Finfinnee: Shaampiyoonaan Ispoortii Dargaggoota guutuu Oromiyaa marsaa duraa Kibxata dhufu Istaadiyoomii Shaashamanneetti jalqabama.
Shaampiyoonaan yeroo jalqabaatiif koree Olompikii Oromiyaatiin qophaa’e kun godinaaleefi bulchinsota magaalota Oromiyaa hunda gidduutti kan adeemsifamu ta’uu Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaa beeksiseera.
Biirichatti Daarektara Hirmaannaafi Dorgommii Ispoortii Obbo Mokonnon Baqqalaan ibsa dheengadda Gaazeexaa Bariisaaf kennaniin, shaampiyoonichi korniyaawwan lameeniinuu akaakuwwan ispoortii 15: kubbaa miilaa, kubbaa Saaphanaa, kubbaa Kachoofi Harkaa dabalatee kanneen mana keessatti gageeffaman 11n adeemsifama. Shaampiyoonicharratti miidhamtoonni qaamaa irratti kan hin hirmaanne ta’uus eeraniiru.
Godinaaleefi bulchisonni magaalootaa hundi dursanii sadarkaa gandaarraa kaasanii dorgommiiwwan gageessuudhaan taphatoota isaan bakka bu’an filatanii qophaa’usaanii himanii, Shaampiyoonicharratti kan hirmaatan dargaggoota umrii 20 gadi qofa ta’uufi godinaaleefi bulchiinsonni magaalotaa taphattoota umrii jedhameen oliin dorgommicharratti hirmaatan fudhatama waan hinqabnee dursanii umrii ispoorteesitoota isaanii qorachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
S h a a m p i y o o n i c h a r r a t t i ispoorteessitoonni kuma sadii ol kan hirmaatan ta’uu himanii, shaampiyoonaa guyyoota kudhaniif adeemsifamu kun rakkoo tokko malee jalqabamee akka xumuramuuf koreewwan adda addaa hundaa’anii qophiilee barbaachisan xumuraniiru. Shaampiyoonichi dargaggoota naannicha bakka bu’anii tapha guutuu Itoophiyaa ji’a dhufu adeemsifamurratti hirmaatan filachuuf kan gargaaru ta’uus himaniiru.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 29 Bara 2014