Itoophiyaan akkuma bal’inashii aadaa duudhaafi sirnoota gara garaa sabaafi sablammiileen kan guutamteedha. Dhiibbaa sirnoonni cunqursoo darban qaqqabsiisaa turanirraa kan ka’e sabaafi sablammiileen aadaan, duudhaafi safuusaanii madda galiifi hawwata tuuristii ta’uu dandahan hedduu ukkaamfamaa turaniiru.
Har’a sun hundi hafee sabaafi sablammiileen sirnoota, aadaafi duudhaaleesaanii gara garaa gadi baasuun waliin kabajaa addunyaattis beeksifachaa kan jiran yoo ta’u, achi keessatti qoodni dargaggootaa olaanaadha.
Tibbana ayyaanni Iida Shawwaalaa ummata Hararii yeroo 1443ffaaf bifa ho’aa ta’een kabajameera. Ayyaanichi ayyaana dargaggoota bal’inaan hirmaachisu yoo ta’u, innis ayyaanni Iidaa xumuramee sooma guyyoota jahaa booda guyyoota sadiif kan gaggeeffamuudha.
Ayyaanichi yeroo itti dargaggoonni walkaadhimmataniifi gammachuusaanii itti ibsatan, sabaafi sablammiilee waliin yeroo itti dhiichisanii gammadan akka ta’e dargaggoonni sirnicharratti argaman kaasaniiru. Dargaggoo Shaamil Abdulwaasii jiraataa magaalaa Harari.
Ayyaanichi kan ummata Hararii haata’u malee sabaaf sablammiileenis irratti argamuun gammachuusaanii ibsatu jedheera. Baranas akkuma bara darbee jilli dargaggootaa sabaafi sablammiilee keessaa babbahanii keessumattuu warreen naannoo Harariin waldaangessan ayyaanicharratti argamuu kan kaase dargaggoo Shaamil sochichi tokkummaa waloo dargaggootaa cimsaa jira.
Dargaggoonni naannoolee Oromiyaa, Affaar, Sumaaleefaa jila aadaasaaniifi dhiichisa aadaasaaniin ayyaanicharratti argamuun dabaalaa turaniiru.
Miirri akkasii tokkummaa dargaggoota sabaafi sablammiilee kan cimsu ijaarsa biyyaarrattis akka waliin dhaabatan kan taasisuudha kan jedhe Dargaggoo Shaamil bara kanas hirmaannaasaaniin bifa miidhagaa ta’een kabajameera.
Ayyanicha ilaalchisuun dubbii dubbateenis dargaggootaaf yeroo walkaadhimannaa, yeroo itti mul’ata bultii ofii qajeelfatan ta’ee tajaajila yaada jedhu kaaseera.
Dargaggoonni sabaaf sablammiilee keessaa babbahan kunneen sirnootaafi ayyaanota waloorratti waliin dhaabachuun waliif miidhagsuunsaanii garaagarummaa xixiqqaa gidduusaanii jiru dhiphisuun dhimma waliirratti tokkummaan aakka jiraatu kan taasisuudha.
Sirnoonni, aadaafi duudhaaleen sabaafi sablammiilee Itoophiyaa kunneen hedduudha kan jedhe Dargaggoon kun haalaan osoo xiyyeeffaannoo argatanii tokkummaa cimsuurra darbanii madda galiis ta’uu dandahu.
Kana malees hariiroo dargaggoota sabaafi sablammiilee gidduu jiru cimsuun waldhabdeen akka hinqaqqabne yoo mudatesimmoo salphaatti akka hiikamu tasisuu danda’a.
Dhaloonni haaraa keessumaa dargaggoonni garaagarummaa xixiqqaa isaan gidduu jiruun osoo walhindhiibin wajjin dhaabachuun biyyaafis ofiifis gaarummaa qaba jedhee yeroo ammaattis ayyaanota naannoleen qaban mararratti waliin hirmachuun cimaa jira.
Kunimmoo biyya garaagarummaan afaanii, eenyumma, amantiifi kan biroo jiru keessatti tokkummaa waloo aadaa walkabajuu akka cimu gargaara. Waldhabdee maqaa amantiin, sanyiifi lagaan bakkeewwan garagaraatti mul’ate maqsuu keessattis bakka guddaa qaba.
Dardarraniifi shamarran Harariis ayyaanasaanii kana bifa ho’aa ta’een dargaggoota sabaafi sablammii keessaa babbahan waliin dhandhamaa kaadhimaa ofii filatu.
Intala kaadhima taatuuf wayita filatus kan ijjisaa irra bu’eefi laphee isaa seente sana erga adda baafatee intalli sun ka eenyuu akka taate bakki galmashii eessa akka ta’e adda baafachuun matiisaatti beeksisee adeemsi walkaadhimannaa akka gaggeeffamu ta’a.
Duudhaan kun dargaggoota Hararii biratti hedduu kabajamaafi baroota hedduuf hojiirra oolaa kan ture yoo ta’u, sirnoonni ayyaanicharratti taasifaman marti tuuristii hawwachuun madda galii ta’uu kan dandahaniidha. Dhiibbaa sirnaatiin walqabatee jaarraa tokkoofi walakkaa oliif ukkaamsaa jala akka tures yaadachiseera.
Har’a kun marti hafee ayyaanonniifi sirnoonni gara garaa sabaafi sablammiilee walfaana dhaabachuun kabajamuu eegaluun biyyaaf abdii guddaadha.
Dargaggoo Nasraddiin Mahaammadis gamasaan Iidni Shawwaalaa kan ummata Hararii qofa jedhamee hinilaalamu yaada jedhu kaaseera.
Kanaafis, dargaggoonni naannolee gara garaa keessaa babbahan irratti argamuun ayyaanicha dabaaluusaaniiti. Dargaggoonni Hararii yeroo irreechaa ayyaanichi kankooti miira jedhuun jila dargagggootaa qabatee irratti hirmaachaa jira. Yeroon amma keessa jirru kan walqixxummaa, kan walkabajuufi biyya waloo ofii yeroo itti waliin ijaarruudha.
Kanaan ala ilaalchaafi yaada biroo walitti fe’uun dargaggoota si’anaa biratti bakka hinqabaatu. Dur walqixxummaan dhibuurraa kan ka’e dargaggoonni fincila kaasuun sirnoota balaafamoo ofirraa jigseera ammammoo sirna dhiigaaf lafeesaan ijaarrate kana kunuunsaa Itoophiyaa hunda hammatu ijaaruuf sochiirra jira.
Biyya ijaaruuf egaa tokkummaan dargaggoota sabaafi sablammiilee murteessaadha kan jedhe Dargaggoo Nasraddiin, sirnoota gara garaarratti aadaan waliin dhaabachuu eegalame kun jajjabeessaa ta’uu eera.
Dargaggoonni biyya ijaaruu, diiguufi nagaa buusuu keessatti murteessitoota ta’uus yaadachiisuun, biyyattiin akka biyyaatti akka itti fuftuuf hariiroon dargaggoota sabaafi sablammiilee gidduu jiru yoomiyyuu caalaa cimuun irra jiraata.
Garaagarummaan miidhaginadha, madda hawwata turistiifi humna gaafa xiiqiiti jedhee, dhimma biyyaarratti garuu ejjennoon hundaa tokkoofi tokko; innuu biyya tokko qofa qabna yaada jedhuudha kan kaase.
Egaa biyyi dhaabbiin akks ijaaramtuuf dargaggoonni sabaafi sablammiilee walkabajuu ayyaanaafi sirnoota walii waliisaaniirratti hirmaachuu gaafa xiiqiimmoo waliin dhaabachuun murteessaadha.
Yoo kun hintaane miira ana maleetiin kan sochoonu taanaan biyyi waliin qabnu akka biyyaatti itti fufuu hindandeessu. Shamarree Imaan Mahaammadis gamasheen ayyaanichi yeroorraa yerootti ho’aa dargaggoota sabaafi sablammiileenis dabaalamaa har’a gahuu kaasti.
Ayyaanni Iida Shawwaalaa se’ana ifatti kabajamu kun dargaggoota biratti bakka guddaa kan qabu waan ta’eef akkasumas hariiroo dargaggoonni naannolee waliin qaban kan jabeessuudha.
Sirnoonni ayyanichaa jaalala walqixxummaafi walkabajuu kan labsan addunyaa biraafis barnoota ta’anii kan gargaaran waan ta’eef galmee ‘UNESCO’ irratti akka qubatuuf sochiin taasifamu cimuu qaba yaada jedhus kaasteerti.
Sababnisaas madda galii dinagdeen biyyaa keessumas kan dargaggootaa itti bayyanatu ta’ee waan tajaajiluuf mootummaan xiyyeeffannoo kennee irratti hojjechuun barbaachisadha.
Jilli aartii dargaggootaan guutame kan Oromiyaa kan Dirree Dhawaa, Harargee, Affaar, Sumaalee ayyaana Iida Shawwaalaa kana dargaggoota Hararii waliin ta’uun miidhagsee kan ayyaanesse yoo ta’u, ayyaanichi kan ummata Hararii qofa jedhanii murteessuun nama rakkisa.
Sababnisaas dargaggoonni hunduu miira kan kooti jedhuun dhiichisaa gammachuu waloosaanii dhandhamaa bara egereen nugahi jedhanii jaalalaan walgaggeessaniiru.
Artisti Bishiriyaa Boriishaas artistoota Oromoo bakkichatti argamuun ayyaanicha dabaalaa turan keessaa ishee tokko yoo taatu, ayyaanichi tokkummaa dargaggoota naannolee gidduu jiru kan cimsuudha jetti.
Akkuma dargaggoonni Hararii ayyana Irreechaa, Fiichaa Cambalalaa, Dararoo, Seeraa irratti argamanii miidhagsan nus ayyaanasaanii kana kankooti miira jedhuun irratti argamnee dhiichisaa gammachuusaanii waliin dhandhamuu dubbatti.
Sochiin akkasii kun jajjabeessafi egereefis cimee ittifufuu kan qabu ta’uu ibsuun, miirri walkabajuufi waliin dhaabachuu kun jajjabeessaa ta’uu kaasteerti.
Turtii ayyaanichi kabajamu guyyoota sadii keessatti dargaggeessi shamarra bultiif taatu ykn kaadhimaa isaaf taatu filatee warrasaatti beeksisuun adeemsa kaadhimannaa kan gaggeessu yoo ta’u, shamarranis uffata aadaan faayamanii miidhaganii shubbisaa ayyaanicha dhandhamatu.
Walumaagalatti miirri walkabajuufi ayyaana waliirratti hirmaachuu dargaggoota sabaafi sablammiilee gidduutti gaggeeffamaa jiru kun jalqabbii gaarii tokkummaa biyyaa cimsu waan ta’eef gama mootummaanis xiyyeeffannoofi deeggarsa argatee madda galii t’uun irra jiraata.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 13 Bara 2014