Jaarraa tokkoofi walakkaa oliif sabaafi sablammiileen walqixxummaa eenyummaa amantiifi afaanii dhabuun hiraarsaa, sirna cunqursaafi ilaalcha dukkanaa’aan guutameen ukkaamsaa jala turaniiru.
Sirni sirna nyaatee qabsoo ilmaan cunqurfamoon Itoophiyaa taasisaniin walqixxummaan amantii afaaniifi eenyummaa akka lafa qabatu ta’eera.
Jaarraa amma keessa jirru kanatti ilaalcha finxaalessummaa amantii, sanyiifi kan biroo qabatanii biyya diiguuf yaaliiwwan gara garaa tasifamanis deeggarsa ummata bal’aa hinqaban jedhu Dargaggoonni Nashiidaa ykn faaruu Islaamaa qopheessan.
Ayyaana Iidii hanga Iidii jedhamu sababeeffachuun sagantaa simannaa diyaaspooraa alaa dhufaniif tasifamerratti Nashiidaan nagaa labsaa kan turan keessaa Dargaggoo Abdumaalik Ahmad isa tokko.
Dargaggoo Abdulmaalik Afaan Oromoo, Ingiliffa, Amaariffaafi Arabiffaan dandaeettii gahaa qaba. Ammas afaanota gara garaa dandahu kanaan Islaamni nagaa ta’uu nashiidaa gurraafi lubbuutti mi’aawuun hordoftoota amantichaa simachaa rabbiifimmoo galata dhiyeessaa tureera.
Akka ibsasaatti ayyaanni akkanaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif qophaahuusaatiif baay’ee kan nama gammachiisu yoo ta’u, xiyyeeffannoo walqixxummaa amantii qabatamaan lafa qabsiisuuf mootummaan kennaa jiru jajjabeessaa ta’uu agarsiisa.
Dargaggoonnis carraa biyya keessaafi alaan walitti dhufuu argatan kanatti fayyadamuun tokkummaasaanii akka cimsatan misoomaafi dinagdee biyyasaaniifis bu’aa guddaa buusu jedha Dargaggoo Abdulmaalik.
Keessumaa nageenya biyyaa qabatamaan mirkaneessuu keessatti dargaggoonni gahee leencaa taphatu kan jedhe dargaggoon kun, misooma biyyaa keessattis humni guddaan dargaggoota keessa akka jiru kaasa.
Dargaggoota kanneen naamusaan ijaaranii guddisuu keessatti abbootiin gahee guddaa qabu jedhee, dargaggoonnis nagaa biyyasaanii kabachiisuuf gorsa abbootii dhagahuu akka qaban kaasa.
Nashiidaa ykn manzummaan inni dhiyeessu kunis Islaamni nagaa ta’uu ilmaan nagaammoo nagaa labsuu akka qaban kan mul’isuudha. Yeroo ammaattis naashiidaa kana afaanota gara garaan qopheessuun Rabbiin galateeffachuun tokkummaa waloo labsuun miira jibbaafi waldhiibuu obbolootaa dhabamsiisuun nageenya biyyaa kabachiisuuf gargaara. Itoophiyaan biyya sabaafi sablammiileen amantiilee gara garaa hordofanii waan taateef itti fufiinsa biyyattiif shoorri dargaggootaa murteessaa ta’uus ni eera.
Kanaaf dargaggoonni nagaa biyyaa keessatti qooda guddaa waan qabaniif dirqama irraa eegamu bahachuun nageenya waaraa biyyasaanii kabachiisuuf tokkummaa qabaachuu qabu.
Tokkummaan dargaggootaa kunis amantiin sanyiifi lagaan osoo hindaangahiin biyya keenyaaf wabii ta’uu agarsiisuu qabna kan jedhe Dargaggoo Abdulmaalik, ilaalcha finxaaleyyiin yeroo ammaa calaqqisiisaa jiraniif gurra kennuu akka hinqabne gorsa.
Finxaalessummaan biyya diiga, tokkummaa balleessa, obbolaa walirratti kaasa jedhee kun akka hintaaneef duudhaa waldanda’uufi walkabajuu gabbifachuun murteessaa ta’uu eera.
Miirri kan kootu caalaa namalee beekaan hinjiru jedhu biyyaaf balaa, lammiileef yaaddoo waan ta’eef maddisaa akka goguuf dargaggoonni ittigaafatamummaasaanii bahachuu qabu.
Nashiidaanis ta’e manzummaan keenya nagaa kan lallaban kan tokkummaa ibsaniifi jaalala obbolummaa akka qabaannu kan jajjabeessaniidha.
Yeroo ammaa sagantaan Iidaa hanga Iidaa jedhamu Itoohiyaatti qophaa’uun hawaasni Musliimaa biyya alaafi keessaa walitti qabamuun kabajuu eegaluunsaanii waan ajaa’ibaa mootummaa galateeffachiisuudha.
Dargaggoonnis carraa walqixxummaa amantii qabatamaan mirkaneessuuf mootummaan hojjetaa jiru cina dhaabachuu akka qaban Dargaggoo Abdulmaalik kaaseera. Jalqabbii gaarii gama mootummaatiin jiru kana gufachiisuuf sabummaan jeequmsa uumuuf yaliiwwan gara garaa taasifamaa turus waan irratti dammaqameef kan maseene ta’uu dubbata.
Inni isaaniif ta’uu dinnaan amma lammiilee amantiidhaan walitti buusuuf gochi hammeenyaa finxaleyyiidhaan qaqqabaa jiru tokkummaa biyyaatiif balaa ta’ee mul’achuu eera.
Balaa finxaaleyyiin uumaa jiran kanammoo irratti dammaquun jaalalaan injifachuun fala kan jedhe Abdulmaalik, kanaafis dargggoonni amantaan sanyiin osoo walhinqoodiin qindoominaan dhaabachuu malu yaada jedhu kaaseera.
Islaamni nagaadha; nuyis afaan beeknu maraan nashiidaafi manzummaa keenyaan nagaa labsina yaada jedhu kaasa. Dargaggoo Haaruun Kadiris akkuma hiriyyaasaa nashiidaan keessummoota musliimaa alaa dhufan simachuuf of qopheessuu dubbata.
Nashiidaasaa kanaan nagaa lallabaa gaarii hojjechuun yeroo hunda waan gaarii yaaduun dhala namaarraa barbaachisa jedha. Kanammoo afaaniin osoo hintaane qabatamaan lafarratti agarsiisuuf humna guutuun hojjechuu akka qabu kaasa.
Keessumattuu dargaggoonni abdii biyyaa ta’an sanyii amantiifi lagaan osoo walhinqoodiin nageenya waaraa biyyasaanii mirkaneessuuf tumsuu qabu.
Ayyaanni Iidaa kan gammachuu kan tokkummaafi waldanda’uu kan dhabe kan itti gargaarru kan rakkate rakkoo kan itti baasnu akka ta’uuf tokkummaan dargaggootaafi abdiin irra jiru olaanaadha.
Ilaalchi waljifachuu, waldhiibuu tokkummaafi jaalala biyyaa waan hubuuf hudhaalee akkanaa hanqisuun dirqama dargaggootaati. Kanamalees dargaggoonni madda rakkoo osoo hintaane madda nageenyaafi furmaata waaraa biyyaa akka ta’an beekanii aantummaan biyyaasaaniif hojjechuu qabu ergaa jedhu dabarseera.
Musheedaa Asmaamaawi Sayidis Walloorraa kan dhufe yoo ta’u, sagantaa Iidii hanga Iidii jedhamu musliimota biyya keessaafi alaatiin Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif kabajamuunsaa waan haaraadha jedha.
Taateen kun seenaa Itoophiyaa keessatti seenaa isa jalqabaati jedhee, tarkaanfii mootummaan gama kanaan fudhate jajjabeessaa ta’uu dubbata.
Diyaaspooraawwan musliimaa kutaalee addunyaa gara garaarraa dhufuun biyyasaanii keessatti wayita ayyaanessan tokkumaasaaniif, nageenya biyyasaaniifi hawaas dinagdee lammiilee cimsuu keessatti bakka olaanaa qaba.
Aamantiin Musliimaa duudhaa waraabamee hindhumneefi dinagdee biyyaaf madda galii ta’ullee qaba kan jedhe dargaggoon kun, kana gadi baasnee beeksisuuf nashiidaafi manzummaa akka fayyadaman ibsa.
Quraanni nagaa lallaba nus fakkeenyummaasaa fudhannee nagaa lallabuun nageenya waaraa biyya keenyaa kabachiisuun barbachisaa ta’uu kaaseera.
Itoophiyaan biyya amantiin aadaan, afaaniifi eenyummaawwan gara garaa keessa jiran waan taateef lammiileen kunniin waldandahuufi walkabajuun yeroo dheeraaf waliin jiraachaa turuu hima.
Duudhaan waldandahuufi walkabajuu sun ilaalcha finxaaleyyiitiin osoo hinfaalamiin dhaloota dhufutti akka darbuuf shoorri dargaggoonni taphatan olaanaadha jedha.
Finxaaleyyiin faayidaa ofittummaa mataasaanii malee kan isa kaanii quba hinqaban jedhee, ilaalchi finxaalessummaa akkanaa akka baduuf dargaggoonni dammaquu akka qaban gorsa.
Miira maal nadhibdeen kan oofaman finxaaleyyiin kun hawaasa amantiin walitti buusuun ergamasaanii dhokataa galmaan gahachuuf wixxifachaa jiru.
Amantiin Islaamaa nagaadha; jibba hinlabsu; waljifachuu hinlabsu. Kun waan ta’eef shira finxaaleyyiirratti dammaquun nageenya lammiilee kabachiisuuf tumsa taasisuun barbaachisaadha jedha.
Dargaggoon utubaa biyyaati malee madda jeequmsaa ta’uu akka hinqabnses ibsee, taateen Itoophiyaa kaabaa, Gondaritti qaqqabe hammaataa ta’uu hima. Kunis naamusa amantii kamiinuu fudhatama hinqabu jedhee, Quraannis ta’e Wangeelli ilaalchaafi gocha jibbaa jaalalaan injifachuu akka qabnu hubachiisa yaada jedhu kaaseera.
Finxaaleyyiin golgaa amantiin duudhaa amantichaa cabsuun siyaasa mataasaanii qabatanii deemaniin nageenya lammiilee booressaa jiran dogoggorasaaniirraa deebi’uu akka qaban; mootummaanis irratti hojjechuu akka qabu dubbata Dargaggoon kun.
Itoophiyaa har’aa ija kaleessaatiin ilaaluun hindanda’amu jedhee, biyyattiin biyya sabaafi sablammiin 83 ol waldanda’uun keessa jiraatan, yoo haalaan ittifayyadamne garaagarummaan kun miidhaginaafi madda galii ta’uu akka danda’u hima.
Kunis garaagarummaa keessa duudhaaleen hawwata tuuristiifi madda galii ta’uu danda’an waan jiraniifidha jedhee, keessumaa duudhaaleefi sirnoonni amantiilee hawwotaa ta’an jiraachuu kaaseera.
Nuyis nashiidhaafi manzummaa keenyaan aadaan obbolummaa waldanda’uu walkabajuu akka gabbatu Rabbiinis akka jaalatu lallabuun biyyi nagaa akka taatu hojjetaa jirra yaada jedhu eereera.
Walumaagalatti Itoophiyaan ilaalcha murnoonni finxaaleyyii agarsiisaniin kan madaalamtuufi diigamtu osoo hin taane tokkummaa garaagarummaa sabummaafi amantiin ijaarameen walitti hidhamtee biyya ilmaansheefi ofii guddachaa jirtuudha. Kanaaf dargaggoonnis duudhaa waldanda’uu amantiifi sabummaa abbootiisaaniirraa dhaalan kana gabbifachuun ilaalchaafi gocha hamaa finxaaleyyii maqaa amantiin biyya diiguuf deemanii maseensuuf waliin dhaabachuun barbaachisaadha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 22 Bara 2014