Osoo daree barnootaa galee hinbaratin barreessuufi dubbisuu manasaatti kan xumure, kutaa tokko osoo hinbaratiin barnootasaa kutaa 2ffaa irraa kan eegale, waggaa lama keessatti immoo kutaa 5ffaa kan dhaqqabe barataa sadarkaa 1ffaa kaleessaafi barsiisaa Yunivarsiitii har’aa.
Jalqaba barnootaatii hamma kutaa 9ffaatti sadarkaa tokkoffaa bahuudhaan imala milkii kan eegaleefi digrii jalqabaafi lammataasaa immoo qabxii olaanaa walfakkaatu, 3.8n kan eebbifame; barataa cimaa kaleessaafi barsiisaa Yunivarsiitii Finfinnee har’aa.
Kitaaba IDA’AMUU Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) barreessan gara Afaan Oromootti kan hiikeefi waliigaltee Gaaddisa Hoggansa Oromoo gara Afaan Ingiliffaatti kan hiike. Barsiisaa, barreessaafi gulaalaa afaanota gara garaa kan ta’an Obbo Qulqulluu Ijoo keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati. Turtiin nama ogummaawwan gara garaa qabu kana wajjin taasifne akka armaan gadiitti dhihaateera.
Bariisaa: Obbo Qulqulluun eenyu, eessatti dhalatanii guddatan gaaffii jedhurraa eegalluu?
Barsiisaa Qulqulluu: Tole egaa ani Qulqulluu Ijoo Gaaddisaa jedhama. Kan dhaladhee guddadhe Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Jalduu, iddoo addaa Saqee yookiin Tulluu Digaluu jedhamutti. Akkuma ijoollee Oromoo kamuu daa’imummaakootti loon tiksaafi maatiif ergamaan guddadhe.
Naannoofni Saqee yookiin Tulluu Digaluu jedhamu kun malkaa waan qabuuf ummanni naannawa sanaa achitti bahee irreeffata. Warri abbaakoo Ijoo Gaaddisaa immoo warra Ayyaantuu waan ta’aniif sirnoota aadaafi duudhaa naannawa sanatti taasifaman keessatti hirmaannaa addaa akka qabaannu taanee guddanne.
Maatiinis ayyaantummaa cinatti naannawa sanatti warra maqaa qabaniifi aadaafi duudhaa Oromoo isa ganamaa harkaa qaban; ittiinis bulanii ijoollee ittiguddifataniidha. Barsiifanni boodatti hafaa ture garuu ijoolleen ayyaantuu ijoollee isaanii akka barattu hinjajjabeessan ture. Abbaan koo garuu nama barumsa jaalatuufi barachuufis fedhii olaanaa qabu turus, akaakayyuun koo sababoota gara garaatiin akka hinbaranne taasiseera.
Abbaan koo waan otoo ofiisaatiif barachuu barbaaduu dhabeef ijoolleesaa hunda barsiisuuf jalqabumarraa kutatee ijoollee uummate hunda barsiifateera. Abbaan koo ijoollee 25 godhatee kan boqote yemmuu ta’u, irra caalaansaanii baruumsa xumuranii hojiirratti argamu. Warri kaanis yunivarsiitiitti barachaa jiru.
Bariisaa: Barumsa hoo eessatti barattan? Ilma ayyaantuu ta’uun barumsarratti dhiibbaa akkamii qabaachaa ture?
Barsiisaa Qulqulluu: Aadaan baratamaan hawaasa keessa ture yeroo sana faayidaafi miidhaa barnootaa osoo sirriitti adda baasee hinilaalin, akka ijoolleen maatiirraa gargar baatee barattu hinheeyyamu ture. Ayyaantummaa abbaansaanii akaakayyuurraa dhaale isaan immoo abbaasaaniirraa dhaalanii sirnicha akka ittifufsiisan waan barbaadamuuf ijoolleen akka gara mana barnootaa deeman daran hinjajjabeeffamu ture.
Sababuma kanaan ijoollee hedduun carraa barumsaa dhabanii baadiyyaatti akka hafan namuu quba qaba. Maatiin tokko tokko garuu aadaa sana cabsee ijoolleensaa akka barattu taasisanis hedduudha. Kanaaf, abbaankoo utuma barnootaaf fedhii qabuu akaakkayyuu kootiin dhoorkamuunsaa waan xiiqii itti ta’eef inni immoo ana qofaa osoo hintaane ijoolleesaa hunda barsiisuu danda’eera.
Barumsakoo kanin jalqabe eessuma koo biratti Magaalaa Gincii, Mana Barnootaa Awaash Bu’uuraa jedhamutti. Yeroonsaa immoo akka lakkoofsa biyya keenyaatti bara 1982 ture. Ani gaafuman jalqabuyyuu kutaa lammaffaarraan barumsa eegale.
Bariisaa: Akkamitti osoo kutaa 1ffaa hinbaratin utaaltanii 2ffaarraa eegaltan?
Barsiisaa Qulqulluu: Maal sitti fakkaate, ani gaafan barnootaaf galmaa’u qubee lakkaa’uu bira darbee dubbisuufi barreessuus xumureera. Barnoota kutaa tokkoffaa mitii isa sanaa olitti kennamuuyyuu xumureen ture; osoon mana barnootaa hinseenin. Kanaaf haalota kanneen mana barnootichaaf ibsuudhaan jarris erga dandeettii koo hubatanii kutaa lammaffaatti na galmeessanii barnoota koo idilee tokko jedhee eegale jechuudha.
Wanti sidhibu kutaa lammataas seemistara tokko qofa baradheen ammas gara kutaa sadaffaatti ce’e. Waliigalaan hanga kutaa shanaffaatti xumuruuf waggoota lama qofa natti fudhate jechuudha. Kunis waan nama addaa ta’eef otoo hintaane fedhiin barnootaa keessoo koo jiruufi deeggarsi abbaakoo walitti dhufanii hubannoon koo akka caalaatti cimu waan na dandeessisan qofaafi.
Osoo ani barnoota kutaa shanaffaa keessa jiruu barnoonni qubee Afaan Oromoo dhufe. Yeroo sanatti immoo hanga barnoonni qubee bal’inaan baratamee fudhatama argatutti afaanota Afaan Oromoofi Amaariffa keessaa kan filatteen akka barattu carraan filannoo waan kennamuuf anis afaanuma koo, Afaan Oromoo filadhee barnoota ittifufe. Ergan ji’a tokkoof qubeefi haala itti qubeeffamu baradheen booda barnoota afaan dhalootaatiin barachuu ittifufne jechuudha.
Bariisaa: Amaariffaan eegaltanii osoo qabxii gaariis galmeessisaa jirtanuu gaafa Afaan Oromootti geeddaramu isinitti hinulfaannee?
Barsiisaa Qulqullu: Maaltu natti ulfaata? Afaan Oromoo ittiin barachaa turuu baadhus bar ittiin dubbachaa jiraa. Manaa kaasee hanga dallaa mana barnootaatti bar Afaanuma Oromootiin tajaajilamaa jirra. Kanaaf, Afaan Oromoo sana dura hanga kutaa barnootaa seennutti waan itti tajaajilamnuuf gaafa guutummaatti barnoonni qubee dhufee Afaan Oromootiin barachuu eegallutti wanta nuu salphate malee wanti nutti ulfaate hinjiru, jiraachuus hindanda’u.
Kanaaf, yeroo ce’umsaa sanatti akkuma kutaa shanaffaa xumuree ergan waggaa tokkoof addaan kuteen booda, kutaa jahaffaarraa eegalee hanga kurnaffaa biyyatti deebi’ee Jalduutti baradhe. Manni barnootaa kutaa saglaffaafi kurnaffaan Jalduu nurratti jalqabe.
Garuu gaafan ani kutaa 9ffaa baradhu iccitii jireenyaafi barnoota kootii kan ta’an abbaan koo boqochuusaaniitiin hamileen kiyya garmalee miidhamee ture. Jaalalli ani abbaakootiif qabu waan ibsuun natti ulfaatu ture. Iccitii nama kamittuu hinhimne kanin himadhu abbaa koo qofatti ture. Gaafan barnootaa galu waan nyaattamus warra dubartootaa osoo hintaane kanin gaafadhuufi waliinis nyaadhu abbaakoo ture. Akkan baradhuufis ta’e maatiin hundi baratuuf hamileen guddaan keenya isa waan ta’eef gaafa inni boqatu guyyaan natti dukkanaa’ee ture.
Hanga gaafa inni boqatuu(kutaa saglaffaa)tti daree kootii tokkoffaa malee bahee hin beeku ture. boqachuu abbaa kootti hamileen koo miidhaamus baruumsa koo osoo addaan hin kutin barnoota kutaa 11ffaafi 12ffaa mana barnootaa Ambootti hordofuudhaan qabxii dippiloomaa argadhee barnoota olaanaaf Kolleejjii barnoota Adaamaatti dabalame.
Kolleejjichatti qabxii olaanaadhaan Afaan Oromootiin eebbifamee akkan barsiisuuf Biiroo Barnoota Oromiyaatiin ramaddii argadhee hojiitti bobba’e. Afaan Oromootiin eebbifamus Ingiliffa dabalatee akaakuuwwan barnootaa Siiviksiifi Fiiziksii iddoo hir’inni barsiisotaa mudatutti barsiiseera.
Bariisaa: Sana booda akkamiin barnoota keessan ittifuftan?
Barsiisaa Qulqulluu: Dippiloomaa kolleejjii Barsiisota Adaamaatii argadheen ergan waggaa lama barsiiseen booda, Yunivarsiitii Finfinneetti barachuuf carraa argadhee xalayaa deeggarsaa aanaa koorraa barreeffachuun barnoota koo digrii jalqabaa Appilaayid Ingilishiin eegale. Akkuman dura siin jedhe dippiloomaan koo Afaan Oromootiin ture. Digrii jalqabaa garuu Afaan Oromoo maayinarii/filannoo lammataa taasifadheen jalqabe.
Waanti sidhibu muummee Ingiliffaa barachaa kan qalbiin kiyya jirtuufi ani hirmaannaa addaa itti qabu Afaan Oromoo ture.
Bariisaa: Fedhiifi hirmaannaan keessan gara Afaan Oromoo taanaan maaliif isuma hinbaranneree?
Barsiisaa Qulqulluu: Dippiloomaan koo Afaan Oromooti. Barnootaafi hubannoon Afaan Oromoo irratti horadhe gahaa ta’ee waan natti mul’ateef Ingiliffa cimsachuuf jecha garasitti qajeele. Afaan Oromootiif quuqamuudhaafis ta’ee qabsaa’uuf muummee Afaan Oromoo barachuun dirqama hinta’u.
Sababa kanaan namni hedduu quuqamaafi hirmaannaa ani Afaan Oromoorratti qaburraa ka’ee akka barataa Afaan Oromootti malee akka barataa Ingiliffaatti kan na beeku namoota muraasa.
Haaluma kanaan barattoota Oromoo Yunivarsiitii Finfinnee gurmeessuudhaan aadaasaanii akka dagaagfataniifi eenyummaasaaniitti boonaniif hojiilee guguddoo hojjachaa turre.
Kanneen keessaa tokkoofi ijoon Yunivarsiitii Finfinnee keessatti yeroo jalqabaatiif Gumii Afaan Oromoo hundeessuudhaan seenaafi duudhaan Oromoo moorichatti akka calaqqisu taasisuu dandeenyeerra. Barattoonni Oromoo godinaalee Oromiyaa gara garaarraa dhufan duudhaafi aadaa naannawasaanii fidanii akka waliiqoodan gochuudhaan tokkummaa Oromoo cimsuuf gumaachineerra.
Boodarratti hojii fakkeenyummaa nuti Yunivarsiitii Finfinneetti eegalle bu’uureffachuunYunivarsiitiiwwan Oromiyaa keessatti argaman hedduun gumii Afaan Oromoo banataniiru. Yunivarsiitii Finfinneetti muummeen barnootaa Afaan Oromoo akka jalqabamus taasifame.
Gumiin Afaan Oromoo Yunivarsiitii Finfinnee aartistotaafi barreessitoota Oromoo sababa maallaqaatiin hojiisaanii ummataaf dhiheessuu hindandeenyeefis maallaqa walitti funaannee deeggaraa turre.
Bariisaa: Mana barnootaa Afaan Oromoo dhuunfaa jalqabaa Burraayyuutti kan jalqabe isini jedhamaatii waa’eesaa nuu ibsaamee?
Barsiisaa Qulqulluu: Isa utuman Yunivarsiitii Finfinneetti barumsarra jiruu kanin hundeesseedha. Kutaa tokkoffaa kaasee hanga saddeettaffaatti kan barsiisu ture. Maqaansaas Mana Barnootaa Abbaa Gadaa jedhama. Yeroo sana magaalaa Burraayyuu keessa manni barnootaa dhuunfaa afaan birootiin barsiisan hedduun jiraatanis kan Afaan Oromootiin barsiisu waan hinturreef jalqabne.
Bariisaa: Isin yeroo sanatti barataa yunivarsiitii turtan. Akkamiin Mana barnootichaa banuu dandeessan mee?
Barsiisaa Qulqulluu: Dhugaa dubbachuuf ani maallaqa wayiituu hinqabun ture. Garuu immoo waanin xiiqiifi hawwii guddaa qabuuf namoota gara garaarraa liqiifi kadhaan walittiqabee akka ijaaramu taasise. Yeroo muraasa booda humna kiyyaa ol taanaan namoota 29 walitti qabee sheerii akka bitan taasisuun boordii hundeessinee; achuma keessaa immoo namni tokko akka hogganu gochuun ani keessaa bahe.
Waan hudaafuu manneen barnootaa yeroo ammaa naannawa sanatti babal’ataniif bu’uurri mana barnootaa abbaa Gadaa ani achitti hundeesseedha.
Yeroo sana maquma “abbaa Gadaa” jedhamu kana ilaalanii bulchiinsiifi waajjiraaleen paartii biyya bulchuu ija shakkiitiin nu ilaalaa turan. Kan nuti achitti barsiifnus ijoollee hojjattoota mootummaafi kaabineeti. Kaabineen nuti ijoollee barsiifnuuf deebi’anii ija shakkiitiin nu ilaalaa turte.
Akkuma jalqabarratti sii kaase barnoota digriikoo bara 2000ttin xumure. Kanin xumures qabxii olaanaafi badhaafamaa meedaaliyaa ta’uudhaani. Barumsa koo digrii jalqabaa xumuruuf yemmuu seemistarri tokko na hafu digrii lammaffaa barachuuf galmaa’een ture. Kanaaf otoon barnootakoo addaan hinkutne qabxii walfakkaataadhaan digrii lammataas achuma Yunivarsiitii Finfinneetii argadheera.
Garuu wanti ati hubachuu qabdu, ani hojii barsiisummaa yeroo ammaa yunivarsiitichatti hojjachaa jiru kana kanin eegale osoman digrii lammataa hinfudhanne, gaafuman barataa turerraa barsiisaa gargaaraa ta’ee barachaa turetti.
Booda gaafan digrii lammaffaatiin eebbifamu immoo barsiisaa gargaaraarraa gara barsiisaa guutuutti ce’e jechuudha. Wayituma sana digrii sadaffaakoos eegaleen ture. Ta’us maatii horachuufi sababoota tokko tokkoon addaan kute.
Bariisaa: Hojii hiikaa afaaniitiinis maqaan keessan ni ka’aatii waa’ee kanaa waa nutti himtuu?
Barsiisaa Qulqulluu: Eeyyee. Barsiisummaakoo cinatti galii koo dabaluuf hojii hiikaa afaanota gara garaa keessa galeera. Kunis jalqabumarraa kaasee afaanotarratti waanin xiyyeeffannoon barachaa tureef afaan hiikuun anaaf daran salphaadha.
Bariisaa: Hojiiwwan hiikaa keessan keessaa muraasa nuu eeramee?
Barsiisaa Qulqulluu: Hojiiwwan ani afaan tokkorraa gara afaan biraatti hiike keessaa tokko kitaaba ‘IDA’AMUU’ Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiin (PhD) barreeffame natu gara Afaan Oromootti jijjiire.
Yeroo gaaddisni hoggansa Oromoo hundaa’ee turetti waliigaltee paartiileen siyaasaa Oromoo waliif mallatteessanis natu Ingiliffatti hiike.
Dokimentiiwwan filannoo marsaa jahaffaan, seera filannoo, qajeelfamootaafi maanuwaaliiwwan leenjii ji’oota shan guutuu ittifufiinsaan natu hiike. Erga filannoon xumuramee boodas haalota jiranirratti waan afaan tokkoon qophaa’u fudhatee gara afaanota birootti jijjiiruu keessatti shoorri kiyya salphaa miti.
Hojiileen irranatti eere namni hedduun waan beekuu danda’uuf malee hojii hiikaa afaanii baay’ee hojjedheera. Gama kanaan beekumsaafi muuxannoo qofa osoo hintaane eeyyamas baafadhee akka hojii idilee tokkootti hojjachaa jira.
Bariisaa: Biiroo wayii qabda moo manumatti hojjachaa jirtu?
Barsiisaa Qulqulluu: Biiroo kireeffachuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Yeroon keessa jirru kan diijitaalaa waan ta’eef akka durii biiroo wayii qabaattee namni achitti tajaajila argachuuf wanta dadhabuuf hin qabu. Namni kamuu manuma ofii taa’ee dokimentii akka hiikamuuf barbaadu intarneetiin sii erga, atis hojjattee deebifta malee wanti qaamaan walbira gahuuf nama dirqisiisu hinjiru. Maamiloota biyya keessa jiran dhiisii kanneen alaa naa ergamanis haaluma kanaan hojjachaa jirra.
Bariisaa: Ijoolleen Finfinnee keessatti dhalatan Afaan Oromoo akka barataniif tattaaffii wayii taasisaa akka jirtan dhageenye. Tattaaffiin kun maalinni laata?
Barsiisaa Qulqulluu: Dhugaadha. Ijoolleen abbootiifi hawwootiinsaanii sabboontota ta’anii osoo jiranii isaan immoo sababa hiriyoota mana barnootaafi naannawa jiraataniitiin Afaan Oromoo dubbachuu, dubbisuufi barreessuu hindandeenye manaa manarra deemnee barsiisaa jirra.
Hanga ammaatti ijoollee hoggantoota siyaasaa guguddoofi namoota bebbeekamoo biyyoota gara garaa jiraatanii biyyatti deebi’an, kanneen Ingiliffa malee hinbeekne baay’ee yeroo gabaabaa keessatti Afaan Oromoo barsiiseera. Kanneen Finfinneetti dhalatanii Amaariffaan ala hindandeenye hedduufis haala salphaafi yeroo gabaabaa keessatti afaan Oromoo akka baratan taasisaa jirra.
Bariisaa: Yeroo nuu kennitaniif guddaa isin galateeffanna; ulfaadhaa.
Barsiisaa Qulqulluu: Isinis akkan muuxannoo koo namoota birootiif qooduuf na affeeruu keessaniif ulfaadhaa.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 13 Bara 2014