Namoonni tokko tokko “Garaachan qaba” yoo jedhan dhaga’ama. Kunis dhukkuba garaachaa ibsuuf haala isaan itti fayyadamaniidha. Garaachi qaama dhala namaati malee dhukkuba miti, kanaaf “dhukkuba garaachaan qaba” jedhamee osoo sirreeffamee gaariidha.
Garaachi keenya kutaa qaama keenyaa keessaa tokko kan ta’eefi, qaaamolii bullaa’inaafi daakamuu nyaataa keessatti qooda fudhatan keessaa tokko. Nyaatni afaan keenya keessatti gargaarsa ilkaaniifi inzaayimii afaan keessatti argamaniin hurraa’uu erga jalaqabee booda, qunnamsiistuu garaacha keenyaafi afaan keenyaa kan tahe Esoophaagas kan jedhamu keessa darbuun gara garaacha keenyaa deema. Garaachi keenya bullaa’ina nyaataa keessatti qooda fudhachuu cinatti akka kuustuu nyaataa yeroottis ni gargaara.
Nyaatni nuti nyaannu garaacha keenya keessa yeroo murtaa’aaf turuun, gara mar’imaan qal’aatti darbuun, wantoonni xixiqqoon qaama keenyaaf barbaachisan mar’imaanicha keessaa xuuxamee gara dhiiga keenyaatti erga dabalamanii booda gara warshaa qaama keenyaa kan ta’e tiruu deemu.
Garaacha keenya
Garaachi keenya asiidii garaachaa hayidrookilooriikasiidi jedhamu maddisiisuun nyaanni akka bullaa’u gochuuf akkasumas, wantoonni qaama keenya miidhan kanneen wantoota nyaannufi dhugnu waliin seenan dhabamsiisuu keessattis qooda guddaa fudhata.
Dhukkuba garaachaa yeroo jennu, bakka baay’eetti qoodnee ilaaluu dandenya. Garuu namoota baayyee biratti kan baratame dhukkuba garaachaa gastiraayitas ykn rifachuufi madaa’uu garaachaa kan jedhamu ilaaluuf yaalla.
Garaachi keenya gara keessoon wanti haphiin isa haguugee argamu mukoosaa jedhamutu jira. Haguuggiin garaachaa gara keessaa kunis wantoonni nyaata keessaan qaama keenya miidhuuf seenan akkasumas asiidiin garaacha mataasaarraa maddu hidda dhiigaa, narviif maashaawwan haguuggii garaachaa jalatti argaman akka hin miine gochuu keessatti qooda guddaa fudhatu.
Haguuggiin garaacha keenyaa gara keessaatti argamu, sababa garaagaraa irraan kan ka’e yeroo rifatu ykn madaa’u dhukkubbiin garaachaa nama mudata.
Dhukkubni garaachaa mallattoo akkamii argisiisaa? Akaakuuwwan akkamiis qaba?
Dhukkubbiin garaachaa kan ‘dyspepsia’ jedhamu, walumaagalatti mallattoo akka: garaa gubuu kan handhuuraa olii, garaan bokokuu (afuufamuu), qilleensa deeffachuu (belching), miirri olguurraa (balaqqamaa) namatti dhaga’amuu, waanti hadhaawaan afaan keessaa namatti dhaga’amuu, garaan wacuu (iyyuu), osoo nyaata baay’ee hin nyaatin garaan bokokuu ykn guutuufi mallattoowwan biroo hedduu namarratti argisiisa. Mallattoowwan armaan olii irratti dabalataan, mallattoowwan dhukkuba cimaa ta’uu argisiisaniifi yoo ofirratti argine dafnee gara mana yaalaa deemuu qabnu keessaa ammoo: ulfaatina osoo hin barbaadiin baay’ee hir’isuu, balaqqama ariifachiisaafi dhiiga ofkeessaa qabu, halluun bobbaa gara gurraacha waan gubataa fakkaatutti jijjiiramuu, nyaata liqimsuu dadhabuu, dadhabbii cimaa, afuuraa cituufi dhukkubbii lapheeti.
Dhukkuba qunca’uu garaachaa
(Peptic ulcer disease)
Mallattoolee armaan olii kanneen gara namoota harka 25 tu qaba. Kana jechuun nama afur keessaa tokko qaba jechuudha. Haa ta’u malee hedduunsaa dhukkuba osoo hintaane akkasumaan kan itti dhaga’amu yoo ta’u, kanneen muraasni immoo yoo mana yaalaa deemanii qorataman dhukkuboota gara garaatu irratti argama. Dhukkuboota mallattoo kana nutti fidan keessaas: Kulkuluu garaachaa (gastritis), qunca’uu garaachaa (peptic ulcer disease), cirracha hadhooftuu (gall stone), gogiinsa garaa (constipation), gara qoonqootti ol deebi’uu qabiyyee garaachaa (Gastro-esophageal reflux disease)fi dhukkoboota biroo tokko tokko dha. Kanneen keessaa armaan gaditti qunca’uu garaachaa (peptic ulcer disease) kan ilaallu yoo ta’e, kanneen biroo ammoo yeroo biraa itti deebina.
Dhukkubni garaachaa kan namoonni yeroo baay’ee ittiin miidhaman kan “peptic ulcer disease” ykn “qunca’uu garaachaa” jedhamu kun qunca’uu garaachaa (stomach) fi mar’umaan isa gara garaachaatti ol’aanuu (duodenum) irraa kan dhufu yoo ta’u kunis walmadaaluu dadhabuu asiidii garaachi keenya oomishuufi wantoota uumamaan hubaatii asiidiin kun garaacha keenya irraan ga’u ittisan gidduutti uumamuun kan dhufuudha.
Hawaasa keessatti dhukkubni kun %1 ga’a jedhama. Haata’u malee kun kan mana yaalaa deemee galmaa’e dhukkuba isaa baree yaala argate qofa. Meeqatu qarshii ittiin yaalamu dhabee, kan mana yaalaa geessu dhabee mana keessatti dhukkubasata? %1 kan jedhu kun biyyoota guddatanitti malee biyya keenyatti sababoota wantoonni dhukkuba garaachaa namatti fidan kun baay’ataniif lakkoofsa sana caalaa harka baay’ee olka’aadhaan hawaasa akka hubuu malu tilmaamuun ulfaataa miti.
Dhukkuba kana maaltu nutti fida?
1. Baakteeriyaa H. ‘pylori’. Baakteeriyaan kun garaachaafi mar’umaan keenya olaanu miidhuudhaan kan dhukkuba kanaaf nu saaxilu yoo tahu, biyya keenyatti namoonni harka 80 baakteeriyaa kanaan qabamoodha. Haa ta’u malee namoonni baakteriyaa kanaan qabaman hundi dhukkuba kana hinqaban. Baakteeriyaa kana mana yaalaa deemnee qoricha fudhachuudhaan dhabamsiisuu (eradicate) gochuun ni danda’ama.
2. Qorichoota dhukkuba biraaf kennaman ‘NSAID’ jedhaman. Isaan kun kanneen akka aspirin, indomethacin, ibuprofen fi kkf. Qorichoonni kunniin yoo waa tokko nu dhukkubu dhukkubbii sana balleessuuf yeroo hedduu ajaja ogeessa fayyaarraa ala kan ofii keenyaa fudhannu waan ta’aniif miidhaasaanii ogeessa fayyaa gaafachaafi akeekkataa fayyadamuu qabna.
Keessuumaa namoonni duraan dhukkuba garaachaa xiqqaa tahe qaban gara sadarkaa cimaatti waan dabarsuuf bakkasaanii ogeessa fayyaa mariisisuun qorichoota biroo fudhachuutu filatama.
3. Tamboo xuuxuu. Dhukkubni garaachaa akka dafee sadarkaa badaa irra ga’uufi yaaluuf ulfaataa sadarkaa ta’u irra akka ga’u taasisa.
4. Alkoolii dhuguu. Alkooliin keessumaa kan qabiyyeen alkooliisaa olka’aa ta’e dhuguun ykn ammoo kan qabiyyeen alkooliisaa gadi aanaa tahe baay’isanii dhuguun dhukkuba garaachaa yeroo gabaabaa (acute gastritis) kan namatti fidu yoo ta’u, yeroo tokko tokko haga garaacha keenya dhiigsuutti deemuu danda’a.
5. Rakkoo hawasummaa. Rakkoon hawaasummaa ka’umsaafi itti babal’achuu rakkoo garaachaatiif sababa akka tahan kitaabonni hedduun ni eeru. Rakkoolee hawaasaa kana keessaa muraasni: maatii wajjin waldhabuu, hojiin garmalee bay’achuu, hojii dhabuu, galii daran gadaanaa argachuufi kkfdha.
Akkamiin of gargaaruu dandeenya?
1. Waantota armaan olitti dhukkuba kana fidu jedhamanirraa of qusachuu (alkoolii baay’isuu, tamboo xuuxuu, qorichoota ajaja malee fayyadamuufi of dhiphisuu).
2. Nyaata dhukkuba kana nutti cimsan irraa fagaachuu. Nyaata kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka, yoo kan nyaannaan nutti cimsu beekne nyaata sanarraa fagaachuu qabna. Walumaagalatti garuu mi’eessitoonni akka barbaree, buna baay’isanii dhuguu, nyaatotaafi dhugaatii erga hojjetamanii turanii afaanitti hadhaa’an (fakkeenyaaf: farsoo ba’ee ture) namatti kaasu.
3. Nyaata dhukkuba kanarraa fayyuuf nu gargaaran nyaachuu, isaan keessaa dammi isa ijoofi fayyuu garaacha madaa’eef kan gargaaruudha. Qullubbii adiin (garlic) baakteriyaa H. pylori jedhamu sanaaf akka haalli hinmijanne taasisa (ofii isaatiin garuu garaacha gubuu mala), kuduraafi muduraaleen ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaanne garaachi keenya dafee akka fayyu taasisa.
Haalota armaan olii kanaan ofgargaaruun akkuma jirutti ta’ee, mana yaalaa deemuun sadarkaa dhukkubni kun irra jiruufi yoo baakteriyaan H. ‘pylori’ jiraate qorichasaa fudhachuu, akkasumas dhukkubni biraa yoo jiraates yaalamuun dirqama.
Dhibeen garaachaa yoo baay’inaan namatti hammaate miidhaa akkamii namarraan gahuu danda’a?
1) Madaa’uu ykn luqqa’uu garaachaa: Asiidiin garaacharratti baay’inaan gadi dhiifamuufi qaamni farra alagaa qaama keenyarraa dhorku garaacha keenya madeessuu ni danda’u.
2) Dhiiguu garaachaa: Akkuma beekamu haguuggii keessoo garaacha keenyaa, gara keessaa jala hiddoonni dhiigaafi narvoonni baay’een jiru. Garaachi keenya sababa garaagaraan kan ka’e gara keessaan luqqa’aa yoo deemu hiddi dhiigaa jala jiru dhoo’uun garaachi keenya akka dhiigu godha.
3) Kaansarii garaachaa
4) Dhoo’uu /tarsa’uu garaachaa. Yeroo baay’ee namoota muraasarratti wanti kun ni mul’ata. Kunis Asiidiin garaacha keenyaa maashaawwan garaacha keenyaa nyaachaa deemuuni.
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 20 Bara 2014