Sababa qaala’iinsi gatii waggoota 20 as Itoophiyaaf hudhaa ta’eef hayyonni maal jedhu?

Lammiilee Itoophiyaa miiliyoona 110 ol keessaa dhibbantaan 85 jiruufi jireenyisaanii qonnarratti kan bu’ureeffateedha. Lakkoofsi kun yeroo dheeraaf dinagdee Itoophiyaa qonnaan durfamu keessatti beekamaa yoo ta’u, jijjiiramni ce’umsaa qonnarraa gara indastiriitti mul’ataa jiraatus dhibbantaan qonnaan bultootaa Itoophiyaa jireenyisaanii qonnarratti bu’ureeffate 85rraa jijjiirama kan hinagarsiisne ta’uudha ragaaleen kan mul’isan.

Kana malees humni dinagdee biyyattii ummata Itoophiyaa nyaachisuu waan dadhabeef baasii guddaan omishaalee gara garaa sharafaan alarraa galchuun fedhii ummataa guutuuf yeroo yaalamu argama. Maddi rakkoo kanaa maalidha isa jedhu deebisuuf hayyoota dubbisne keessaa Yunivarsiitii Finfinneetti Barsiisaa Dinagdee kan ta’an Doktar Sisaay Raggaasaa waan jedhan qabu.

Warraaqsa dinagdee qonnarraa gara indastiriitti taasifamu milkeessuuf hojiileen misoomaa garagaraa hojjetamaa kan jiran ta’us waggoota 20 as qaala’iinsi gatii gabaa hawaasa gaaga’aa jiraachuu kaasu. Isa kanaafimmoo malli qonnaa biyyattiin itti fayyadamaa jirtu ammallee xiyyeeffannoo kan hinarganne ta’uu kaasu. Ummata Itoophiyaa miiliyoona 110 ol jiran keessaa dhibbantaan 85 qonnarratti kan bu’uureffatan ta’us malli qonnasaanii ammayyaahuu dhabuun walqabatee qaala’iinsa gabaaf sababa ijoodha jedhu.

Hawaasni qonnaan bulaan kun makaanaayizeeshinii qonna ammayyaa fayyadamuu dhabuunsaa oomishaafi oomishtummaansaa akka hinguddanne isa taasisa jedhanii, kunimmoo hanqina dhiyeessii fiduu akka dandahu ta’uu ibsu. Malli qonna keenyaa teknolojiidhaan deeggaramuu yoo baate jijjiiramni callaa dhufa jedhanii yaaduun rakkisaa ta’uu himu.

Itti fayyadama teknoolojii qonnaa yoo jennu makaanaayizeeshinii hunda waliin gahe osoo ta’ee filatama jedhanii haala qabatamaa biyyattiitiin kun guutamuu waan hindandeenyeef irra jireessaan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuuf osoo hojjetamee murteessaadha yaada jedhu qabu.

Akka Doktar Sisaay jedhanitti, qaala’iinsi gatii gabaa wayita ka’u waa’ee daldaltootaa malee rakkoon qonnaan bulaa bira jiru maal akka ta’e namni ilaalu hinjiru. Oomishaaf oomishtummaan haalaan akka guddatu xiyyeeffannoon gama dhiyeessiin qonnaan bulaaf taasifamu fooyya’uun dirqamadha. Lafti qonnaan bulaa xaa’oo fi keemikaalota gara garaa bare isa malee wayita faca’uufi oomishamu rakkoo dhiyeessii fiduun qaala’iinsa gatii gabaa fiduu danda’a. Kun akka fooyya’uuf akkasumas fayyadamummaan qonnaan bulaa akka mirkanaa’uuf xiyyeeffannoon damee qonnaaf kennamu kanneen biroo caalaa deeggaramuu kan qabuudha.

Ministir Deetaa Ministeera Karooraafi Misooma Dinagdee kan ta’an Doktar Namarraa Gabayyoo qaala’insa gatii gabaaf sababootadha kan jedhan qabxiilee gara garaa kaasaniiru. Akka ibsasaaniitti, qaala’iinsi gatii gabaa dhibbantaa 54 nyaataaf dhugaatii, dhibbantaan 46 kiraa manaa, geejjiba, fayyaa, barnootaafi kan biroorratti calaqqisa.

Isa kanaafimmoo sababoonni; inni jalqabaa lakkoofsi uummataa dachaan dabaluun walqabatee fedhiifi dhiyeessiin walsimachuu dhabuudha. Waraana biyya keessaafi biyyoota alaa gidduutti gaggeeffamaa jiruun walqabatee uggurri dinagdee qaqqabes hudhaa dabalataati. Yeroo kana fedhiifi dhiyeessiin walsimachuu dhabuun hanqinni akka hammaatu godha. Guddinni dinagdee galmaahaa jirus akkaataa barbaadameen carraa hojii uumuu dhabuun rakkinichi yeroo gabaabaa keessatti akka hinfuramne taasisaa jira. Hudhaa inni dabalataa oomishni kallattiin fayyadamtoota bira gahuu dhabuu akka sababaatti kaasaniiru. Faddaaltonni oomisha miliqsuun akka rakkoon dhiyeessii mudateetti hawaasa waliin dhahuuf yaalii taasifamu akka ta’es yaadachiisu.

Gama kanaan sirni gabaa biyyattii dadhabaa ta’uu kaasanii yeroo ammaattis gidduseentummaa alseerotaa kana maqsuun gabaa tasgabbeessuuf hojjetamuu akka qabu kallattiin taa’eera jedhu. Gama kanaan hordoffiin kennamee wiirtuuleen dhiyeessii oomishaalee gabaa tasgabbeessuuf gargaaran hedduu babal’isaa jiraachuu kaasu. Kuni ta’us guutummaa biyyaatti babal’achuu dhabuun rakkoo kana hammeessuu akka dandaheefii ammammoo humna oomishaa keenya cimsuuf hojjetamaa jira jedhu Doktar Namarraan.

Inni biraan raafama gabaa uumuun oomishaafi oomishtummaa biyyaa hubaa kan jiru rakkoo gatiin dhiyeessiiwwan qonnaa dachaan dabaluudha. Xaa’oon humnaa ol dabaluun walqabatee qonnaan bulaan humna waan dhabeef mala aadaa naannawaasaatti fayyadamuun oomishasaa akka itti fufsiifatu ta’eera.

Akka furmaataatti rakkoo qaala’insa gatii humnaa ol dabaluun lammiilee qoraa jiru kanatti furmaata kennuuf oomishaafi oomishtummaarratti xiyyeeffannoo kennanii hojjechuun murteessaa ta’uu irratti walii galamee hojiitti seenameera. Isa kanaafimmoo qonna keenya ammayyeessuun barbaachisaadha jedhanii makaanaayizeeshiniin qonna waliin gahuuf hojjetamaa jiraachuu kaasu.

Gama biraan aadaa waggaatti lama oomishuu gabbifachuuf hirkattummaa roobaa jalaa bahuufi jallisii babal’isuun isa ijoodha. Jalqabbiin gama kanaan jiru jajjabeessaa ta’uu kan kaasan Doktar Namarraan aadaan jallisii gabbachaa jira jedhu. Kanamalees, eeggattummaa midhaan nyaataafi hanqina mudachuu dandahu maqsuuf oomisha qamadii ji’a sadiitti gahu qonnaan bulaaf dhiyeessuun callaan akka guddatu ta’uu kaasu.

Sochii gama kanaan taasifameen qamadiin alaa galu hafaa kan jiru yoo ta’u sanyichi yoo babal’ate callaa guddisuu keessatti bakka olaanaa qabaata. Kun mataansaa miidhaa kan qabu ta’us hudhaa kana furuuf hojjechuun murteessaa waan ta’eef gama kanaanis hojjetamaa jiraachuu himu.

Yeroo ammaatti dinagdee biyyaa addatti kan hubaa jiran xaa’oo, zayitiifi boba’aa ta’uu eeranii, qorannaa hojjetameen qaala’iinsi gatii gabaan walqabatee dhibbantaan 54 midhaan nyaataarratti kan xiyyeeffateedha jedhu. Isaan kunneen alarraa waan galaniif gatiinsaanii dachaan dabaluun dinagdee biyyaa qoraa jiraachuu yoo dubbatan, hudhaalee kana furuuf mootummaan humna guutuun hojjetaa jiraachuu ibsu. Kanamalees dhibbantaan 46 mana kiraa, geejjiba, tajaajila fayyaa fi kanneen biroon ta’uu kaasu.

Kanamlees faddaaltotaafi daldaltoota seeraan alaa caasaansaanii hanga mana mootummaatti diriirfameeruun shira seeraan ala duroomuuf xaxamuun daballiin gatii mudachaa jiraachuu waan irra gahameef hordoffiin barbarbaachisaafi tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu himu.

Akka ibsa Doktar Namarraatti imaammanni itti fayyadama faayinaansii mootummaa sakaallaa keessa kan jiru yoo ta’u, xiyyeeffannoo inni damee qonnaaf laachuu qabu ammallee kan fooyya’uu maluudha. Dameen qonnaa yoo cime wabii midhaan nyaataan of danda’uun gabbachaa akka deemudha kan kaasan.

Obbo Faaris Mohaammad Ogeessa Fayyaa Saaybarii yoo ta’an yeroo dheeraaf biyyoota Awurooppaa keessa jiraachuu kaasu. Dinagdee ofiifi kan biyyaa fooyyessuuf muuxannoo aadaa hojii biyya alaafi kan biyya keessaa walbira qabanii wayita ilaalan garaagarummaan guddaan akka jiru kaasu. Akka fakkeenyaatti Itoophiyaa keessatti namni hojjetee nyaachuufi dinagdeesaa fooyyessuuf dhama’u muraasa ta’uu kaasu.

“Lafti jira hojiin hinjiru. Qonnaan bulaan keenya guyyaa tokko hojjetee yeroo dheeraa boqonnaa fudhachuu heda. Kunimmoo deega ofirratti goobsuu fida. Yerootti haalaan fayyadamuun qaxxaamuraan duroomuurra hojjetanii of jijjiiruun gaariidha. Kanamalees sirni barnootaa biyyattii dhaloonni hojii guddaa hojjetee akka jijjiiramu kan kakaasu miti. Dargaggoonni dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifaman hedduu barnoota sasalphaa barachuuf filatu” jedhu.

Akka fakkeenyaatti sadarkaa biyyaatti lakkoofsi namoota biizinasii jechuunis kan akka akkaawuntiingii, manaajimantii, ikonomiiksii baratanii lafa taa’anii hedduu ta’uu kaasanii, dargaggoota kanneen “barnoota kana maaf barattan?” jedhee wayitan gaafadhu hunduu bakka maallaqni jiru galee maallaqa argachuuf kan of qopheessedha jedhu. Kunimmoo hanni, saamichi, sassaabdummaan kiraa akka hammaatu taasisuurra darbee dhaloota waa kalaqu osoo hintaane kan waliin dhahee jiraatu akka horannu nutaasisaa jiraachuu himu.

Humni dargaggootaa oomishaa ta’ee qotee ofis biyyasaas jijjiiruu osoo maluu hojii barbaacha kan jooru kumaatama ta’uu kan himan Obbo Faaris, aadaan hojiifi barnoota keenyaa fooyya’uu akka malu kaasaniiru. Akka daataa amma jiruun qotee bulaan jaha qofaasaa nama jaha sooraa jiraachuu eeranii, hudhaan kun osoo cabee gabaa tasgabbeessuu mitiitii hiyyumni seenaa ta’uu akka danda’u ibsu.

Har’a harka dhokataa namoota dhuunfaarraa kaasee hanga caasaa mootummaa olaanaatti hidhata qabutu gabaa to’atee akka jiru ibsanii, mootummaan warreen akkasii kana seecca’ee adabbii seeraa kennuu akka malu dubbatu. Walumaa galatti raafama dinagdee har’a biyya gaaga’aa jiru kana tasgabbeessuuf tarkanfiiwwan barbaachisoo qonnaan bultoota keenya onnachiisaniifi humneessan fudhatamuu akka qaban ibsu.

Kunis rakkoo dhiyeessiin walqabatee mudachaa jiruufi makaanaayizeeshinii qonnaa babal’isuu, sanyiifi xaa’oo, farra aramaa yeroon dhiyeessuu, aadaa qonna keenyaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuun barbaachisaa ta’uu himu.

Walumaagalatti xiyyeeffannoo qonnaan bultootaaf kennamuu malu fooyya’uu kan qabu yoo ta’u alseerota gabaa waliin dhahuun qaxxaamuraan duroomuuf kaatan irratti tarkaanfii cimaa ta’e fudhachuun Itoophiyaa dinagdeen guddatteefi badhaate ijaaruuf hunduu tumsuu qaba.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 29 Bara 2014

Recommended For You