Taphni Olompikii Dargaggoota Oromiyaa olaantummaa Shaashamanneetiin dheengadda xumurame

Shaashamannee: Taphni Olompikii Dargaggoota Oromiyaa yeroo jalqabaatiif guyyoota kurnan darbaniif Magaalaa Shaashamanneetti adeemsifamaa ture olaantummaa qopheessaa taphichaa, Magaalaa Shaashamanneetiin xumurame. Shaashamanneen taphichaan warqii 12fi meetii 10 argachuun badhaasa waancaa fudhateera.

Godinni Arsii immoo waancaa 12fi meetii jahaan 2ffaa, Magaalaan Bishooftuu immoo warqii 11 walitti qabachuudhaan sadarkaa 3ffaa argataniiru.

Taphicharratti dargaggoonni kuma sadii caalan godinoota, magaalotaafi giddugaloota leenjii 30 irraa hirmachuu Hoggantuun Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaa Aadde Samiyaa Abdallaa dubbataniiru.

Olompikichi ispoorteessitoota dargaggootaa Oromiyaa bakka bu’uun Olompikii Itoophiyaarratti hirmaatan filachuuf kan gargaaru ta’uus himanii, naannichi dargaggoota naannicha bira darbanii biyyattii bakka bu’an horachuuf hojii dur eegale cimsee kan ittifufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Taphni Olompikii Itoophiyaa Caamsaa 21 bara 2014 irraa eegalee Magaalaa Hawaasaatti kan adeemsifamaa ta’uunis beekameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin BARIISAA SANBATAA Caamsaa 13 Bara 2014

Recommended For You