Jireenyi addunyaa kanaa aardii tokkorraa isa biraatti, biyyarraa biyyatti, naannoorraa naannootti darbees akkuma walirraa fageenya lafaatiin haallisaa garaagara. Garaagarummaan kunis kan aadaa, afaanii, duudhaa, amantii, haala jireenyaafi kkf kan of keessatti hammateedha.
Biyyoota dinagdeedhaan guddatan yoo ilaalle ilaalchiifi iddoon isaan ammaan tana jireenya hawaasummaatiif qaban hangana cimaa miti. Hariiroofi waliin jireenyisaanii daran laafaadha. Kana jechuun walitti dhufeenyi isaan akka naannawaa, ollaa, firaafi aanteetti qaban daran kan gadi bu’eedha.
Namni hundi fiigicha jireenyasaa injifachuuf fiiguurraa kan ka’e yeroon inni itti dhimmamee waa’ee jireenya hawaasummaafi ollaasaa yaadatu hinjiru. Hunduu daandii jireenya ofiirra fiiga. Naannawa ykn ollaasaatti cidhi, booyichi ykn dhimmi wanti biraa gaddi ykn gammachuun hawaasa waliin jiraatan waliin dabarsan jiraachuusaayyuu hundi hinbeeku. Keessattuu yeroo ammaa jireenyi qofummaa akkanaa baratamee jireenya addunyaa guutuu ta’uuf deema.
Kanumaan walqabatee taatee yeroo dhiyoo Xaaliyaanii, kutaa kaabaa magaalaa ‘Como’ jedhamu keessatti ta’ee darbe akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Akkuma beekamu biyyoota koviid-19n garmalee miidhaman keessaa biyyattiin sadarkaa duraarratti argamti. Kanumaan walqabatees labsiiwwan hedduu mootummaan biyyattii baase keessaa inni tokko hariiroo hawaasummaa hir’isuu yoo danda’amemmoo dhiisuu kan jedhu ture.
Sababuma kanaan dubartiin maqaanshee Marinellaa Baretta jedhamtu, umrii 70 kan taateefi jiraattuu magaalaa kanaa kan taate maatii kan hinqabneefi qophaa baatee kan galtuudha. Akka Poolisiin biyyattii dhiyeenya kana ibsetti dubartiin tun ALA bara 2019 akkuma manashii keessa teessoosheerra teessetti du’uusheefi waggaa lama booda reeffishee argamuusaati gabaasni ‘Agence France-Presse’ kan eere.
Akka odeeffannoo kanaatti olloonni dubartii tanaa sababa mooraanshee daggalaan liqimfameef nageenyasaaniitiif sodaatanii haadha moorichaa dubbisuuf barbaadanis waan hinmilkoofneef haalicha waajjira poolisiitiif eeruu kennan. Poolisiin eerichi isa qaqqabes dhimmicha hordofuutti seene. Reeffa mana keessatti teessoorra taa’e arguus ibsa. Reeffichis qoratamee dubartitiin waggoota lama dura kan duute ta’uun mirkanaa’era.
Kanuma ilaalchisee Xaaliyaanitti Ministirri Maatii Elenaa Bonet, “Taatee gaddisiisaa kanaaf kan nu saaxile jireenya kophaa filannee jiraachuu keenya. Kunimmoo daran nama miidha” jechuun jireenyi hawaasummaa cimuu akka qabu dubbatan.
Kan Xaaliyaanii kun akka addunyaatti bahee mil’ateeti malee taateen akkanaa eessumattuu mudachuu mala. Biyya keenyattis rakkooleen jireenya qophummaa kanaan walitti dhufeenya qaban magaalota xixiqqoofi guguddootti heddumaachaafi mul’ataa dhufeera.
Ibsituuwwan aadaa waliin jireenyaa ummata biyya keenyaa keessaa buna waliin dhuguun, waliin nyaachuun, walgaafachuu, waliin taphachuufi maatii walii iyyaafachuun seenaa ta’aa jira. Kanaaf ammoo wantoota sababa ta’an keessaa babal’inni teknolojiifi koviid-19faa eeruun ni danda’ama.
Akkuma irranatti eeruuf yaalame rakkoon hawaasummaarraa qollifatanii qofaa jiraachuutiin dhufu kun baadiyyaafi magaalaa biyya keenyaa biratti adda addummaa guddaa qaba. Baadiyyaatti akka durii ta’uu baatus kan magaalaarra fooyyee qaba; hariiroo gaariitu jira jechuudha.
Ummanni baadiyyaa ammas akkuma durii waliin jireenyasaa eeggatee, yoo dhabe walii liqeessee, yoo gadde waliif gaddee, yoo gammades waliif gammadee, fagoorraa dhufee wal dubbisaa wantota hawaasummaasaa cimsan kanneen akka daboo waliif ba’uu, afooshaafi buusii waliin buufachaa waldanda’ee, walgargaareefi walutubee waliin jiraachaa jira.
Ijoolleen baadiyyaa waliin kolfanii, waliin burraaqanii, biyyoo daakanii taphatanii guddatu. Dheebuun bilisummaafi ugguramni mooraa keessa ooluu ijoollee magaalaa yeroo ammaa yaaddesse ijoollee baadiyyaa bira hinjiru.
Walumaagalatti keessumaa magaalaatti adeemsa keessa namnumti mooraa tokko keessa waliin jiraatullee quba waldhabuunsaa hinoolu. Osoo ollaan rakkatee, dhukkubsatee, gaddee, beela’ee kan isaaf beekus ta’ee kan garagalee isa ilaalu hinjiru. Kunimmoo aadaafi duudhaa waliin jireenyaa hawaasa biyyattii dhaalamaa dhufe qileetti kan darbateedha. Akkuma abbootiin keenya mammaaksaan “ollaan waliif kafana” jedhan rakkoofi hamtuu dhufteef fira dura kan dursee wal dhaqqabaa ture ollaa waliiti waan ta’eef laafachuun jireenya hawaasummaa tokko tokkoo namaarratti miidhaa amma mul’atu caalaaf otoo hinsaaxilamiin hunduu jireenya hawaasummaasaa haa cimsu, haa cimsinu jenna.
Dajanee Bulchaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 22 Bara 2014