Soomni Ramadaanaa hordooftoota Amantii Islaamaa biratti yeroo daran jaalatamaafi hawwiidhaan eegamuudha. Keessumaa waytiin kun yeroo itti qabaataafi dhabaan utuu adda hinbaafamiin dabarsuudha. Kanaaf immoo duudhaan walgargaarsaa amantichaa bakka olaanaa qaba. Ramadaanni baranaas sooma guyyoota 29 kan lakkoofsise yoo ta’u yoo jiini halkan kan mul’atte bor, kanaachi Wiixata kan hiikamu ta’a.
Nutis maxxansa kanaan duudhaa amantiichaafi dhimmoota isaan walqabatanirratti hayyuu amantii Islaamaafi Pirezdaantii Ittaanaa Mana Maree Islaamummaa Itoophiyaa Doktar Jeeyilaan Kadiir keessummaa taasifanneerra; dubbisa gaarii.
Bariisaa: Jalqabarratti baga ayyaana Ramadaanaa geessan jechaa mee wal haa barruu?
Doktar Jeeyilaan: Amdilillaahi, Musalli Musalli, La Bismallih, Rabbi laalamiin. Anii Jeeyilaan Kadiir Gammadaati. Kanin dhaladhee guddadhe Godina Arsii, iddoo Albasoo jedhamutti. Albasoo jechuun Asallaarraa ka’ee hanga Gadab ga’utti kan jiruudha. Bakka addaa Dogii jedhamuttin dhaladhe.
Barnoota kiyyas, barnoota Islaamaa jechuudha, iddoowwan hedduuttin baradhe. Albasootti Quraanaafi kitaaba biroollee baradheera. Baales deemee gara waggaa kudhanii turee, barnoota kiyyas ittifufe jechuudha. Boodarra gara bakka dhalootakootti deebi’een maatii horadhe.
Ergan waggoota 12f turee boodas gara Saawudi Arabiyaa deemee Makkaafi Madiinaa keessa gara waggoota 23f jiraadhee barnoota amantiitiin hanga sadarkaa doktireetiitti baradhee eebbifame jechuudha.
Bariisaa: Saawudiirraa yoom biyyattii deebitan, maaliis hojjechuutti seentan?
Doktar Jeeyilaan: Sawudiirraa bara 1987n deebi’e. Isaa booda Finfinnee qubadheen hojiidhuma amantii wajjin walqabatu hojjechuun ittifufe. Magaalaa Finfinnee, naannawa Ayyar Xeenaatti, Masjiida Ayyar Xeenaa (Madaarootti) barsiisaan ture. Kana malees hojii gorsaafi tola ooltummaarrattillee hirmaadheen hojjetaan ture. Hojii tola ooltummaatiin keessumaa daa’imman haadhaafi abbaa hinqabne, akkasumas namoota amantiitti laafan jabeessuun hojjechaan ture.
Ergan waggaa dheeraa achi hojjedhee booda waggaa sadan kana Mana Maree Islaamummaa Itoophiyaatti Pirezidaantii Ittaanaa ta’een hojjetaa jira.
Bariisaa: Mee gara caalu umurii keessanii dhimmuma amantiirratti dabarsiitaniiti, duudhaan islaamummaa akkamiin ibsama?
Doktar Jeeyilaan: Islaamummaan kan irratti xiyyeeffatu inni jalqabaafi ijoon Rabbi Tokkichatti qofa amanuudha. Ardiifi Samii kan uume Rabbi tokkicha waan ta’eef isatti amanuudha. Isa biratti nama biraaf bitamuu ‘gabbaruu’ dhiisuudha. Duudhaan islaamummaa inni lammaffaa erga duutee ni kaafamta kan jedhuudha. Namni duuniyaa kanarratti hinhafu. Namni hundi Jazaa ofii, mindaa ofii duniyaarrattillee ni argata. Gaafa du’emmoo kaafametu waan hojjeterratti ni gaafatama. Namni nama miidhes, namni waan bareedaa hojjetes duuniyaarratti ni argata; turus akiidaa (erga duuneellee) jazaa argata.
Sadaffaa waan islaamni jettu namni akka wal hinzollomne, wal hinmiine. Akka gaariitti akka waliin jiraannu nu gorsa. Akkasumas akka walqixxummaafi waljaalalaan bullu ajaja. Humna qaba jechuun ykn kaanirra jira jechuun hineeyyamamu. Islaamummaa keessatti namni nama hincaalu. Namni Adamiifi Hawwaarraa uumame. Dhiigni keessan tokko, Arabni ajaba ykn gurraacha waan caaluun hinqabu. Diimaan waan isa kaan ittiin caalu hinqabu. Namni hundi walqixa. Islaamummaa keessatti gosaan walcaaluun hinjiru. Kanaaf namni hundi walqixxummaan ija tokkoon walilaalee, afaan tokkoon akka bulu ajajji Islaamummaan.
Islaamummaan akkuma tokkichummaa Rabbii jabeessu tokkichummaa ummataallee jabeessa. Rabbi tokkotti amanuufi Rabbi tokkicha jechuu akkuma sirriitti jabeessu, ummannillee akka tokko ta’u jabeessa. Ummanni akka gosaan, naannoon, biyyaan walhinqoodne ajaja. Anatu sana caala, dhiiga kiyyatu dhiigasaa caala, gosa kiyyatu gosasaa caala akka hinjennes Islaamummaan ni dhorka.
Bariisaa: Duudhaa Islaamummaa kabajuurratti keessumaa dhaloonni amma jiru maal fakkaata. Muuxannoo keessanirraa ka’uun waan taajjabdan utuu nuu kaastanii?
Doktar Jeeyilaan: Akkuma beekamu Oromoon aadaa qaba. Aadaasaa bareedaa kanaan saboota Itoophiyaa keessa jiran biroo waliin walkabajuu, xiqqaan guddaa kabajuu, nagaan wajjin jiraachuu, waldandahuun osoo walhinqoodiin jiraachuu qaba. Islaamummaanis akkanuma. Haa ta’uutii zamana ammaa kana keessatti dhaloonni ammaa xiqqoo naannoon walqooduun, afaan tokko ta’uu diduun, ilaalacha siyaasaatiin walqoodee walceequun irraa mul’ata; kunimmoo biyya kana keessatti waan nama jaallachiisu miti. Kanaaf dhaloonni ammaa aadaafi amantii keenyatti, jaalalatti deebi’uu qaba. Walkabajuutti, waldanda’uutti, waljaallachuutti, walhammachuutti deebi’uun irra jiraata.
Namni hundi waan ofii argate osoo hinmiidhamiin waan maluuf, gosasaatii malu argatee, osoo haqa nama biraa hinzollomneefi hintuqne akka gaariitti waliin jiraatutti Shari’aan Islaamaa waan ajajuuf isa kana hojiirra oolchuu barbaachisa. Dhaloonni ammaa kun kana beekee, maanguddoo ofiillee kabajee, biyya ofiillee akkanuma kabajee jaalatee waldanda’ee buluu qaba. Biyyi kun misoomtee dura deemuuf waldanda’uu qabna, walis kabajuu qabna.
Namni hundis waan isa ga’u argachuu qaba. Walkabajnee tokkummaan buluuf namni haqa ofii argachuu qaba. Namni haqa ofii hinargatiin haqa ofiif falmata. Nama kamiifuu haqasaa kennuu hinqabu. Kanaaf warri falmatus maaliif falmatu jennee caqasuu qabna. Isa booda namni hundi haqasaa argatee waldanda’e akka bulu gochuu qabna; Shari’aan Islaamaallee kanuma ajaja waan ta’eef.
Bariisaa: Namoota siyaasaa ammaan tana amantiidhaan da’atanii ummata gidduutti walqoodinsa uumaa jiraniif ergaa akkamii qabdu?
Doktar Jeeyilaan: Namni amantii da’oo godhatee, maqaa amantiitiin biyya miidhu hedduutu jira. Kan tokkummaa ummataallee maqaa amantiitiin balleessuu barbaadu, kan ummata biyyattiifi amantiillee bakkawwan hedduutti qooduu barbaaduutu jira.
Islaamummaadhumayyuu kan bakka heddutti qooduu barbaaduutu jira. Kan immoo aangoorra turuuf yookiin waa ittiin argachuuf namoota isa hordofan gowwamsee turuu kan barbaadus jira. Waanuma amantii hinta’iin amantii fakkeessuuf tattaafata.
Kanaaf amantiin haqaa sirriitti beekamuu qaba. Warri amantii haqaa sirriitti walitti kalaayee (dhihaate) walta’ee afaan tokkoon jiraachuu qaba. Warra maqaa amantii jalatti of gurmeessee biyya balleessuu barbaadu akka Mana Maree Islaamummaattis akka nama amantiittis ni balaaleeffanna. Hanga dandeenyettis ni gorsina. Fuuldurattillee waltajjiilee addaddaa uumnee gorsuullee ni barbaanna. Jalqabbii xixiqqoon amma mul’atu jira. Fuulduratti kana cimsanii itti deemuuf Inshaallaah Rabbi nu haa gargaaru malee yaada qabna jechuudha.
Bariisaa: Mee Doktar isin hojii amantii keessa waggaa dheeraa turtaniittuuti, bilisummaa amantii biyya kanaa akkamiin ibsitu?
Doktar Jeeyilaan: Dhugaa dubbachuuf amma haalli jiru bareedaadha. Yeroo bara ‘Ihaadegis’ (ADWUI) ta’u isa dura dhiibbaa olaanaatu ture. Keessumaa bara ‘Ihaadeg’ dhiibbaan Islaamarra ture olaanaadha. Amma garuu bilisummaa guddaatu jira; nutu tokko ta’ee afaan tokko dubbachuu dadhabe malee. Haqninni gama keenyaan jira malee gama mootummaatiin bilisummaan amantii eegameera jechuu dandeenya.
Bariisaa: Akkuma beekamu tokkummaa biyyattii cimsuuf mariin biyyaalessaa akka adeemsifamuuf mootummaan haala mijeessaa jira. Kana keessatti ammoo qoodni abbootii amantii olaanaadha. Kanarratti yaada akkamii qabdu?
Doktar Jeeyilaan: Mootummaa waliin dhimma tokkummaafi nageenyaarratti hojjechaa jirra. Keessumaa Ministeera Nageenyaa, akkasumas, Ministira Muummee wajjinillee walitti dhiheenyaan hojjechaa jirra. Ammas mariin biyyaalessaa taasifamuuf jedhu bakka yaadame akka ga’uuf hawwii olaanaa qabna. Milkaa’inasaafis waan nurraa eegamu ni ba’anna.
Bariisaa: Barana sagantaan ifxaara daandiirraa haala adda ta’een adeemsifamaa jira. Keessumaa kiristaanoonnis saganticha qopheessuudhaan obbolootasaanii Islaamaa afaxxarsiisaa jiru. Kun hiika akkamii qaba?
Doktar Jeeyilaan: Ifxaarri baranaa waan baay’ee nama gammachiisuudha. Bakkeewwan marattuu namni walitti yaa’ee walgargaaree, inni qabu isa hinqabneef qoodee hunduu akka ifxaaru taasifamaa jira. Haalawwan gargaraarraa kan ka’e namni baay’een rakkoo jireenyaa ni qaba. Waraanni, beelliifi koronaan kan rakkoof saaxilametu jira. Kanaaf inni waa qabu kan ofii kana daandiirratti baasee, faxarsiisuun waan gaariitu argame.
Aadaan kun duraan biyya ollaa keenya, Sudaanitti beekama. Namni Sudaan manasaatti hinfaxxaru. Hunduu ba’ee daandiirra balbala ofiirratti hafee inni karaa deemu hundi itti goree nyaata. Aadaan kunis baratamee daandiirratti qofa osoo hintaane balbala ofiirrattillee faxarsiisuun utuu danda’amee caalaa gaarii ta’a. Inni qabu utuu akkas godhe inni hinqabnemmoo itti goree faxxaree darbee akkam gaarii ta’a. Kana keessa walgargaaruutu jira. Nabiyyiin keenya namni nama soomu faxxarsiise sayabasaa (waan gaarii Rabbirraa) argata waan jedhaniif aadaa gaarii itti fufuu qabudha. Ammas tokkummaan, walkabajuufi jaallalli ummattootaa cimee ittifufu qaba.
Obboloonni kiristaanaa gammachuu kana nu wajjin qooddachuufi irratti hojjechuunsaanii daran waan gaariidha. Durumaayyuu islaamniifi kiristaanni beelattiifi rakkinatti walgargaaraniifi waldeggaranii wajjin jiraachaa turan. Waan baay’ees waliin dabarsaa turan. Kun caalaatti cimee ittifufuu malee of duuba deebi’uu hinqabu. Namoota kanarratti hirmaatanis galateeffachuun barbaada.
Akka mootummaattillee ministira muummee, pirezdaantii, kantiibaafi anga’oonni sadarkaalee addaddaarra jiran hawaasa musliimaa faxxarsiisaa jiru. Ji’i Ramadaanaa ji’a walgargaarsaati. Akka amantiitti akka walirratti hinduulle, akka waldanda’anii bulaniif mallattoo waan ta’eef ittifufuu qaba.
Bariisaa: Mee akka waliigalaatti kaleessa sagantaa afxiraa guddichi daandiirratti taasifamee ture. Gaafa ayyaanaas akkasuma ni adeemsifama. Mee kanneen akkamiin ibsitu.
Doktar Jeeyilaan: Inni kaleessaa sun guddicha. Lammiileen biyya keessaafi alaallee irratti hirmaataniiru. Kan gaafa Iidaallee akkanuma. Warri Finfinnee akkuma isa kaleessaa haala gaariin keessummootas simannee keessummeessine gaafa Iidaas keessummeessuun qabna. Bakkawwan hundaattii haala duudhaan ayyaanichaa ajajuun gaggeffamuu qaba.
Bariisaa: Isin akka dhuunfaatti arjummaafi nama rakkateef dafee qaqqabuudhaan beekamtu. Dhaloonni ammaas gochaa keessan kana akka jabeessee ittifufuuf maal dhaamtu?
Doktar Jeeyilaan: Amantii qofa osoo hintaane aadaadhumti biyya keenyaallee durii kaasee walgargaaruun beekama. Nama waa hinqabneef waa guuruun, kan waa jalaa gubateef deggaranii bakka buusuun inuma jira. Amantiin kamuu gocha akkanaa kana ni deggara. Rabbiis waan akkanaa ni jaalata.
Kanaaf biyyi keenyallee biyyoota biraa akka hinilaalle, ummanni keenyallee rakkoof akka hinsaaxilamneef aadaa walgargaaruu kun cimee itti fufuu qaba. Walgargaarsi yeroo Ramadaanaa mul’ate Ramadaanaan boodallee ittifufuu qaba. Harka qalleeyyii, maanguddootaafi kanneen rakkoo addaddaa qaban gargaaruun itti fufuu qaba.
Nuti hojii tola ooltummaa kanarratti hojjechuuf baay’ee yaadneerra. Haa ta’uutii akka yaadnetti nuu deemuu hindandeenye. Biyya keessaafi alaa waan namni Zakaa nutti kennu, jechuun seera islaamaa keessatti qarshii argatan irraa parsantii lamaafi walakkaa akka kennan gochaa turre. Ta’uus Zakaa kana dhaabbileetti kennanii ummata ittiin gargaaruun baay’ee hinbaratamne. Inni kun dura sirriitti baratamuu qaba.
Bariisaa: Dhumarratti ayyaana Iid Al Faxiiriifi waa’ee nageenya biyya kanaa ilaalchisee ergaa akka dabarsiitaniif carraa isinii kenna.
Doktar Jeeyilaan: Hordooftoota amantii Islaamaa maraan baga rabbiin waggaatti waliin nu deebise jechuun barbaada. Ayyaanicha wayita kabajnuus walgargaaruufi miskiina bira ejjechuun ta’uu qaba. Kan waa hinqabneef qooduu qabna. Ayyaana kanatti Zakaatil fixrii waan jedhantu jira. Guyyaan iidaa har’a yoo jenne, ganamasaa lafa fixrii utuu hindeemne ollaa keenya waa hinqabneef akkaataa baay’ina maatiisaaniitiin waan kennuu qabantu jira; waan sana kennuu qabna. Gammachuu guyyaa ayyaanaas walirra deemnee walziyaarree walilaaluu qabnan jedha.
Nagaan walqabateemmoo, gaafa nagaa jennu jiruu nama hundaa jechuudha. Namni waan nagaa dubbatu lubbuu ofiitiif dubbata jechuudha. Nuti hundi yoo nagaan jiraate malee jiraachuu hindandeenyu. Nageenyi waan Rabbillee ajajee waan ta’eef namni hundi nagaadhaan akka waliin jiraatun gorsa.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 22 Bara 2014