Olompikiin Oromiyaa Shaashamanneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee: Olompikiin dargaggoota Itoophiyaa yeroo jalqabaaf Caamsaa 21 bara 2014 irraa eegalee Naannoo Sidaamaa, Magaalaa Hawaasatti gaggeeffama. Naannoleefi bulchiinsonni magaalotaa dargaggoota isaan bakka bu’uun tapha olompikichaarratti hirmaatan filachuuf walmorkiiwwan taasisaa jiru.

Naannoon Oromiyaas Kibxata darbe magaalaa Shaashamanneetti tapha jalqabuun dargaggoota naannicha bakka bu’uun Tapha Olompikii Dargaggoota Itoophiyaarratti hirmaatan filachuuf qophii taasisaa jira.

Gaaf deebiii Hogganaa Ittaanaa Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaa Obbo Kadir Indaalkaachoofi Daariktarri Leenjifi Waldorgommii biirichaa Obbo Mokonnon Baqqalaa Gaazeexaa Bariisaa waliin taasisan akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Sadarkaa Oromiyaatti dorgommiin yeroo adda addaa gageeffamaa ture. Kan barannaa kana maaltu haarawa isa taasisaa? Manneen barnnootaa keessaatti ispoortii kana babal’isuuf maaltu hojeetamaa jira?

Oboo Kadir: Akkuma beekamu ispoortiin sadarkaa gadirratti qaawa guddaa qaba ture. Barana garuu xiyyeeffannaa guddaan kennuufiidhaan pirojektii dargaggoota guddatootaarratti hojjechuu qabna jechuun hojechaa jirra. Kanaan dura waldorgommii dargaggoota guddatootaa marsaa sadaffaa Magaalaa Asallaatti gageesinnee turre.

Dorgommicharratti atileetonni umrii waggaa 18 gadii hirmaataniiru. Taphni amma gageessaa jirru kunis guddatoota umrii 20 gadi ta’an qofa hirmaachisaa jira. Guddatootarratti yoo hinhojjenne bu’aan sadarkaa olaanaarratti eegnu hinjiru. Kanaafuu xiyyeeffannaa guddaa itti kennuudhaan hojechaa jirra. Isa qofaa miti manneen barnnootaa naannoo keenyaa keessatti, gidduugala leenjii ispoortii keessatti akkaakuwwan ispoortii adda addaa babal’isuudhaan hojii guddaatu hojjetamaa jira. Taphin Olompikii kun ammoo bu’aa guddaa argamsiisaa jira. Atileetiksiirratti qabxii gaarii argineerra. Tapha Olompikii daraggootaa kanarraas waan guddaa egna.

Tapha kanarratti dargaggoonni qabxii gaarii fidan naannoo Oromiyaafi Itoophiyaa bakka bu’uudhaan tapha Olompikii Dargaggoota Afrikaarratti waan hirmaataniif bu’aa guddaa irraa eegna.

Bariisaa: Kanaan dura naannoo Oromiyaa keessatti kilaboonni Atileetiksii 20 hundeefamanii turan baayi’een isaanii diigamaniiru. Kilaboota kunneen deebisaanii dandamachiisuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Kadiir: Qorannoo taasifneen giddugalli ispoortii naannicha keessatti akka barbaadametti hojjetamaa hinjiru. Leenjiin giddugala ispoortii guutummaan bulchiinsota magaalotaatiin geggeefamu. Biroon ammoo deggersa tekinkaafi oggummaa adda addaa ni taasisaaf. Haata’u malee bulchiisonni magaalotaa yeroo adda addaa hanqina bajetaa kan qaban ta’uu kaasaa jiru. Idoowwan hanqinni leenjiiwwan kilabotaafi pirojektotaa jirutti fala kennuf mariin adeemsifamaa jira.

Bariisaa: Kaayoon dorgommiin kun itti qophaa’ef maali?

Obbo Mokonnon: Olompikiin kun taphatoota cicimoo qabxii gaarii argamsiisaniifi Oromiyaa bakka bu’uun Olompikii Dargaggoota Itoophiyaarratti hirmaatan filachuuf jecha qophaa’e. Itoophiyaan Olompikii ammayaarratti hirmaachuu erga jalqabdee ooltee bulteetti. Keessumaa dorgommiiwwan atileetiksii, biskileetii, bunyaa, Daakaa Bishaanii, yeroo dhihoodhaa as ammoo Tekuwaandodhaan hirmaachaa turte.

Haata’u malee yeroo dheeraadhaaf atileetiksiidhaan alatti ispoortiiwwan hafaniin meedaaliyaa tokkollee argattee hinbeektu. Kunis atileetota bakka bu’oota ispoortiiwwan olompikiitiin dandeetii qaban bakka busuu dabuurraa madda.

Kanuma bu’ureefachuun biyyoonni Afrikaa taphawwan olomipikii dargaggootaa gageessuudhaan dargagoota cicimoo horachuun olompikii dargaggoota biyyoolessaarratti hirmaachuuf yaada dhiyaateen biyya keenyattis yeroo jalqabaaf taphni olompikii dargaggootaa Caamsaa 21 bara 2014 irraa kaasee Magaalaa Hawaasatti adeemsifama. Dargaggoota ciccimoo Oromiyaa bakka bu’uun olompikicharratti hirmaatan filachuuf jecha taphini olompikii yeroo jalqabaaf naannichatti akka qophaa’u ta’eera.

Bariisaa: Tapha kanarratti hirmaannaan bulchiinsota magaalaafi naannoolee maalfakkaata?

Obbo Mokonnon: Taphni kun akka biyyaattis ta’u naannoo keenyaatti yeroo jalqabaaf kan adeemsifamuudha. Kanaan dura taphni Itoophiyaa Guutuu yeroo shanaffaaf kan adeemsifame yoo ta’u, taphni Guutuu Oromiyaa ammoo yeroo 26ffaaf magaaloota adda addaatti gageefamera.

Muxannoon guddaan jiraatus kan amma dargaggoota jidduutti adeemsifamu kun yeroo jalqabaaf. Sababa rakkoo nageenyaatiin hirmaannaan godinaalee taphicharratti hirmaatanii hir’ateera. Keesumattuu godinaaleen Gujii lameen sababa rakkoo nageenyaatiin utuu hin hirmaatin hafaniiru. Ggodinaaleefi magaalonni tokko tokko ammoo sababa hanqina bajataatiin taphicharratti utuu hin hirmaatin hafaniiru.

Bariisaa: Hanga ammaatti godinaaleefi bulchiinsota magaalotaa meeqatu hirmaachaa jiraa? Akkaakuwwan ispoortii meqan?

Obbo Mokonnoon: Hanga ammaatti naannoolee, bulchinsota magaalaafi wiirtuwwan leenjii atileetiksii, walumaagalatti 30 ol akkaakuwwan ispoortii olompikii 15n atileetoonni kuma sadii ol taphicharratti hirmaachaa jiru.

Bariisaa: Kannaan dura umrii drgaggoota taphicharratti hirmaataniin walqabatee komiin ka’aa tureera. Barana rakkoo gama kanaan jiru furuuf waanti hojjetame yoo jiraate?

Obbo Mokonnon: Yeroo dorgommiin dargaggootaa gageeffamu mara godinaaleen qabxii barbaaduuf jecha dargaggoota umrii gaafatamee olii qabatanii dhiyaachaa turan. Rakkoon kun har’a kan uumame miti, tureera. Haata’u malee dorgommii baranaarratti doktoronni umrii calaluuun kanneen umrii jedhamee ol ta’an akka dorgommicharratti hin hirmaanne ta’eera. Qaamni dorgommii kana qopheessu dursee qajeelfama waan dabarseef hirmaattonni martuu beeku. Kanaafuu ittigaafatamummaa kan qabu godina ykn bulchiinsa magaalaa dargaggoota qabatee dhiyaateedha malee qaama dorgommicha qopheese miti.

Bariisaa: Taphni kun guyyoota meeqaaf tura? Haalli nageenya magaalatii hoo hammam amansiisaadhaa?

Obbo Mokonnoon: Taphichi Kibxata darberraa kaasee guyyoota kudhaniif adeemsifama. Dorgommiin jalqabamee hanga xumuramutti koreewwan adda addaa hundaa’anii ittigaafamummaasaanii akka bahan ta’eera. Keesumattuu keesummeessaan shaampiyoonichaa Bulchiinsi Magaalaa Shaashamannee koree nageenyaa hundeesuudhaan halkanii guyyaa nageenya eegsisaa jira.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 6 Bara 2014

Recommended For You