Ayyaanni jijjiirraa baraa Sidaamaa Fiichee Cambaalaalaa Ebla 22 bara 2014 Magaalaa Hawaasaatti sirna ho’aadhaan kabajamee ooleera. Gaafa sanarraa kaasee ammoo guyyoota 15f sagantaalee garagaraatiin kabajamaa tureera. Wiixata darbees sadarkaa federaalaatti bakka dhalattoonni naannichaafi saboonni obbolaa biroo argamanitti sirna ho’aadhaan Finfinnee, Paarkii Michummaatti kabajameera.
Sirnicharratti anga’oonni mootummaa, ayyaantuuwwan, abbootii Gadaafi keessummoonni waamichi taasifameef kan argaman yoo ta’u, akkuma aadaa warra Sidaamaa gaafa bara moofaa fixanii haaraatti ce’an hulluuqqoo keessa hulluuqan, anga’oonnis gaafa bakka kabaja ayyaanichaa ga’aan hulluuqqoo keessa hulluqaniiti bakka isaaniif qophaa’ee kan taa’an.
Akkasumas akkuma Oromoon sagantaa kamuu eebbaan eegalu, warri Sidaamaas sagantaasaanii eebbaan eegalu. Kan adda taasisu abbootiin Gadaa dhaabatanii Ayyaantuuwwan Sidaamaammoo quphananii eebbisu. Warri Sidaamaa kabaja namaaf qaban irraa hubachuun salphaadha. Gaafa sagantaan akka eebbaan eegalamuuf abbootiin Gadaafi ayyaantuuwwan waltajjitti ba’an, ayyaantuuwwan “abbaan biyyaa, abbaan lafaa isini, mana keessanitti isintu dura eebbisa jechuun abbootiin Gadaa akka dursanii eebbisan kennaniiruuf.
Nutis walkabajuu, waljaalachuufi dhiifama walii gochuun kan beekamu ayyaanni kun dargaggoota biratti akkamiin ilaalama, duudhaa kana ittifufsiisuuf hoo keessumaa dargaggoonni maal gochuu qabu kan jedhurratti dargaggoota Sidaamaa Ayyaana Fiichee Cambaalaa Finfinneerratti hirmaatan tokko tokko dubbisneerra.
Shamarree Natsaannat Alamaayyoo dhalattuu Sidaamaa yoo taatu, Yunvarsiitii Finfinneetti, barattuu Maanaajimantii waggaa sadaffaati. Isheenis ayyaana jijjiirraa baraa saba Sidaamaa, Fiichee Cambalaalaa kabajuuf Finfinnee, Paarkii Michummaatti argamte.
Sabichi dhahaa ykn kaalaandarii Itoophiyaa dursee bara 2015 akka simate eertee, ayyaanichi dhaloota ammaa duudhaa, aadaafi eenyummaa ummatichaa sirriitti kan barsiisu ta’uusaatiin waltajjiin akkanaa qophaa’uun gaarii ta’uu ibsiti.
“Nuti yommuu ayyaanicha kabajuuf Paarkii Michummaa dhufnu, ayyaana Sidaamaa kabajuu dhufnus Itoophiyaanota. Kanaaf wanti nuti calaqqisiisuu qabnus waan tokkummaa Itoophiyaa cimsuudha. Dargaggoota saboota biroo waliin ta’uun Itoophiyaaf hojjechuufi misoomsuu akkasumas ijaaruutu nurra jiraata.
Yeroo ammaa humnoonni garagaraa tokkummaa biyyattii diiguuf tattaafachaa kan jiran yoo ta’u, keessumaa warreen baratan, isa baratan haaluma barataniin hojiirra oolchuu malee ilaalcha amantiifi sabaan yoo deemame biyya guddisuun hindanda’amu” jetti.
Biyyattii sadarkaa olaanaarra qaqqabsiisuuf dirqama hunduu harka walqabachuufi warri barates akka nama barateetti Itoophiyaanummaa calaqqisiisuu akka qabu hubachiisti. Baratoonni yunvarsiitiis adeemsa baruu barsiisuu mooraasaanii keessatti adeemsifamu cinaatti tokkummaasaanii cimsachuu akka qaban dubbatti. Kana jechuun garuu sabummaa calaqqisiisuuf osoo hintaane biyya misoomsuuf ta’uu akka qabu ibsiti.
Ayyaanicharratti dhalattoota Sidaamaa Yunvarsiitii Finfinnee barataa jiran qofa osoo hintaane, hiriyyoonnisaanii saba biraallee gamtaadhaan dhufuu kan dubbattu Shamarree Natsaannat, kunis tokkummaa kan agarsiisuu ta’uufi fuuldurattillee cimee ittifufu kan qabu akka ta’e kaasti.
Dargaggoonni Sidaamaa dura gaaffii eenyummaan walqabatee naannoo ta’uuf gaafataa turan deebi’uufii ibsitee, ammammoo naannichi misooma barbaada, dargaggoonni hojiirratti bobba’uu fedhu; kun gaaffii dargaggoo Sidaamaa wayita ammaa waan ta’eef mootummaan deebii akka kennu gaafatti. Kun akka ta’uuf immoo dargaggoonni nageenyi naannoosaanii akka hinboorofneef waardiyyaa ta’anii dhaabachuu akka qaban, keessummaa warreen baratan warra kaan barsiisuu akka qaban dhaamti.
“Akkasumas, aadaa walkabajuufi waljaalachuu abbootiin nu dhaalchisan fudhachuun hojiirra oolchuu qabna. Wantoota miidiyaa hawaasummaarratti barreeffaman ykn jette jettee dhaggeeffachuu osoo hintaane odeeffannoo sirrii, qaama sirriirraa fudhachuun nageenya biyya keenyaa mirkaneessuu qabna” jetti.
Dargaggoo Habtaamuu Hayiluus Naannoo Sidaamaa, Magaalaa Hawaasaarraa ayyaanicharratti hirmaachuuf Finfinnee dhufe. Innis uffata aadaa naannichaatiin daran miidhagee utuu fuula gammachuutiin ayyaanicha kabajuuti kan arginee dubbisne.
Akka inni jedhutti ayyaanicha torban lama dura Magaalaa Hawaasaatti sirna ho’aafi miidhagaadhaan kabajaniiru. Ayyaanni Finfinneetti taasifamemmoo obboloonni Sidaamaa Hawaasaatti ayyaanicharratti argamuuf carraa hinarganne, jaalala obbolummaa sabichaaf qaban ittiin mul’isuuf yaadamee kan qophaa’edha. Kana malees, ummanni Sidaamaa aadaasaa miidhagaa namoota Finfinneefi naannawashee jiraatanitti akka mul’isuuf waltajjii guddaa ta’ee tajaajila.
“Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa ibsama jaalalaati. Hunda hammataadhaas. Yoo kan waldhabe jiraatellee kan walitti araarsuudha. Ayyaanicha adda kan taasisu gaafa waggaatti dhufu yoo nama gaddisiiste qabaatte utuu dhiifama hingaafatiin hinkabajju. Dhiifama walii gooteetu jaarsoliirraa eebba fudhatta. Kana malees, kan beela’e kan itti nyaachifamu, kan daare daara itti ba’uudha. Waliigala ayyaanichi addaddummaa dhiphisuun tokkummaa kan cimsuudha” jedha.
Duudhaan kun dhalootarraa dhalootatti daddarbaa har’a kan ga’e ta’uus eeree, dargaggoonni har’aammoo imaanaa abbootiisaaniirraa fuudhan kana kunuunsuun dhaloota ittaanuuf dabarsuu akka qaban dubbata. Keessumaa ammayyuummaadhaan osoo hingowwamfamiiniifi hindagatiin duudhaa abbootii hordofuun duudhaa kana jaalalaan itti fufsiisu akka qaban kaasa.
Gaafa Fiichee Cambaalaalaan kabajamu dhalattoota Sidaamaa qofa osoo hintaane obboloonni sabichaa biroonis baay’inaan akka irratti hirmaatan kan eeru Dargaggoo Habtaamuun, saboonni biroos gaafa ayyaanasaanii kabajatan, fakkeenyaaf Oromoon gaafa Irreecha kabaju Sabni Sidaamaa irratti akka hirmaatu ibsa. Inni kunimmoo jaalala cimsuun miirri obbolummaa, tokkummaafi walkabajuu akka dagaagu kan taasisuufi haala Itoophiyaanummaa calaqqisuun kan kabajamu ta’uullee ni ibsa.
“Ayyaanicha Hawaasaarra darbee dhufanii Finfinneetti kabajuun akka ayyaana obbooleessa ykn obboleettii biratti kabajuu deemteetti akka sitti dhaga’amu godha. Akka waan mana keenya biraatti kabajaa jirruutti ilaalle malee miirri keessummummaa nutti hindhaga’amne. Gaafa obboloonni keenya saba biraafi jiraattonni Finfinnee uffannaa keenya jaalatanii nu waliin suura ka’an miirri namatti dhaga’amu waan addaati. Kanaaf Finfinneerratti kabajamuun gammachuu nuu kennuun caalaatti hiika olaanaa kan qabuudha” jedha.
Sidaamaan dhiheenya naannoo kan taate ta’uu kan yaadatu dargaggoon kun, ummata naannichaaf keessumaa gaaffiin eenyummaa deebii kan argateef ta’u ibsa. Kanaa boodammoo keessumaa misoomni naannichaa akka si’atu, dargaggoonni osoo humnaafi dandeettii qabanii hojii malee taa’an akka hojitti seenan taasisuu, bu’uuraalee misoomaa barbaachisan guutuun hojmanee mootummaa isa ijoo ta’uu kaasa.
Naannichi naannoo haaraa ta’uusaatiin wayita ammaa nageenyi fooyya’aan kan keessa jiru ta’uu kan kaasu Dargaggoo Habtaamuun, gaaffii misoomaafi hojii dargaggootaa deebsiuuf haalli mijataa waan jiruuf irratti xiyyeeffatamuu akka qabu dhaama.
Walumaagala dargaggoonni wayita ammaa keessumaa nageenyi biyyattii akka mirkanaa’uuf duudhaa abbootiisaanii ganamaatti deebi’uun barbaachisaadha. Sababnisaa aadaafi duudhaa saba kamuu keessatti waldhabdee, jibba, badiifi miidhaa kan jajjabeessuu hinjiru; kan nageenya, waljaallachuu, walii yaaduu, waldeggaruufi waliin jiraachuu jajjabeessu malee. Kanaaf waan miidiyaa hawaasummaarra deemu ilaalanii jibba babal’isuurra hunduu duudhaa abbootii ganamaatti utuu deebi’ee gaariidha jenna.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 6 Bara 2014