaa malee halkanii guyyaa kan hojjetan, Ministira Qonnaa; Kabajamoo Obbo Umar Huseeni.

Bariisaa: Dubbistoota keenya wajjin sirriitti walbaruuf Obbo Umar eenyu, eessatti dhalatan, baratan?

Obbo Umar: Umar Huseen jedhama. Bakki dhalootaa koo Godina Arsii, Aanaa Digaluufi Xiijooti. Barumsa koo sadarkaa jalqabaa Xiijoo, kan amma sadarkaa lammaffaatti guddatettin hordofe. Sadarkaa lammaffaa ammoo Asallaattin baradhe. Isa booda Yunivarsiitiin seene.

Kanaanis digrii jalqabaa Ikkonomiksiidhaan, lammaffaas Ikkonomiksiifi Bizinas Adiministireeshiniidhaan eebbifame. Anaaf barnoonni kan digriifi maastarsii itti argatan otoo hintaane kan yeroo hojjetan argataniidha. Ani kanarratti seektaroota gara garaa jechuunis magaalaa baadiyyaa, galiifaa keessa hojjedheera. Barnoonni guddaan isa. Amma ammoo ‘PhD’ kiyya hojjechaan jira isas yeroo dhiyootti nan fixa.

Bariisaa: Hayyee, milkaa’aa jechaa; gara hojii tibbanaatti haa deebinuutii, gabaasni ji’a sagalii Ministeerri Qonnaa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatti koree dhaabbii dhimmi ilaallatuuf dhiyeesse miseensotaan jajamaa ture. Maaltu hojjetamnaan kun ta’e mee? Waanti akka hanqinaatti ka’u hoo?

Obbo Umar: Bareeda. Qonni amalumasaatiinuu hojii ulfaataadha. Waanin damee kana keessatti baradhe ibsuu koo dura dur akkamitti geggeeffamaa akka ture ilaaluun gaariidha. Waggoota sadii dura xiyyeeffannaa mootummaa argataa hinturre. Kanarraa ka’uun xiyyeeffannaa mootummaa akka argatuuf dursee irratti hojjetame. Ani milkoofne ka jedhu bu’aa tokko tokko argame dura mootummaan seektaricha hubatee deeggaruuf qophaa’eera. Waan garii ammoo mul’iseera.

Kanaafis waan seektarichi dinagdee biyyaa keessatti qabu agarsiisneerra. Seektarichi maal deeggarame, maaltus isa hafa kan jedhu akka mootummaan hubatu gooneerra. Jalqaba ergan gara damee kanaa dhufee kan hojjenne kana. Kanarratti dura manumarraa yoo kaane mana kana xiqqoo jijjiiruu, nama hubachiisuu, namni walittidhufuun irra jira, abbaa wajjin hojjennu beekuu qabna jennee tattaafanne. Waanti hafu akkuma jirutti ta’ee kanneeniin hojii gaariin hojjetameera.

Horiin yoo waan nyaattu kenniteef aannan sii kenniti. Yoo waan malu hinkennineef waa argachuun hindanda’amu. Qonnaan bulaanis yoo waan malu hindhiyeessineef jiruu biyya kanaa baadhatee hindanda’u. Kanaaf qonni deeggarsa faayinaansii, ogummaafi teknoolojii barbaada.

Kan amma mootummaan nu hubateera jennu waan horiidhaan nuu godhee ol keessumaa hojii makaanaayizeeshinii, qonni biyya kanaa boodatti hafaa waan ta’eef makaanaayizeeshiniif xiyyeeffannaan kennamee ashuurarraa bilisa gochuun, darbees meeshaan 550 caalu ashuuraan ala ta’eera. Kun waan guddaadha.

Isaan alas jallisiirratti; qonni keenya garri caalu jallisiirratti miti kan xiyyeeffatee jiru. Bara bonni dhufe ni dhabna, bara roobe ammoo ni nyaanna. Kanatu ture. Amma jallisiif xiyyeeffannaan kennamee Ministeera Jallisii dhaabuurraa kaasee waanti hojjetamaa jiru hubannaa uumame sana kan agarsiisuudha. Waanti akkanaa lakkaa’amuu danda’an jiru.

Lammaffa ammoo gara hojiitti yoo dhufne hojii keessatti anaaf lakkoofsaa ol hawaasarratti jijjiirama dhufeedha waanti ilaaluu qabnu. Isa keessatti waanti mallattoo agarsiisaa jiru maalinni kan jedhuudha. Bu’aa dhumaarra geenyeerra jedhamuu baatus garuu barana waanti ilaaltu karooruma qabatterraayi malee jireenya waggaa dheeraa inni dhabe sani wajjin walittiqabamee yoo ilaalame ammayyuu rakkoon jiru bal’aadha. Kana wajjin waanti gaariin hojjetameera jedhee kan ani yaadu tokkoffaa haalli keessatti omishame daran ulfaataa ture.

Haalli nageenya biyyaa rakkisaadha. Kunis ta’ee omishuma omishamullee yoo ta’e waan yaadnerraa harka 90 argachuu jechuun waan guddaadha. Omishni kuntaalli miiliyoona 936 arganne harka 90 ta’a. Kun anaaf waan guddaadha. Bakka gartokkeen rakkoo keessa turetti keessumaa Oromiyaa gara caaluufi Kibba, Kaaba keessaa ammoo Naannoo Amaaraa muraasarratti xiyyeeffannee hojjenne.

Bakka ittixiyyeeffannee hojjennetti waanti gaariin waan mul’ateef bu’aan kun argame. Kanaaf omisha gannaatiin bu’aa gaariin dhufeera. Bona keessa ammoo kan ganna dhabnellee bakka buusuun waan nurra jiraatuuf keessattuu qamadiirratti inisheetivii tokko fuunee waan hojjenneef waanti gaariin dhufeera.

Dhugaa dubbachuuf lafaanillee yoo ta’e waggaa tokko keessatti dachaadhaa ol dabale. Erga jalqabnee waggaa sadii. Waggaa tokko keessatti dachaadhaa ol dabaluun milkaa’ina guddaadha. Bara dhufu hanga miiliyoona tokkootti yoo ol kaafne biyyi tun qamadiidhaan of dandeetti. Waanti xinnoonillee irraa hafee naannawa ollaashii ilaaluu ni dandeetti kan jedhu qabna.

Sadaffaan omisha alergiiti. Omisha alatti erguu keessatti qonni dhibbantaa 70 ol gumaachaa jira. Wanna alatti erginee doolaara ittiin argannu keessatti qonni qooda 70 qabaachuun waan guddaadha. Waanti guddaan hamma inni qabu otoo hintaane waan kanaan dura fidnee ol fiduutu nurra jiraata jenneet hojjechaa jirra.

Yeroo hojjettu kana ammoo yoo waantota tokko tokko ammayyeessite malee karuma dur barameen yoo deemne konkolaataan buna fudhatee bada. Akkasitti hinta’u. Kanaaf waanti goone Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii wajjin taanee bunni bakka ka’urraa hanga iddoo ga’uutti haalatti karaa kompiyutaraa hordofamu, akka teknoolojiidhaan beekamu gochuun waantota danuu jijjiirreerra.

Lammaffaa ammoo akkuma yaadatamu bunni oggaa asii gara Jibuutii deemu jidduutti rakkoo guddaatu ture. Waan keessaa fuudhataniif kiiloon ni hir’ata. Yoo abbaa bira gahu ammoo amantiin ni dhabama. Daba akkanaa kanneen ittisuuf bunni harki 98 baaburaan akka deemu taasisne.

Oggaa kana gootu egaa Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii, Ministeera Daldalaafi Walitti hidhamiinsa Naannawaa; akkasumas warra baaburaa wajjin dubbatta. Kun akka milkaa’uuf akkuman irranatti qaamolee dhimmi ilaallatu hunda wajjin hojjechuun waan gaarii nuu fideera.

Oggaa akkanatti lakkaa’amu baay’eetu jira. Akkanas ta’ee oggaa maaltu nu hanqata jennee ilaallu keessumaa barana waanti nu qore tokko hongeedha. Hongeen baay’ee nu qore. Hongee kanarratti bishaan karaa barameen hojjetamee haala biyya kanaa jijjiiruun hindanda’amne. Kun ammallee nu hafa. Maaliif yoo jedhame mudachuu hongee dhaadhessuu qofa miti. Waan hongeetti nama geessu dursanii karoorfatanii, nyaata beeladaa qopheessanii, jallisiidhaan hojjetanii deemuu barbaachisa.

Kun akka barbaadnetti nuu hindeemne. Tokko beeladarratti gabaanillee, alergiinillee, biyyuma keessattillee akka gaariitti nuu hindeemne. Kun amma akka xiyyeeffannaa argatuuf daran dhama’aa jirra. Ammallee waan ceene miti jechaadha. Lammaffaa waanti ilaalamuu qabu naannolee rakkoon nageenyaa uumametti hawaasa deebisanii dhaabuun daran nu qore. Dhugaadha; riisoorsii (qabeenya) qabnuun waan gochuu qabnu gooneerra. Achi keessaa ammallee hinbahamne. Hawaasni ammallee harka namaa eeggatu baay’eedha.

Keessumaa bakka lolli turetti namoota hedduutu jira. Isa kanallee sadarkaa barbaadnutti as hinbaafne. Dhimmoonni akkanatti nu qoran jiru. Fakkeenyaaf alergii keessaa shaayiirrattillee waan gaarii hinfidne. Gadi deeme. Sababiinsaas hanqinni hordoffii keenyaallee ni jira. Jarri achii hojjetus akka gaariitti hindeemne. Xiyyeeffannaan keenyallee gara bunaatti dabe. Kunniin dhimmoota muraasa haala gaariidhaan hindeemne jennee adda baasneedha.

Bariisaa: Hanqinoota kanneenis ta’ee kanneen biroo furuuf mala akkamiitu dhahame? Kanitti deemaa jirrus ganna waan ta’eef qophiin qonna tibba kanaatiif taasifamaa jiru hoo maal fakkaata?

Obbo Umar: Qophii qonna gannaa ilaalchisee kan gannaa qofa otoo hintaane kan bona ittaanuuyyuu qophaa’aa jirra. Maaliif yoo jedhame, dur kan ture gannaaf ni qophoofta. Ganna ni facaafta. Isa booda ni teessa. Amma qonni akkas ta’aa hinjiru. Utuma nuti akkas ta’a jenneellee haalli nu hineeyyamu. Waanti bonarratti hojjennu qonnaan bulaa garmalee onnachiiseera. Kun qonnaan bulaa qofa miti namni kamuu yoo waan isa fayyadu argate fedhiinsaa achirraa ka’a.

Kanaaf kan ganna kanaatiif qophii xumurreerra. Qophiin gama mootummaatiin taasistu lafa hinqottu, isatu qotata. Waanti ati gootu waan inni barbaadu dhiyeessineemoo hidhiyeessineedha. Keessumaa galtee omishaaf isa qarqaartu dhiyeessuun sitti jiraata. Kana keessaa tokko xaa’oodha.

Xaa’oo waan barana mootummaan hamma humnisaa danda’een biteera. Gara kuntaala miiliyoona 12.9 kan binne. Kan bules xiqqoon jirti. Isa wajjin hanga kuntaala miiliyoona 15 ni ta’a. Kun qonna baranaatiif ni ga’a. Rakkoon asirratti nu mudate rakkoo gatiidhaan walqabateedha.

Dhimma qaala’ina gatii xaa’oo kana mootummaan hanga tokko akka nu gargaaruuf tattaaffiin taasisne haala gaariin deemeera. Sanyiin wantoota duraan nu qoran jedhe keessaa tokko. Sanyii dhibbantaa 76 dhiyeessineerra. Nuti dhibbantaa 76 guddaadha jennee hinilaallu. Sababiinsaas waan barbaannu keessaa dhibbantaa 24tu hanqata kaa. Qonnaan harki 24 sanyii dhabe jechuun hanguma sana rakkoo keessa gala jechuudha. Dhibbantaa 76 sana garuu dhiyeessaa jirra.

Leenjiifi orrenteeshiniis kennineerra. Amma rooba qofatu eegamaa jira. Garuu oggaa kana hojjennu lafuma qotuu qofaaf otoo hintaane barana akkuma beekamu dhaabiinsa biqiltuu sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa afraffaa barana adeemsifamuufis kan waggaa afurii karoorsinee qophii gochaa jirra. Karoorichas barana cufna.

As keessattillee biqiltuuleen wabii nyaataa mirkaneessuuf gumaachan dhibbantaa 50 oliin akka dhaabamaniif karoorfamee hojjetamaa ture, jira. Kannallee ciniinnannee hojjechuun karoorri keenya biiliyoona jaha ta’ee otoo jiruu biqiltuulee biiliyoona 6.3 qopheessineerra. Rooba eeggachaa jira. Bakki dhaabbiis qophaa’aa jira. Amma waanti qonnaan bulaa bira jiru akkamitti waan nuti dhiyeessaa jirru dafnee harkasaa gahaadha. Kanarrattis gareen bobba’ee hojjechaa jira.

Bariisaa: Dhiyeessii xaa’ootiin walqabatee qonnaan bulaan ammayyuu gaafachaa jira. Gatiin ittiin dhiyaatus naannoodhaa naannootti adda adda jedhamaa jiraatii kanarratti maal jettu mee?

Obbo Umar: Naannootti gara garaan waan barana uumame miti. Duruu jira. Waan gara gara isa godhu gatiin xaa’oon ittiin bitamee hanga Jibuutiitti dhufuun tokkuma. Yoo kuma sadii ta’e kumuma sadii. Garaa garummaan Jibuutiirraa kaasee jiru daballii gatii geejjibaati. Kan asirra darbee gara Baahir Daar dhaqu gatiin ni dabala.

Kan Finfinnee hanga Baahir Daaritti deemu gatiinsaa dabaluun hinoolu. Kun uumama lafaarraa kan dhufe malee waan namni olii gadi gochuun raawwatu miti. Garuu namoonni tokko tokko kana hubachuu dhabuurraa kana kaasan jedheen yaada. Akka naannoo tokkootti gadi gatiin gadi buufamee, iddoo biraatti akka ol ka’u taasifame yaadni jedhu sirrii miti.

Kun anaaf dhibee miti. Dhibeen bakka biraa jira. Qorichi ammoo iddoo biraa jira malee dhibeensaa kana natti hinfakkaatu. Namni tokko waan asii bite hanga Adaamaatti ogguu feetuufi hanga Baaleetti ogguu feetu tokko miti. Baalerratti ni dabala. Adaamaatti gadi jedha. Kanaaf waan uumaa akkanaarraa akka ta’e namni hubachuu qaba. Achirra darbee dhugaa dubbachuuf fedhiin hawaasaa kan amma nuti dhiyeessine kanaa ol ta’uu danda’a.

Bakka hanqinni mudachuu malutti furmaata biraa keenyeerra. Amma Oromiyaan hanga dhibbantaa 15/20tti kompostii qopheeffachuu ibseera. Naannichi callisee hinteenye. Kana hundattuu qixxuma himne. Naannoleen Amaaraafi Kibbillee hanga tokko qopheessaniiru. Kun ammoo qaawwa uumamuu malu san akka cufu gochuu danda’a jenneeti kan nuti yaadnu.

Kanaaf hinhanqatu hinjettu. Har’a mitii gaafa kanaa ol gatii xaa’oo bishaa’aallee bakkawwan tokko tokkotti ni hanqata. Kun dhiyeessiin gahaa ta’uu dhabuurraa kan dhufu miti. Loojistiksiinsaa mankuusa jiddugaleessaa ykn waldaalee bu’uuraa bira hinga’u. Sababa kanarraa hanqinni dhufuu mala. Nuti kan gochaa jirru asirraa ogeessota 30/40 bobbaafnee, naannoodhaa akka gadi bu’an goonee jala gallee hojjechaa jirra.

Yoo hanqinni uumame xiqqaachuu akka danda’uuf xiyyeeffannaan hojjechaa jirra. Waanti guddaan hawaasa hubachiisaa deemna. Bilbila sararraallee qabna kan idileedhaan tajaajila kennu. Karaa bilbila kanaa guyyaa guyyaadhaan gaaffiilee kumaatamatu dhufa. Bakka kanatti waan akkanaa rakkanneerraa sababiinsaa maali jedhee kan gaafatu baay’eedha. Furmaanni rakkoo kanaa kana jedhamee malli ittihimama, ijoolleen achirra hojjetan deebii kennaa oolu. Akkana goonee rakkoo mudatu hiikaa deemna jechuudha. Malee rakkinni hinuumamu hinjedhamu, biyya hangana bal’attu keessatti.

Bariisaa: Jidduu kana ammoo kan haasa’amaa jiru faddaalaan jidduudhaa bahee waldaaleen hojii gamtaa xaa’oo akka dhiyeessaniidha. Kun hamman beekamtii qaba? Ministeerri keessan quba qabaa?

Obbo Umar: Durumallee faddaalaan hindhiyeessu. Kan dhiyeessu waldaa hojii gamtaati. Barana garuu xaa’oon mi’aawuu waan dhaga’aniif faddaalaan waldaa hojii gamtaa wajjin ta’ee waa achii butatanii gurguru. Kun daran muraasa akka waliigalaatti ta’eedha jedhanii fudhachuuf nama rakkisa.

Oggaa waanti akkanaa bakka tokkotti uumamu qaamni seeraa battalumatti akka sirreessu godha. Garuu waldaa hojii gamtaatu dhiyeessa, kan abbaa qabeenyaa qonna babal’aa gaggeessuurraa kan hafe. Abbaan qabeenya lafa qonnaa qabu ni ajajataa; kallattiidhaan bitata. Isaafis to’annoo cimaadhaan gurgurra.

Akka durii callisnee gaditti hinlakkisnu. Kan bitatu ofii bitata; bakkee irraa bitatus tokkicha goona. Waldaa hojii gamtaa dhaqee hinbitatu. Kan bitatus warra galtee qonnaa dhiyeessanirraayi. Akka sirnaatti nuti kana kan diriirsine. Wanni bahu yoo jiraate miidiyaalee, qaamni nageenyaa hundi ummannillee baasanii kennuu qaban. Yoo akkas goone malee xinnoonumti dhufte kunuu karaa malleerra goruu dandeessi.

Bariisaa: Ministeerri keessan tiraaktara dhiyeessuurratti maal hojjetaa jira?

Obbo Umar: Kan irranatti sii kaaseefi jijjiiramni xiqqoon irratti dhufeera jedhu makaanaayizeeshiniidha (tiraaktara, kombaayinara) dhiyeessuu jechuudha. Asirratti waanti gaariin jiru naannoleen hundi sadarkaa walfakkaaturra hinjiran. Amma Oromiyaan baay’ee deemeera. Amaarriifi Kibbis haala gaariirra jiru. Oromiyaa akka fakkeenyaatti yoo fudhanne paampiiwwan gara kuma 20 ajajee karaarra jira.

Yoo ganna gaappiin uumame ittiin guuttachuuf; yogguu bonaa ammoo omisha jallisii amma jennuufillee ittifayyadamuu dandeenya. Isaan alallee tiraaktara kuma tokko haa ta’u kuma lama ‘LC’ bittaaf ajajanii akka adeemsarra jiru quba qaba. Naannoon Amaaraas akkanuma hanguma humnasaatti baankiirraa ‘LC’ argatee ajajeera. Kun caalmaatti nuti haala mijeessinee imaammataafi fireem workii hojjenneefiirraa naannootu hojjeta. Yeroo tokko tokko baay’inumasaallee hinbeeknu; waan guyyaa guyyaadhaan jijjiiramoonni jiraniif. Paampiifi aksasariisaa galchuun. Nuti akka ogummaatti kan hojjennu asii waan istaandaardii biyya kanaa hinguunne akka biyya hingalle qofa hordofaa eeyyama kennina. Kana malee isaantu raawwata.

Bariisaa: Ministeerri Qonnaa gama qonna magaalaafi manduubee babal’isuuf hammam xiyyeeffatee hojjetaa jira?

Obbo Umar: Kanarratti wanni baay’ee hinmilkaa’iin garuu yaadni gaariin tokko isa. Hojii kana ministirri muummeenillee daran irratti xiyyeeffatanii hojjetaa jiru. Raawwii kanaas magaalota waamnee dhiheenya Adaamaatti qoranneerra; magaalaafi daangaa magaalaa. Bakka pilaaniidhaan magaalaa keessa galee amalaan kan baadiyyaa fakkaatu.

Hojichi kanneen lamaan of jalatti qabata. Kanarratti karoora guddaatu qabame. Waantota lama irratti hojjechaa jirra. Tokko namni lafa xiqqoo qabu waan humnasaa qe’eesaa keessatti akka hojjetu; waantota qaala’ina jireenyaatiif gumaachan keessaa tokko kana waan ta’eef. Isarratti hojii gaariitu hojjetamaa jira. hanga ammaa hubannoon, maalumti haa hojjetamuuniyyuu akka adda baafamuuf hojjetamaa ture.

Kanarratti hanqinni jira. Iftoomina irratti uumaa jirra. Waraqaa kanaaf ta’us qopheessaa jirra. Isaan alallee keessattuu waltajjii dhiyeenya dhimma kanarratti Finfinneetti taa’amutu jira. Kanaanis magaalota guguddoo dhimma kanarratti waan guddaa hojjetan jennee yaadnu hundarraayyuu namni dhufee irratti mari’anna.

Yaadicharratti iftoomina akka qabaataniif, magaalaa keessa muka akkamii akka dhaabanfaarratti mari’anna. Amma magaalaa keessatti qamadiin facaasa yoo jette lafti sii hinga’u; yoo daangaa magaalaa ta’e malee. Caalmaatti kuduraafi muduraarratti xiyyeeffachuutu namarra jiraata. Kana malees horsiisa lukkuufi beeladaarratti akka hojjetamuuf iftoomina uumuuf hojjetaa jirra.

Biyyi addunyaa warri guddate hanga dhibbantaa 25ti waan nyaata magaalaa sanaatiif ta’u magaalaadhuma sanarraa omishu. Akkitti laftillee qabamu akka keenyaa miti. Magaalaadhuma guddaa keessatti lafti bal’aan qonnaaf oolu jira. Kanumaaf jedhanii beekuma lafa dhiisan. Kun qilleensaafillee ni ta’a. magaalaallee bareecha.

Nyaata magaalaatiifis ta’a. Keenya kanarraa adda. Pilaaniin keenya gamoo irratti ijaara. Kana keessaa bahuu qabna. Kanarrattillee irraa olee dabaltee bakka mana nama dhuunfaafi dhaabbilee keessatti hojjetamaa jira. Jalqabbii kana akkanumatti jajjabeessaa, akkuma yeroo qamadii jalqabnu sanaatti kanallee hudhaa qabaatus booda waan aadaa ta’uuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jira.

Bariisaa: Kallattiin akka biyyaatti wabii midhaan nyaataatiin of danda’uuf qabame sadarkaa akkamiirra jira? Naannawaawwan hongeef saaxilamanitti hojiin qonnaa maal fakkaata?

Obbo Umar: Akka waliigalaatti nuti waantota ijoo afurirratti xiyyeeffanneetu hojjetaa jirra. Inni duraa dhimmoota omishaan walqabatu otoo hintaane hojiilee guguddoo kanneen akka wabii nyaataa, akka biyyaatti, maatiitti. Akka biyyaatti wabiin nyaataa mirkanaa’eera. Biyyi bittees ta’e nama nyaachisnaan wabiin nyaataa mirkanaa’e jedhama. Akka maatiitti garuu waan guddaatu nu hafa. Isarratti xiyyeeffattee hojjechuudha. Tokkoffaan wabii nyaataati.

Kun amma yoo waan ji’a sagalii ilaaltu waan yeroo tokkotti dhufu waan hintaane kan waggoota keessatti dhufu waan ta’eef madaaluuf nama dhibus tokko wabii nyaataati. Lammaffaan ammoo wanna biyya ormaatii galu biyyuma keennatti omishnee waan alaa galu sana hambisuudha. Maaliif, yoo jedhame qamadiirraa kaasee horiin kanarratti bahu guddaa waan ta’eef.

Kanarratti sagantaalee biyyaaf fayyadu jenne gara sagantaalee biyyaalessaa 10 jennee qopheessineerra. Qamadii, omishaalee zayitiif ta’anfaa jennee waantota sagal adda baasnee, kurnaffaa ammoo waantota sagantaalee kanneen hojiitti hiikuuf nama dandeessisan kanneen akka makaanaayizeeshinii, jallisiifi kkf irratti hojjechuudha.

Kunniin temaatikii tokko. Garuu wantoota saglan akka biyyaatti yaadne kanneeniin ol gumaachan jechuudha. Kana dabalataan qopheessineerra. Maaliif, waan alaa galchinuufi doolaara itti argannu kana akka hindhabne taasisuufi. Sadaffaan, alergiidha. Afraffaan carraa hojii uumuudha. Oggaa qonni makaanaayizdi ta’u kan seenu dargaggeessa.

Makaanaayizeeshinii keessatti konkolaachisaa ta’ee, ofii bitatees ta’e mindeeffamee carraa hojiitu uumama. Achirra darbee ammoo suphaasaarratti hirmaachuun caalaatti hojicha keessa caalmaatti seenaa kan jiran dargaggoota. Horsiisa beeladaarrattis carraan hojii ni uumama. Nama kuma 800 oli kan damee qonnaa keessatti carraa hojii argate. Tajaajilatti aanee sadarkaa lammaffaatti carraan hojii kan uumamu qonnarratti. Waantota afran kanneenirratti xiyyeeffannee kan hojjennu.

Hongeerratti karaa addaatiin hojjechaa jirra. Kunis qaamota gara garaa wajjin hojjennu keessatti namni kaampii keessa akka taa’u miti kan nuti gorsinu. Bahee akka omishu jajjabeessina. Yoo bahe omisha hojii ittiin deebi’anii dhaabbatan ni dhiyeessinaaf. Lammaffaa sanyii binnee ni dhiyeessinaaf. Kanaaf qarshii biiliyoona tokkoo ol kennineerra. Kunis akka warri toora sana jiran dafanii gara omishaatti seenanii jireenyisaanii fooyya’u gochuudha. Dhugaa dubbachuuf haalli mijoofnaafiin namni jireenya gadadoo keessa turuu barbaadu waan hinjirreef kanarratti xiyyeeffannaan hojjetaa jirra.

Bariisaa: Raawwiin qonna arfaasaa maal fakkaata?

Obbo Umar: Qonni arfaasaa jalqabarratti lafa qopheessuudha; lafti hektaarri lama qophaa’ee ture. Garuu oggaa faca’uutti galu sababa hongeetiin raawwiin jiru xiqqaadha. Ragaa hanga ammaatti qabnuun raawwiisaa dhibbantaa 60 irra jira. Kana sichuma mirkaneessina. Naannolee wajjinis irratti mari’anna. Qonna arfaasaa kanaan carraa guddaa kan qabu Naannoo Kibbaa ture.

Innis baay’ee hindeemne. Sababa hongee naannawawwan gammoojjii Baaleefa’itti uumameen ala Oromiyaadha haala gaariidhaan kan hojjete. Raawwiin qonna arfaasaa gadaanaa ta’us dhiibbaansaas xiqqaa, harka 10 kan hincaalleedha. Akkuma waliigalaattuu wanna omishnu keessaa gumichisaa daran xiqqishuudha. Omishni guddaan kan dhufu qonna gannaarraayyi.

Bariisaa: Qonna gannaatiin hammam omishuuf karoorfame?

Obbo Umar: Qonna gannaatiin midhaan kuntaala miiliyoona dhibba sadiifi 90 omishuuf karoorfame. Miiliyoona dhibba 400 ture karoora keenya keessa deebinee ilaalle. Sababiinsaas haalli qabatamaan lafarra jiru sana milkeessisuu waan nu hindandeessisneefi. Wayita karoorri qabamu Tigraayiifi Naannoon Amaaraa ummanni irraa buqqa’e waan keessa tureef keessa deebinee ilaalle. Yoo haalli qilleensaa nu qoruu baate omishni gaariin ni argama jennee yaadna. Kaka’umsi hawaasa bira jiru, xiyyeeffannaa mootummaan kenne, haallitti caasaan sadarkaan jiru ittihordofu daran bareeda. Kunniin walitti dhufanii waanti gaariin dhufuu danda’a jennee yaadna.

Bariisaa: Seektarri qonnaa qofaasaa hinhojjetuutii keessumaa jiddugaleessota qorannoo qonnaafi gama ogeessota damichaa fayyadamuutiin sochiin jiru maal fakkaata?

Obbo Umar: Kana keessatti qaamolee sadii kan nuti fayyadamnu. Kan qooda fudhattootaas ta’ee nu wajjin kallattiin hojjetanii kanneen akka qorannoo qonnaa, dhimmoota teknolojiirratti yunivarsitota wajjin ni hojjenna. Qorannoon qonnaa kan naannoofi kan federaalaa jira. qaamoleen sadeen kunneen walitti dhufaniiti kan hojjetan.

Nu bira waanti gaariin jiru waajjirichi akka waajjiraalee kaanii yeroo ta’e tokkotti kan hojjetu miti. Namni qamadii kana omishuu keessatti warri qorannoo oyiruu keessa oolu, yunivarsitonni gaheesaanii taphachaa jiru. Dhaabbilee qorannoo federaalaafi naannolee jidduu qaawwi hinjiru. Qindoominniifi kaka’umsi jiru baay’ee namatti tola. Haalli akkanaa dur hinturre.

Dur warri qorannoo geggeesse qonnatti kennee biraa gala. Inni fuudhes shelfiirra kaa’a. Amma akkasii miti. Isa ka cabsinee ni qoratus, shelfiirraas ni buusu. Isa ammoo liidarshiippiitu murteessa. Kanarratti akka qaawwi hinuumamneef ani walittidhiyeesseen geggeessa. Kanarraa kaanee warri qorateefi qonni maal akka hojjatan wajjummaan qoranna. Qindoominaan hojjetaa jirra. Bu’aas waliin qooddatu. Haala kanaan deemaa jirra.

Bariisaa: Damee qonnaarratti hirmaannaan abbootii qabeenyaa akkamitti ibsama?

Obbo Umar: Sochiin abbootii qabeenyaa sababa nageenyaafi kkfn akka karoorfametti hindeemamne. Kan karoorsine miiliyoona 1.1 oli. Kan raawwanne garuu naannawa kuma 800 ykn dhibbantaa 70. Kun waan fuula dura cimuu qabuudha. Qonnaan bulaa xiqqaa qofarratti ofamnee hinta’u. Abbaan qabeenyaa gama tokkoon qonnaan bulaadhuma keessaa baha; qonnaan bultoota adda duree. Warri kaan tokko tokko garuu akka malutti deemaa hinjiran.

Barsiifanni gaariin amma dhufaa jiru haala biyyattii ilaalanii, qonniyyuu bizinasii ta’uun hubatamee namni baay’een gara damichaa dhufaa jira; keessaayis alaayis. Warra sagantaa kana geggeessu akka biirootti ministir de’eetaa tokko jalatti gurmeessineerra. Kanaaf isaan gargaarsa baay’ee taasisu. Waan ogummaanillee hanqatan, waan hojjechuu barbaadanirratti eessa dhaquu akka qaban karaa itti agarsiisu. Amma haala gaariitu uumamaa jira.

Bariisaa: Barana hojii ashaaraa magariisaatti yoom seenama? Kanaaf ummataafi abbootii gaheerraa maaltu eegama?

Obbo Umar: Guyyaan hojiin ashaaraa magariisaa ifatti itti eegalamu ammaan addaan hinbaasne; garuu Waxabajjii keessa akka biyyaatti ni eegalama. Hojiichi haala qilleensaafi roobaa wajjin deema. Sagantaan akka biyyaatti qophaa’u bokkaan roobnaan ni jalqabama. Sagantaaleen naannolee ammoo isatti aanee dhufa. Ummanni biyyattiis sagantaa dhaabbii biqiltuu kanarratti bal’inaan akka hirmaatu taasisu jechuudha. Isaafis akkuman jedhe Waxabajjii dhufutti qabanne.

Sagantichi biqiltuu dhaabuu qofa otoo hintaane hariiroo hawaasaallee kan cimsuudha; yaada magariisummaan maal fida jedhu akka aadeffatu gochuu keessatti shoora olaanaa qabaata. Ilmoon kee waanuma ati goote fudhatti. Oggaa biqiltuun bahamee dhaabamu jararratti aadaa gaarii uumaa jirta jechuudha. Kan yaadames akkanatti.

Kan hawaasarraa eegamu waanuma duraan hojjetaa turaniidha. Ni yaadattu yoo ta’u marsaa jalqabaatti nama miliyoona 20 altokkotti dhaabbii biqiltuutiif bahe. Waanti ummata gargar baasuu malan danuutu jiru. Fakkeenyaaf siyaasaan, amantiidhaan, naannumaan adda adda goruu dandeetta. Wanni akka dhaabbii biqiltuu kun hawaasa gara yaada tokkootti fida.

Waan akkanaarratti siyaasaanillee adda gortee hindandeettu; sababiinsaas biyya ittiin ijaarta waan ta’eef. Kanaaf hawaasni akka dhuunfaattis ta’e wajjummaan waan karoorfame kana milkeessuuf akkuma kanaan duraa qoodasaa bahachuu qaba. Kan kana goonu muka waggoota 20 booda gahuuf qofa otoo hintaane qaala’ina jireenyaa nu qoraa jiruufillee waan firmaata ta’u dhaabaa jirra. Biqiltuun nyaataaf ta’u ji’a ja’atti, waggaa tokkotti, waggaa saditti ga’u as keessa dhaabata. Kana kana deebisanii fayyadamuun jiraannaan isa yaadanii hojjechuun namarra jiraata jechaadha. Kanaaf hawaasni bahee akkuma dur godhu cimee dhaabuun irra jiraata.

As keessatti nuti hanqina jennee kan ilaaluufi fooyya’uu qabu, dhaabuun hojii guyyaa tokkoo ta’ee deebi’anii duuba ilaaluu baachuun bakkawwan baay’eetti nu mudate. Kun waan hawaasarraa xiyyeeffannaa cimaa barbaaduudha. Erga dhamaanee, harki keenya dhoqqee tuqee waan sana faana bu’uu, bishaan obaasuu barbaachisa; kunuunsa barbaada jechuudha akkuma dhala namaa.

Kana gochuun daran barbaachisaadha. Biqiltoota kanaan dura dhaabaman keessaa kan qabate dhibbantaa 80. Dhibbantaa 20 qabachuu dhiisuu jechuun ammoo dhibbantaasaa oggaa ilaalan xiqqaa fakkaatus garuu oggaa mukaan ilaaltu biiliyoona jaha dhaabne keessaa guddaadha. Hanqina hubannaarraayis ta’u kun ta’uu hinqabu. Dhaabanii biraa galuu qofa otoo hintaane kunuunsuun daran barbaachisaadha. Hongeen nu mudatullee kan hafuu danda’u tokko karuma kanaan waan ta’eef cimnee dhaabuufi kunuunsuu qabna. Dhaamsin hawaasaaf qabu kana.

Bariisaa: Ergaa waliigalaa yoo qabaattan?

Obbo Umar: Ergaan qabu ogeessiifi hoggansi sadarkaan jiru bara biyyi rakkoo akkanaa keessa gale ofirraa hafuu nama gaafata. Kun maal jechuudhaa, bara tole atis ofitti deebitee of ilaalu dandeetta. Hinuffanne, hinmul’anne, hinboqonne jettee ilaaluu dandeetta. Bara akkanaa boqonnaallee hir’isanii, ofirraayis hafanii, hawaasa gargaaruu gaafata.

Biyyi yoo lolaan bade homaa miti. Waan humna keetiin ala ta’een yoo bades homaa miti. Garuu waan ati gochuu dandeettuun waanti nyaatamu dhabamee biyyi baduu hinqabu. Kanaaf geggeessitoonniifi ogeeyyiin sadarkaan jiran ciniinnatanii hojjechuu kan qaban bara akkanaatti. Dhugaadha hojjechaa jiruu ammas tattaaffiisaanii caalaatti cimsuu qabu.

Qonnaan bulaan, dargaggeessillee bara akkanaa qonnaan of jiraachisuu qofa otoo hintaane biyyallee dandamachiisuuf kan hojjetamu waan ta’eef akkuma baran kanarratti jabaatanii akka hojjetanin dhaama. Mootummaanis deeggarsa jalqabe cimsee ittifufuu qaba. Nutis hanga humniifi ogummaan keenya eeyyameen hawaasa keenyaan isin bira jirra jechuuniin barbaada. Kanuma dhaamsin qabu.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 27 Bara 2014

Recommended For You