Seenaa Injifannoo SAAMBEE Injifannoo Waraana Saambee bara 1933

Akkuma seenaa keessatti beekamu Xaaliyaaniin bara 1928 biyya keenya, Itoophiyaa waraanuunshee ni beekama. Garuu gootonni Itoophiyaa tole jedhanii diina hinsimanne. Gootonni Itoophiyaa riphanii loluun (Guerrilla warfare) faashistoota Xaaliyaanii boqonnaa dhorkaniiru.

Fakkeenyaaf loltoonni Black Lion (Leenca Gurraachaa) jedhaman kan ijaaraman Magaalaa Goreetti akka ture seenaan dhugaa baha. Raas Immiruu akka isaan hogganu ta’ee Raas Immiruun bara sana qondaaltota Itoophiyaa biroo wajjin ta’uun Goree giddugala bulchiinsa Itoophiyaa godhatanii Itoophiyaa bulchaa turan.

Loltoonni Leenca Gurraachaa giddugala leenjii waraana Holotaarraa yeroo teessoon mootummaa gara Magaalaa Goreetti socho’u kan dhufaniidha. Humni kun Finfinnee bilisa baasuuf yaalee Gojabirratti diinaan rukutamus sochiisaa ittifufee ture. Akkuma beekamu gootonni Itoophiyaa aarsaa guddaa godhanii bara 1933 loltoonni Xaaliyaanii giddugaleessa biyyaarraa rukutamuuun gara Itoophiyaa kibba Lixaatti walfunaananii loltoonni Xaaliyaanii kibba lixaatii walii ijaaranii socho’an. Baay’innisaaniis naannawa kumaatamaatti akka tilmaamaman seenaan ni ibsa. Diinni walijaaree socho’u kunis Magaalaa seenaqabeettii, Goree qabatee humnasaa cimsatee lammaffaa gara giddugaleessa Itoophiyaatti deebi’uuf ture. Garuu ummanni Iluu Abbaa Boor muuxannoo diinaan hinbitamnu jedhu kan akaakileesaarraa dhaale bu’uura godhachuun diina dura dhaabbachuuf murteeffatan.

Akkuma seenaan ibsu ummanni Iluu Abbaa Boor Odaa Doggii giddugala Sirna Gadaa Salgan Iluu godhachuun biyyasaa gootummaan bulchaa akka ture seenaa bal’aatu jira.

Seenaa bal’aa sana amma kaasuu dhiiseellee Abbaa Boor Diimaa Caaliifi Fatansaa Iluu akkamiin biyyasaanii daangeeffatanii eegachaa turan kan jedhu:

1. Abbaa Boor Caalii Shoonoo Godina Iluu Abbaa Boor; Gaambeellaa, Jimma, Wallagga, Ummattoota Kibbaa wajjin daangaasaanii beekamaa godhachuun bulchaa turan. Akka diinni Salgan Iluu hinqabanneef aarsaa guddaa kaffalaniiru.

2. Diimaa Caalii erga Abbaa Boor boqotanii booda naannawa bara 1870 diinni Iluu Abbaa Boor weeraruuf karaa Wallagga Lixaa loltoota Minilikiin ijaarame meeshaa Awurooppaa hidhatee dhufe dura dhaabachuun meeshaa isaan qabatanii dhufan harkaa booji’uun leeyyaasisanii deebisaniiru.

3. Fatansaa Iluu bara 1875 diina lammaffaa ijaaramee dhufe dura dhaabachuun waraana Qarsaa Gogillaarratti gootota Aluu Abbaa Boor, Magaalaa Goreerratti qindeessuun akka bara sanatti diina meeshaa sadarkaa olaanaan hidhaterra aanuun gootummaa ummata Saglan Iluu agarsiisaniiru.

Dirree waraanaa kanatti diinni humnasaa keessaafi alaan ijaarrachuun yoo carraa injifachuu argatellee gootummaan Fatansaa Iluu agarsiise iddoo guddaa qaba. Akkuma Bakar Waaree dirree Waraana Calanqootti aarsaa kaffale Fatansaa Iluus Oromiyaa lixaatti gootummaasaa agarsiiseera.

Egaa yeroon Gootummaa Caalii Shoonoo (Abbaa Boor Diimaa Caalii)fi Fatansaa Iluu kaasu seenaasaanii barreessuuf miti. Seenaansaanii daran bal’aadha. Seenaansaanii seenaa ummata Salgan Iluu keessatti bal’inaan ibsina.

Garuu Yeroo Seenaa waraana Saambee kaasnu Gotoonni Iluu Abbaa Boor Faashistoota Xaaliyaanii dura dhaabatan kanneen akka Bantii Daanyaa, Margoo Bokaa, Ayyaansoo Bookaa, Zawudee Lamuu, Qilxuu Raaboofi gootonni Salgan Iluu kumaatamaan lakkaa’aman wajjin ta’uun seenaa diinaan hinbitamnu jedhu Caalii Shoonoo, Diimaa Caaliifi Fatansaa Iluurraa dhaalaniin akka diina dura dhaabatan hubachuu qabna.

Lolli Saambee lola waraana lammaffaa Addunyaa (2nd world war) qaama seenaa ta’a jedhee oggaan akka barataa seenaa tokkootti ibsu bara sana Xaaliyaanii, Jarmaniifi Jaappaan garee faashistootaafi Naazistootaa addunyaa ta’uun yeroo sochii taasisan Ingiliiz, Faransaay, ‘USA’fi kkf immoo garee tokko ta’uun Faashistoota waraanaa turan.

Ummanni Iluu Abbaa Boor garee Faashistootaa addunyaa kanaa yeroo Saambeetti rukutu akka hirmaannaa godhatan fudhadhaa. Akkuma beekamu Goota Abdiisaa Aagaa biyya Awurooppaa deemee Faashistoota loluu irratti seenaa guddaa hojjateera. Ummanni Salgan Iluus Saambeerratti seenaa boonsaa hojjeteera.

Bara 1933 gootonni Itoophiyaa qindoomina guddaan faashistoota Xaaliyaanii giddugaleessa biyyarraa sadarkaa olaanaadhaan kan rukutan yoo ta’u, yeroo sana akka carraa gara Itoophiyaa kibba lixaatti akkuma irranatti kaasuu yaalle walqindeessanii Magaalaa Goree qabachuun gara giddugala biyyattiitti deebi’uuf akka karoorfatan ni beekama.

Kanumarraa ka’uun ummanni Innoos Saambeefi naannawashii jiran sadarkaa duraarraa sochii faashistoonni Xaaliyaanii karaa kibba lixaa gara Magaalaa Goreetti godhan hubachuun iccitiidhaan lafa jala garee diinaatti makamuun kallattii Nooraa (Riqicha) Laga Qabarirraan akka dhufaniif gareen biroo immoo Nooraa laga Qabarirra jiru kutuun akka laga hinceene taasise. Yeroonsaas dhuma Waxabajjii waan tureef laga Qabar eenyuyyuu ce’uu hindanda’u ture. Kanaaf loltoonni tooftaasaanii fayyadaman kun sirriidha jechuudha.

Yeroo Faashistoonni Xaaliyaanii kumaatamaan lakkaa’aman Qabar gahan gootonni Innoos Saambeefi naannawashii jiran qindeessitoota waraana kanaa kanneen akka Zawudee Lamuu, Margoo Bokaa, Ayyaansoo Bokaa, Bantii Daanyaa, Qilxuu Raaboofi kkf Meeshaa waraanaa qabaniin diina laga garanaatti rukutuu kan jalqaban yoo ta’u, akkuma jalqaba kaasuuf yaalle yeroon kun yeroo gannaa waan tureef lagni Qabar gara gamaa (gara bahaa) laftisaa daran dhaqdhaqii (haroo dhoqqee qabu) ce’uuf daran mijataa hinturre. Waraana kana ummanni naannawa Innoos Saambee jiran Shaambal Waldayyas Bullukkoo Magaalaa Goree jiru wajjin Taaddasaa Gizawu, Gadaamuu Gizaawu loltootasaanii qindeessuun lolicha ittifufan.

Akka diinni laga hinceene daangessanii qabuun gootonni Iluu dirmannaa guddaa godhaniin akkasumas gotonni Shawaa, Jimmaafi Wallaggarraa yoo irratti hirmaatan waraanni kun Waxabajjii 27 bara 1933 hanga Adoolessa 04/1933tti lolli sadarkaa olaanaatti adeemsifameera. Bara sanas gootonni akka Itoophiyaatti beekamoo ta’an Jaagamaa Keelloofi Leensee Keelloo irratti hirmaataniiru. Akkasumas Jeneraalli Ingilizii Jeneraal Dallasiifi Raas Masfin Silashii wajjin sirna boojuurratti argamaniiru kan jedhamu yoo ta’u, Faashistoonni Xaaliyaanii yeroo humnasaanii ol ta’u huccuu adii ol kaasuun boojuu gaafatan.

Firii waraanichaa

Booji’amtoonni hogganaa gareewwan sanaa jeneraala dabalatee gara Magaalaa Goreetti fiduudhaan haala gaariin akka turan taasifamee ture.

Waraana Faashistootaa Jeneraalarraa hamma qondaaltota gadaanaatti kan turan namoonni kuma tokkoofi 585 kan booji’aman yoo ta’u, kanneen du’aniifi madaa’an kumaatamatti tilmaamamu. Karaa Itoophiyaa immoo dhibbaatamatti tilmaamamu. Lola Saambeerratti gaggeeffameenis booji’amtoonni loltootaafi meeshaan waraanaa injifannoon argame kanneen armaan gadii ture.

1. Loltoota Xaaliyaanii 1,585

2. Madfii sagal

3. Matrayyasii bizaantiin 46

4. Aarliikoonii (Anti-aircraft)

5. Meeshaalee waraanaa xixiqqaa 20,000

Meeshaalee booji’aman kana gara Magaalaa Goreetti fudhatamanii Mana Kuusaa keessa yeroof akka turu erga taasifameen booda konkolaataatti fe’amee Finfinneetti ergamee pooliisiifi loltoota mootummaatiif qoodamee hojii irra kan oole yoo ta’u Booji’amtoonni xaaliyaanii kabajaan gara Finfinneetti akka deeman yoo ta’u, eegumsi barbaachisaan godhameefii yoo dhukkubsatan yaalamaa, yoo beela’an nyaachisaafi yoo du’anillee kabajaan awwaalamaa turaniiru.

Haalli adeemsasaanii Goree ka’anii Mattuu – Yaayyoo → Yamboo → Cooraa → Abbaa Booraa → Beddellee → Arjoo → Naqamtee yoo ta’u, sana booda konkolaataadhaan gara Finfinneetti geessamuusaanii ragaan Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Iluu Abbaa Boorirraa arganne ni muldhisa.

BARIISAA SANBATAA Ebla 29 Bara 2014

Recommended For You