Waldaa Dargaggoota Caffee Hojii Gamtaa Waliigalaa: Gurmuu ka’umsumarraa faayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jiru

Waldaan Dargaggoota Caffee Hojii Gamtaa Waliigalaa Dilbata darbe yaa’ii waliigalaa isaa tokkoffaa Finfinnee, Galma Hoteela Dijamootti adeemsiseera.

Yaa’icharratti gabaasni odiitii waldichaa Caamsaa bara 2012 hanga Waxabajjii 2013tti jiruufi raawwiin hojii waliigala waldichaa dhiyaateera. Yaa’ichi bakka hoggantoonni Ejensii Hojii Gamtaa Federaalaa, Ministeera Manneeniifi Misooma Magaalaa, Ejensii Hojii Gamtaa Finfinneefi hojigaggeessitoonni olaanaa waldichaafi miidiyaaleen gara garaa argamanitti kan adeemsifame yoo ta’u, gabaasa odiitiifi raawwii hojii waldichaa dhiyaaterratti marii bal’aan adeemsifameera.

Pirezidaantiin waldichaa Sanyii Iddashuu akka jedhutti, waldichi Caamsaa 29 bara 2012 miseensota 150n sadarkaa Federaalaatti kan hundaa’e yoo ta’u, yeroo ammaa miseensota kuma 11fi 700 oliifi kaappitaala waliigalaa qarshii miiliyoona 300 ol horateera. Waldichi qarshii miseensotasaarraa walitti qabeen hojiilee galii argamsiisan gara garaa hojjechuudhaan galii qarshii miiliyoona ja’aafi kuma 319fi 535 walitti qabateera.

Waldichi oomishaalee kuduraafi muduraa, midhaanota akaakuuwwan gara garaa, yeroo ayyaanaatti ammoo hoolota, re’ootaafi buuphaa gatii madaalawaan qonnaan bultootarraa bitee gabaa Finfinneetiif dhiyeessuun gatii gabaa tasgabbeessaa jira kan jedhu Sanyiin, waldichi oomishaalee gara garaa qonnaan bultootarrraa bitee gatii madaalawaan gabaa Dilbataa Magaalaa Finfinneetti adeemsifamurratti hirmaachuun qonnaan bultootas ta’e hawaasa fayyadamoo taasisuuf hojjechaa jira. Waldaan hiyyummaafi hojdhabdummaa hir’isuuf hojjechaa jiru kun yeroo ammaa dhaabbiidhaan dargaggoota 175 oliif carraa hojii dhaabbii kan uume ta’uus himeera.

Waldichi hojiilee nageenyaa, eegumsa naannawaa, tola ooltummaafi deeggarsa taasisuurrattis bal’inaan hirmaachaa jira. Waldichi bu’aaf utuu hintaane tajaajila hawaasaa mirkaneessuu ajandaa duraa taasifatee irratti hojjetaa jira. Miseensotasaatiif mana jireenyaa ijaaruun mul’ata waldichaa ta’uufi hojii kanas qaamolee moorummaa dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu pirezidaantiin waldichaa himeera.

Waldichi hanga liigii Hojii Gamtaa hundeessuutti ni hojjeta kan jedhu Sanyiin, waldichi sadarkaa biyyaatti utuu hintaane sadarkaa Afrikaafi addunyaatti dorgomaa cimaa ta’uuf hojjechuufi yeroo diinonni nu cabsuuf sadii tarkaanfatan nuti ammoo dachaan baay’ifnee ja’a tarkaanfachaa jirra kan jedhu Sanyiin, waldichi yaa’iisaa waliigalaasaa miseensota hunda hirmaachisu dhiyeenyatti Finfinneetti kan qopheessu ta’uus himeera.

Daarektarri kominikeeshinii waldichaa Taammanaa Mulugeetaa raawwii hojii waliigalaa waldichaa hanga ammaatti jiru wayita dhiyeesse akka jedhetti, waldichi miseensotaafi kaappitaalasaa guddisuu, mana jireenyaa miseensotasaaf ijaaruu, horii furdisuu, omishaalee gara garaa gatii madaalawaan qonnaan bultootarraa bitee gabaa Finfinneef dhiyeessuun gatii gabaa tasgabbeessuu, dargaggootaaf carraa hojii uumuufi dinagdeesaanii guddisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Waldaan ‘Abbaa Mul’ataa’ Dargaggoo Sanyii Iddashuu dabalatee miseensota 150n kan hundaa’e kun yeroo ammaa miseensota kuma11fi 55 horateera. Sheerii miseensonni waldichaa 170 bitatanirraa qarshiin miiliyoona tokkoofi kuma 698fi 500 walitti qabameera. Miseensi waldichaa tokko sheerii qarshii kuma 10 kan waggaa tokko keessatti kaffalamee xumuramu kan bitatu ta’uus himeera.

Waldichi yeroo ammaa Finfinneefi godinaalee Oromiyaa gara garaatti giddugala gabaa 12 kan qabu yoo ta’u, godinaalee Oromiyaa adda addaatti waajjiraalee 11, Kamiseetti waajjira tokko, Affaar, Awaash Sabaattitti waajjira tokko, Finfinneetti waajjiraalee 11 waliigalatti waajjiraalee 27 banatee hojjechaa jira.

Waldichi tajaajila hawaasummaarrattis hirmaatee hojiilee misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaniifi rakkoolee hawaasummaa furan hedduu sadarkaa mootummaa Federaalaafi naannootti hojjechaa tureera. Kana malees hojiilee misooma qarqara lagaa, biqiltuu dhaabuufi namoota rakkatan deeggarsa gara garaa taassisuurratti bal’inaan hirmaatee hojjechaa jira.

Hogganaa Ittaanaan Komishinii Hojii Gamtaa Federaalaa Obbo Abdii Muummad akka jedhanitti, Waldaan Dargaggoota Caffee Hojii Gamtaa Waliigalaa hundaa’ee waggaa tokkoofi ji’a saddeet keessatti jijjiirama guddaa agarsiiseefi waldaa utuu hindhalatin guddateedha. Waldichi kutaalee magaalaa Finfinnee adda addaa keessatti oomishaalee gara garaa kuduraaleefi muduraalee akkasumas midhaanota gosa gara garaa dhiyeessuudhaan gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Waldichi rakkoolee hawaasaa furuu, biqiltuu dhaabuufi dhimma nageenyaarrattis hojiilee gurguddoo raawwateera.

Milkaa’ina waldichaaf bu ‘uurri cimaan kutannoon hojjechuufi amanamummaa hogganaan waldichaa miseensota biratti qabuudha. Waldichi gara fuulduraatti hojiilee bu’a qabeessa kana caalu hojjechuu akka danda’u ta’uu jalqabbii hojiisaarraa hubachuun ni danda’ama jedhu.

Waldichi fedhii miseensotaa guutuufi rakkoolee miseensotasaa furuurratti xiyyeeffatee hojjechuun caalaatti beekamuufi fakkeenya gaarii ta’uuf daran cimee hojjechuu akka qabu yaadachiisanii, waldichi mul’ata guddaa qabu bira ga’uuf hojii caaluuf of qopheessuu qaba. Odiitiifi hojiin waliigalaa waldichaa dhiyaates rakkooleefi ciminoota waldichaa adda baasuun rakkoolee mudatan furuufi ciminoota jiran caalaatti itti fufsiisuuf akkasumas amanamummaa, iftoominaafi sadarkaa waldichi irra jiru agarsiisuuf kan gargaaru ta’uufi komiishinichi waldicha gama hundaanuu kan deeggaru ta’uu himaniiru.

Odiitarri Komiishinii Hojii Gamtaa Federaalaa Obbo Habtee Taklaab gabaasa odiitii waldichaa wayita dhiyeessan akka jedhanitti, qabiinsi herreega qarshii galiifi baasii waldichaa fayya qabeessa. Baasiifi galiin waldichaa ragaa qabatamaa qaba. Waldichi hojiilee eegumsa naannawaa, dhimmoota nageenyaa akkasumas deeggarsa hawaasummaa adda addaa taasisuudhaan dirqama lammummaasaa kan bahate ta’uu odiitii taasifneen adda baafneera. Waldichi ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa milkeessuuf qarshii miiliyoona 40n boondii kan bite ta’uus eeraniiru.

Waldichi hanga Waxabajjii 30 bara 2013tti maallaqa callaa kan baankiifi harka jiru qarshii miiliyoona torbaafi kuma 516fi 531.61 kan qabu yoo ta’u, qabeenya waliigalaa qarshii miiliyoona 10fi kuma 865fi 033.08 kan qabu ta’uu ragaalee argannerraa mirkaneeffanneerra jedhu.

Waldichi sheerii miseensotaaf akkawontii haaraa banuunsaas akka qaama cimaatti kan fudhatamu ta’uu himanii, waldichi hojiilee bal’aa raawwachaa waan jiruuf sirna kaffaltiisaa baankii waliin walitti hidhuu akka qabuufi hojii kana caalu hojjechuuf ammoo duubdeebii odiitaroonni kennan akka galteetti fudhatee hojiirra oolchuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Ministeera Manneeniifi Misooma Magaalaarraa keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman Obbo Taaddasaa Kabbadaa akka jedhanitti, waldaan dargaggootaan hundaa’e kun dargaggoota dinagdeen cimsuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Waldichi hundaa’ee waggaa lama utuu hinguutin hojiilee raawwateefi bu’aalee argamsiiseen galateeffamuu qaba.

Waldichi miseensotasaa qofa utuu hintaane hawaasas fayyadamoo taasisaa jira. Gabaasni odiitii waldichaa odiitaroota alaatiin adeemsifameefi dhiyaates hojiilee waldichi raawwateefi galiifi baasiin waldichaa ragaa qabatamaarratti kan hundaa’e ta’uu agarsiisa. Mul’anni waldichaa guddaadha, nutis hojii waldichi hojjechaa jiru ni deeggarra jedhan.

Hojiilee waldichi waggaa lama keessatti gama miseensota horachuu, galii argamsiisuu, gatii gabaa tasgabbeessuufi tajaajiloota hawaasummaa mirkaneessuutiin hojjete baay’ee gaarii ta’uu himanii, waldichi miseensotasaarra darbee hawaasas tajaajilaa jira. Waldichi mul’ata miseensotasaatiif mana jireenyaa ijaaruu jedhu guddisuudhaan magaalaa keessaa ba’ee ganda ‘Caffee’ jedhu ijaaruun lammiilee biroonis akka mana jireenyaa argataniif hojjechuu qabu yaadachiisanii Ministeerri Manneeniifi Misooma Magaalaas waldichaaf deeggarsa barbaachisu kan taasisuuf ta’uu eeraniiru.

Gaggeessaan Garee Odiitii Ejensii Hojii Gamtaa Finfinnee Obbo Asfaawu Indaalaa akka jedhanitti, waldaalee baay’een hundaa’anii waggaa tokkoffaa keessa kisaaraadhaan socho’u. Waldaan Caffee Hojii Gamtaa Waliigalaa garuu bu’aadhaan hojiisaa jalqabe. Waldichi waldaalee biroodhaaf fakkeenya gaarii ta’a. Waldichi bu’aa argatu caalaa tajaajila hawaasaa mirkaneessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa waan jiruuf waldaalee birootiif fakkeenya gaarii ta’a jedhu.

Hirmaattonni yaa’ichaa akka jedhanitti, pirezdaantiin waldichaa kufee ka’uu waan itti beekuuf rakkoo kamiifu utuu hinjilbeenfatin injifannoo caaluuf nama hojjetuudha. Hojiileen hanga ammaatti raawwataman harki caalaan pirezdaantii waldichaatiin kan hojjetaman ta’uufi pirezdaantichi yeroo ammaa koreewwan adda addaa of jalatti hundeessuun hojii waldichaa kutannoo cimaan hojjechaa waan jiruuf ammaan booda humni waldicha duubatti deebisu hinjiru jedhu.

“Waldichi nu bakka bu’ ee rakkoo mana jireenyaa keenya furuuf hojjechaa jira” kan jedhan hirmaattonni yaa’ichaa, mootummaanis lafa mana jireenyaafi hojii kennuudhaan waldicha deeggaruu akka qabu gaafataniiru. Deeggarsa mootummaan hanga ammaatti waldichaaf taasiseef galateeffachuun gara fuulduraattis cimsee akka ittifufuuf gaafataniiru.

Waldaan mul’ataafi karoora guddaa qabuufi rakkoolee miseensotasaas ta’e hawaasaa furuufi fedhiisaanii guutuuf hojjechaa jiru kun gara fuulduratti dameeleesaa bakka hundatti babal’isuun hojii kana caalu kan hojjetu ta’uus eeraniiru.

Gabaasni odiitii nama alaatiin taasifamuun yaa’ichaaf dhiyaate galiifi baasii akkasumas hojiilee gurguddoo raawwataman ifatti lafa mul’isuun sadarkaa waldichi irra jiru agarsiiseera. Gabaasa odiitii dhiyaates sagalee guutuudhaan raggaasisaniiru. Gabaasichi miseensota waldichaa hunda bira utuu ga’ee gaariidha jedhu. Deeggarsa mootummaan hanga ammaatti waldichaaf taasise galateeffachuun garafuulduraattis cimsee akka itti fufuuf gaafataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 6 Bara 2014

Recommended For You