Nama namaan gadii

 Jecha gaarii hinfakkaatu. Yaada fiinxalesummaa irraa dhufe fakkaata. Asirratti nama namaan gadii yoo jedhu nama namaa oliitu jira jechuumiti. Namatti jira. Namnii namaa gadismiti namaa olismiti. Nama. Namnii namaan gadii ammoo maqaaf fakkii namaa waan qabu qofaaf nama. Namnii namaan gadii kun Bineensanis gadi.

Warra Aristotil “Beast” jedhuun sun. Sanyii namaatiin walbira qabee waan ilaalaa jiruufi. Ulaagaan nama namaan gadii inni jalqabaa “Miira namummaa/human feeling” hinqabu. Lubbuun namaa isaaf tapha. Muka muruu ykn bineensa qaluufi lubbuu namaa baasuun; bishaan jigsuufi dhiiga buusuun isaaf tokkuma. Dhallii namaa durii namni namaan gadii waan jiruuf safuu tumatee bulaan.

Namnii namaan gadii akkuma miira namummaa/sense of humanity hinqabne safuu hinqabne. Dhalli namaa durii jiraachuu nama miira hinqabne kana safuu waan beekuuf seera tumate. Namnii namaan gadii akkuma safuu hinbeekne seerallee hinbeekne.

Namnii Safuufi Seeralleen hinbulle amantiinis hinbulu. Kanaaf namni namaan gadii nama miira, safuu, seerafi amantiin hindaangessine jechuudha. Namni wantoota kan hinbulle amaloota ittiin beekamus qaba. Nagaa hinbeeku. Akka hayyootni hedduun himanitti namummaan nama tokkoo ilaalcha inni namaaf qabu qofaan odoo hintaane ilaalcha inni bineensota biraatiif qabuun madaalama.

Qaroomni saba tokkootuu kanaan madaalama. Jecha Cesar Chavez yoo ilaalle “Kindness and compassion towards all living things is a mark of a civilized society.” Nama jechuun nama Naasuu (moral feeling) nama qofaaf odoo hintaane uumamaaf qabu jechuudha.

Namummaan nama namaan gadii kanaan madaalama. Miilan Kundeerrara kanuma dhugoomsa: “Humanity’s true moral test, its fundamental test…consists of its attitude towards those who are at its mercy: animals.” Namni namaan gadii kun miira namummaa, safuu, seeraafi amantii dhabuun yoo beekamu; ragaan amala, qalbiifi gochasaati. Qaamaan nama fakkaata malee qalbiinuu gadibu’aadha.

‘Paul Watson’ dhimma kana yoo ibsu: “Intelligence is the ability of a species to live in harmony with its environment.” Agarsiiftuu guddoon nama namaan gadii “Amalaanis Gadbu’a” Nama Bineensa waliin jiraachuu danda’utu namas waliin jiraachuu danda’a jedha.

‘Emmanuel Kant’: “He who is cruel to animals becomes hard also in his dealings with men.” Cesar Chavez yaaduma kana yoo ibsu: “Only when we have become nonviolent towards all life will we have learned to live well with others.” Namni namaan gadii yoo guddatte meeshaa miilaan deemu ykn ammoo meeshaa meeshaan deemu.

Namnii kun meeshaa badiiti. Namaafis bineensafis hinta’u! Hardha adunyaan tun nama kanaan baduutti jirti. Hardha kanaaf lubbuun namaa lubbuu horii hanqatte! Kanaaf nama qaluun hojii idilee ta’e. Hojii nama kanaati. Namootni akka Hamurab dura gaafa seera “Nama nama ijjeese ajjeesaa; nama nama gube gubaa” jedhan sababa malee hinturre.

BARIISAA SANBATAA Ebla 29 Bara 2014

Recommended For You