Duudhaa aadeffamuu qabu

Biyyi keenya duudhaalee aadaa sabootaafi amantiileetiin daran kan badhaateedha. Ummanni Itoophiyaa duudhaalee kanneen akka kan rakkate gargaaruu, kan daare uwwisuu, kan beela’eef laachuu walumaagalattuu garaagarummaa tokko malee jireenya hawaasummaarratti wajjumaan hirmaachuun daran kan badhaadheedha.

Keessumaa gama amantiitti yoo dhufne hordoftoonni amantii tokkoo warra kaaniif dhaabbilee amantii ijaaruu, yoo rakkoon akka ammaa mudate ammoo tokko isa kaaniif da’oo ta’uun beekama; ummanni biyyattii. Asirratti taatee tibbana Naannoo Amaaraa, Magaalaa Gondaratti uumameen walqabatee, ummanni amantiilee adda addaa hordofuufi durumaanuu harka walkeessa naqatee jiraachuu itti beeku gocha amantoota dhugaarraa eegamu raawwateera.

Gochichis hokkara magaalattiitti uumameen namoonni amantii islaamaa hordofan bataskaanatti, kanneen amantii kiristaanaa duuka bu’an ammoo masjiidatti dahachuun tokko isa kaaniif golgaa walii ta’uu ifatti mirkaneessuusaa ibsa mootummaan naannichaa baaserraa hubatameera.

Walta’uun kun sadarkuma biyyaattuu barana haala adda ta’een baatii Ramadaanaa kabajamaa kana keessatti guddatee kan mul’atedha. Haala guutummaa biyyattiitti jechuun danda’amuun kiristaanonni obboleewwansaanii musliimota waan barbaachisu hunda qopheessuun akka faxaran ykn sooma hiikan gochuudhaan waa’elchamee dirreerratti kan mul’ateedha.

Waajjiraalee Pirezidaantiifi Ministira Muummee RFDI irraa kaasee dhaabbileen mootummaafi mitmootummaa sadarkaalee adda addaarratti argaman, bulchiinsonni magaalotaafi naannolee, godinaaleefi aanaalee barana haala adda ta’een baatii Ramadaanaa kana keessa galgala yeroo aduun dhiitu Musliimota faxarsiisuun gocha eebbifamaa; hariiroofi obbolummaa ummattootaa cimsu xiyyeeffannaa olaanaadhaan raawwataniiru, raawwataas jiru.

Soomni Ramadaanaa kanatti otoo qabaataafi dhabaan adda hinbaafamiin tokkummaafi jaalala onneerraa maddeeni baatichi darbaa kan jiru. Kunis duudhaan walgargaarsaa amanticha bakka keessa jiru bakka olaanaa kan qabu ta’uu kan agarsiisuudha.

Amantii qofa osoo hintaane aadaadhumti biyya keenyaallee durii kaasee walgargaaruun beekama. Nama waa hinqabneef waa guuruun, kan waa jalaa gubateef deeggaranii bakka buusuun inuma jira. Amantiin kamuu gocha akkanaa kana ni deeggara. Rabbiis waan akkanaa ni jaalata.

Kanaaf biyyi keenya maalumaanuu akka harka biyyoota biroo hinilaalleef, ummanni rakkoof hinsaaxilamneef aadaan walgargaaruu kun cimee ittifufuu qaba. Walgargaarsi yeroo Ramadaanaa mul’ate Ramadaanaan boodallee ittifufee harka qal’eeyyii, maanguddootaafi kanneen rakkoo addaddaa qaban gargaaruun adeeffamuudhuma qaba.

Kanaaf, dhaloonni ammaas walqoqqooduufi waljifachuu keessaa bahee duudhaa, aadaafi amantii hordofutti cimuun jaalalaafi safuu achi keessa jirurraa habbuuqqachaafi guddisaa, maanguddoofi biyya ofiillee kabajee kabachiisaa waldanda’ee buluu qaba.

BARIISAA SANBATAA Ebla 22 Bara 2014

Recommended For You