Baale biyya goototaati. Gootota kanneen akka Waaqoo Guutuufi Koloneel Aliyyi Cirrii kaasuun ni danda’ama. Gootonni kunneen Oromoon har’a mataa olqabatee akka deemuuf kanneen bu’uura ta’aniidha. Bu’uurri isaan kaa’anis dagaagee Oromiyaan har’a gootota dameewwan addaddaa horatteetti. Gootota dinagdee Baaleen Oromiyaaf, darbees Itoophiyaaf gumaachite keessaa Obbo Fayyisaa Araarsaa isaan tokko.
Obbo Fayyisaan hundeessaafi gaggeessaa hojii Yunivarsiitii Harraambee yoo ta’an, maatiidhaan hojiilee invastimantiiwwan adda addaarratti bobba’uun ofirra darbanii biyyaafillee bu’aa buusaa jiraniidha. Lammiileen kumaan lakkaa’aman carraa hojii akka argatan taasisuurra darbees hojii tola ooltummaa isaan hojjetaniin baay’onni fayyadamoo ta’aniiru. Nutis nama cimaa gama hedduun fakkeenyummaan eeraman Obbo Fayyisaa Araarsaa Keessummaa maxxansa kanaa taasifachuun muuxannoofi mudannoosaanii akka nuu qoodaniif anaadhufu jenneeniirra.
Bariisaa: Yeroo keessaniif galatoomaa jechaa, mee dubbistoota keenyaan walbaraa?
Obbo Fayyisaa: Ani Fayyisaa Araarsaan jedhama. Hundeessaafi Gaggeessaa Hojii Yunivarsiitii Harraambeeti. Kanin dhaladhe Godina Baalee, naannawa magaalaa Roobee, iddoo Shaayyaa jedhamutti. Barnootakoo sadarkaa tokkoffaallee achumatti baradheen yeroo sana manni barnootaa sadarkaa lammaffaa Magaalaa Roobee keessa waan hinturreef gara Goobbaa deemee baradhe.
Yeroo sana namni waan baratu kan filatu qabxii kutaa saddeettaffaatti galmeessisuun ture. Haala kanaan anis waanin daldalaa of gargaaraa barachaa tureef achitti muummee barnootaa Komeersii filadhee ‘Robe Comprehensive Highschool’tti waggaa afur baradhe. Manni barnootaa kun yeroo sana akka kutaa biyya Baaleetti qofagaleessa ture.
Isaa booda waggaa 35 dura ‘Kotebe Business Education’tti dippiloomaa baradhe. Boodarras Yunivarsiitii Finfinneerraa ‘Business Education’ digrii jalqabaa, digrii lammataa ammoo Yunivarsiitii Adaamaatti ‘Masters in Business Administration’ baradhe. Barnoota idileetiin alas leenjiiwwan garagaraa biyya keessaafi alatti fudhadheera. Akka waliigalaatti hojii barnootaa keessa waggoota 30 oliif tureera.
Bariisaa: Mee akkamiin hojii barnootaa eegaltan?
Obbo Fayyisaa: Duruma yommuun baradhu barsiisaa ta’uuf waanin hawwaa tureef ogummaa barsiisummaatiin hojii jalqabe. Ergan hojii mootummaa waggoota muraasaaf hojjedhee booda yommuun hojii dhuunfaa jalqabu mana barnootaa afaanii irraa kolleejjii, kolleejjiirraa, yunivarsiitii kolleejjii, achirraa waggaa 18 booda Harraambeen yunivarsiitii kan tahe jechuudha.
Bariisaa: Moggaasi maqaa Yunivarsiitii Harraambee maalirraa madde mee?
Obbo Fayyisaa: Harraambeen afaan Sawaahilii yoo tahu, waliin hojjechuu jechuudha. Keessumaa yeroo biyyoonni Afrikaa bilisa ba’an bilisummicha booda Pirezdaantiin Keeniyaa duraanii Joomoo Keeniyaataan oggaa hojii jalqaban mootoo biyyasaanii “Harambee, let work together’, let’s forget the past and let’s use Harambee as strategy for economic and social development. Because, Harambee is the rule of genericity” jedhanii jalqaban. Kana jechuun namni tokko mootummaarraa qofa eeguu osoo hintaane ofumasaatii karaa hojjetee, mana barnootaa ijaaree, ummata gargaaree, mootummaa wajjin walta’ee yoo hojjete seerri arjoomuu (rule of genericity) hojiirra oola jechuudha.
Isa darbe dagadhaa (forget the past) jechuun ammoo isaan yeroo sana hidhaadhaa ba’aniitu pirezdaantii kan ta’an. Miidhaa koloneeffattoonni Ingiliz Afrikaarraan ga’an sirriitti beeku jechuudha. Garuu koloneessitoota sana xiiqiidhaan ajjeesanii biyyaa balleessuu osoo hintaane, yoo isaan guddina ardii Afrikaaf hojjetan waliin hojjenna yaada jedhu kan qabuudha.
Waggoota lama sadii boodammoo oggaa Gamtaan Afrikaa hundaa’u biyyi keenya waan guddaa gumaachite. Achirratti Joomoo Keeniyaataa, Kuwaamee Nikurohomaa. Hayilasillaaseefi namoota ciccimoo birootu ture. Yommuu gamticha dhaabanis Harraambeen mootoo Afrikaa ta’eetu ittifufe. Hariiroon biyyoonni Afrikaa akka cimu, garbummaan keessaa ba’anii bilisummaa argataniif akka kunuunfataniif carraaqaa turan.
Gamtichi hundaa’ee yaa’iisaa jalqabaa Itoophiyaa, Finfinneetti akka hinadeemsifamne, waajjirrisaas akka asitti qaamoleen hinbarbaadne turaniiru. Carricha qabsoodhaan arganne. Yaa’ii gamtichaatiin walqabatees kan jalqabaa Itoophiyaatti waan adeemsifameef Hoteelli Itoophiyaafi Hoteela Harraambee baname.
Kunis yaadrimeen Harraambee Afrikaanotatti fudhatamuu argisiisa. Biyyoonni Afrikaa baay’eensaaniillee faaruu Harraambee jedhamu faarfachuu eegalan. Kanaaf yunivarsiitiin keenyas moggaasasaa kan fudhate maqaa seenaa Itoophiyaafi Afrikaa wajjin hidhata qaburraati.
Bariisaa: Wayita ammaa yunivarsiitichi sadarkaa maaliirratti argama?
Obbo Fayyisaa: Mooraa muummee Adaamaa dabalatee kaampaasota sagaliifi barattoota kuma 20 ol qaba. Kaampaaniiwwan obbolaa yunivarsiitichaa dabalatee waliigala namoota kuma tokko caalaniif carraan hojii banameera. Kana malees namoonni yunivarsiitichatti baratan hedduu hojiilee garagaraarratti bobba’anii biyya tajaajilaa jiru.
Waanti kanarraa hubatamuu qabu barnootarratti hojjechuun akka daldalaatti kan hinilaalamne ta’uusaati. Bu’aansaa namni barate biyya jijjiiree argamuusaati. Maddi jijjiirama kamiituu barnoota ta’uun kan ittihubatameedha. Damee barnootaa keessatti hirmaatanii ashaaraa ofii qabaachuunis gocha daran nama gammachiisuudha. Kana malees, akkuman sii kaase ani hojii barsiisummaa ijoollummaakoorraa kaaseen jaaladha; namni hojii jaallaturratti hirmaatemmoo bu’aa qabeessa ta’a. Yoo rakkoon isa mudatellee boodatti hindeebi’u.
Bariisaa: Waggaa meeqaaf ogummaa barsiisummaa keessa turtan?
Obbo Fayyisaa: Ani har’umallee ogummichuma keessan jira. Leenjiifi gorsawwan garagaraa nan kenna. Ijoollee maastarsii barataniif ammoo keessumaa hojii uumuurratti qabatamaadhaan akka hojii uumaa lammii Itoophiyaa tokkootti muuxannookoo nan qoodaaf. Kanaaf hojii barsiisummaa ammayyuu nan hojjedha, nan baradhas. Sababnisaas barnoonni kan hindhumneefi umurii guutuu waan ta’eef. Namni barnoota fixnaan ofiifuu du’uu jalqabe jechuudha.
Akka hojii idileetti garuu jalqabarratti warra Biiroo Barnoota Oromiyaa dhaaban keessaa ani nama tokko. Kitaaba Afaan Oromoo amma tajaajilarra jiru, sirna barnootaa (kaarikulamiisaa) qopheessuurratti ogeessa jalqabaati. Afaan Oromoorratti hojii nuti gaafa sana jalqabnetu har’a yunivarsiitii gahe. Namni afaanichaan dippiloomaa, digrii, maastarsiifi ‘PhD’ isaallee qabate. Biqiltuun nuti waggoota 30 darbe dhaabne sun hingogne jechuudha. Ammas waan ummataaf toluufi guddina afaanichaatiif xiyyeeffannaan guyyuu hojjechaa jirra.
Bariisaa: Yunivarsiitiin keessan waan adda isa taasisu maal hojjetaa jira?
Obbo Fayyisaa: Keessumaa dijitaalaayizeeshiniin amma guddateera. Barnoota onlaayinii (online learning) wajjin walqabatee seerri akka biyyaatti hinturre. Gaafa seerri ba’u yunivarsiitiin keenya dhaabbata duraa ta’eetu akka maastarsii barsiisnuuf eeyyama argate. Isa dura waggoota afur shan dura nuti muuxannoo argachuuf biyyoota akka Kooriyaa Kibbaa, Ameerikaa, Indiyaa, Chaayinaa, Xaaliyaanii, Jarmanfaa daaw’annee, xiiqii keessa gallee waan hojjenneefi, sadarkaa kanarra kan qaqqabne. Teknolojiin kun ammoo hojii hunda keessatti hojiirra oolaa jira.
Hojii barnootaan alatti hojiilee qonna, fayyaa, baankiifi kkf keessattillee ittiin hojjetamaa jira. Teknolojiirratti hojjechuun dorgomaa ta’uuf ni fayyada. Itoophiyaan dargaggoota hedduu waan qabduuf yoo isaanirratti hojjenne dargaggoota akka biyyaafi addunyaatti dorgomoo ta’an baasuu dandeenya. Yunivarsiitiin keenyas kanarratti xiyyeeffatee hojjetaa jira.
Bariisaa: Qulqullina barnootaatiin walqabatee yeroo baay’ee dhaabbilee barnootaa olaanaa dhuunfaarratti hamiin ni dhiyaataatii Yunivarsiitiin Harraambee gama qulqullina barnootaa mirkaneessuutiin sadarkaa akkamiirra jira?
Obbo Fayyisaa: Qulqullinni barnootaa akkuma ilaalcha namootaa addadda. Dhaabbileen barnoota olaanaa dhuunfaa akka biyyaatti 300 oltu jiru. Yunivarsiitiin dhuunfaammoo shan qofa. Akka biyya ummata guddaa qabduutti dhaabbileen barnootaa olaanaa jiran ga’aa miti; baay’ina, umuriifi ga’umsaan jechuudha. Yunivarsiitiiwwan Ameerikaafi Awurooppaa yoo ilaalle seenaa umurii waggaa 100, 150, 250 qabu. Nuti yunivarsiitii waggaa 50 ykn 60 ture hinqabnu. Akka dhaabbata dhuunfaattimmoo waggaa 20 gadi.
Kana jechuun barnoonni olaanoo biyyattii umurii dargaggeessa tokkoollee hinga’u jechuudha. Kanaafuu waggoota darban kanneen keessatti maaltu hojjetame jennee yoo ilaalle dhaabbileen barnootaa dhuunfaa hojiiwwan guguddaa hojjetaniiru. Fakkeenyaaf bakka carraan barnootaa hingeenye ga’aniiru, namni carraa hinarganne carraa argateera. Waggaa 35 dura bara nuti kolleejjii seennu akka biyyaatti Yunivarsiitii Finfinneefi Asmaraa qofatu ture. Kan barnoota olaanaa seenus nama kuma sadii hincaalu. Dargaggeessi miiliyoonaan lakkaa’amu hurufatti hafeera jechuudha. Jabaan har’a saayintiistii ykn barsiisaa cimaa ta’uu qabu hafeera.
Mootummaan yeroosiimmoo barnoota ofumaan barsiisa, wal’aansas ofumaan wal’aana jechaa waan tureef hirmaannaan dhaabbilee dhuunfaa hinturre. Gaafa sirni jijjiiramu dhaabbileen barnootaa dhuunfaa dhufan ammoo namni waan mootummaa keessatti dhalatee guddateef, hojiinis kan mootummaa malee hojii itti hinfakkaatu. Barnoonnis kan mootummaa malee kan dhuunfaa barnoota itti hinfakkaatu.
Ilaalchi kun jalqabarratti ture. Amma garuu jijjiiramoonni hedduun dhufaniiru. Rakkoon qulqullina barnootaa akka biyyaatti kan dhuunfaa wajjiin kan walqabatu miti. Kan mootummaas ta’u dhuunfaa keessa rakkoon jira. Akkasumas, dhaabbileen dhuunfaa kan mootummaas caalan jiru. Fakkeenyaaf dhaabbata keenya keessatti digirii jalqabaa baratee, maastarsiisaa Harvarditti kan barate jiraachuu mala. Kanaafuu dhaabbileen barnootaa jimlaadhaan ilaalamuu hinqaban. Kanneen hanqina qabanirratti ammoo mootummaan hordooffii cimaa taasisaa jira; kunis cimee ittifufuu qaba.
Qulqullinni barnootaa waan baay’ee balleessa. Kanarratti namni gaafatus mormus hinjru. Qulqullinni barnootaa kan qofaa dhufu osoo hintaane tumsa barbaada. Qulqullina barnootaatiif barsiisonni cimuu qabu, mootummaan jabeessuu qaba, maatiin keessa galee cimsuu qaba, ummanni deeggaruu qaba. Qaama tokko qofaarraa eegamnaan gatii hinqabu. Kanaaf qulqullina barnootaa biyyattiif hunduu qoodasaa bahachuu qaba.
Bariisaa: Obbo Fayyisaan hojii barnootaarratti qofa osoo hintaane dameewwan biroorrattis hirmaataa jirtu. Maal fa’irratti bobbaatan mee?
Obbo Fayyisaa: Nuti akka maatiitti hojiilee garagaraa hojjenna. Ani ijoollee sadiin qaba. Isheen jalqabaa ogeettii fayyaati. Kan lammataa injiinara sooftiweeriiti. Sadaffaan ammoo gaggeessaa biiznasii (Business Leader)dha. Haala kanaan bu’uura ogummaasaaniitiin isheen jalqabaa mana yaalaafi qorichaa qabdi. Ogummaasheetiin of dandeesseerti jechuudha. Isheen lammataa ‘Hawi software solutions company’ hundeessuun hojii dijitaalaayizeeshinii hojjennu keessatti gahee olaanaa qabdi. Roobeeraan mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Kamaaraa jedhamuufi mana maxxansaa ‘Robera Printing’ hundeessuun hojjettoota 200 ol of jalatti mindeessee hojjetaa jira. Haatii warraakoo dhaabbata ‘Lucy Adama General Trading’ jedhamuufi meeshaalee garagaraa raabsuu akkasumas, Hoteela Waangaarii hogganti. Animmoo gaaddisa kaampaaniiwwan kanneenii kan ta’e Yunivarsiitii Harraambee, ‘Waangaarii Market Moll’fi Riil Isteetii Fayyisaa Araarsaan hoggana.
Namni waan jaalatu tokko qabaatus waan tokko qofa hojjechuurra haala kanaan waantota garagaraarratti bobba’uun humna horachuuf, of danda’uuf, carraa hojii baay’ee banuuf, biyya gargaaruufi jijjiirama fiduuf gahee qaba.
Bariisaa: Egaa namni hojii garagaraas ta’u hojii tokko hojjetee milkaa’e bu’aa ba’ii keessa darbu ni qabaata. Isinoo haala kamiin bu’aa ba’ii jireenyaa mo’attannii sadarkaa kana qaqqabdan?
Obbo Fayyisaa: Ani tattaaffii guddaadhaanin as ga’e. Milkaa’inni kun qormaatawwan hedduudhaan kan guutame ture. Garuu qormaatiwwan na mudataa turan akkan as ga’uuf kan na kakaasan, na jabeessaafi irraa baradheedha malee nan dadhabsiine. Namni rakkoo keessa darbe kaaseetu sammuu of dhukkubsa. Ani ilaalchikoo adda. Kanaafuu, bu’aa ba’iin na mudate keessa darbee, akka daa’ima ol ka’uuf tattaafatuu takka kufaa, ka’aa as qaqqabeera.
Bu’aa ba’iiwwan keessa darbe hedduu waan ta’aniif kana sana jechuun rakkisaadha. Garuu namni ofkalee bakka guddaa ga’uu barbaadu bu’aa ba’ii cabsuu, obsuu, bor ilaaluu, waan xiqqoodhaan dararamuu dhiisuu, waan jireenyasaa sakaaluuf bo’uu dhiisuu qaba. Waanuma xiqqoo argatetti gammadee yoo dibbee rukutaa deeme ofkaltiin hinjiraatu.
Kanaafuu, waan xiqqoo argameen hangumasaatti gammadaa, of cimsaa deemuu, qormaata mudatemmoo cabsaa garaa bal’achuun yoo tattaaffatame waan hundaa mo’achuun ni danda’ama. Nama guddinaaf tattaafatu Rabbis ni gargaara.
Garuu namni ciisee ykn taa’ee, “Sababa kanatu duubatti na deebise, kaappitaalan dhabe, kan na gargaaru hinjiru, kun carraa kooti, sabbata haadhakootu na gufachiise, ani carraa gaarii waan hinqabneef yoon hojjedheellee hinofkalu…” jedhanii waan hintaane ofitti himanii of dadhabsiisuu osoo hinta’iin yoo jabaatanii hojjetan wanni hintaaneefi hinnilkoofne hinjiru. Kanaaf ammoo barachuu, sirnaan waa beekuun, hojiitti hiikuun barbaachisaadha. Barachuu jechuun ammoo amala ofiifi nama biraarratti waa jijjiiruu malee doktara ykn piroofeesara ta’uu qofa miti.
Bariisaa: Namni tokko milkaa’uuf maal gochuu qaba ykn haala kamiin hojjechuu qaba jettu?
Obbo Fayyisaa: Akka waliigalaatti milkaa’inni tola dhufu waan hinjirreef namni jabaatee hojjechuu qaba. Keessattuu dhalooti amma jiru dargaggeessi keenya yeroosaa sirnaan fayyadamuu qaba. Wantoota guguddoo dhala namaa addaan baasan keessaa tokko fayyadama yerooti. Dhalli namaa guyyaa keessatti kan Waaqni kenneef sa’aatii 24:00 qaba. Kana jechuun gurraachis adiinis, kan Afrikaas ta’e Ameerikaa jiru yeruma walfakkaatu qaba. Yommuu waa’ee hiyyummaa keenyaa dubbannu akkamitti sa’aatii keenya akka fayyadamne baruu qabna. Namni baay’een waanuma bu’aaqabeessa hintaanerratti yeroosaa qisaasessaa oola. Waan jiruusaa jijjiirurratti osoo hintaane waan isa hinilaallannerratti yeroosaa balleessa jechuudha.
Inni biraan namni xiyyeeffannaa (focus) qabaachuu qaba. Qalbiifi miilli ofii yoo bakka hunda dhaabate akkasumas, waa yoo hunda hawwan hunda dhabu jechuudha. Akkuma Oromoon, “Namni illeettiiwwan baay’ee ari’u tokkoyyuu hinqabu” jedhee mammaaku sana ta’a. Kanaaf waan hojjetan taa’anii itti yaaduufi karooraan hojjechuun barbaachisaadha. Waan hojjetan sanarratti ammoo ogummaafi beekumsa ofii gabbifachuun barbaachisaadha. Barri kunimmoo bara dorgommiiti. Waanuma maallaqa qabaniif qofa ‘nagadanii’ hingalan. Naamusa hojii qabaatanii kan hojjetan yoo ta’e ofkaltiin ni jiraata. Malee akkasumaan taa’anii qeequu qofaan jijjiiramni hindhufu.
Bariisaa: Namoonni tokko tokko milkaa’ina hireedhaan walqabsiisu. Asirratti maal jettu mee?
Obbo Fayyisaa: Waan hireedha jedhamu hinjiru. Namni sirriitti hojjete hiree gaarii argataa deema. Kan sirriitti hinhojjennemmoo hireensaa badaadha. Fakkeenyaaf hiree lotarii yoo fudhanne, tasa namaa ba’a. Akka saayinsiin addunyaa jedhutti namni lotarii argatee milkaa’ee soorame hinjiru. Namoota lotariin ba’eef keessaa dhibbantaan 95 maallaqa argatan yeroo gabaabaa keessatti balleessanii bakka duraatti deebi’u. Sababnisaa hinhojjenne, hinkaroorfanne, ilaalchawwan hojii, qusannaafi xiyyeeffannaa hinqaban. Waan hojjetan waan sirnaan hinbeekneef carraan sun dhufus hinbarakatu. Carraan namaa kan barakatuufi cimu yoo hojiidhaan gabbifameefi utubame qofa.
Bariisaa: Mee Obbo Fayyisaa, namni kamuu ijoollummaasaatti bakka ga’uuf hawwu qabaatii isin bakkan hawwe ga’eera jettuu?
Obbo Fayyisaa: Ani jalqabumarraa hawwiin koo barsiisaa ta’uudha. Bariisaammoo ta’eera; sunuu barsiisaa gaarii. Darbee barsiisotallee leenjiseera, oomisheera. Barsiisota hedduufis carraa hojii uumeera. Hojiin barsiisummaa akka kabajamuufi jaalatamuuf qooda koo bahadheera. Muuxannoon akka ogummaatti barsiisummaadhaan qabu bakka baay’eedhaan ga’eera. Kanaaf ani ogummaa irratti bobba’etti ofkaleera jechuudha. Waanin yaadeefi na waliin guddate argadheera.
Kana jechuun garuu waanan argadhe sana fixeera, hojii dhaabeera jechuu miti. Ammaa achi dubbisuu, ogummaan barsiisummaa kun caalaatti akka cimu taasisuun narraa eegama. Hojii baruufi barsiisuu keessatti waantonni hinhojjetamne baay’eetu jiru. Wanti baay’een barreeffamee hindhufne. Hogbarruufi miidiyaan keenya xiyyeeffannaafi qaroomuu barbaadu. Hojiin baruu barsiisuu yoo teknolojiidhaan cime malee addunyaarratti dorgomuu hindanda’u. Kanaan walqabatee hojii baay’eetu hafa. Ani yoon umrii kanaan muuxannookoo dabarse dargaggeessi lafaa dhufu cimee kan nu caalaa hojjetu ta’a jechuudha. Kanaaf, barattoota waanuma kaarikulamiirra jiru qofa barsiisuu osoo hintaane naamusaafi ogummaa sirnaan gonfachiisuu, ogummaa barataniin ammoo biyya ofii jijjiiruu akka qaban, yeroosaaniitti sirnaan akka fayyadaman nan gorsa.
Bariisaa: Damee barnootaas ta’u dameewwan kaaniin fuulduratti maal hojjechuu yaaddu?
Obbo Fayyisaa: Akka barnoota olaanaatti kaayyoon keenya egeree lammii qaroome akkasumas, teknolojii goonfate, kan teknolojiidhaan of jijjiiree addunyaa jijjiiruu danda’u, kan teknolojii Awuroppaatti hojjetame fayyadamu qofa osoo hintaane kan uumu yunivarsiitii keessatti qabaachuudha. Akkasumas madda teknolojii oomishu ta’uu, kalaqa baasuu, barattoota kalaqa addaa qaban omishuudha. Yoo akkanaan hojjenne jijjiirama guddaa fiduu dandenya; gabaabaatti karoorri keenya fuulduraa kana.
Bariisaa: Hariiroon yunivarsiitiin keessan yunivarsiitiiwwan biroo waliin qabu maal fakkaata? Keessumaa gama waljijjiirraa muuxannootiin maaltu jira?
Obbo Fayyisaa: Akka biyyaatti dhaabbilee barnoota olaanaa akka daarektaraatti hogganna. Miseensa Boordii Waldaa Dhaabbilee Barnootaa Olaanaa Itoophiyaatisi. Pirezdaantii Waldaa Dhaabbilee Barnoota Olaanaa dhuunfaa Oromiyaatisi. Kanaaf dhaabbilee hedduu wajjin hojjenna; muuxannoos walii qoodna.
Yunivarsiitiiwwan mootummaa wajjinis sirriitti hojjenna. Yunivarsiitii Adaamaafi Arsiifaa wajjin hariiroo cimaa qabna. Sadarkaa biyyooleessaattis yunivarsiitii Indiyaarraa Yunivarsiitiiwwan Integiraal, Ammiiti; Ameerikaarraa Weesti Michigan, Kooriyaa Kibbaarraas akkasuma yunivarsiitiiwwan hedduu waliin hojjenna. Tola ooltonni baay’eenis achirraa ni dhufu, nutis ijoollee keenya erginee muuxannoo waljijjiirra. Fakkeenyaaf Kooriyaa Kibbaarraa namoonni 20 ol waggaatti si’a lama dhufanii muuxannoo nuu qoodu. Isaanirraa teknolojii, afaaniifi aadaa qofa osoo hintaane naamusa hojiillee ni baranna. Biyyoonni Eeshiyaa kunneen naamusaafi walkabaja isa dhugaa fakkeenya ta’u qabu. Amalli akkanaammoo kan guddatee dagaagu manneen barnootaa keessatti. Haala kanaan hariiroon dhaabbilee olaanaa wajjin taasifnu daran nu gargaareera, waan baay’ees irraa baranneerra.
Dhiheenya kanas ambaasaaddaroota biyyoota addunyaarratti guguddoo jedhaman afurii (Kooriyaa Kibbaa, Indiyaa, Ameerikaafi Indooneezhiyaa) waamnee muuxannoo nuu qoodaniiru.
Bariisaa: Akka waliigalaatti hojii keessan keessatti waan akka gufuutti eeramuufi otoo furamee jettan yoo jiraate?
Obbo Fayyisaa: Akka biyyaatti amma carraan hojjechuu jira. Kanaafis teknolojiin baay’ee barbaachisaadha. Teknolojiin ammoo intarneetii wajjin walqabata. Akka biyyaatti ummata miiliyoona 100 caaluuf ‘Tele Provider’ tokko (Itiyoo Telekoom) qofa qabna. Ishee lammaffaan, Saafaarii Koom reefu dhufaa jirti. Biyyoonni biroo kanneen akka Keeniyaa dhiyeessitoota telekomii ja’aa/ torba qabu. Biyya keenyaafis dhiyeessitoonni dabalamuu qabu.
Yoo isaan waldorgoman tajaajillisaanii ni cima; gatiinsaanis gadi bu’a. Biyya keenyatti gatiin intarneetii qaaliidha. Kunimmoo guddina hawwinutti ta’a. Keessumaa yunivarsiitiiwwanitti hojiilee dijitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuuf tajaajila intarneetii cimaa argachuun dirqama. Fakkeenyaaf nuti kaampaasii Adaamaatti meeggaabaayitii 200 ol qabna. Kanaafis qarshii miiliyoona walakkaa ol kaffalla. Hanqinni gama kanaan jiru furamuu qaba.
Gama biraatiin ammoo mindeessa barsiisota ‘PhD’n walqabatee ‘Jiont appointment’ hineeyyamamu. Barsiisonni PhD qabaniifi yunivarsiitii mootummaa keessa jiran kan dhuunfaa keessatti yeroo guutuudhaan akka hojjetaniif eeyyamni hinjiru. Akka biyyaatti nuti doktaroota kuma shaniyyuu waan hinqabaqneef warruma jiran addaan hirannee fayyadamuu qabna.
Doktarri tokko wayitii afur shan kan mootummaa keessatti barsiisaa oolee yeroo isa hafe akkanumaan dabarsuun akka biyyaatti kisaaraadha. Kanaafuu, seeraan deeggaramee bakkawwan lamaa sadii hojjechuun eeyyamamuu qaba. Yoo akkas ta’e nama sanaafis galii dabalataa ta’a. Gatiin barachuullee kana ta’uu namni ni hubata. Kanaachi namni PhD qabu tokko galii xiqqoo argata taanaan “Ani maaliifan baradha?” jechuunillee dhufuu danda’a. Yoo kun sirrate akkuma biyyaattuu jijjiirama fiduun ni danda’ama.
Bariisaa: Dhaabbanni keessan hojii tola ooltummaarratti maal fakkaata?
Obbo Fayyisaa: Nuti hojii tola ooltummaa karoorfanneetu hojjenna. Dhaabbanni kun erga hundaa’ee as ga’ee waan baay’ee hojjechaa ture; ammas hojjechaa jira. Hojiileen hojjenne baay’eefi guguddaa waan ta’aniif gaafdeebii kanaan tokko lama jedhee kaasee fixuun rakkisaadha. Kanuma as dhihoo kaasuuf Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO) keessatti akka boordiittis hojiin hojjetame jira. Keessumaa barattoonni ciccimoon akka ba’aniif hojii waldichi hojjetu deeggaruufi ijoollee qabxii gaarii qabdu badhaasuurratti ni hirmaanna. Barattoonni kunniin kanneen egeree Oromiyaa, Itoophiyaa, Afrikaafi addunyaa jijjiiraniidha. Kanaafuu, isaanirratti sirriitti hojjechuun barbaachisaa waan ta’eef sirriitti deeggara.
Kana malees hojii manneen barnootaa Ifa Boruu Biiroon Barnootaa Oromiyaa hojjetuun walqabatee nutis hojjennee mootummaatti kennineerra. Mana kitaabaa cimsuuf kitaaba akka Oromiyaatti sassaabamuuf kitaabota kumaatamaan lakkaa’aman arjoomneerra.
Tajaajila hawaasummaatiin walqabatees hojii bal’aadha kan hojjenne. Lammilee harka qal’eeyyii hedduu ni deeggarra. Fakkeenyaaf naannawaa kanatti dubartoota hojii magaalaa qulqulleessuurratti bobba’aniif duraan dhaabbanni mitmootummaa mindaa kanfaluuf tureera. Gaafa piroojektiin sun cufamummoo nuti mindaasaanii kanfalaa hojiisaanii akka ittifufan gooneerra. Kun akka fakkeenyaatti malee hojiileen karoorfamanii hojjetaman baay’eedha; fuuldurattis kan ittifufan ta’a.
Bariisaa: Dhumarratti namni sababaan hojii hojjechuu dhiisuun ykn tuffachuun waan mul’atuuf keessumaa dargaggoonni carraa hojii jiru ilaalanii akka ittifayyadamaniif maal gorsitu?
Obbo Fayyisaa: Ani akka hojii uumaa tokkootti hojii uumuuf hunda caalaa kan barbaachisu yaadan jedha. Namni waan xiqqoorraa jalqabee yoo yaada qabaate waa hojjeta. Yoo waanuma danda’urraa ka’e fagoo ga’a. Mootummaa qofarraa eeganii eessayyuu ga’uun hindanda’amu. Mootummaa lammii barsiise hunda hojii qabsiisuu hindanda’u; biyya hiyyeettii keessa jirra. Kanaafuu namni kamuu yoo hojii uumuuf yaada qabaatee, yaada sana gabbifate, humna xiqqoo argateen waan xiqqoo qusatee hojii jalqabe ni milkaa’a.
Sababoota garagaraa uumnee kan of dadhabsiisnu yoo ta’e eessayyuu hingeenyu. Kanaaf jabaatanii hojjechuu, yaada gaarii qabaachuu, hojiifi bakka hojii filachuu dhiisuu, magaalaas ta’e baadiyyaatti of kennanii hojjechuu, tuffii hojii keessaa bahuu barbaachisa. Waanuma darbe sababa godhatanii harka maratanii taa’uun hinbarbaachisu.
Bariisaa: Dhumarratti waanti ani hinkaasneefi utuun dubbadhee jettan yoo jiraate carraan isinii kenna.
Obbo Fayyisaa: Kanin kaasuu barbaadu, jireenyarraa wanti barannu jira. Namni yommuu ijoolleesaa barsiisu yoo sooressa ta’e “Qabeenyikooyyuu si ga’a, ati teessullee homaa hintaatu” jedhee isaan dadhabsiisuu hinqabu. Ijoollee ofii hojii keessa galchuufi dirqama itti kennuun barbaachisaadha. Yoo akkas ta’e ijoolleen of danda’anii waan caalu hojjechuu danda’u.
Namni baay’een barataan tokko yunivarsiitiidhaa yommuu fixu ilaalcha, “Mindaan haadhaafi abbaatuu ni ga’a, jireenya gaarii qabna, mucaankoo karaa fagoo deemuu hinqabu. Kan keenya nyaatee ykn dhaalee jiraata…” jedhu jijjiiramuu qaba. Ani ijoolleenkoo hunduu of danda’anii, namoota hedduuf carraa hojii bananiiru.
Ani hojii uumaan ture, isaanis hojii uumanii ga’eesaanii bahataa jiru. Kanaaf maatiin ijoolleesaarratti xiyyeeffannaan hojjechuu qaba. Ijoollee ofiitti karaa agarsiisuun barbaachisaadha.
Mana barnootaatti erguu qofa osoo hintaane akka muuxannoowwan argatan gochuunis egeree ijoolleetiif daran murteessaadha. Ani oggaan carraa garagaraatiin biyya alaa deemu ijoolleekoos fuudheen deema. Gaafa biyyasaaniitti deebi’an ni aaru. Sababnisaas biyyoonni biroo eessa akka ga’an arganii dhufu. Naannawaa jiraatanitti isuma ollaatti argan sooressaafi beekaa addunyaa se’u. Gaafa addunyaa argan garuu akka addunyaan fagoo jirtuufi baay’ee hojjechuu barbaachisu baru. Isaanis kaka’umsa horatanii hojjechuun jijjiirama guddaa fiduuf xiiqiitti galu. Kanaaf, maatii ofiirratti hojjechuun barbaachisaadha. Mootummaarraa qofa eeguu osoo hintaane ga’ee ofii ba’ataa kan hafe kan biraarraa eeguutu barbaachisaan dhaamsakooti.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 20 Bara 2014