Namni maaliif biyyaa ba’a?

 Namni sababoota garagaraatiin biyyaa ba’uu danda’a. Rakkinni Biyya dhiisii manaayyuu nama baasa. Rakkataa biyyaa ba’eef ormatu maqaa baasa (undocumented immigrant/day-crosser, Refugees, illegal alien…)

Diyaasporaan moggaasuma fooyya’eedha. Yeroo mootummaan keenna lammiilee biyyatti galchaa jiru kanatti dubbii tana waanin kaaseefin qaba. Sababa biyyaa ba’uu lammiilee Itoophiyaa keessaa muraasan kaasa:

1) Ormi baqataa jaalata: Baqachiisuuf ammoo yeroo filatee haala mijeessa. Namni akka beelaafi waraana baqatu waan beekuuf ormii yeroo beelaafi waraanaa baqataa jaalata. Yeroo dhukkubni dhufu garuu fagootti ofirraa dhowwa (Covid-19)n ragaadha.

Beela ALA bara 1975-85 Itoophiyaa gara Kaabaatti dhufterratti Ameerikaan gargaarsa caala baqataaf haala mijeessite. Ummanni Gondar harki hedduun gaafas biyyaa ba’e. Yaroo bulchiinsii Dargii kufuuf daddaaqamu Ameerikaan qaamolee sadii (CIA, Israel Secrete Service, Sudan Security) qindeessuun lammiilee biyyattii namoota hanga 17,000 ga’an moggaasa, “Operation Moses” jedhamuun karaa Suudanitin baafte. Nama 8000- 10,000tti biyyaa bahee karaatti hafe. Baqaa kana kan olaantummaan qindeesse sagantaa Mootummaa Ameerikaa kan “American Resettlement Program” jedhamuudha.

Sababni lammiileen biyyaa baatuuf tokko jaalala/yaamicha ormaa kana. Yeruma dhihoo biyyattiin waraana Juntaa keessa galte kanatti mootummaan Ameerikaa Baqadhaa! Baqadhaa! jechuu bira dabree hanga mooraa baqattootaa daangaa Itoophiyaaf Keeniyaatti ijaaruu ga’e. Imbaasiifi miidiyaa qabuun baqa labsaa turuunsaa ni yaadatama.

2)Walrakkisuu ormaati: Yoo ormi walrakkisu nutu dursee rakkata. Diigamuun Impaayera Raashiyaa akkuma kufaatii Dargiitif karaa bante baqataa keennaaf daandii saaqxe. Gaafasis gaheen Ameerikaa/CIA guddoo. Kaampii baqattootaa kan yeroo lola juntaa deebiftee ijaarte sun duruu isumatti ijaare.

Ammas akkuma diigamuun Impaayera Raashiyaa dhiibbaa nurratti uume waraanni Raashiyaaf Yukreen/Ameerikaa adoo qaala’iinsa jireennaalleen ta’e dhiibbaa nurratti uuma.

3) Haala Baqachiisaa: Biyyaa baqachuu lammiileetiif wantoonni biyyuma keessaa maddan/muudatan bifa lamaan dhufuu danda’u:

A) Uumama: Weerarri hawaannisaa qonnaan bultoota miidhuun, weerarri koronaa hojii daldaltootaa/hojjattootaa/barattootaa jeequun, hongeen dhihoo tun horsiisee bulaa hubuun harka biyya ormaa nama kajeelchisa.

B) Namaan: Qaala’iinsa jireenyaa, dhabamuun nageenyaa, hojmaanni badaan caasaa mootummaa keessatti ripheefi rakkoon bulchiinsa gaarii lammiilee baqaaf kakaasuu danda’u. Hundaa ol, baay’achuun maddeen sobaa/miidiyaa babal’achuun hayyootaaf sabboontota/qabsaa’ota sobaa dhaloota baqataa qopheessuu dandeetti.

4) Uumamuu aadaa baqachiiftuu: Dhaloonni durii jaalala biyyaatiin beekama. Aadaa barreessuu waan hinqabneef dhugaa tana hojii weellistootarraa hubachuu dandeenna. Taaddassaa Maasinqoo: “Yartuudha biyyi ormaa lammii nama gaafatti akka waan namaaf hirtuu,” Abbitoo Kabbadaa: “Bishaan Awash guutuudha maaltu hirdhatee daaki naan jedha! biyya alagaan jiraa maaltuu beelofte nyaadhu naan jedha,”

Elemoo Alii “Yaa jiruu biyya ormaa mukaa citaan naan morma,” Abdullahi jirmaa: “Dhaba hojiitti dira keessa nu yaasa yoos hamaan maqaa nutti baasa duuriyyee jedhee nuyaamaa” kkf jedhanii yoo weellisan dhageenyeerra. Kun dhalootaaf ergaa cimtuu. Sabaaf aadaa gaariidha. Amma aadaan tun laafaa dhufuu bira dabarree yeroo hoggansi mootummaatuu ‘DV’ guutaa oolu agarra. Kanaaf, aadaa ormaa nama kajeelchiftu dhaalleerra.

5) Kallattii jijjiirachuu rakkoo: Wanti beekuu qabnu ‘Garbummaa’ qofaa miti ‘Hiyyummaallen’ kaabaa nutti dhufte. Seenaa biyya keenyaa keessatti kaabatti beela, baqa, waraanaaf wal-ajjeechaan beekama. Ammaa Baaleefi Booranatti beela’e dhageenya. Tun waan haarawa.

“Baddaa Baalee taa’anii qamadii dhabuun farra garbuu dhabuun salphina…” Eebbisaa Adunyaa. Baale qabsoofi qamadiin beekamti malee beelaafi baqaan hinkomatamtu. Rakkootu kallattii jijjiirrate. Hongeen barana Booranaafi Baale-Arsii qabatte. Qabeenya Itoophiyaatu miidhaa irraan geette. Caasaa buusaa gonofaa yoo hinjajjabeefatin dhaloonni ala/arma kajeeluu danda’a! Yoo harka walqabanne dhaloota haalaan qabanna!

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 13 Bara 2014

Recommended For You