Olompikiin dargaggoota Itoophiyaa borurraa eegalee gaggeeffama

Finfinnee: Akka biyyaatti yeroo jalqabaatiif kan adeemsifamu Olompikiin dargaggoota Itoophiyaa boruu irraa eegalee guyyoota 10niif Naannoo Siidaamaa, magaalaa Hawaasaatti adeemsifama jedhameera.

Olompikiin dargaggoota Itoophiyaa kun akkaakuwwan Ispoortii addaddaatiin dargaggoota naannoleefi bulchiinsota magaalotaa jidduutti akka gaggeeffamus beekameera.

Taphiwwan olompikii dargaggoota Itoophiyaa yeroo jalqabaatiif adeemsifamu kanaaf naannoleefi bulchiinsonni magaalotaa dargaggoota isaan bakka bu’anii hirmaatan filachuuf dorgommiisaanii adeemsisataniiru.

Haaluma kanaan naannoon Oromiyaa gamasaatiin yeroon qophiidhaaf kenname gahaa ta’uu baatus dorgommii gaggeessuun dargaggoota naannicha bakka bu’anii hirmaatan filachiisuudhaan qophaa’aa akka jiru ibseera.

Yeroon Olompikiin Itoophiyaa ni adeemsifama jedhamee ture darbuudhaan amma guyyoonni muraasni yoo hafanitti akka adeemsifamu himamuusaatiin qophii gahaa hin arganne kan jedhan Hooggantuun Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaa Aadde Saamiyaa Abdallaa, komiin kun kan Oromiyaa qofa osoo hin taane kan naannolee hedduu ta’uu ibsu.

Haa ta’uu malee yeroma jirtu dorgommii keessoo gaggeessuudhaan ispoorteessitoota dargaggoota naannicha bakka bu’anii hirmaatan filachuun danda’amuu dubbatu.

Waggoota muraasa darbanitti dorgommiiwwan ispoortii akka biyyaatti gaggeeffaman irratti hirmaannaan naannoo Oromiyaa qabbanaa’aa kan dhufe ta’uusaafi barana garuu kaka’umsi cimaan jiraachuu ni kaasu.

Biirichi dargaggoota Oromiyaa bakka bu’an qofa osoo hin taane, Itoophiyaa bakka bu’uudhaan sadarkaa Addunyaatti maqaa ishee waamsisan horachaa turuufi ammas cimsee kan ittu fufe ta’uus mirkaneessaniiru.

Olompikiin dargaggootaa kun akka Oromiyaattis yeroo jalqabaatiif barana Magaalaa Shaashamanneetti guyyoota kudhaniif adeemsifamuunsaas kan yaadatamuudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 20 Bara 2014

Recommended For You