Itoophiyaan Maalaawit Misir wajjin taphatti

Finfinnee: Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 34ffaan ALA Waxabajjii 23 hanga Adoolessa 23 bara 2023 magaalota Kotidivaar shan, Istaadiyoomota jahatti adeemsifama jedhamee eegama. Walmorkichaaf biyyoonni Afrikaa 48 ramaddiiwwan adda addaatiin tapha gulaalaa taasifachaa jiru.

Ramaddii “D” keessatti kan argaman Itoophiyaafi Misir tapha gulaalaa kana Itoophiyaatti adeemsifachuof osoo qophaa’aa jiranuu Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa “CAF” sababii istaadiyoomonni Itoophiyaa sadarkaa biyyoolessaa hinguutan jechuun hineeyamneef.

Haaluma kanaan koreen raawwachiiftuu hojii Federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa walga’ii dheengadda adeemsifatteetti taphin kun magaalaa guddoo Maalaawii, Liiloongiwee istaadiyooma Biinguutti taphachuuf murteesseera.

Mootummaafi federeeshiniin kubbaa miilaa Maalaawiis gaafii federeeshina kubbaa miilaa Itoophiyaa kana fudhachuudhaan fedhiisaa waan muldhiseef Itoophiyaan tapha gulaalaa kana Caamsaa 29 bara 2022 Misir wajjin taasifatti.

Walmorkii kanaaf taphattoota 25 of keessatti kan hammate gareen kubbaa miilaa biyyaalessaas (Waaliyaan) shaakala qophaa’aa jiraachuu federeeshinichi muldhiseera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 6 Bara 2014

Recommended For You