Haroon Dandii Haroowwan Oromiyaan qabdu keessaa tokko yoo ta’u, Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Dandii ganda Dandii Muummichaatti argama. Haroon danaan teessumasaa lakkoofsa saddeet fakkaatu kun Finfinnee irraa kiilomeetira 108, magaalaa guddittii aanichaa Gincii irraa kiiloomeetira 31, magaalaa guddittii godinichaa Amboo irraa ammoo kiiloomeetira 60 fagaatee argama.
Haroon Dandii baroota dheeraadhaaf tajaajila malee ture kun yeroo ammaa iddoo hawwata turiizimii taasisuuf hojjetamaa jira. Haroo kanarratti loojii ammayyaa’aa ijaaruuf dhiyeenya kana dhagaan bu’uuraa kaa’ameera. Haroon Dandii tulluuwwaniin marfamee kan argamu yoo ta’u, naannawaansaa lafa diriiraa ijaarsa gara garaafi misoomaaf oolu kan qabuudha.
Piroojektiin Iikkoo Turiizimii Haroo Wancii-Dandii Piroojektoota ‘Maaddiin Biyyaaf’ jedhu kan kaka’umsa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin ijaaramuuf karoorfaman keessaa isa tokko yoo ta’u, ijaarsi piroojaktii Iikkoo Turiizimii Haroo Wancii-Dandii bara darbe bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad argamanitti ifatti jalqabameera. Ijaarsi daandii Haroo Wanciifi Dandii wal agarsiisuufi kiloomeetira 42 ol dheeratus qarshii biiliyoona 1.68n hojjetamaa jira.
Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu dhiyeenya kana hojii ijaarsa pirojektii Iikkoo Turizimii Haroo Dandii irratti Loojii ammayyaa’aa ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’eera. Pirojektiin loojii kun Dhaabbanni Ijaarsa Xaaliyaanii ‘CEO of Webuild’ jedhamuuun kan ijaaramu ta’a.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa sirnicharratti haasawaa taasisaniin akka jedhanitti, Pirojektiin Iikkoo Turizimii Haroo Wancii-Dandii kaka’umsa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin jalqabame kun mootummaan damee turizimii guddisuuf xiyyeeffannaa olaanaa kennee hojjechaa jiraachuu agarsiisa. Pirojektonni Haroo Wanciifi Dandiirratti hojjetaman fayyadamummaa hawaasa naannawichaa mirkaneessuurra darbanii guddina dinagdee biyyaa utubuu keessattillee gahee olaanaa kan qaban ta’uu himaniiru.
Ijaarsi Pirojektii Iikkoo Turiizimii Haroo Wancii-Dandii bara darbe bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad argamanitti Haroo Wanciirratti ifatti hojii kan eegale yoo ta’u, daandiin Haroowwan lamaan walqunnamsiisanis haala gaariidhaan hojjetamaa jira. Haroowwan lamaan irrattis loojiiwwaniifi iddoowwan bashannanaa hojjetamaa jiru. Hojiin kun carraa hojii bal’aa uumuudhaan fayyadamummaa hawaasa naannawichaa mirkaneessuurra darbee iddoowwan hawwata turistii biyya keessaafi biyya alaa ta’uudhaan damee turiizimiifi guddina dinagdee naannichaas ta’e biyyattii guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uufi hawaasnis ijaarsa pirojektichaa milkeessuu keessatti hirmaannaa olaanaa taasisuu akka qabus gaafataniiru.
Oromiyaan haroowwan Wanciifi Dandii malee gaarren, lageewwan, iddoowwan seenaafi hambaalee seenaa akkasumas bineensota bosonaa biyyattii keessatti qofa argaman hedduu kan qabdu ta’uu himanii, qabeenyawwan kanneen beeksisuufi misoomsuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa waan hinturreef bu’aan barbaadamu qabeenya turiizimii naannichaarraa argamaa hinturre. Waggoota darbanii as garuu xiyyeeffannaa mootummaan federaalaafi naannichaa damee turizimii guddisuuf kenneen pirojektonni damee turiizimii guddisan baay’een bocamanii hojjetamaa jiru. Pirojektonni damee turiizimiirratti hojjetamaa jiran yeroo dhiyootti jiruufi jireenya ummata naannichaa kan jijjiiran ta’uus himaniiru.
Dameen turizimii akkuma damee qonnaa, albuudaafi industirii humna guddaa ta’e waan qabuuf dinagdee naannichaas ta’ee biyyattii akka jijjiiruuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jira kan jedhan Obbo Shimallis, loojiin baay’ee ammayyaa’aa ta’e kan hojiinsaa Haroo Dandiirratti Dhaabbata ‘Webuild’ jedhamuun jalqabes yeroo gabaabaa keessatti xumuramee tajaajila barbaachisu kan kennu ta’uus eeraniiru.
Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaafi To’ataa Olaanaan Pirojektii Iikkoo Turiizimii Wancii-Dandii Doktar Abrahaam Balaay gamasaaniin akka jedhanitti, piroojektoonni misoomaa hojjetaman fayyadamummaa hawaasa naannawichaa kan giddugaleeffataniidha. Ijaarsi Pirojektii Iikkoo Turiizimii Wancii- Dandii keessumaa jiruufi jireenya ummata naannawichaa jijjiiruu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf abbaa pirojektichaa ta’uu beekee ijaarsa pirojektichaa milkeessuu keessatti gumaacha barbaachisu akka taasisuu gaafataniiru.
Dhaabbanni Ijaarsaa Xaaliyaanii ‘CEO of Webuild’ jedhamu Haroo Dandiirratti Loojii ammayyaa’aa akka ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ameera. Hojigeggeessaafi abbaa qabeenya dhaabbatichaa Mistar Peetiroo Saaliinii akka jedhanitti, pirojektichi dargaggoota naannawichaaf carraa hojii bal’aa kan uumu ta’uufi ummata naannawichaa hirmaachisuun naannawicha misoomsuun ummata waliin kan fayyadaman ta’uu himaniiru.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa akka jedhanitti, Haroon Dandii waggoota dheeraaf utuu hinmisoomiin waan tureef hawaasni naannawaas ta’ee biyyattiin irraa fayyadamaa hinturre. Amma Haroon kun akka misoomu ta’uun hawaasa naannawaas ta’ee biyyaaf bu’aa guddaa qaba. Haroo kana misoomsuun hawaasa naannawichaa fayyadamoo taasisuurra darbee iddoo hawwata turizimii addunyaa ta’uun guddina dinagdee naannichaas ta’ee biyyattii utubuu keessatti qooda guddaa qaba jedhu.
Naannawaa Haroo Dandiitti dhalatanii kan guddatan Obbo Hayilee Dirribaa akka jedhanitti, Haroon Dandii waggoota dheeraaf utuu hinmisoominiifi hawaasa naannawaa hinfayyadiin tureera. Biyyoonni biroon yeroo bishaan copha tokko dhabanii rakkatanitti bishaan Haroo Dandii faayidaa tokko malee ciisaa ture. Maatiin koo akaakayyuun abbaa kiyyaa haroo kana cina jiraachaa turanis faayidaa tokkoyyuu irraa argachaa hinturre. Haroo kanarratti hojiileen misooma gara garaa jalqabamuun gammachuu guddaa nu keessatti uumeera. Kana boodas waan haaraa kana caalu arguuf abdii guddaa qabna jedhu.
Ummanni naannawaa Haroo Dandii hojii ijaarsa pirojektii Iikko Turiizimii Wancii- Dandii kanatti baay’ee gammadeera kan jedhan Obbo Haayileen, ummanni bara baay’ee rakkateefi misooma dheebochaa ture kun hojii ijaarsa pirojektichaa milkeessuuf waan barbaachisu hundaan kan deeggaruufi hirmaannaa ho’aa kan taasisu ta’uus himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 27 Bara 2014