Shimallis Badhaanee: Miidhamaa qaamaa abbaa kalaqoota baay’ee

“Namni dhalachuusaa malee akka itti dhalatuufi akkamitti akka guddatu” hinbeeku jedhama. Dhuguma! Namoonni baay’een fayyaafi qaama guutuun dhalatanii boodarra garuu dhukkuba garagaraan yommuu dararaman, balaan irra qaqqabee miidhama qaamaaf yommuu saaxilaman argina. Kanaanis baay’een jireenyaaf abdii kutatanii gadadoodhaan yommuu jiraatan muraasni garuu hojii ofirra darbee biyyaafillee ta’u kan fakkeenyummaa qabu yommuu hojjatan mul’atu.

Dargaggeessi har’a seenaasaa isinii qooduu barbaannes fayyaafi qaama guutuun dhalatee, umurii mana barnootaa galuuf qaqqabeen balaa tasaa isa mudateen kallattiin jireenyasaa jijjiirameedha.

Barataa Shimallis Badhaanee kan dhalatee guddate Godina Arsii, Aanaa Diigaluufi Xiijjoo, magaalaa xiqqoo Hofii jedhamtu keessatti. Barnoota sadarkaa tokkooffaas Mana Barnootaa Lolee Hofiitti, sadarkaa lammaffaafi qophaa’inaammoo Mana Barumsaa Saagureetti baratee xumure.

Maatii qonnaan bulaarraa kan dhalate Shimallis maatiisaaf ilma hangafaa yoo ta’u, obbolaa quxusuu dubara afuriifi obboleessa tokko qaba. Fayyaafi qaama guutuun kan dhalatus daa’ima waggaa torbaa ta’eetu gaariirraa kufee miillisaa luqqeettuurratti buqqa’e.

Maatiinsaas namoota caba sukkuuman addaddaatti kan geessan ta’us ogeessa sirriitti miillasaa dhidhiibee iddootti deebisuuf hinarganne. Erga tureen booda gara mana yaalaa geessanis miillisaa socho’uu dide ‘paralaayizdii’ ta’e.

Haala kanaan miidhamaa qaamaa kan ta’e Barataa Shimallis bu’aa ba’ii hedduu dabarsuun jabaatee baratee wayita ammaa Yunivarsiitii Haramaayaatti barataa Injinariingii waggaa arfaffaati. Nutis agarsiisa kalaqaafi ogummaa dhiheenya kana Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa yeroo sadaffaaf magaalaa Adaamaatti qopheesserratti arginee dubbisne. Agarsiisicharrattis saayikilii miidhamaan qaama hojii daldalaa ittiin hojjechuu danda’u (Smart movable shop) qabatee dhihaate.

Akka inni ibsutti, sababni meeshaa kana hojjechuuf isa kakaases miidhamtoonni qaamaa yeroo baay’ee sababa miidhamaa qaamaa ta’aniif hojiiwwan biiznasiifi kanneen biroorratti baay’inaan hinhirmaatan. Kanarra yommuu daandiirra ba’anii kadhaaf saaxilaman mul’atu.

“Ani ofiikootiin miidhamaa qaamaa waanin ta’eef dhiibbaa isaanirra ga’u sirriitti hubachuu nan danda’a. Kanarraa ka’uun saayikilii kana hojjechuu kanin danda’eef. Miidhamtoonni qaamaa yoo waan isaaniif tolu yookaan mijatu argatan hojjechuu akka danda’an waanin beekuufi.

Keessattuu wiilcharoonni biyya alaadhaa galanii asitti miidhamtoonni qaamaa itti fayyadaman iddoodhaa iddootti ittiin socho’uu qofaafi; isumayyuu harkaan dhiibaa ykn goommaasaa naanneessaa jechuudha. Yeroo bakka ol ka’aafi tabba ta’ummoo namoonni dhiibaafi socho’u. Darbees hojii biiznasii ittiin hojjechuuf hindanda’an” jedha.

Saayikilii inni hojjete garuu duubarraan meeshaalee muraasa kanneen akka sooftii, maastikaa, karameellaa, bishaaniifi kkf keessa kaa’uun gurguruuf akka tolutti kan hojjetameedha. Kana malees meeshaan sagalee dhageessisu waan itti godhameef sagalee waraabanii filaashii ykn mobaayiliidhaan itti gochuun hojii ofii beeksifachaa bakkaa bakkatti socho’anii gugurachuuf isaan dandeessisa. Guddistuun sagalichaas solaariidhaan waan hojjetuuf bakka kamittiyyuu hojjechuu ni danda’a. Namnis haaluma salphaadhaan dhaga’ee irraa bitachuu danda’a jechuudha.

Akka barataa Shimallis jedhutti, saayikilicha akka amma hojjetetti hinturre kan hojjechuuf yaade. Garuu taa’uurra ykn meeshaa ga’aafi qulqullina qabu hamma argatutti waanuma naannawaakoo jirurraa fayyadamuun yaada sammuusaa keessa jiru hojiitti jijjiiruuf hojjete.

Meeshaaleen itti fayyadames wantoota gaggataman kanneen akka goommaa saayikilii moofaa, fuuncaa (feedaala) gatameefi sibiilota garagaraa walitti fiduuni. Sibiilonni inni itti fayyadamellee hangas mara jabina hinqaban. Sababnisaa sibiila bitee itti fayyadama yoo jedhe baasiin isaa olaanaadha. Garuu akka hojjechuun danda’amu agarsiisuuf hojjechuu danda’eera.

Yommuu hojii kana hojjetus kaka’umsa mataasaatiin malee qaama mootummaas ta’u yunivarsiitiirraa deeggarsa tokkollee akka hinarganne kan himu dargaggoon kun, dandeettiifi kalaqasaa baasee yoo agarsiise sanaa booda tarii hawwii, fedhiifi pirooppoozaalasaa ilaalanii waan jalqabe akka xumuruuf “na deeggaru” abdii jedhuun ta’uu ibsa.

Saayikilii amma hojjete kana mootora solaaraan hojjetutti jijjiiruuf fedhaafi yaada qabaachuu eeree, kanaafis qaamni deeggarsa taasisuuf jiraannaan dizaayinisaa waan of harkaa qabuuf hojiitti seenuu akka danda’u hima.

“Namni kamiyyuu yaaduu danda’a taanaan waan sammuusaa keessatti yaadu hojjechuu ni danda’a. Waan kamuu hojjechuuf hunda dura yaada qabaachuun barbaachisaadha. Anillee dhuunfaakootti akka namoota miidhamtoota qaamaa ta’aniif fakkeenya ta’utti carraaqqii hedduun taasisaa jira. Gama kalaqaatinis taanaan kana durallee teknolojiiwwan intalajansii artefishaalaa hojjedhee sadarkaa naannoofi federaalaattillee badhaafameen jira. Fakkeenyaaf teknolojii manni gaafa cufamu seensarii moobaayilii keenyaan akka ta’u dandeessisu hojjedheera. Namni tokko manasaa ala jiraatee keessummaan dhufee yoo bilbileef, bakkuma jiru taa’ee mannisaa akka banamuuf ajajuu kan dandeessisuudha” jedha.

Ijoollummaasaarraa kaasee kalaqawwan garagaraa hojjechaa akka ture kan kaasu dargaggoon kun, kana dura saamuda (sample) gingilchaa ammayyaawaallee hojjechaa turuusaa yaadatee, gingilchaan sun ammallee gabaarra akka ooluuf fedha akka qabu ibsa. Gingilchaa inni kalaqees keessumaa namoonni hojii ijaarsaa hojjetan akkasumas, kanneen midhaan akaakuu addaddaa baay’ina qabu gilgilchan humna nama lamaatiin kan fayyadaman yoo ta’u, kan inni kalaqe garuu annisaa aduutiin kan hojjetuufi humna namaa kan hinbarbaannedha. Akkasumas, humna kan maddisiisuudha. Kanarraas moobaayiliifaa chaarjii godhachuun illee ni danda’ama. Kunis sadarkaa saampiliitiin kan jirudha.

Inni biraa dungoo irra deebiin fayyadamuu danda’amu kan hojjete yoo ta’u, akkasumas, daa’immaniif ammo maashinii herreegaa, herreega bifa salphaan barsiisuu danda’u, kan qubee tartiibeessu hojjeteera. Kanneeniinis badhaasawwan garagaraafi mirga abbeentaallee ittiin argatee kan ture yoo ta’u, erga yunivarsiitii galee garuu haalonni mijatoo dhibuusaaniitiin hojiiwwan kalaqaarraa xiqqoo boodatti jechuu dubbata. Badhaasaan walqabatees yeroo sadii Ministira Muummee Itoophiyaa duraanii Haayilamaariyaam Dassaalanyi irraa fudhachuu himee, Doktar Abiyyiin ammoo bara 2008 qaamaan argee dubbisuuf carraa argatee, isa jajjabeessanii akka turan dubbata. Kalaqni miidhamtoota qaamaaf hojjetes bu’uurrisaa gorsasaaniirraa ta’uufi waan rakkoo miidhamtoota qaamaa furuu danda’u akka hojjechuuf yaalu kan gorsan ta’ullee isa abooda argachuuf carraa akka hinarganne ibsa.

“Kalaqa koo yommuu argan namoonni baay’een na dinqisiifatu; harka naa rukataniis na badhaasu. Sanarra darbee garuu yaada sammuu keenya keessa jiru hojiitti hiikuuf birookraasii garagaraatu baay’ata. Yommuu biiroo tokko deemtu birookraasiin jiru qormaata keenya isa guddaadha” jedha.

Akka Dargaggoo Shimallis jedhutti, ofiisaatii miidhamaa qaamaa waan ta’eef rakkoon jiru maal akka ta’e akka hubatu kaasee, fuuldurattis irratti hojjechuuf fedha olaanaa qaba. Keessattuu rakkoo olaanaaf saaxilamee kan jiru miidhamtoota qaamaa biyya keenya keessa jiran malee kanneen biyyoota guddatan jiran akkuma nama kamiiyyuu teknolojiitti fayyadamanii jireenyasaanii guyyuu akka fedhanitti gaafa gaggeeffatan ni argina. Kanneen biyya keenyaas akkas ta’uu qabaatu jedheen amana. Sababisaa haala mijataa xiqqoo yoo argatan hojjechuu waan danda’aniif.

Barnoota yunivarsiitii hordofaa hojii kalaqaa kan hojjetu barataan kun, carraa argamee hundaan hojiiwwan biiznasii addaddaa hojjechuun of jijjiiruuf akka tattaaffatu dubbata. Fakkeenyaaf mooraa yunivarsiitii Haramayaa keessatti sosocho’ee suura ni kaasa; magaalaa keessattis istuudiyoo xiqqoo banatee nama tokkoofillee carraa hojii banee jira. Akkasumas, mana rifeensaa dhiirotaa hiriyyaasaa biraa waliin banatee hojjetaa jira. Hojii elektirooniksii addaddaa kanneen akka laaptooppiifi mobaayilii sirreessuu, hojii beeksisaa, baanariiwwan, barjaafi kkf illee ni qopheessa.

“Nan danda’a jettee yaadnaan ni dandeessa, inni guddaan of amansiisuudha. Ani kana of amansiiseen jireenyaaf carraaqa. Yeroo baay’ee gaafa ani asiifi achi jedhee hojjedhu namoonni ana argan na ajaa’ibsiifatu.

Miidhamaa qaamaa ta’uu kootiin saffisuu baachuu nan danda’a garuu suutas deemee nan qaqqaba. Namni gaafa hojjetu kallattii tokko qofa miti yaaluu kan qabu. Tokko yoo milkaa’uu dide kan biraammoo yaaluun irra jira. Bakka tokko ga’uudhaaf dirqama kaachuu hinqabaadhu, suutas deemee bakka sana ga’uu nan danda’a” jedha.

Dargaggoonnis ta’u namoonni biroos milkaa’uudhaaf yaada gaarii qabaachuufi “nan danda’a” jedhanii of amansiisuu akka qaban dhaama. Hunduu waan yaade hojjechuuf tattaafachuun akka irra jiraatus ni gorsa.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 27 Bara 2014

Recommended For You