Olompikiin Dargaggoota Itoophiyaa Hawaasaatti adeemsifamaa Jira

Finfinnee: Sadarkaa biyyaatti yeroo jalqabaaf Magaalaa Hawaasaatti adeemsifamaa kan jiru Olompikii Dargaggoota Itoophiyaarratti naannolee baay’eefi bulchiinsonni magaalaa hirmaachaa jiru.

Waxabajjii 4 bara 2014 Istaadiyooma Yunivarsitii Hawaasaatti xumurama jedhamee kan eeggamu taphni kun akaakuuwwan ispoortii Olompikiifi Olompikii hinta’in 15n ispoorteessitoonni kuma jahaa ol ta’an hirmaachaa jiru.

Ispoortiiwwan Olompikii kanneen akka Atileetiksi, kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaa, kubbaa kachoo, kubbaa harkaa, biskileeta, bunyaa, jimnaastikiifi worlid tekuwaandoo, yoo ta’an kanneen olompikii hinta’in ammoo cheezii, intarnaashinaal tekuwaandoo, wushuufi kkf kan hammataniidha.

Dorgommiiwwan hanga kaleessaatti adeemsifamanitti Oromiyaan gabatee meedaaliyaatiin dursaa akka jirus beekuun danda’ameera. Dorgommii adeemsifamaa jiru kanas murtee kennitoota naannoo Sidaamaafi Ummattoota Kibbaa qofaan adeemsifamaa jiras jedhameera.

Guyyaa taphni olompikii dargaggoota Itoophiyaa kun itti jalqabame Istaadiyoomichatti kan banan Obbo Aganyoo Tashaagar Afayaa’ee mana maree federeeshinii ta’uun beekameera.

Akkasumas Pirezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Lendaamo, Barreessaan waldaa olompikii Afrikaa Injinar Ahimad Abdoo Haashim, pirezidaantii olompikii Keeniyaa Atileet Polteergaat, Doktor Ashabbir Waldagiyoorgis pirezidaantiin koree olompikii Itoophiyaafi keessummoonni waamichi godhameef argamaniiru.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 27/2014

Recommended For You