Itoophiyaan biyya sabaaf sablammiin 83 ol keessa jiraatan, biyya amantiileen gara garaa itti argamaniifi sirna federaalizimii sabdaneessaan bulaa jirtuudha. Garaagarummaan eenyummaa lammiilee, isa beekuuf miidhagina yoo ta’u, kan hinbeekneefimmoo balaa fakkaatee mul’ata.
Kanarraa kan ka’e ilaalcha finxaalessummaa calaqqisuun takkaan sanyii dahoo godhachuun lammeessoommoo amantiitti hirkachuun ergama siyaasaa dhokataa galmaan gahachuuf kan kaatus akka waakkoo biqilaa jira.
Waakkoon gaafa galgala biqilee bulu fagootti bareedaa fakkaata, wayita aduun itti bahu garaagarummaa yeroo muraasaa booda takkummaan gadi cabee biyyoo ta’a. Finxaalessummaan biyya keenya keessatti babal’ataa jirus yeroof ho’ee biyya jeequs qabsoo ummata bal’aatiin akkuma waakkoo aduun dhahee hundeedhaa buqqa’ee baduunsaa waan oolu miti.
Dhimmi biyya keenyaa dhimma garee tokkoo osoo hintaane hunda kan ilaallatu waan ta’eef Gaazexaan Bariisaa dhimma kanarratti aanga’oonni maal jedhu isa jedhuuf keessummaa afeerrateera.
Keessummaan keenya maxxansa kanaas Pirezidaantii Ittaantuu Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii Aadde Misraa Abdallaati. Gaaffiile, Aadde Misraan eenyu? Haala yeroo biyya keenyaarratti maal jedhu? jedhuuf deebiin akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Baga Iida Shawwaalaa keessumaa ummata Hararii biratti haala ho’aadhaan kabajamuun isin ga’e.
Aaadde Misraa: Baga walumaan geenye.
Bariisaa: Aadde Misraan Eenyu? Haalli guddina keessanii maal fakkaata?
Aadde Misraa: Ani Misraa Abdallaa, yeroo ammaa Pirezidaantii Ittaantuufi Ittigaafatamtuu Biiroo Qonnaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii ta’een tajaajilaa jira. Haalli guddinakoos akkuma ijoollee qonnaan bulaa kamuu hojii umrii daa’imummaan keessa darbamu keessatti maatii kiyyaaf ergamaan guddadhe.
Oggaa umriin koo barnootaaf gahu ammoo barnoota koo sadarkaa 1ffaa hanga 2ffaa Dirree Dhawaattin baradhe.
Bariisaa: Barsiistuu akka turtan dubbatama ammammoo qondaala mootummaa naannooti barsiisummaafi qondaaltummaa siyaasaa akkamiin ibsitu?
Aadde Misraa: Dhugaadha. Barsiisummaan ogummaa guddaa waa hunda nama barsiisuudha. Yoo xiqqaate waggoota 15 oliif ogummaa barsiisummaafi ogeettii barnootaa ta’ee hojjedheera.
Wayitan barsiistuu turetti baadiyyaa Harargee keessa naanna’ee ummata kiyya tajaajileera. Adeemsa hedduu keessa darbee har’a akkuman irranati sii ibsee Ittaantuu Pirezdaantii Bulchiinsa Naannoo Harariifi Ittigaafatamtuu Biiroo Qonna Naannoo Hararii ta’een tajaajilaa jira. Barsiisummaan hundee ogummaa hundaati jedhama. Ogummaawwan sektaroota mara keessatti argaman hundaaf ijoo waan ta’eef wanni nama barsiisummaa keessa darbetti haaraa ta’u hinjiraatu jechuudha.
Kanamalees barsiisummaarraa bahanii hoggansatti seenuun nidandahama. Qondaaltota siyaasaa hedduu yoo ilaalte irra jireessisaanii barsiisota. Barsiisaan ogummaawwan hundatti dhiyoodha. Gaafa gara siyaasaatti dhufamus kutannaarratti ogummaan barsiisummaa ida’amnaan wanti hindanda’amne tokkollee hinjiru.
Gaafan kana jedhu ogummaawwan kaan gatii dhabsiisuu akka hintaane naa hubatamuu qaba. Sababnisaas hundumtuu ijaarsa biyyaa keessatti bu’aa guddaa buusu. Fakkeenyaaf ogeessi qonnaa, fayyaan, ogeeyyonni seeraa injiinaroonni hundi utubaa biyyaati.
Bariisaa: Jalqaba wayita ogummaa barsiisummaarratti bobbaatan wanni sin mudate jiraa laata; keessumaa barataa wajjin walqabatee?
Aadde Misraa: Bakkin jalqabaaf hojii barsiisummaa itti eegale Naannoo Hararii, Aanaa Soosii, Mana Barnootaa Harawwee Barasar ture. Barattoonni naannawicha jiran irra jireessi barnoota cinaatti daldala kontirobaandiirratti kan bobbahan waan ta’aniif hafaa dhufaati kan barataa turan.
Kunimmoo egereesaanii kan miidhu akka ta’e waanan hubadheef daran aaraan ture. Jireenya mo’achuuf tattaafachuun gaarii ta’us barnootaafis xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha. Miirri, lammiin hinbaranne mirgasaatiif falmachuu hindanda’u jedhu waan nakeessa tureef oggaa barattoonni harca’an nan aara. Dhimma kanarratti ijoollee gorsaan ture. Kanaanis amma haalichi hamma tokko fooyya’uu dandeera.
Bariisaa: Haalli maatii keessanii maal fakkaata?
Aadde Misraa: Ijoollee sadiin qaba; dubra lamaafi dhiira tokko. Yeroo ammaa barnootarra jiru.
Bariisaa: Maatii ofii bulchaa hoggantuu siyaasaa ta’uun hincimuu; maatii ofiif yeroo kennuurratti hinulfaatuu?
Aadde Misraa: Dhugaadha. Hojii hoggansaa hojjechaa maatii ofiif yeroo kennanii wajjin dabarsuun ni ulfaata. Lachanuu hordoffii walirraa hincinne barbaadu. Ta’us biyya ofiif hojjechuurra wanti nama gammachiisu waan hinjirreef hojii hoggansaa cinaatti maatii ofiis hordofaa ergama mootummaafi ummataa galmaan gahuunis dirqama waan ta’eef kutannoodhaan hojjechaan jira.
Bariisaa: Aadaan dubartoota gara aangootti fiduu Ministira Muummee Doktar Abiyyiin eegalame isiniinis dabalateeraatii isin kana akkamiin ibsitu?
Aadde Misraa: Tarkaanfii ministirri muummeen keenya dubartoota aangessuurratti fudhatan seenaa Itoophiyaafi Afrikaa keessatti bakka olaanaa qabaachuurra darbee fakkeenyummaan kan eeramuudhas. Akka naannoo keenyaatti nutillee carraa kana qooddanneerra dhibbantaan 50 olis hooggansatti dhufaniiru tarkaanfii jajjabeessaa ilaalcha dulloomaa dubartootarra ture cabseedha.
Bariisaa: Ga’umsa dubartoonni hoggansarratti qaban akkamiin madaaltu?
Aadde Misraa: Hoggansi dubartootaaf haaraa miti. Ganamuma kan itti guddataniidha jechuun danda’a. Fakkeenyaaf maatii keessatti fudhattee yoo ilaalte gaggeessummaanshii maatii hogganuurraa ka’a. Mana keessatti muuxannoo maatii hogganuufi rakkina keessattis fala dhahuurratti adda dureedha; kanaaf hojii itti bobba’anirratti bu’aa guddaa buusaa jiru.
Bariisaa: Haalli barnoota keessaniifi siyaasni hariiroo qabuu?
Aadde Misraa: Hoggansa Biizinasiin (Business Management) digrii lammaffaa baradheera. Siyaasni saayinsii barnootaatiin yoo deeggarame bu’aa buusa. Kanaafuu dubartoonni keenya hedduunsaanii barnootaanis siyaasaanis kan ijaaraman ta’uunsaanii hoggansarratti bu’aa buusa jechuudha.
Bariisaa: Dubartoota aangessuun hannaafi waliindha’uu akka salphisu Muummeen Minstiraa Doktar Abiyyi Ahmad dubbataa turan gama keessaniin isin maal jettu?
Aadde Misraa: Dhugaadha. Dubartiin uumamumashiin imaanaa jabeessiti. Rakkaattee waan hojjettuuf akkasumas gaggeessummaanshii maatii hogganuufi guddisuu rakkoo keessa darbuutti ga’umsa waan qabduuf hannaaf bakka hinkennitu. Kana jechuun guutummaatti jechuu miti. Kanneen hannarratti hirmaatan hindhibaman.
Bariisaa: Naannoon Hararii jaalalaafi waldanda’uun daran kan keessatti gabbateedha jedhamti kun maaliin agarsiifama?
Aadde Misraa: Naannoon Hararii madda jaalalaa; miirri waldanda’uufi walkabajuu keessatti gabbateefi naannolee Itoophiyaa birootiif fakkeenyummaan eeramtuudha. Kanaafis fakkeenya kan ta’u naannawicha keessa hordoftoonni amantiilee gara garaa, saboonni adda addaa rakkoo tokko malee wajjin jiraachuusaaniiti. Jiraattonni hedduunsaanii afaanota shaniifi isaa ol danda’u. Adda baasuun hindandahamu. Walqixxummaafi jaalalaaf agarsiistuun isa kana.
Bariisaa: Yeroo ammaa ilaalchi finxaalessummaa sanyiifi amantii dahoo godhachuun nageenya biyyaa booressuuf yaalaa jiraachuu taateewwan mudachaa jiranirraa hubatama; ilaalchota akkanaatiif deebii akkamii qabdu mee?
Aadde Misraa: Finxaalessummaan sanyiifi amantii dahoo godhachuun qaxxaamuraan aangoo qabachuufi nageenya biyyaa waliindhahuuf kan kaayyeffateedha. Ilaalchi kun miira of tuulummaafi ana malee jedhuun kan guutame yoo ta’u, haala yeroo Itoophiyaa wallaaluun kan mudatuudha. Kana jechuun Itoophiyaan biyya sabaafi sablammiifi hordoftoonni amantiilee adda addaa keessatti argamtu ta’uushii amanuu dhabuurraa kan dhufuudha.
Kun ilaalcha darbe, kan olaantummaan saba tokkoo, afaan tokkoofi amantii tokkoo akka deebi’u kanneen abjootaniin kan dhufeedha. Jaarraa amma keessa jirru kanatti ilaalchi finxaalessummaa na malee jedhu eessayyuu kan nama hingeessisne waan ta’eef dura ilaalcha ofii sirreessuuf ofitti araaramuu; lammeessoommoo ilaalcha waalta’aa hunda hirmaachisu qabatanii socho’uun dirqama. Itoophiyaa jeeqaa kan jiru ilaalcha ana malee jedhu waan ta’eef kun farra tokkummaafi dimokraasii waan ta’eef cabuu qaba.
Bariisaa: Amantiifi siyaasni walqabatanii deemuu danda’uu?
Aadde Misraa: Hunduu dirree mataasaanii qabu. Ilaalcha siyaasaa barbaade qabaachuun ni danda’ama. Garuu humnaan namatti fe’uuf yaaluun alseerummaafi farra dimokraasiiti. Amantii barbaadan qabaachuunis ni dandahama. Ta’us kan ofii namatti fe’uuf yaaluun karaa amantii cubbuudha. Karaa seeraammoo yakka. Kanaaf ilaalcha namalee jedhu keessaa bahuufi dirreen siyaasaafi amantii gara gara akka ta’e beekuun barbaachisaadha. Ilaalchonni dirree wallaaluun maddan rakkoo nageenyaa uumuurra darbanii biyya diiguurra waan gahaniif adda baafachuun dirqama.
Bariisaa: Itoophiyaa akka biyyaatti itti fufsiisuuf ilaalchi tarkaanfichiisaan kan akkamiiti jettu?
Aadde Misraa: Garaagarummaan keenya miidhagina keenya isa jedhutti amanuu, miira namalee jedhu of keessaa cabsuun ilaalcha waloo cimsuufi waldhabdee jiru mariin furuutu mala.
Bariisaa: Waldhabdee furuuf araaraafi waraana keessaa kamtu furmaata jettu? Aadde Misraa: Araarri waldhabdee fura gaaga’ama dinagdee, lubbuun galaafatamuu, qe’eefi qabeenyarraa buqqa’uu hambisa. Waraanni garuu faallaa kanaati; nageenya booressa, dinagdee gaaga’a hariiroo waloo jeeqa. Kanaaf, mariidhaan waldhabdee furuun ammayyummaadha. Dhimma walabummaa biyyaatti bu’u taanaanimmoo waraanaanis ta’u duubatti hinjedhamu.
Bariisaa: Hariiroo naannoon keessan naannolee biroo wajjin qabu akka cimuuf maal hojjetaa jirtu? Keessumaa naannolee isin daangessan wajjin?
Aadde Misraa: Naannolee naannoo keenya daangessan wajjin dhimma waloorratti waliin hojjetaa jirra. Fakkeenyaaf dhimma misoomaarratti, nageenyarratti walkabajuufi waldandahuurratti hojiilee gaggaarii hojjenneerra. Ummata Hararii ummata Oromoorraa adda baasanii ilaaluun hindandahamu. Ummattoota kallatiilee gara garaatiin walkeessa jiraniidha.
Aadaadhaan, misoomaan, afaaniin, sirnootaafi aadaa waloorratti argamuun aantummaa waliin qaban agarsiisaa turaniiru; har’as ittuma jiru. Fakkeenyaaf ayyaana Iida Shawaalaa ummanni Hararii waggaa waggaan kabajurratti naannoleen ishee daangessan jila aadaafi aartiisaanii qondaaltotasaanii hirmaachisuun kabaja waliif qaban agarsiisu.
Warri Harariis sirnoota ummanni Oromoo kabajatu kanneen akka Irreechaarratti argamuun akka kan mataasaaniitti ayyaaneffatu. Kun aadaa waliin jiraachuufi walkabajuu kan agarsiisuufi cimuu qabuudha.
Bariisaa: Siyaasni Itoophiyaa keessatti gatii qabuufi bu’aa buusuu danda’u akkasumas jaarmiyaalee siyaasaa qixa waldorgomsiisuu dandahu kan akkamiiti?
Aadde Misraa: Siyaasni keenya kan gabaan barbaaduufi yaada mo’ataadhaan kan guutame ta’uu qaba. Yoo kun hintaane waan gabaan hinfeene fuudhanii gabaa bahuun dhamaatee baay’isuu, humna fixuun ala gatii hinbaasu. Biyyi keenya biyya sabaafi sablammiileen, afaan, aadaafi amantiilee gara garaa qaban keessa jiraatan hamma taatetti akkaataa hirmaannaasaanii qixa tajaajiluun nurraa eegama. Hundasaatiif natu beeka, naqofa ilaalchi jedhu hintarkaanfachiisu.
Bariisaa: Itoophiyaan waggoota sadii as weerara hawwaannisaatiin, tatamsa’ina koviid-19n, hongeefi waraanaan, dinagdeefi qorqalbiin lammiilee miidhamaa tureera. Rakkoon kun naannoo keessan dabalatee kutaalee Itoophiyaa gara garaa hubaa tureera. Lammiilee baraaruuf hojiileen gama kanaan hojjetaman akkamitti ibsamu?
Aadde Misraa: Egaa qormaatota Itoophiyaa hudhaa keessa galchaa turan keessaa rakkoon nageenyaa isa tokko. Kun naannoo keenyas qoraa kan ture ta’us leenjii sirnaa gaachana ummataa kennineen nageenyasaaf hunduu waardiyyaa nageenyaa ta’uu akka qabu hojii hojjetameen bu’aa guddaan galmaa’eera.
Hojiin nageenya eegsisuu kan poolisii ykn qaama nageenyaa qofa godhanii ilaaluun dogoggora ta’uu waan hubanneef qindoomina uumuun nageenya naannoo keenyaa eegsisaa turreerra; jirras.
Kanaaf, hawaasni naannoo Hararii galateeffamuu qaba. Hordoffii barbaachisu taasisuun nageenya naannawaasaa eeggachaa isa ilaalcha finxaalessummaa agarsiisuu fedhummoo seeratti dhiyeessaa nageenyasaa qabatamaan lafa qabsiifateera jechuun nidanda’ama.
Bariisaa: Rakkoo nageenyaa Itoophiyaa hubaa jiru keessaa daballiin gatii yeroorraa yerootti hammaachaa dhufuudha. Kanahoo akkamiin keessa bahaa jirtu?
Aadde Misraa: Gama kanaan qonnaan bulaan keenya galateeffamuu qaba. Wayita dhiyeessiifi fedhiin walmadaaluu didutti dadammaqiinsa taasisneen omishaaleesaa kallattiin fayyadamtootaaf akka dhiyeessu ofiis fayyadamummaasaa akka mirkaneeffatu taasisneerra.
Kunis wiirtuulee gabaa naannawa omishtoonni jiranitti hundeessuun gidduseentummaa daldaltoota seeraan alaa kutuun gabaa tasgabbeessuuf hojiilee guguddoon hojjetamaniiru. Daldaltoota seeraan ala gatii dabalaniifi omisha dhoksuun gatii gabaa qaalessuuf yaalanirrattimmoo hordoffii hawaasniifi humnoonni nageenyaa taasisaniin tarkaanfiileen gara garaa fudhatamaniiru; ammas ittuma jirra.
Akka naannoo keenyaatti koree teeknikii ijaarree chaanaalii telegiraamii banuun hordoffii walirraa hincinne taasisuun warreen gatii humnaa ol dabalanirratti tarkaanfii barsiisaan fudhatamaa tureera. Eeruu karaa telegiraamii kennamu kanaan eenyutu eessatti maal dalage? isa jedhuuf eeruu kannamuun hordoffii taasifamuun seermaleeyyii seeratti dhiyeessaa komii hir’isaa jirra.
Bariisaa: Qonnaan bulaan madda dinagdee keenyaati. Rakkoon qonnaan bulaa dinagdee biyyaa gaaga’uu waan danda’uuf hanqina dhiyeessii sanyii, guddistuu callaa (xaa’oo), farra aramaa yeroo ammaa komiin irratti ka’aa jiruuf furuurratti maaltu hojjetamaa jira?
Aadde Misraa: Komiin xaa’oon walqabatee ka’u olaanaadha. Gama kanaan sochii taasifameen guutummaatti ta’uu baatus qonnaan bultoonni muraasni akka argatan taasisneerra; ammas ittuma jirra.
Gama biraatiin xaa’oon kan alaa galu ta’uun walqabatee gatiinsaa humna qonnaan bulaatii ol waan ta’eef akkasumas fedhiifi dhiyeessiin waan walsimataa hintaaneef xaa’oo uumamaa ykn kompostii fayyadamuun akka omishu taasisaa jirra.
Ittifayyadamasaa ilaalchisees hojjettoonni misoomaa deeggarsa akka kennaniif kallattiin taa’ee hojiitti seenameera. Qonnaan bulaan hanqina dhiyeessiin miidhamuun biyyi miidhamuu waan ta’eef isaan humneessuuf xiyyeeffannoo kenninee hojjetaa jirra.
Bariisaa: Aadaan hirkattummaa roobaa akka hafuufi waggaatti al lama oomishuun aadeffatamuuf maaltu hojjatamaa jira?
Aadde Misraa: Aadaan waggaatti al lama omishuu xiyyeeffannoo argatee hinbeeku. Kunimmoo qonnaan bulaa keenya miidheera. Aadan kun akka gabbatuuf misoomni jallisii bishaan cim’isuu akka cimu ta’eera. Wayita rakkoon dhiyeessii numudataa turetti kan nuuf qaqqabaa ture aadaa jallisii waggaatti lama oomishuu jalqabameedha.
Namni tokko baankii bishaanii lamaa sadi qaba, aanaa tokko keessatti ‘ji’oomembireenii’ kuma saddeetii oltu jira. Kunimmoo waggaatti al lama omishuun akka danda’amu ta’eera. Kanumarraa ka’uun kuduraalee hedduun omishamanii gabaa tasgabbeessuu keessatti shoora olaanaa taphataniiru. Kanaaf galata qabu. Torbee torbeedhaan gabaaf dhiyeessaa jiru. Hongeen kanaan dura isa hubaa ture amma fooyya’eera.
Bariisaa: Naannoon keessan caalaatti daldala qilleensarraa jimaarratti kan bobbaheedha. Aadaan oomishtummaa midhaan nyaataa akka babal’atuuf waanti yaadame jiraa?
Aadde Misraa: Gama kanaan deeggarsi Yunivarsiitiin Haramaayaa taasisaa jiru olaanaadha. Qonnaan bulaan keenya oomisha jimaa cinaatti sanyii filatamaa midhaanota gara garaarratti akka bobba’uuf yunivarsiitichatti Dhaabbata Qorannoofi Qo’annoo Qonnaa Fadiisiifi Ministeera Qonnaa wajjin ta’uun hudhaa kana furaa jirra.
Fakkeenyaaf Dhaabbanni Qorannoofi Qo’annoo Qonnaa Fadiis sanyii midhaanii kanneen akka bishingaa, boqoolloo qamadiifi dinnicha qonnaan bulaaf dhiyeessuun hudhaa kana furaa dinagdee qonnaan bulaas cimsaa jira. Tattaaffii qonni magaalaa akka babal’atuuf taasifameenis jijjiiramoonni gorduubakoorraa maalan dhabe jedhu bu’aa akka buusu ta’eera. Ammas cimsinee irratti hojjetaa jirra.
Bariisaa: Kutaalee hawaasaa dinagdeedhaan hubamaa jiran keessaa dargaggoonni addadurummaan eeramu. Dargaggoonni kunneen hojidhabdummaarraa kan ka’e araadota gara garaatiif saaxilamaa waan jiraniif akka dinagdeedhaan of ijaaraniifi hirkattummaa jalaa bahan maaltu yaadame?
Aadde Misraa: Gama kanaan hamma tokko hojjenneerra. Garuu baay’ee nu hafa. Dargaggoonni utubaa biyyaa akkasumas gaachana gaafa xiiqii waan ta’aniif dinagdeesaanii fooyyessuufi araada hamileesaanii miidhuu danda’u jalaa baraaruun dirqama. Akka naannoo keenyaatti gama kanaan hojiin nu eeggatu olaanaadha. Kanaaf dhimma kana akka galtee gaariitti fudhannee irratti hojjenna.
Bariisaa: Ayyaanni Iida Shawwaalaa waggaa waggaan ummata Hararii biratti kabajamu ‘UNESCO’tti akka galmaa’uuf sochiin taasifamaa jiru maalirra jira. faayidaansaa hoo maali?
Aadde Misraa: Ayyaanni kun har’a kan eegalame osoo hintaane ummata Hararii biratti aadaa umrii dheeraa qabuudha. Aadaan kun duudhaafi sirnoota gara garaa addunyaaf fakkeenya ta’an turistii hawachuun madda galii ta’uu danda’uudha.
‘UNESCO’tti galmaa’uunsaa madda galii hawwata turistiirraa argamsiisuu qofa osoo hintaane ummatichi ummata jaalalaa ta’uu, duudhaa waraabamee hindhumne qabaachuufi aadaa irraa baratamuu danda’u addunyaaf gumaachu waan qabuufi. Yeroo ammaattis ulaagaalee ‘UNESCO’tti isa galmeessisuu dandeessisu kan guutu ta’uu qorannoodhaan mirkanaa’ee ergameera. Akka qorannoo dhiyaateetti bara 2016 keessa hambaalee ‘UNESCO’ dabalataa Itoophiyaan galmeessistu ta’a jedhamee abdatama.
Bariisaa: Kabajamtuu Pirezidaantii Ittaantuufi Ittigaafatamtuu Biiroo Qonnaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii Aadde Misraa Abdallaa beellama yeroo gabaabaatiin turtii nu wajjin taasistaniif maqaa kutaa Qophii Gaazexaa Bariisaatiin galatoomaa jenna.
Aadde Misraa: Isinis galatoomaa!
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 6 Bara 2014