Olaantummaa seeraa qoricha alseerummaa

 Nageenyaafi tasgabbii lammiilee akkasumas ittifufiinsa biyyaa mirkaneessuuf furmaanni qofagaleessi olaantummaa seeraa haala qindoominaafi cimina qabuun kabachiisuudha.

Alseerummaafi boora’uu nageenyaa bakkeewwan gara garaa biyya keenyaatti mul’atu, murnoonni nageenya booressan kunneen ofiin of aangessuurra darbanii jaladeemtuu horachuun akka waakkoo garanaa garasii danfan hundeerraa akka buqqa’aniifi iddootti akka galaniif ummanni yeroowwan gara garaatti waltajjiilee argate hundarratti watwaataa tureera.

Sababiin irratti barbaadamee miilaa takaalamaa, sammuudhaan hidhamaa, afaaniin luugamamaa gidiraafi gadadoo dhala namaatiif hinmalle keessa kan turan lammiileen, saboonniifi sablammoonni biyyattii akkasuma paartiileen siyaasaafi waldaaleen siivikii akka afuura baafataniif jecha mootummaan jijjiiramaa imaanaa biyya bulchuu fudhate taateewwan hammeenyaa hunda garabal’inaafi obsaan bira taraa dhufeera.

Kanaanis inni mirga kennametti beekeefi yaadni mo’ataan gara injifannoo caalmaatti akka nama geessu hubate fayyadamummaasaa caalaatti mirkaneeffataa, bilchinaan madaalaa, bu’aa qabsoosaas dhandhamaa, bakka hir’inni jirutti tarkaanfiin sirreessaa akka fudhatamuuf qaama dhimmi ilaaluuf eeruu kennuufi mari’ataa gara fuulduraatti arreeda.

Isa faallaa kanaa qabatee burjaaja’eefi joonja’ee wallaalummaafi akka feeteedhaan golgaa sabaa, gosaafi amantiilee jala dhokatee summii jibbinsaafi diigumsaa facaasutti garuu aduun dhiyaa jiru akka dukkanaa’uuf xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.

Kanaafis shororkeessaafi finxaalessi maqaa sabaa diratee bobaa ummataa jala riphe ilkeensaa buqqa’ee nagaan akka bu’uuf hunduu gumaacha irraa eegamu bahataa qoricha alseerummaa kan ta’e olnaatummaan seeraa akka kabajamuuf tattaafachuu qaba.

Mootummaan haaluma tarkaanfii fudhachuuf dhaabbiifi ga’umsa guutuu ibseen akkasumas nageenya ummataafi biyyaa tiksuuf dirqama qabuun qaamolee nageenya booressuuf socho’an dhabamsiisuurratti cichee hojjechuu qaba.

Kanaanis kana booda saamichi garee, ajjeechaa, buqqisuufi yaaddoon nageenyaa kamuu akka dhabamsiifamaniif imaanaa ummataa kan baate mootummaan yoomiyyuu caalaa hojjechuu qaba.

Isa kanaafimmoo qoricha seeraan alummaa kan ta’e olaantummaa seeraa keessa deebii hinqabne fudhachuu qaba. Ummannis haaluma eegaleen tarkaanficha irree walta’een utubuufi deeggaruun irra jraata.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 27 Bara 2014

Recommended For You