Itoophiyaan Zaanzibaar 5-0n mo’atte

Finfinnee: Wal morkii waancaa kubbaa miilaa Dubartoota Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa “CECAFA” Ugaandaatti adeemsifamaa jirutti gareen dubartoota Itoophiyaa (Luusiiwwan) garee dubartoota Zaanzibaar gonbisaa galchaa gochuun 5-0n mo’ateera.

Ramaddii lammaffaa keessatti kan argamu gareen Lusiiwwanii mo’achuu kan danda’e Loozaa Abarraafi Qiddisti Zallaqaa galchoota lama, lama, akkasumas Araggaash Kaalsaa tokko walumaagalatti 5-0n gaggeessuudhaani. Ramaddii kanarraa Taanzaaniyaan Sudaan Kibbaa 2-0n mo’atteetti.

Walmorkiin kun biyyoota saddeet jidduutti ramaddii lamaan adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, tokkoffaa keessatti qopheessituu waancichaa (Ugaandaa), Ruwaandaa, Burundiifi Jibutiitu argamu.

Walmorkichi har’as ittifufuudhaan ramaddii lammaffaarraa Itoophiyaan Sudaan Kibbaa wajjin, Taanzaaniyaan Zaanzibaar wajjin taphatu.

Shaampiyoonichi yeroo 4ffaaf adeemsifama. Taanzaaniyaan yeroo lama, Ugaandaan ammoo yeroo tokko fudhataniiru.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 27/2014

Recommended For You