Namni maqaan isaa Joon Ruubii jedhamu sababa namoonti hedduun araada garaa garaa keessaa ba’anii akka jireenya sirrii jiraatan nama taasisaa ture akka ta’e seenaan isaa dubbata. Namni kun namootni araadaan takaalaman haala keessa jiran injifachuun jireenya sirrii akka jiraataniif meeshaa kan ta’eef seenaa isaati.
Bakkawwan adda addaa dhaquun seenaa ofiisaatii namootatti himuun namoota hedduu oolcheera; daandii ittiin xaxaa araadaa jalaa miliqan ta’eera. Ruubiin sadarkaa warra kaan oolchuurra utuu hinga’in dura nama araadaan rakkataa tureefi nama yakka garaa garaa dalagaa tureedha. Araada keessa ture irraa kan ka’e maatiin isaa facaa’aniiru. Gaa’elli isaa diigameera. Jireenyi isaa hiikkaa dhabeera. Kallattii hundaan araadniifi yakki jireenyasaa, egereesaa maatiisaa jalaa diigee ture.
Waggaa 15 oliif erga araadaan wal’aansoo qabee booda bara 2005 wiirtuu namootni rakkoo araadawwan gara garaatiin xaxaman itti wal’aansa argatan seenee gargaarsa argatee jabaatee of irratti hojjechuun haala walxaxaa keessa ture keessaa ba’uu danda’eera. Jireenyisaas bakkatti deebi’e.
Maatiisaa wajjin nagaan jiraachuu eegale. Gaa’elasaa diigame bakkatti deebifate. Deebi’e of bare; of argate. Yeroo sanaa eegalee guutummaa jireenyasaa namoota rakkoo kansaa fakkaatu qaban addumaan namoota araadota gara garaa keessa jiran oolchuurratti of kennee hojjechuu eegale. Seenaa ofii isaatii namootatti himuudhaan, rakkoo keessa ture namaaf dhugaa ba’uun jireenyisaanii akka geeddaramu, adeemsa jireenyasaanii miidhurraa akka deebi’aniif nama of irra darbee dhalootarratti dhiibbaa gaarii geessiseedha.
Bara 2016 keessa sagantaa televiziyoonaa maqaansaa “Ashes to Rubies” jedhamu eegale. Ogeessota aartii naannoo isaa jiran, kanaan dura wal’aansoo jireenya isaa durii fakkaatu keessa namoota darban walitti fiduun sagantaa televiziyoona kana irratti agarsiisa addaa addaa akka agarsiisan, haala jireenya isaanii irraa akka namootni baratan, seenaa jireenyasaanii namootaaf akka hiran, walaloo garaa garaa akka qopheessanii dhiyeessan, agarsiisa televiziyoona kanaatti fayyadamuun akka namootni of ilaalan, haala keessa jiran akka adda baafatan, barumsa argatan kanaan gara jireenya sirriitti akka deebi’an taasisuun dhaloota irratti dhiibbaa gaarii geessisuu eegalan.
Har’as namootni akka Ruubii hedduun addunyaa keenya irrattis ta’e akka biyya keenyaatti nibarbaachisu. Namootni rakkoo keessa jiran keessaa akka ba’an, dhaloota irratti namootni hojjetan, namootni geeddaramanii warra kaanis geeddaruu danda’an, namootni akka of argatan, haala keessa jiran akka hubatan kan taasisan, xiyyeeffannoon isaanii jijjiirama dhalootaa kan ta’e har’as nibarbaachisu. Namootni dhalootaaf abdii ta’an, namootni wal’aansoo isaan mudate injifatanii warra kaanis oolchuuf dhamaa’an har’as nibarbaachisu.
Wanti eeggannoo barbaadu inni guddaan garuu namootni biraan akka nurratti hojjetan, jireenya keenya akka jijjiiran eeguun balaa hamaadha. Nuti jireenya keenyarratti hojjechuun, haala keessa jirru sirriitti ilaaluun bakka rakkoon jiru adda baafachuun, wanta har’a keenyas ta’e egeree keenya miidhanirraa adda ba’uun daran murteessaadha. Hanga lubbuun nukeessa jirutti guddina, fooyya’iinsa, jijjiirama dhaabuun barbaachisaa miti.
Namni ilaalchasaa, sammuusaafi jireenyasaarratti jijjiirama fiduu hindandeenye homaa tokkoyyuu jijjiiruu hindanda’u. Jijjiiramni kun ammoo daangaa hinqabu. Bakka kanan ga’ee xumura waanti jennu hinjiru. Bakki itti waancaa argannee dhaabnus hinjiru. Jijjiiramni ittifufa. Jijjiiramni ammoo guddina. Namni hinjijjiiramne hinguddatu. Kanaaf haala keessa jirru keessaa ba’uuf tattaaffii gochuun barbaachisaadha.
Darbees guddinni bakka ga’ee dhaabatu hinqabu. Wanti lubbuu qabu gudddina hindhaabu. Haa xiqqatu iyyuu malee jijjiiramni nijiraata. Dhalli namaas jireenya isaa irratti jijjiirama wal irraa hincinne fiduu danda’uu qaba. Yerootii gara yerootti gara argannoo haaraatti ce’aa deemuun murteessaadha. Waan tokko hojjennee badhaasa argannee ta’uu utuu hinta’in gara isa caalaatti ce’aa, guddachaa deemuuf tattaaffii gochuun barbaachisaadha.
Jireenya keenya keessattis akkasuma. Hanga lafa kanarra jirrutti jijjiiramni barbaachisaadha. Yeroodhaa gara yerootti jireenya keenya keessatti gara argannoo haaraatti ce’aa deemuun murteessaadha. Lafa geenyu daangeffannee kan deemnu, bakka akkasii ga’ee yaalii koo xumura kan jennu hinqabnu. Galmi keenya banamaa ta’uu qaba. Guddinni keenyas akkasuma.
Inni kun galma dhmnisaa banaa ta’e (end open goal) qabaachuun barbaachisaadha. Yerootii gara yerootti waan haaraa argachaa deemuu malee bakka kana geenyaan naga’a kan jennu miti. Inni kun ammoo of irratti hojjechuu barbaada. Keessi keenya jijjiiramuu qaba. Ilaalchiifi sammuun keenya jijjiiramuu qaba. Walumaagalatti wantoota jireenya keenya nimiidha jennee yaadnu kamuu jijjiiruun barbaachisaadha. Tarkaanfii irratti fudhachuunis murteessaadha.
Kanaaf ammoo jireenya keenya qorachaa, of ilaalaafi rakkoo qabnu fooyyafataa deemuudha. Inni kun guddina. Akka nama waan tokkotti boca baasuutti kallattiilee adda addaatiin of ilaalaa deemuun barbaachisaadha. Namni boca baasu dhagaa naannessee ilaaluun bakka irraa qexa’amuu qaburraa qexa’a, bakka sirrachuu qabu ni sirreessa.
Yoo akkas ta’uu baate manni ijaaramu ykn wanti hojjetamu bocnisaa nibada. Akkasuma jireenya keenya keessatti sirriitti of ilaaluun bakka sirrachuu qabnu of sirreessaa deemuun har’aafis ta’e borii keenyaaf daran murteessaadha. Wanta har’a sirrii hintaane yoo of irratti moosifne borii keenyaaf balaa hamaadha. Warri adiin oggaa mammaakan, “Namni tokko jireenyasaa tolchuus ta’e balleessuu nidanda’a” jedhu.
Yoo of ilaalaa deemne, yoo of jijjiiruu feene, yoo hojii hamaarraa fagaannee isa gaarii hojjenne boriin keenya qaramaa ta’a. Egaa akkuma namni mana ijaaru tokko dhagaatti boca baasuun hojiisaa ta’e jireenya keenya keessattis itti fufiinsaan irratti hojjechuun barbaachisaadha. Haa ta’u malee yaalii goonu keessatti yoo jijjiirama barbaachisaa ofirratti fiduu dadhabne abdii kutannee taa’uun barbaachisaa miti. Yaalii goonee milkaa’uu dadhabuun kufaatii sodaachuu qabnus miti. Kufaatii guddaan kufaatii sodaachuudha; abdii kutatanii harka maratanii taa’uudha.
Jijjiiramni jireenya keenyarratti taasifnu kan yeroo tokkoo qofaas ta’uu hinqabu. Kan gidduutti boqonnaa fudhannee itti deebinu miti. Sababiinsaa jireenya keenyarratti hojjechuudha. Ofirratti jijjiirama fiduudha. Kun ammoo kan yeroo muraasaan ta’u miti; waakkoo halkan tokkotti biqilee guddatu waan hintaaneef.
Yeroo hunda jabaatanii irratti hojjechuu gaafata. Jireenya keessa turre keessaa baanee hanga amalli haaraan nuti feenu bakka qabatutti jabaannee hojjechuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf amala dhugaatii yoo qabaanne hanga amala hamaa kanarraa fagaannutti jabaannee hojjechuun murteessaadha. Tarii obsa hinqabnu yoo ta’e karoora sirrii qabaachuun, namootaa wajjin yeroo mareefi sagantaalee gara garaarratti haalota nuqunnamanirraa barachuun, muuxannoo argannu ammoo guddisaa deemuun of fooyyessuun nidanda’ama.
Egaa har’a utuu barreeffama kana dubbisnuu maal fooyyessuuf of qopheessina? Egeree keenya fooyyessuuf maal gochuu qabna? Wantootni jireenya keenya keessatti jijjiiramuu malan maal fa’i? Amalli kanaan booda nu faana ittifufuu hinqabne jiraa? Isa kanattii attamitti adda baanaa kan jedhuufi kkf adda baafachuun irratti hojjechuun barbaachisaadha.
As keessatti wantootni jijjiiramuu qaban jijjiiramuutu irra jiraata. Wantoota ittii adda ba’uu qabnurraa adda ba’uun, waan dhiisuu qabnu dhiisuun, haala jirru keessaa ba’uuf dhukkubbii yoo qabaatus keessaa ba’uun barbaachisaadha. Tarkaanfii fudhachuu qabnu fudhachuunis murteessaadha.
Namni jireenya isaa irratti jijjiirama fiduu barbaadu miidhaa simachuu qabus dagachuu hinqabu. Namni tokko jireenya har’a keessa jiru keessaa ba’uuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu qabu fudhachuu hindanda’u taanaan of jijjiiruu akka hindandeenye beekuun barbaachisaadha. Jijjiiramni haala jiran keessaa ba’uuf tarkaanfii fudhachuun murteessaadha.
Inni kun ammoo tarii dhukkubbii qabaachuu mala. Haala mijeeffannee teenye keessaa ba’uuf kutannoo barbaada. Haala mijeeffannee teenye kana keessaa gara itti ba’uu qabnutti utaaluuf tarkaanfii fudhachuu hindandeenyu taanaan bara baraan haala jirru keessaa ba’uu hindandeenyu.
Wanti guddaan dagatamuu hinqabne yoo jiraate haala keessa jirru keessaa ba’uuf yookaan jireenya keenyarratti jijjiirama fiduun hanga libsuu ijaatti waan ta’u utuu hinta’in yeroo fudhachuu kan danda’u, itti yaaduun kan irratti hojjetamu ta’uu dagachuu hinqabnu. Kanaaf, utuu hinnuffin, abdii hinkutatin guyyoota hunda shaakala barbaachisaa taasisuun murteessaadha. Jijjiiramni salphaa ta’uu baatus misiraachoon guddaan jiru jijjiirama of irratti fiduu nidandeessa. Haala har’a keessa jirtu keessaa ba’uu nidandeessa.
“Jijjiiramni guddaan egeree ofii jijjiiruu danda’uudha. Kanaaf ammoo ilaalcha ofii geeddaruun barbaachisaadha. Haa ta’u malee namni haala jiru jijjiiruu yoo dadhabe of jijjiiree jiraachuun murteessaadha.”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Ebla 29 Bara 2014