Keessummaan keenya maxxansa kanaa Pirezidaantii Yunivarsiitii Bulee Horaa Doktar Caalaa Waataa yoo ta’an gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa isaan waliin dhimmoota gara garaarratti taasise akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Bariisaa: Hojiilee Yunivarsiitiin Bulee Horaa keessumaa tajaajila hawaasaa mirkaneessuuf raawwatame maalfaadha?
Doktar Caalaa: Yunivarsiitiin Bulee Horaa akkuma dhaabbilee barnootaa olaanaa biroo ergamoota itti kenname fudhatee haalaan hojjechaa jira. Baruu barsiisuu, qorannoo adeemsisuufi tajaajila hawaasummaa mirkaneessuun ergamoota yunivarsiitota hundatti kennamaniidha.
Yunivarsiitonni yeroo ammaa toora xiyyeeffannootiin adda bahanii ramadamanii jiru. Haaluma kanaan Yunivarsiitiin Bulee Horaa Yunivarsiitii Waliigalaa (Comprehensive) jedhaman keessatti ramadameera. Yunivarsiitonni ramaddii kana keessatti ramadaman ergamoota sadan (baruu barsiisuu, qo’annoofi qorannoofi tajaajila hawaasaa kennuu) yunivarsiitonni Itoophiyaa keessatti argaman hundi kanaan dura qabatanii deeman cimsanii kan itti fufsiisan ta’u. Yaadrimeen tajaajila hawaasummaa yeroo ammaa gara hirmaannaa hawaasaatti jijjiiramuun tarsiimoofi sanadi qophaa’ee gara hojiitti galamaa jira.
Kanaan dura tajaajila hawaasaa gaafa jedhamu yunivarsiitiin qofti dirqamasaa fudhatee tajaajila hawaasaaf kenna jedhamee yaadamaa ture. Yaadrimeen kun yeroo ammaa gara hawaasa hirmaachisuutti jijjiirameera. Hawaasni tajaajila yunivarsiitiin tokko kennu qofa guddachuufi jijjiiramuu hindanda’u. Kanaafuu hawaasnis guddina yunivarsiitii keessattis hirmaachuu qaba, yunivarsiitiinis guddina misooma hawaasaa keessatti hirmaachuu qaba. Misoomniifi jijjiiramni dhufuu kan danda’u qaamoleen lamaan walitti dhufanii wajjumaan yoo hojjetaniidha.
Yunivarsiitiin Bulee Horaa yaadrimee tajaajila hawaasummaa duraatiin hojiilee tajaajila hawaasaa mirkaneessan hedduu raawwateera. Carraa hojii uumuun tajaajila hawaasaa yunivarsiitichi kennu keessaa isa tokko yoo ta’u, gama kanaan dargaggoota hedduuf carraa hojii bal’aa uumeera. Waldaaleen IMX 120 ol yunivarsiitichatti carraa hojii akka argatan taasisuun jiruufi jireenya dargaggootaa jijjiiruu keessatti gahee guddaa taphateera; taphachaas jira.
Dargaggootaafi hoggantoota mootummaa keessumaa sadarkaa aanaaleefi bulchiinsa magaalotaatti jiran carraa barnootaa tolaa ykn Iskoolaarshiippii “Bariisoo Dukkallee” akka argatan taasiseera. Bariisoon bara dargaggummaasaatti karoora misoomaafi jijjiiramaa baasee utuu hojjetuufi hawaasa tajaajiluu nama lubbuunsaa darbeedha. Iskoolaarshiippiin kun hoggansi ammaas seenaa Bariisoorraa barachuudhaan hannaafi saamicharraa of qusatee hawaasa akka tajaajilu taasisuuf qophaa’e. Iskoolaarshiippiin kun bara 2011 kan jalqabame yoo ta’u, yeroo ammaa namoonni 500 ol iskoolaarshiippii argatanii sadarkaa digrii tokkoffaafi lammaffaatiin barachaa jiru.
Namoonni iskoolaarshiippii kana argatanii marsaa tokkoffaafi lammaffaatiin eebbifaman hedduun yeroo ammaa sektaroota gara garaa hogganaa akkasumas bulchaa aanaaleefi magaalotaa ta’anii tajaajilaa jiru. Iskoolaarshiippiin kun dargaggoonni hojii misoomaafi bulchiinsaa keessatti ga’umsaan hirmaachuudhaan hawaasa akka tajaajilan taasisaa jira.
Yunivarsiitichi barnoota torbanii bakkeewwan gara garaatti banuudhaan carraan barnootaa akka babal’atu taasiseera; barnoonni kun qulqullina akka qabaatuufis irratti hojjechaa jira. Gara fuulduraatti qormaanni ba’umsaa (‘Exit Exam’) akka jiraatu waan murtaa’eef barattoonnis of ga’oomsanii ba’uuf qophii barbaachisu taasisuu qabu. Yeroo ammaa hawaasni hojii yunivarsiitichi hojjetu keessatti akka hirmaatu taasisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.
Qormaanni ba’umsaa jiraachuun bu’aa guddaa qaba. Barattoonni turtii barnootarra turanitti qabiyyee barnootaa sana sirriitti baratanii beekumsaafi ogummaa argataniin jijjiirama amalaa irraa eegamu agarsiisuufi dhiisuusaanii kan madaaluudha. Barattoonni dorgomoo ta’anii akka bahan taasisuuf kan gargaaruudha. Erga barnoota xumuranii booda beekumsa, dandeettiifi ogummaa horatanii ba’uu qaban argachuufi dhiisuusaanii madaaluu keessatti gahee guddaa qaba. Kanaafuu barattoonni keenya qormaata ba’umsaa kana sodaachuu utuu hintaane qormaatichaaf of qopheessuu qabu.
Yunivarsiitichi hojiilee misoomaa tajaajila ummataa mirkaneessan hedduu raawwateera; raawwachaas jira. Magaalaa Bulee Horaatti Faarmaasii moodelii ta’e tokko banuufi qoricha gatii gadaanaadhaan dhiyeessuudhaan hawaasni akka irraa fayyadamu taasiseera. Akkasumas daandii asfaaltii magaalaadhaa hanga yunivarsiitichaatti jiru ijaaruufi ibsaa daandiirraa diriirsuudhaan hawaasni akka irraa fayyadamu taasiseera.
Akkasumas daandiiwwan keessoo magaalattii tokko tokko sirreessuudhaan tajaajila hawaasaa mirkaneessaa jira. Yunivarsiitichi tekinolojiiwwan kalaqaman tajaajila hawaasaatiif akka oolaniif hojjechaa jira. kana malees yunivarsiitichi sanyii filatamaa qamadiifi boqqolloo qorannoodhaan ba’anis baay’isuudhaan qonnaan bultootaaf dhiyeessuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Bariisaa: Qorannoofi qo’annoo yunivarsiitichi taasise rakkoolee hawaasaa furuu keessatti gumaacha akkamii taasisaniiru?
Doktar Caalaa: Yunivarsiitiin Bulee Horaa Naannoo Oromiyaa, Godina Gujii Lixaa, Magaalaa Bulee Horaatti argamu hanga barana Yunivarsiitiin Booranaa hojii jalqabutti godinaalee sadii (Godina Booranaa, Gujii Lixaafi Gujii) akkasunas godinaalee ummattoota kibbaa keessa jiran biroo tajaajilaafi walitti dhiyeenyaan waliin hojjechaa tureera; hojjechaas jira.
Yunivarsiitichi naannawa gammoojjummaan itti babal’atee jiruufi horsiisee bultoonni baay’inaan argamanitti waan argamuuf qorannoofi qo’annoo gammoojjummaa hir’isuufi jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruuf gargaaranirratti xiyyeeffatee hojjeta. Jiruufi jireenya horsiisee bultootaa jijjiiruufi gammoojjummaa hir’isuuf hojii dhaabbii biqiltuurratti xiyyeeffatee hojjechaa tureera.
Yunivarsiitichi lafa bosonni irraa ciramee bades deebisee misoomsuuf hojjechaa tureera; hojjechaas jira. Hojiin gama kanaan Godina Gujii Lixaa, Aanaa Galaanaa akkasumas Godina Gujii, Aanaa Gooroo Doolaa keessatti raawwataman akka fakkeenyaatti eeramu. Godina Booraanaatti bakkeewwan adda addaa bosonni irraa ciramee dhuman biqiltuuwwan adda addaa dhaabuudhaan deebisanii misoomsuudhaan jijjiirama qilleensaa maqsuuf hojjetamaa tureera. Hojii gama kanaan hojjetameen lafti bal’aan bosonni irraa manca’ee bade bal’aan deebi’ee misoomeera. Yunivarsiitichi godinaalee sadan keessatti omishaafi omishtummaa horsiisee bultootaa guddisuuf jabbiilee sanyii filatamoo kuma afur ta’an horsiisee bultootaafi qonnaan bultootaaf dhiyeesseera.
Bariisaa: Yunivarsiitiin Bulee Horaa aadaafi duudhaa Sirna Gadaa guddisuufi jabeessuuf maal maal hojjechaa jira?
Doktar Caalaa: Aadaafi duudhaa Sirna Gadaa keessa jiru cimsuu, guddisuufi itti fufsiisuun kallattii xiyyeeffannoo (Excellence Area) qo’annoofi qorannoo yunivarsiitichaa keessaa isa guddaadha. Beekumsa ganamaa (Indigenous knowledge) kana qorachuufi qo’achuuf Inistiitiyuutiin Gadaafi Aadaa hundaa’ee hojjechaa jira. Inistiitiyuutichi aadaa guddisuufi kunuunsuu, hojii baruufi barsiisuu, qo’annoofi qorannoofi tajaajila hawaasaa kennuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Qaamni jalqaba Sirni Gadaa sirna barnootaa keessa galee akka irraa baratamuufi dhalootaa dhalootatti darbu taasise Yunivarsiitii Bulee Horaati.
Yunivarsiitichi digrii jalqabaatiin erga koorsii Bu’uura Gadaa (Introduction to Geda System) kennuu jalqabee waggaa afur ta’eera. Yunivarsiitichi barattoota digrii tokkoffaa Gadaafi Aadaa Oromootiin simatee barsiisaa jiru bara dhufu ni eebbisiisa. Yunivarsitichi sadarkaa digrii lammaffaatiin Gadaafi Nagaya (Geda and Peace Study) kennaa kan jiru yoo ta’u, sadarkaa digrii sadaffaa (PhD)n ammoo Gadaafi Bulchiinsa (Geda and Governance) kennaa jira. Yunivarsiitichi barnoonni kun qo’annoofi qorannoodhaan akka cimuuf qorattoonni biyya keessaafi biyya alaa akka irratti hirmaataniif haala mijataa uumaa jira.
Barnoonni Gadaa Yunivarsitichatti jalqabame yeroo ammaa Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa (Oromia State University)fi Yunivarsiitii Mattuutti kennamaa jira. Sirna Gadaa manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessa jiran kutaa 1ffaa hanga 8ffaa keessatti akka akaakuu barnootaa tokkootti kennamaa jira.
Yunivarsiitiin Bulee Horaa qorannoofi qo’annoon walqabatee jornaalii dhimma Gadaafi misoomaa walitti hammate (Indigenous Knowledge and Development Studies) tokko qopheesseera. Artikiloonni beekumsa Oromoo ganamaafi aadaan walqabatan hedduun jornaalicharratti maxxanfamaa jiru. Jornaalichi yeroo ammaa maxxansa sadaffaarra gaheera. Yunivarsiitichi hayyoota gara garaa Gadaarratti qo’annoofi qorannoo adeemsisuuf fedhii qaban bajata qaburraa hanga tokko ramaduudhaan deeggaraa jira.
Yunivarsiitichi kunuunsa aadaatiin walqabatee yeroowwan gara garaa sirnoonni sirna Gadaa keessatti beekaman agarsiisaaf akka dhiyaatan taasisaa jira. Fakkeenyaaf bara darbe waggaa afraffaan ‘UNESCO’tti galmaa’uu Sirna Gadaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa wajjin ta’uun Yunivarsiitii Bulee Horaatti wayita kabajame agarsiifni Sirna Gadaa haala ho’aa ta’een biyyaafi addunyaaf akka dhiyaatu ta’eera.
Waltajjiiwwan qo’annoofi qorannoo gara garaa irrattis agarsiisa aadaa qopheessuudhaan namoonni akka irraa baratan taasisaa jirra. Yunivarsiitichatti giddugalli akka muuziyemiitti tajaajiluu danda’u tokko hundaa’eera. Meeshaaleen aadaa akka hinbanneef muuziyeemicha keessatti walittiqabamaa jiru. Hojiilee yunivarsiitichi gama kunuunsa aadaa, qo’annoofi qorannoo aadaafi akkasumas muziyemicha guddisuu, babal’isuufi meeshaalee aadaatiin guutuu cimee kan itti fufu ta’a.
Yunivarsiitichi aadaa Oromoo barsiisuu, qorachuu, beeksisuufi kunuunsuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Meeshaaleen aadaas akka hinbanneef walitti qabaa jira. Yeroo Sirni Gadaa ‘UNESCO’tti akka galmaa’uuf hojjetamaa turetti sirni Me’ee Bokkuutti adeemsifamu akka modeeliitti fudhatamee irratti hojjetamaa waan tureef yunivarsiitichi galmi Me’ee Bokkuu akka ijaaramuuf dizaayiniisaa hojjetee xumuree mootummaaf dabarseera.
Bariisaa: Hariiroo yunivarsiitichi gama aadaa Oromoo guddisuutiin Abbootii Gadaafi maanguddoota waliin qabu maal fakkaata?
Doktar Caalaa: Yunivarsiitichi aadaa Oromoo guddisuufi nageenya mirkaneessuutiin Abbootii Gadaafi maanguddoota waliin hariiroo cimaa uumee hojjechaa jira. Hojiin baruu barsiisuu kan milkaa’u yoo nageenyi jiraateedha. Abbootiin Gadaafi maanguddoonni nageenyi akka mirkanaa’u gochuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa turaniiru; taasisaas jiru. Abbootiin Gadaa kallattiidhaan bulchiinsa yunivarsiitichaa keessatti akka hirmaatu gochuudhaan waliin hojjechaa jirra. Abbootiin Gadaa, Abbootiin murtiifi maanguddoonni Mana Marii Gorsitoota Yunivarsiitii kan qajeelfama Ministeerri Barnootaa baase keessattis miseensa ta’anii hojjechaa jiru. Abbootii Gadaa, Abbootii Murtiifi maanguddoota kunneen wajjin hariiroo uumanii hojjechuun nageenya buusuu, duudhaafi aadaa Sirna gadaa keessa jiru barsiisuu keessatti gumaacha olaanaa qaba. Abbootii Gadaa affeeruun waa’ee Sirna Gadaa qabatamaan akka barsiisan taasisaa jirra.
Dhaabbilee barnootaa olaanaa keessatti dhimmi Gadaatiifi aadaarratti qindoominaan waliin hojjechuun barbaachisaadha. Yunivarsiitii Bulee Horaa Yunivarsiitii Booranaa barana hojii baruu barsiisuu jalqabe waliin qindoominaan ni hojjeta. Yunivarsiitiin keenya dhaabbilee barnootaa olaanaa biyya keessaa qofa utuu hintaane kan biyya alaa waliin hojjechuun Sirna Gadaa kan addunyaa gochuuf ni hojjeta. Sirni Gadaa sirna dimokraatawaadha.
Sirni dimokraasii ammayyaa’aan haala amma jiruun utuu lafa hinqabatin dura ummanni Oromoo Sirna Gadaatiin bulaafi jiraachaa ture. Sirna Gadaa kana cimsuuf irratti hojjetamuu qaba. Sirna Gadaa ‘UNESCO’ qofarratti galmeessisuun gahaa waan hintaaneef qaamota dhimma kana qorataniifi irratti hojjetan waliin qindoominaan hojjechuun murteessaadha.
Bariisaa: Sirni Gadaa sirna barnootaa Itoophiyaa keessa galee yoo irraa baratame faayidaa maalii qaba?
Doktar Caalaa: Sirna Gadaa dhaabbilee barnootaa sadarkaan jiran keessatti barsiisuun faayidaa guddaa qaba. Sirni Gadaa utuu danda’amee sadarkaa barnootaa oolmaa daa’immaniirraa kaafamee utuu baratamee gaariidha. Sirni Gadaa sirna barnootaa keessa galee utuu barsiifamee ijoolleen aadaa, duudhaafi safuu eeganii akka guddatan taasisa; hangafa akka kabajan, guddaan xiqqaatti karaa akka agarsiisu, warraaf akka abboomaman, maanguddootaafi hangafoota akka kabajan taasisa. Abbootii gadaafi maanguddootarraa akka barataniif gargaara.
Yeroo ammaa ijoolleen waggaa sadiifi afur irraa jalqabanii mana barumsaa oolu. Akka durii maatii waliin yeroo dheeraa hindabarsan. Barattoonni sadarkaa tokkoffaafi lammaffaas guyyaa keessaa sa’aatii saddeet mana barumsaa keessatti dabarsu. Oggaa barumsa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa xumuran aadaafi duudhaa maatiirraa dhaalan hedduu hinqaban. Kanaafuu aadaafi duudhaa kana baranii guddachuu kan danda’an mana barumsaa keessatti. Sirni Gadaa aadaa, duudhaafi safuu barsiisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf sirna barnoota biyyattii keessa galee yoo irraa baratame bu’aa olaanaa qaba.
Sirni Gadaa duudhaalee waldanda’uu, walhammachuu, nagayaan waliin jiraachuu waan qabuuf sirna kana saba Oromoo qofa utuu hintaane sabootaafi sablammoota Itoophiyaa barsiisuun barbaachisaa waan ta’eefis dhaabbilee barnoota biyyattii hunda keessatti barnooonni Sirna Gadaa akka kennamu taasisuun barbaachisaadha. Sirni Gadaa sirna barnoota biyyattii keessa galee yoo irraa baratame saboonniifi sablammoonni hundi walhubatanii, aadaa walii beekanii, nagaa, jaalalaafi tokkummaan waliin akka jiraatan taasisuun waliigaltee biyyaalessaa uumuu keessatti gahee olaanaa qaba. Saboonniifi sablammoonni walkabajanii waliin akka jiraatan taasisa. Saboonniifi sablammoonni walkabajanii waliin jiraannaan nageenyiifi tasgabbiin ofumaan dhufa. Nageenyiifi tasgabbiin jiraannaan misoomaafi jijjiiramatu jira.
Bariisaa: Oromiyaatti Manni Murtii Aadaa hundaa’uun faayidaa akkamii qaba?
Doktar Caalaa: Oromiyaa keessatti Manni Murtii Aadaa seerriifi labsiin qophaa’eefii hundaa’uufi caasaansaa hanga sadarkaa aanaatti diriiruun faayidaa guddaa qaba. Sirna Gadaa keessatti seera kan labsu hayyoota. Hayyoonni warra kanaan dura gadoomarra darbanii yuuba ta’aniidha. Hayyoonni Abbaa Gadaarrattis aangoo guutuu qabu. Hayyoonni Abbaa Gadaa ni gorsuun waliin hojjetu.
Hayyoonni namoota beekumsaafi muuxannoo guddaa qabaniidha. Ittigaafatamaan Mana Murtii Gadaa paartii morkataa Abbaa Gadaati. Fakkeenyaaf Sirna Gadaa Gujii keessatti abbaan Gadaa Aangoorra jiru Gadaa Harmuuti. Abbaan Gadaa aangoo fudhachuuf jedhu ammoo Gadaa Roobaleeti. Gadaan Roobalee morkataa Gadaa Harmuuti jechuudha. Sirna haqaa kan hogganu Abbaa Murtiiti. Abbaan Gadaa dubbii Abbaan Murtii qoratee dhiyeesseefirratti hundaa’uun murtii dhumaa kenna. Dhimmi sun humna isaaniitii ol yoo ta’e ammoo gara hayyootaa deema. Hayyoonnis dhimmicha sirriitti qoratanii kallattii kaa’u.
Bariisaa: Garaagarummaafi tokkummaan Mana Murtii Aadaafi Mana Murtii Ammayyaa gidduu jiru akkamitti ibsama?
Doktar Caalaa: Maddi Mana Murtii Ammayyaa keenya miti. Xiinsammuun manni murtii ammayyaa ittiin qophaa’es kan keenya miti. Manni murtii ammayyaa aadaa, falaasamaafi xiinsama sabaafi sablammoota biyya kanaa bu’ureeffachuun kan qophaa’e miti. Hayilasillaaseen heera biyyattiin ittiin bultu jalqaba yeroo qopheessu biyyoota lixaa keessumaa faransaayiirraa waraabbatee fide.
Sirni haqaa biyyattiis baay’eensaa biyyoota lixaarraa waraabaman. Sirna haqaa keessatti kan barbaadamu haqa. Sirni alaa waraabamee dhufe ammoo akka kootti haqa hinbaafne. Sirni haqaa alaa waraabamee dhufe dabaafi shiraan kan guutameedha. Sirni haqaa kun kan ittiin wal miidhan waan ta’eef utuu fooyya’ee ykn riifoorm ta’ee gaariidha jedheen yaada.
Mana Murtii Aadaa seera waraqaarra jiruun utuu hintaane seera qalbii ykn sammuu namaa keessa jiruun waan madaalamuuf haqa baasuu keessatti gahee olaanaa qaba. Namni haqa baasus nama har’as ta’e bor waliin jiraataniidha, nama walkabaju, waldhaga’uufi dhugaan waliin dhaabbatuudha. Kanaafuu Manni Murtii Aadaa haqa baasuu keessatti gahee olaanaa qaba. Manni Murtii Aadaa haqa baasuudhaan kan miidhe adabee kan miidhame waliin garaa qulqulluu akka walitti araaraman taasisuudhaan akkuma duraaniitti deebi’anii akka waliin jiraatan taasisa. Akka sirna haqaa mana murtii aadaatti namni nama ajjeesellee gumaa baasee maatii, firootaafi gosa namni jalaa du’eetti araaramee hawaasni nagaan akka waliin jiraatu taasisa.
Bariisaa: Marii biyyaalessaa Itoophiyaatti adeemsifamuuf jedhurratti gaheen hayyootaa maal ta’uu qaba?
Doktar Caalaa: Mariin biyyaaleessaa Itoophiyaatti adeemsifamuuf jedhu nageenya waaraa fiduu, tokkummaa biyyaalessaa uumuu keessatti gahee olaanaa qaba. Mariin biyyaaleessaa kun akka milkaa’u taasisuu keessatti hayyoonni gahee guddaa isaanirraa eegamu bahachuu qabu.
Yeroo ammaa Itoophiyaan amantii, afaaniifi aadaa tokkoon buluu hindandeessu. Ilaalchi kun ilaalcha kufeedha. Amma Itoophiyaan biyya sabdaneessa, amantii daneessa, aadaa daneessa taateetti. Kana keessattimmoo yoo mariidhaan walitti dhufnee walhubannee waliin deemne malee biyyi kun biyya taatee gara fuulduraatti deemuu hindandeessu. Kanaaf keessumaa hayyoonni sabaafi sablammoota garagaraa keessa jiraatan hundi yaada biyyaafi saboota biyyattii ijaaruuf gargaaru gumaachuu qabu.
Mari’achuun Oromoof aadaadha malee haaraa miti. Oromoon Sirna Gadaa keessatti Gaaddisa jalatti walitti dhufee mari’achaa rakkoo isa quunname furachaa ture. Marii kana milkeessuun waliigaltee biyyaalessaa uumamuun hunduu yaadaan tokkoomee nagaa, tasgabbiifi misoomni si’aayaan akka dhufu gochuuf gargaara.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 29 Bara 2014