“Federeeshiniin kilabootaa atiletiksii to’achuufi hordofuu qaba” -Leenjisaa Kilaba Dhaabbata Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaa

Finfinnee: Naannoon Oromiyaa madda atileetotaa taaatus atiletonni kunnin leenjii saayinsaawaa argachuun haala qindaawaa ta’een socho’aa waan hinturreefi bu’aan galmeessisaa turan kan naannicha madaalu hinturre. Mootummaan naannichaas kana hubachuun bara 2002 kilaboota 20 gurmeessuun leenjii saayinsawaa akka argatan erga taasise injifannoo argachuun danda’ameera.

Ifaajee leenjistoota ciccimoon injifannoo argameenis atileetonni hedduun jireenya dhuunfaafi maatiisaanii jijjiiruun hojiiwwan invastimantii garagaraa keessatti hirmaachuun dinagdee biyyaa keessatti gaheesaanii bahataa jiru.

Kilaboota leenjistoota karaa milkaa’inaarra jiran keessaa Leenjisaan Kilaba Dhaabbata Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaa Obbo Birhaanuu Makonniin ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, Kilabichi Manneen Barnootaa naannichatti argaman keessaa guddattoota waliitti qabee leenjisuun qabxii olaanaa galmeessisaa jira.

Akka Obbo Birhaanuun jedhanitti, Kilabichi kaampii dhuunfaasaa kan qabuufi leejistoota lamaan atileetota dhiiraafi dubara 46 gosa Ispoortii addaa addaan leenjisaa jira.

Akka fakkeenyaatti Atileeti Saamu’eel Tafarraa dabalatee atileetonni torba Federeeshinii atileetiksii Itoophiyaattin flatamuun Olompikiifi shaampiyoonaa atileetiksii addunyaarratti hirmaatan keessaa kanneen alaabaa biyyattii olkaasuun sa’aatii fooyya’aa galmeessisan jiru jedhaniiru.

Kaampiin kilabichaa Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa ture wayita amma Inxooxxootti jijjiiramuu eeranii, haalli qilleensa naannichaa ispoorteessitootaaf gaarii ta’uus bakka olmaa waan hinqabneef Federeeshiniin naannichaafi biyyaalessaa ittiyaaduu qaba jechuun dubbatan

Qabxiin gaarii tattaaffii atileetifi leenjisaan qophaatti taasiisan qofaan kan argamu osoo hintaane hirmaannaa qaamota hundaa barbaada jedhanii, injifannoon atileetonni kilabichaa galmeessisanis fakkeenya kanaa ta’uu himan.

Kilaboota hundaa’an keessaa 15 diigamuun wayita ammaa shan qofti hirmaachaa jiraachuufi isaanis ittifufiinsasaaniif wabii kan hinqabne ta’uu himanii, Federeeshiniin naannichaa haala kilaboonni irra jiranirratti to’annoofi hordoffii barbaachisu taasiisuu qaba jedhan.

“Ani leenjisaa atileet Saamu’eel Tafarraa meedaaliyaa Warqee biyyaattiif argamsiiseti. Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa keessumaa kutaan Teeknikaafi Leenjii dandeettii leenjistootaa beekuun beekamtii maluuf kennuu qaba. Wayita dorgommiin jiru hirmaattota barbaaduurra leenjistoota dubbisuu qaba. Kanarratti dadhabbii guddaatu mul’ata” jechuun ibsan.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 22 Bara 2014

Recommended For You