Doormiidha jedhanii barattoota haaraa gara dhaabbilee barnoota olaanootti galanitti dhufan mana fincaanii itti agarsiisanii itti qoosuun, mana nyaataati jedhanii gara mana kitaabaatti geessanii itti kolfuufi baacuun, seerotaafi qajeelfamoota mooraa yunivarsiitichaa keessa hinjirre akka waan jiruutti barattoota haaraa dhufanitti himuun miira sodaa keessa galchanii tasgabbii dhorkuufi itti bashannanuun yaadannoowwan dur barattoonni waggaa lamaafi sanaa ol mooraa keessa turan barattoota haaraarrati raawwataa turaniidha.
Haalli baratamaan yunivarsiitiiwwan biyyattii hundatti baratamaa ture kun garuu qoosaafi tapha, bashannanaafi bohaarsuu bira darbee barattoota kanneen miidhuuf yaadamee akka hintaane immoo dagatamuu hinqabu. Barattoonni waggaa lamaafi sanaa ol mooraa yunivarsiitiiwwanii keessa turan barattoota haaraarratti wantoota gara garaa sobanii itti qoosanitti, erga hanga barbaadan itti kolfaniifi bohaaranii booda garuu odeeffannoo sirrii ta’e kennaniifii inni dura soban sun immoo taphaaf ta’uu hubachiisanii gaggeessu.
Barataa haaraan yunivarsiitii seenu barattoota isa dursanii waggaa lamaafi sanaa ol achi keessa turaniin sobamee itti qoosameefi itti kolfame kunis bara dhufu dabareesaa warra galan irratti taphaafi qoosaa walfakkaatuun akka simatus yaadachiisanii waan gaggeessaniif, inni barana sobame bara dhufu warroota haaraa dhufan sobuuf, itti qoosuufi waan barana warra isa dura jiraniin irratti raawwate warra haaraa galanirratti raawwachuuf of irra dhaabbatee adeemsa baruu barsiisuu keessa gala.
Gochi barattoota haaraa galanirratti qoosuufi baacuu kun immoo gaafa jalqaba galan mana fincaanii mana nyaataati jedhanii, mana kitaabaa kaaffeedha jedhaniifi soba garaa garaa tajaajila mooraa yunivarsiitichaatti kennamaniin kan walqabatu qofa osoo hintaane, erga barnoonni eegalees carraawwan argaman hundatti fayyadamuudhaan hanga isaan waggaa jalqabaa xumuranitti kan ittifufuudha.
Yeroon amma keessa jirru kun immoo yeroo dhaabbileen barnoota olaanaa mootummaa barattoota haaraa ramadamaniif waamicha itti simatan waan ta’eef dhimma kana yeroo kanatti kaasuun barbaachisaadha.
Haalonni dur yunivarsiitoota keessatti barataman kanneen armaan olitti ibsamaniifi warra kaan dabalatee yeroo ammaa irra jireessaan kallattii haaraatti ce’eera. Kunis maali yoo jedhame; barattoonni waggaa lamaafi sanaa ol turan isaan dur barattoota haaraa gara mooraa yunivarsiitiitti galan dogoggorsiisaa itti qoosaa turan sunniin har’a walgurmeessaniifi koree tola ooltotaa yunivarsiitiiwwan hundatti hundeessanii barattoota haaraa dhufan simachuurratti argamu.
Barattoota haaraa dhufan buufata konkolaataa naannawa yunivarsiitiitti argamurraa simatanii gara mooraa yunivarsiitiitti, achirraa immoo tartiibaafi naamusaan kutaa bultii qophaa’eefitti geessanii qubachiisu.
“Hojiin barattoota gocha tola ooltummaa barattoota haaraa simachuurratti hirmaatanii warreen haaraa dhufan balbala yunivarsiitiitti eeganii ol galchuu qofa miti” kan jedhu yunivarsiitii Madda Walaabuutti barataan waggaa 3ffaafi hojii tola ooltummaan barattoota haaraa simachuurratti hirmaataa jiru barataa Addisuu Alamuu, haala waliigalaa mooraa yunivarsiitichaa hubachiisuufi miirri nagaafi tasgabbii akka itti dhagahamu taasisuunis ga’ee tola ooltota kanneenii ta’uu hima.
Akka ibsa barataa Addisuutti; barattoonni haaraan gaafa gara mooraa yunivarsiitichaatti akka galaniif waamichi taasifameef irraa eegalee koreen tola ooltotaa barattoota kanneen simatu dursee qophiiwwan gara garaa taasisa. Gaafa barattoota buufata konkolaataa naannawa sana jiru akka tasaa ta’ee immoo yunivarsiitiin Madda Walaabuu isaan kallattii lixaa irraa dhufaniif osoo buufata konkolaataa hinga’in daandima guddicharratti waan argamuuf achumatti eegnee simanna.
Barattoonni jalqaba dhufan kunniin immoo caalatti kophaa isaanii osoo hintaane maatiisaanii waliin kan dhufan waan ta’aniif kan simatamus barattoota qofa osoo hinta’in maatiis kan dhuunfatuudha. Simannaan maatii garuu hanga balbala mooraa yunivarsiitichaa qofatti ta’a.
Maatiin barattootaa balbala mooraa dhaabatanii garuu haala barattoonni ykn ijoolleensaanii kunniin itti simatamaa jiran ni ilaalu, ni taajjabu. Odeeffannoo gahaa argachaa jiraachuusaaniifi iddoon itti boqatan qophaa’uufii ni mirkaneeffatu. Haalli nageenyaa mooraa sanaas maal akka fakkaatu namoota naannawichatti argamanirraa odeeffannoo ni fudhatu. Ofiisaaniitiifis waan achitti argamanii ijasaaniitiin ilaalaa jiranirraa ka’uun haala salphaa ta’een hubatanii ijoolleesaanii imaanaa yunivarsiitichaafi koree tola ooltota simannaa kanatti kennanii gara qe’eesaaniitti deebi’u.
Tola ooltonni barattoota haaraa simatan kunniin barattoota kanneen alaa fuudhanii gara mooratti galchanii doormii yn kutaa keessa galan itti agarsiisanii biraa deebi’uu qofa osoo hintaane, waa’ee waliigala yunivarsiitichaa, adeemsa madaquu barattoota haaraa, nageenyaafi tasgabbii moorichaafi dhimmoota biroorratti jaraaf odeeffannoo adda addaa kennanii hubannoo cimaa akka argatan gochuus kan dabalatuudha.
Barattoonni haaraan kamuu gaafa ramaddiinsaanii baramerraa kaasee waa’ee yunivarsiitii itti ramadaman sanaa odeeffannoowwan gara garaa kan hordofan ta’uu kan himu barataa Addisuun, yeroo tokko tokko garuu odeeffannoon fageenyarraa barattoonni asitti ramadaman dursanii argataniifi inni erga dhufan booda arganii garaa garummaa guddaa haalli itti qabaatus kan mul’atu ta’uu hima.
Akka fakkeenyaatti barattoonni naannoo Amaaraarraa dhufan tokko tokko gaafa jalqaba dhufan wanti isaan arganiifi qe’eesaanii taa’anii odeeffannoon isaan qabaachaa turan garaa garummaa hedduu akka qabu ofiisaaniitii haalli ragaa itti bahan kan jiru ta’uus ni ibsa.
“Barattoota haaraa gara yunivarsiitiitti galaniif odeeffannoo waliigala yunivarsiitii keessa jiru kennuufiin duratti waa’ee yunivarsiitichaa odeeffannoo isaan qaban dursinee gaafanna” kan jedhu immoo barataan waggaa 3ffaa Yunivarsiitii Madda Walaabuufi hojii tola ooltummaa simannaa barattootaa irratti hirmaataa jiruu barataa Umar Muhaammad, deebii isaan kennan irraa ka’uudhaan odeeffannoon dhugaa yunivarsiitichaa kan itti himamu ta’uu hima.
Yeroo hedduu odeeffannoo dogongoraafi dhugaa mooraa yunivarsiiticha keessa hin jirre qabatanii kanneen dhufan warreen fageenyarraa dhufan keessattuu naannolee biroo irraa dhufan ta’uu kan himu barataa Umar, isaan naannoo Oromiyaa godinaaleefi magaalota gara garaa keessaa dhufaniif garuu wanti haaraa isaanitti ta’u tokkollee kan hinjirre ta’uu dubbata.
Sababnisaas dhiheenyatti odeeffannoo moorichaa isa sirrii waan argataniif akka isaan fageenyarraa odeeffannoo dogongoraatiin guutamaniitti odeeffannoon haaraa isaan tola ooltota simatan kanarraa eeggatanis hagas mara kan hin jirre ta’uu ibsa.
Hojiin tola ooltummaa kun immoo irra caalaan kan hojjatamu barattoota bara ittaanutti eebbifaman waan ta’aniif immoo hojiin kun akka addaan hin citne warreen itti aananis cimsanii itti fufsiisuu akka qaban barataa Umar ni dhaama.
Walumaagalatti, adeemsi baruu barsiisuu nagaafi tasgabbiidhaan akka gaggeeffamu taasisuu keessatti ga’een tola ooltonni kunniin qaban olaanaa waan ta’eef, jara jajjabeessuufi hojii akkasii itti fufsiisuun barbaachisaa ta’a.
Barattoonni dur yunivarsiititti dabaree dabareedhaan walsobaa walirratti qoosaa turan har’a sirnaan wal simachaa daandii walitti agarsiisuunis jijjiirama mooraa yunivarsiitotaa iddoo nagaafi adeemsa baruufi barsiisuutiif mijataa ta’e uumuudha.
Simannaa nuu taasifametti hedduu gammanneerra jedhan barattoonni haaraan yunivarsiitii Madda walaabuutti ramadaman.
Simannaan barattoota buleeyyiifi hawaasa yunivarsiitichaatiin nuuf taasifame sodaa nu keessa ture nuuf salphisee jiras jedhan.
Kaayyoo barnootaa biyyaa dhufneef qofarratti xiyyeeffachuun nageenyummaa sirna baruuf barsiisuu yunivarsiitichaatiif qooda keenya ni tumsinas jedhan.
Pirezdaantii ittaanaan dhimmoota akkaadaamii yunivarsiitichaa Doktar Bazzaabbih Wandimmuu gamasaanitiin akka jedhanitti, yunivarsiitichi barattoota haaraa bara barnootaa 2014tti ramadamaniif kuma shan simachuu eegaluu himan.
Yunivarsiitichi haalduree barnootaaf barbaachisan guuttachuun barattoota haaraa qeebaluus eeran. Akka isaan jedhanitti, barattoonni haaraan gara yunivarsiitichaa dhufan barnootasaanii qofarratti xiyyeeffachuun kaayyoosaanii dhugoomfachuuf hojjachuu qabu.
Yunivarsiitiin Madda Walaabuu dandeettii barattoota kuma 25 sagantaalee gara garaatiin simatee barsiisuurra jira.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 20 Bara 2014