Alseerummaan iddoowwan hundatti alseerummaadha!

Gidduu kana karaa miidiyaalee garaa garaatin jechi haaraan ‘ukkaamfamuu’ jedhu afarfamaa jira. Kunis kan ka’uu danda’eef tarkaanfii mootummaan iddoowwan adda addaatti shakkamtootarratti fudhachaa jiruun walqabateeti.

Akka lammii biyya tokkootti, seera tokko jala bullu tokkootti tarkaanfiin mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatu kamuu kabajamuu qaba. Inni iddoo tokkotti raawwatamu tarkaanfii seera qabeessaafi madaalawaa jedhamee kan iddoo biraatti raawwatamummoo ukkaamfamuu waan jedhamuuf hinqabu.

Mootummaan imaanaa ummanni biyyattii amanee itti kenne nageenya biyyattii mirkaneessuufi birmadummaa biyyattii eeguu dabalatee haalduree tokko malee kabajee kabachiisuuf dirqamas ittigaafatamummaas qaba. Biyya tokko keessatti humni meeshaa waraanaa hidhate lama jiraachunimmoo ittifufiinsa biyyattiitifillee yaaddoo hamaadha. Mootummaanis kana seera qabsiisuufi, halkanii guyyaa dammaqinaan hojjachaa kan jiru.

Warreen dhuguma biyyaaf dhiphatanii hidhatan raayyaa ittisa biyyaafi qaamota nageenya eegsisan sadarkaa sadarkaadhaan jiranitti makamanii biyya ofiitiif waardiyyaa ta’anii ummata ofiitifis dawoo nageenyaa ta’uun mirgasaaniiti. Kanaan ala garuu qaama mootummaan nageenya mirkaneessuudhaaf beekamtii kenneefin ala akka feeteen meeshaa waraanaa hidhatanii ummata shororkeessuun, qabeenya ummataa saamuun, darbees lubbuu namaa qaalii balleessuun nageenya ummataatif yaaddoo ta’uun tasumaa yeroo kana keessatti hinmilkaa’u.

Mootummaanis yeroo adda addaatti kana jala sararee beeksisee lammiin biyyattii kamuu seera biyyattiitiif abbamamuu akka qabu akkasumas tarkaanfii inni seera kabachiisuu keessatti fudhatu ummanni akka utubuuf waamicha dhiyeessuunsaa ni yaadatama.

Ta’us warri yeroo mootummaan iddoowwan adda addaatti gara bal’ina argisiisu mootummaan hinjiru, seerri badeera, abdiin ummanni mootummaarraa qabu hinjiru jechaa ture amma booyichaafi afarsoo miidiyaa geggeessaa jira.

Itoophiyaan biyya seenaa dheeraa qabduufi biyya waldanda’uufi walkabajuun saboonni sablammoonniifi ummattoonni hedduun aadaa, afaan, duudhaa, amantii, seenaafi eenyummaa walii kabajaniifi eeganii baroota dheeraadhaaf itti jiraataniidha. Akka sabaattis ta’e dhuunfaatti eenyummaan keenya akka kabajamuuf eenyummaa isa kaaniis kabajuufi akka kan ofiitti ilaaluun dirqama.

Haata’u malee qaamonni gara garaa yeroo adda addaatti rakkoofi hokkora uumuuf oggaa wixxirfatan arguun seenaa biyya keenyaa isa dhiyooti. Qaamonni kunniin sirna cunqursaa darbeefi olaantummaa saba tokkoo leellisu sana faarsuudhaan walqixxummaa sabaafi sablammii kana akka garbummaatti oggaa leellisan mul’atu.

Dirree dimokraasii mootummaan guddina siyaasa biyyattii fuulduratti tarkaanfachiisuuf jalqabetti fayyadamanii yaaliin isaan akka waan mootummaan hinjirreetti fudhachuun karaa qaxxaamuraatiin aangoo qabachuuf taasisan yoomiyyuu hinmilkaa’u. Qaamonni kunniin magaalaa keessatti qabsaa’aa mirga namoomaafi aktiivistii fakkaachuun kutaalee biyyattii ilaalchasaanii tarkaanfachiisan keessattimmoo meeshaa waraanaatiin akkasumas olola gocha maqballeessii raawwachuun yaaliin burjaajii uumuusaanii gama mootummaatiin dura gorameera.

Seerri iddoowwan hundatti seera. Xurree dimokraasii ummanni biyyattii hundi wareegama itti kaffalee fidetti akka barbaadanitti baacuunis abadan hindanda’amu. Mammaaksa akkana jedhu tokkotu jira “dheeressanii hiinaan waan hiikan itti fakkaate”. Akka biyyaatti nageenyiifi tasgabbiin akka jiraatu waldanda’uufi walkabajuun murteessaadha.

Alseerummaan kichuutti yoo kutamuu baate rakkoowwan hedduu biyyarratti fiduu mala. Buqqa’iinsa ummataa, beela, waaraana waliiniifi kkf. Sadarkaa amma irra jirru kanattimmoo rakkoon akka biyyaatti keessa jirru hanqatee gidiraan biraa yoo uumamu qaamni biyya bulchu tarkaanfii akkanaa fudhachuun dirqamasaati.

Kanamalees fakkii (image) biyyattii ija addunyaa biratti karaarraa maqse otoo kana caalaa hinhammaatiin haaluma eegalame kanaan cancala itti gochuun murteessaadha, ummannis kan watwaataa ture kanumaaf waan ta’eef.

Waqtiin kun ammoo yeroo guutiinsi bishaan Hidha Haaromsaa marsaa sadaffaan ittiraawwatamuudha. Kanaafis rakkoo keessoo keenyaatif furmaata hatattamaa kenninee dhimma birmadummaa biyyaarratti walumaan fuulleffachuutu barbaachisaadha.

Walumaagalatti lammiin hundi qaama rakkoo osoo hintaane qaama furmaataa ta’uudhaan rakkoowwan gama maraan nutti aggaamamaniif tokkummaadhaan mootummaa waliin aannaniifi garaa ta’ee badhaadhina biyyattiin itti imalaa jirtuuf ga’eesaa bahachuutu irraa eegama. Qaamolee hawaasa keessatti rakkoo uumuuf oliif gadi fiigan humna nageenya mootummaatti saaxiluun nageenya ofiitiifis ta’e biyyattiitiif waardiyyaa dhaabachuun ga’ee keenya haabaanu.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 27 Bara 2014

Recommended For You