Waancaa dargaggoota Adunyaarratti hirmaannaa Afrikaa

Finfinnee: Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Dargaggoota Addunyaa inni jalqabaa ALA Waxabajjii 27 hanga Ebla 10 bara 1977 Tuniziyaa, magaalaa Tunizitti gageeffame.

Walmorkiin kan gageeffame Ardiiwwan shanirraa biyyoota 16n hirmaatan jidduutti ture. Afrikaarraa yeroo jalqabaatiif biyyoonni sadii jechuun qopheessituu waancaa Tuniziyaa dabalatee Morookoofi Kotdivaar hirmaataniiru.

Waancaa jalqabaa Tokkummaan Soviyeetii durii Meeksiikoo Liigooreedhaan 9-8n mo’attee waancaa dargaggoota Addunyaa fudhatteetti. Biraaziil ammoo Uraaguwaayi 4-0n mo’attee nahaasaa badhaafamteetti.

Waggaa lama lamaan kan gaggeeffamu waancichi edda jalqabamee waggoota 45n lakkoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti biyyoota adda addaatti yeroo 22f adeemsifameera.

Biyyoota Afrikaa 54 keessaa carraa hirmaannaa kan argatan biyyoota 21 qofa. Waancaan kun Ardii Afrikaatti yeroo sadiif keessumeeffameera; Tuniziyaa, Misiraafi Naayijeeriyaatti.

Gaanaan walmorkicharratti yeroo torba hirmaachuudhaan tapha ALA bara 2009 Misiratti qophaa’e Biraaziil wajjin waancaaf dhihaattee tapha daqiiqaa 90 galchii malee adda bahuudhaan liigooree 4-3n mo’achuun Afrikaatti akka hafu taasisuun biyya duraati.

Biyyoonni Afrikaarraa waancicharratti hirmaatan keessaa Naayijeeriyaan yeroo 12f qooda faudhachuun biyya duraa yoo taatu, yeroo lama tapha maahessaatiif dhihaattee Ispeeniin 2-0, Arjantiinaadhaan 2-1n mo’amuudhaan lammaffaa ta’uun meedaaliyaa meetii argatteetti.

Akkasumas Misir yeroo 8, Maalii fi al torba torba, Kaameeruun si’a jaha, Tuniziyaafi Kotidivaar yeroo shan, shan, Afrikaan Kibbaa yeroo afur, Morookoon, Zaambiyaafi Senegaal al sadi sadii, Toogon, Burundiin, Itoophiyaan, Angoolaan, Burkiinaa Faaso, Beeniin, Gaambiyaafi Rippablikiin Koongon yeroo tokko tokko hirmaachuuf carraa argataniiru.

Waancan kun kanaan dura yeroo 22 gaggeeffamuusaa kan yaadatamuudha. Yeroo kana keessaa Ardii Ameerikaa Kibbaa yeroo 11f yoo galu, Arjantiinaan yeroo jaha fudhachuudhaan waancaa tokko kan dhunfaa godhatteetti. Biraazili ammoo yeroo shan shaampiyoona ta’uun waancaa fudhatteetti.

Akkasumas waancaan kun Awurooppaatti yeroo saddeetiif biyyoota kudhanii Gaanaa keessa naanna’eera.

Poorchugaaliifi Sarbiyaan al lama lama, Ispeen, Rusiyaan Jarman, Ingiliz, Faransaayifi Yukireen ammoo yeroo takka takka fudhataniiru.

Waancaan kun ALA bara 2021 yeroo 23ffaaf Indooneeziyaatti akka qophaa’u waldaan kubbaa miilaa Addunyaa “FIFA”n sagantaa baasus sababii weerara koviid-19n adda cite.

Walmorkichi yeroo 23ffaa Indoneeziyaan akka qopheessummaashee ittifuftu waan murtaa’eef Onkololessa dhufu biyyoota 24 (Afrikaarraa biyyoota afur) hirmaachisuun adeemsifama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 22 Bara 2014

Recommended For You