Erga mataduree, “Waamicha gara biyyaa Iidaa hanga Iidaa” jedhuun Itoophiyaanonniifi michoonni Itoophiyaa gara biyyaa akka galaniif waamichi dhiyaachuu hordofee koree waloo biyyaalessaa hundaa’een hojiiwwan adda addaa hojjetamuun qophiin taasiifamaa tureera.
Waamicha Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad “Waamicha gara biyyaa Iidaa hanga Iidaa” jedhuun dabarsan imala gara biyyaa marsaa jalqaba sagantaan jalqabsiisu eksipoon Iidaa hanga Iidaa Ebla 19 hanga 24 turu Magaalaa Finfinneetti qophaa’eera.
Ekispoon jalqabaa Iidaa hanga Iidaafi ekispoon Iidaa 10ffaa guyyoota shaniif gaggeeffamu daldaltoota biyya keessaafi alaa hirmaachisaa jira. Ekispoo kanarrattis uffannaawwan garagaraa, meeshaaleen manaa, faayaawwaan dubartootaa, kitaabonni amantaa Islaamaa (Qur’aanootni) fi urgooftuuwwan bal’inaan dhiyaataniiru.
Gaazexaan Bariisaas bakkichatti argamuun gatiin meeshaaleefi haalli gabichi ittigaggeeffamaa jirurratti daldaltootaafi bittoota dubbiseera.
Namoota gaazexichaaf yaada kennan keessaa ishee tokko kan taate Durbeen Najaat Musxafaa, bittaa meeshaalee gaggeessuuf Ekispoo Iidaarratti wayita argamtetti akka jettetti; “Meeshaaleen garagaraa namni kamuu qulqullinasaanii ilaalee jaalachuu danda’u jiru. Haata’u malee gatiisaanii baayyee olkaa’aa waan ta’eef bituuf ulfaataadha. Meeshaaleen kun gatii isaan gabaa guddaa markaatootti qaban wajjin walbira qabamanii wayita ilaalaman asitti dabalaniiru” jetti.
“Akkan dhagaheetti gatii madaalawaan dhiyaata jedhamee ture. Garuu akka jedhame osoo hintaane gatiin hir’ifamee hinjiru. Dabalataaniis kanneen hafanirratti daballiin gatiiyyuu nimul’ata” jechuun ibsiti.
“Ekispoon ayyaanota amantii sababeeffachuun qophaa’an diinagdee biyyaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qabu jedheen abdadha. Sababnisaas ummaanni biyyattii hedduun ayyaanota akkanaa sababeeffachuun bittaa hedduu raawwata waan ta’eef daldaltootaafis bu’aa qaba” jetti.
Daldaltuun bakkichatti argamuun gurgurtaa gaggeessaa turte Adde Rihaanaa Tamaam haala gabichi itti gaggeefamaa jiru wayita ibsitu “Ekispoon Iidaa darban hedduun yeroo dheeraa keessatti gaggeefamu turan. Inni baranaa yeroo gabaabaa kessatti akka gaggeeffamu karoorfamus jalqabbiinsaa gaariidha. Meeshaaleen ayyaana qofaaf bahan jiru. Osoo barbaadamaniyyuu bakka biraatti kan hinargamne.Akkasumas sadarkaa qulqullinaa olaanaa kan qabantu dhiyaata. Kunimmoo kanneen bitaniif dadhabbii malee bakka tokkotti waan gaariifi barbaadan isaanii argamsiisa’’ jedhan
“Gatii meeshaalee ilaalchisee gama bitattootaan daballiin gatii akka jiru nu eeru. Kun kan ta’uu danda’eef sadarkaa qulqullina meeshaalee beekuu dhaburraa kan madde natti fakkaata malee daballii gatii addaa asitti taasifame hinjiru” jechuun dubbatu.
“Ekispoon akkanaa kessuumaa daldaltoota akka kiyyaaf faayidaa guddaa qaba. Meeshaalee haaraa beeksiisuufi maamiltootaa haaraa hedduu horachuu nama dandeessisa. Akka biyyaattis gama dinagdeen bittaafi gurgurtaa raawwaatamaa jiruun faayidaa guddaa kan argamsiisu yoo ta’u; walitti dhufeenya namoonni garagaraa taasiisaniinis hariiroo hawaasummaa daran cimsa” jechuun ibsiti.
Daldalaan biraa Ekispoo Iidaarratti meeshaalee elektirooniksiifi mana keessaa qabatee kan argame, Dargaggoon Iskindiir Abarraa “Ekispoon akkanaa daldalaan caala bitattoota fayyaadamaa taasiisa. Sababnisaas waan ayyaanaaf namni kamuu ituu barbaaduufi danda’u bakka tokkotti argachuu dandeesiisa. Keessumaa qulqullina waan bitamuurratti gaaffin hinjiru. Ittiyaadamee filatamee waan dhiyaatuuf. Meeshaalee sadarkaa qulqullina olaanaa qaban haala salphaan bakka itti argachuu nama dandeessisuudha” jedha.
Gatii meeshaalee ilaalchisee duubdeebiin bitattootarraa argannu akka qaalii ta’e ta’us; qaala’iina jireenyaa mul’ataa jiruufi daballii gatii meeshaaleerratti amma tasifameen walqabatee gatii jiru madaalawaadha jechuun ibsa.
Sinqinash Alamuutiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 22 Bara 2014