Itoophiyaan biyya saboonniifi sablammoonni hedduu amantii, afaan, aadaa, seenaafi duudhaa garagaraa qaban waldanda’anii keessa jiraatanidha. Tokkummaan ummattoota biyyattiis baroota dheeraaf ibsama biyyattii ta’eera.
Yeroo dhihoo as garuu qaamolee “Anatu siif beeka” jedhaniin tokkummaa ummattootaa gidduu rakkoon addaddaa uumamaa tureera. Kanaanis sabootaafi hordooftoota amantii barootaaf waliin jiraatan abiddaafi cidii taasisuuf hojiin hojjetame salphaa miti.
Kanaaf ammoo taateedhuma tibbana amantii fakkeessuun Naannoo Amaaraa Magaalaa Gondaritti raawwatame ilaaluun ga’aadha. Ka’umsa sanaan hordoftoonni Amantii Islaamaafi Kiristaanaa akka walgaareeffataniif shirri olaanaa xaxamuus tokkummaan ummatichaa hundeensaa cimaa waan ta’eef diinoonni milkaa’uu hindandeenye.
Kana jechuun garuu miidhaan tokkoyyuu hinqaqqabsiisne jechuu miti. Lammileen nagaa du’aniiru, mada’aaniiru, qabeenyis bakka garagaraatti manca’eera. Ka’umsa kanaan Ayyaanni Iid Alfaxiir 1443ffaan Finfinneetti kabajamellee kaayyoon isaa biyyaafi ummata diiguu ta’us tasgabbii ummata Rabbi sodaatu; Islaamootaan fashalaa’eera.
Kanaan walqabatee qaamoleen dubbichaan hidhata qabu jedhaman qabamanii qorannoon irratti taasifamaa kan jiru yoo ta’u, mootummaanis qaamolee kanneenirratti tarkaanfii barbaachisu fudhachuu akka qabu lammileen gaafataa jiru.
Mootummaanis nageenya magaalichaafi tokkummaa hawaasaa cimsuun olaantummaa seeraa akka mirkaneessu kan ibse yoo ta’u, kana taasisuuf garuu hirmaannaan ummataallee cimuu akka qabu hubachiisa.
Humnoonni biyya keessaafi alaa nageenya ummattoota biyyattii diiguufi tokkummaa hawaasichaa bittinneessuuf yaalan jiraachuu kan ibse mootummaan, hawaasni mootummaa cinaa dhaabbachuun olaantummaa seeraa kabachiisuufi humnoota badii kanneen to’annoo jala oolchuuf tumsuu akka qabus dhaameera.
Ummanni olaantummaan seeraa akka mirkanaa’u hawwus qaamolee badii hojjetan kanaaf da’oo ta’uu kan hinqabne yoo ta’u, haala kam keessattiyyuu mootummaa cinaa hiriiruun yakkamtoota seeratti dhiheessuuf gahee lammummaasaa ba’achuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Ebla 29 Bara 2014