Gareen Shororkeessaa Shanee qaama saamichaaf malee qabsoof dhalatee miti. Kanaaf lafa gahe hundatti qabeenya nama dhuunfaafi mootummaa saama jechuun Hogganaa Ittaanaan Biiroo Dhimma Nageenya Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuu ibsan.
Koloneel Abbabaan ibsa Gaazexaaf dheengadda kennaniin, Shaneen murna safuu hin beekne, garee hawwaniifi durba Oromoo abbaa manaafi abbaa fuuldurratti gudeeduufi Oromoofan qabsaa’a jechaa mana qonnaan bulaa Oromoo mana isaanii waliin lubbuun osoo jiruu abiddaan gubu ta’uu himu.
Kaayyoosaa saamichaa galmaan gahuuf dargaggoota kaayyoo murna kanaa hinbeekne gurmeessuun abbootii qabeenyaa Oromoo sodaachisaafi humnaan saamuun rakkisaa kan ture ta’uu dubbatu.
Dabalataanis lafa caasaan nageenyaa hinjirretti loo’ee seenuun ummata ajjeesaa ture malee murni kuni hanga ammaatti lolee aanaa miti ganduma tokkollee to’atee hinbeekne ta’uu eeranii, duula birmadummaa biyyaa kabachiisuf taasifamaa tureen humnoonni nageenya xiyyeeffannoosaanii gara duula taasisuurraan kan ka’e umrii dheereffachuu danda’eera jedhan.
Akka koloneel Abbabaan jedhanitti, dabalataanis mootummaan murna Shanee kana balleessuuf humna qabaatus, yaada karaa nagayaatin rakkoo jiru furuu wayya jedhu hordofuurran kan ka’e umriin Shanee dheerachuu danda’ee jira.
Haa ta’u malee opireeshinii yeroo ammaa taasifamaa jiruun murni kun dadhabaa kan jiruufi miseensonni murna kanaa baay’en isaanii harka kennaa kan jiraniifi tarkaanfii irratti fudhatameen barbadaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Ummanni Oromoo Shaneen diinasaa ta’uu waan bareef opireeshinii jalqabame kana milkeessuuf hirmaannaan taasisaa jiru olaanaa ta’uufi bu’aa kanaan argameenis ummanni nagaan bahee galuurra darbee uggurri geejjibaafi rakkooleen kana fakkaatan furamuu beeksisan.
Oppireeshinii taasifamaa jiru qolachuu dadhabuum bittinnaa’uun nama nagaa fakkaachuunis ummatatti makamaa waan jiraniif lafa isaan jiraatanitti ummanni seeraaf akka dhiyeessuufi humnoota nageenyaaf eeruu akka kennu gaafataniiru.
Taammiruu Raggaasatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 20 Bara 2014