Soomanaafi ayyaana Idal Fixrii baranaa

Miira walmakaa shakkiifi abdiin keessatti walmorkanitti, yeroo dhiibbaan alaafi siyaasni keessoo tasgabbii dhabee lammiileen hedduu qe’erraa buqqa’anii kaampii keessa jiraatanitti, yeroo rakkoon hongee hawaasa hedduu beellessee deeggarsaaf harka samiitti olqabachiise keessatti, Ramadaana baranaa soomame, Iida kabajame.

Bara darbe waqtiin ji’a soomanaa keessa ooleefi Iidni itti salaatame yeroo ulfaataafi fokkataa, yeroo addunyaan walbaqateefi ummanni gabaafi bahaa galas dagate, yeroo weerara koronaa ture.

Sababa werarri koronaa yeroo sanatti hammaataa tureef immoo dhimmoota hawaasummaa hedduurratti dhiibbaan qaqqabaa ture hordoftootaafi namoota soomana qabaniif qormaata guddaa ture.

Ji’a soomaa keessatti gamtaan yookiin Jama’aan salaatuun ajrii qophaa ofii salaatuu caalaa waan qabuuf filannoo musliimota hundaati. Haa ta’uu malee qajeelfamoonni werara dhibee koronaa to’achuuf bahan hedduunsaanii walitti dhufeenya iddoo tokkotti baay’atanii salaatuu kana kan dhorku waan tureef jama’aan salaatuun hindanda’amne.

Ramadaana keessa jama’aan salaatuun hafee nama afaansaa soomana qabu galgala iddoo tokkotti baay’atanii soomana lulluuqachuuf /furachuuf/ faxaruufis rakkoo guddaa ture. Sababuma kanaan duudhaaleen amantichaa wayitii Ramadaanaatti raawwatamuu malanis hamma tokko osoo hinraawwatamin hafuuf dirqamaniiru.

Barana immoo rakkoon kun jiraachuu baatus rakkooleen akka sababa waraanaafi jeequmsaatiin buqqa’uu, hongee uumamaatiin beelaaf saaxilamuufi kanneen biroo hordoftoonni amantichaa iddoowwan hundatti bifa walfakkaatuun ji’a raahmataa kana akka hindabarsineef gufuu ta’aniiru.

Walgargaaruufi walii birmachuu waajiba nama hundaa kan taasisu jiini Ramadaanaa kun, namoota sababa waraanaatiin qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’anii kaampii qubannaa keessatti soomaa jiran gargaaruun, kanneen sababa hongeetiin Ramadaana qofaaf osoo hintaane, rakkoo ongeetiif agabuu bulaa jiraniif waan qaban gumaachuun kabajamuu qaba.

Sadaqaan ji’a soomaa immoo ajrii olaanaa akka qabu beekkamaa waan ta’eef yaadachiisuudhumaaf malee wanti kun hordoftoota amantichaa jalaa kan dhokate akka hin taanes waanuma beekkamuudha.

Beela’aa nyaachisuuniifi dheebotaa obaasuun, rakkataa gargaaruuniifi dhibamaa gaafachuufi yaalchisuun yeroo hundaa barbaachisaa ta’us, ji’a Ramadaanaa keessatti nama Rabbirraa raahmata barbaaduuf yeroo filatamaafi murteessaadha.

Akkuma argaa turretti Ramadaanni baranaa akka biyyaatti soomana lulluuqqiin yookiin faxarri daandii itti baay’ate, bara yeroo jalqabaatiif Salaatni Iidaa guddichi lammiileen hordoftoota amantichaa ta’an biyya alaa jiraatanis dhufanii itti hirmaatan bara soomanaafi salaata Iidaa addaa, waanyota amantichaatiif immoo isa gaddaati.

Jiini kunis; ji’a raahmataa, kan Qur’aanni rabbi karaa ergamtootasaatiin gara lafaatti itti ergame, kan balballi Azaabaa itti cufamuufi balballi Jannataa qofti itti banamu, ji’a ulfaataa, ji’a qabaataadha.

Harkaanota Islaamummaa ykn ulaagaalee amantichi akka dirqamaatti hordoftootasaarratti kaa’e keessaa isa tokko kan ta’es ji’a eebbifamaafi toltuun namni dalagu itti namaaf baay’attu, hamtuun immoo namarraa itti hir’attu ji’a kadhachuu kan gammachuuti.

Ji’a dhalli musliimaa umriinsaa waggaa 15 ol ta’e hundarratti waajibaa (dirqamaa) ykn immoo sababoota gara garaatiin keessattuu dubartoota harma hoosisan, marsaan xurii laguu irra jiruufi nama dhukkubsatee sireerra jiru irraa kan hafe hundarratti soomana dirqama taasise ji’a ulfinaaf kadhannaa kan Ramadaanaa.

Jiini ramadaanaa kun hordoftoota amantichaa biratti ji’oota waggaa keessa jiran keessaa ishee filamtuufi hordoftoonni amantichaa hundi qalbiifi onneesaanii hunda waa hundarraa ajjjabanii gara waaqaa qofatti fuula itti gara galfataniidha.

Hordooftoota amantichaa hunda qabaataafi dhabaataa ta’uusaa adda baasuun kan itti nama rakkisu, hunduu qixa soomaan garaa qullaa oolee galgala kan itti wal qixxaa’u, ji’a hunduu sooreessaa, ji’a walqixxeessaa.

Duudhaalee jiini ramadaanaa qabu keessaa inni tokkoofi guddaan kan walgargaarsaafi walbira dhaabbachuuti.

Namni manaafi maatii hinqabne, qe’eefi re’ees hinqabne ji’a kana keessatti ni sooma taanaan waan ittiin soomana lulluuqatus ta’ee bakka itti lulluuqqatu ykn soomana furu dhabaaf hin yaadu hinrakkatus.

Nama soomanaan oole namni galgala soomana lulluuqachiise ykn nyaachisee hiiksise akka waan ofii isaatii soomana sana soomeetti ajrii rabbiin biraa argata jedhameet amanama.

Nama soomanaan oole namni sooma hiiksise ajrii nama soomanaan oolee sanaan wal qixa argata jechuun garuu, isa nama soomanaan oolerraa wanti hir’isu hinjiraatu.

Waan kana ta’eefis ji’a soomanaatti nama afaanii sooma qabu kamuu nyaachisuuf namni irratti walsaamuun duudhaalee ji’a rahmataafi eebbifamaa kanaa keessaa isa guddicha jechuudha.

Kanaafuu, namni harka qal’eessa ta’e kamuu soomana qabachuudhaaf sababa hiyyummaafi harka qalummaa kamuu dhiheeffachuu hindanda’u; yoo qalbiisaa dadhabe malee jechuudha.

Haala amma keessa jirru ykn weerara dhibee yeroo ammaa akka biyyaafi addunyaattis ummata sodaa keessa galchaa jiruun walqabatee garuu aadaa wal gargaarsaafi walnyaachisuu kanarratti dhiibbaa uumuu akka danda’u immoo ni hubatama.

Walitti baay’atanii jama’aan bakka tokkotti soomana furuun, masjiidatti walga’anii salaata taraawii salaatuuniifi kanneen biroo irratti hirmaachuun dirqamoota waqtii ramadaanaatti nama soomana afaanii qaburraa eeggamaniidha.

Haala waliigala biyyattiin keessa jirtu ilaalcha keessa galchuudhaan lammiileen sababoota garaa garaatiin qe’eesaanii irraa buqqa’anii deeggarsaaf saaxilaman hedduun wayita jiranitti, kanneen sababa hongeetiin jiruun itti ulfaatee hedduun jiraatus, haalotuma ulfaatoo ta’an kanneen keessattis duudhaafi aadaa ji’a Ramadaanaa keessaa isa guddaa kan ta’e hiyyeessa nyaachisuufi dheebotaa obaasuutiin namoota hedduuf aara galfii yeroo gabaabaas ta’u kennamaa tureera.

Namni tokko hiyyeessa soomana afaanii qabu daandii irraa qabee iddoo tokkotti nyaachisuun ajrii dabalataa akka argatu waan beekuuf, nama sanaaf jedhee qofa osoo hin taane, ajrii ykn bu’aa achirraa argatu hubannoo keessa galchuun nama harka qal’eessaafi musaafiraa hamma humnisaa danda’e qabatee galeenii nyaachisuuf yaalii guddaa taasisa.

Islaamummaan immoo tan gaafa makkootti walgargaaraniifii nyaachisaanii gaafa rakkootti walirraa itti dheessan osoo hintaane, dirqama haala kamuu keessatti obboleessa ofii gargaaruu ta’uunshee eenyuyyuu jalaa waan dhokatte akka hintaane qabatamaan agarsiisuudhaaf, namoota ollaasaaniitti rakkatanii jiran gargaaruudhaan qofa osoo hintaane, kanneen sababa waraanaafi hongeetiin fageenyatti rakkachaa jiraniifis bifa gurmaa’een deeggarsa barbaachisu taasisuun ittifufuu qaba.

Walumaagalatti, seenaa biyya kanaa keessatti yeroo jalqabaatiif Salaatni Iidaa lammiileen hedduu biyya keessaafi alaa itti hirmaatan Finfinneetti qophaa’uun, magaalota guguddoofi xixiqqoo naannolee keessatti osoo hinhafin sagantaan sooma furuu bal’inaan taasifamuunsaanii, akkasumas sagantaalee lulluuqqii kanneen irra jireessaan qaamoleen mootummaa sadarkaan jiran ispoonsara gochuun ramadaana baranaa wantoota adda taasisan keessaa akka isaan gurguddootti wantoota ilaalamaniidha.

Kun immoo, mufiin ummanni musliimaa majliisa federaalaarratti qabu hiikuu baatus, hamma tokko mootummaafi amanticha gidduu miirri walhubannaa uumamaa jiraachuu kan agarsiisu waan ta’eef cimee ittifufu qaba.

Haalli waliigala barana biyyattiin keessa jirtu gama siyaasaafi dinagdeetiinis gaarii ta’uu baatus kan soomana baranaafi Iidaas garuu haala addaatiin kabajamuu danda’aniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 22 Bara 2014

Recommended For You