Waldaan Dargaggoota Caffee Hojii Gamtaa Waliigalaa dargaggootaaf carraa hojii uumuu, qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuu, gatii gabaa tasgabbeessuu, tajaajiloota adda addaa dhiyeessuun hawaasa fayyadamaa taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Waldichi xaafii dabalatee midhaanotaa akaakuu gara garaa, fuduraaleefi muduraalee gatii madaalawaan qonnaan bultootarraa bitee dhiyeessuudhaan gabaa tasgabbeessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Gabaa ayyaanaa du’aa ka’uu ilaachisuudhaanis torban tokko keessatti shunkurtii kuntaala 600, hoolota kuma shan, xaafii kuntaala kuma 20, lukkuu kuma lamaafi 700, qamadii kuntaala 400 buuphaa kuma torba, gatii madaala’aan gabaaf dhiyeessuun gabaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa kan jiru ta’uu hima Pirezidaantiin Waldichaa Sanyii Iddashuu.
Waldichi xaafii kuntaala tokko gabaarratti qarshii kuma shaniifi 500n gurguramaa jiru qarshii kuma afuriifi 800n, shunkurtii kiiloo gabaarratti qarshii 45n gurguramaa jiru qarshii 37n gurguraa jiraachuu kan himu pirezidaantichi, shunkurtii kiiloo tokko qonnaan bultootarraa qarshii 34n bitaa jira. Waldichi bu’aa guddaa argachuu utuu hintaane gatii gabaa tasgabbeessuun qonnaan bultootaafi hawaasa fayyadamoo taasisuu hojii dursaa taasifatee hojjechaa jiraachuus eereera.
Waldichi dhiyeenya giddugala gabaa damee Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Qarsaa Maallimaa Magaalaa Leemmaniif damee Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti ijaarsisaa ture xumuree eebbisiiseera. Giddugala gabaa Finfinneetti ammoo mana baaburaa ijaarsisaa ture xumuree baabura afuriin hojii jalqabuuf qophii xumuraa jira.
Pirezidaantii waldichaa dabalatee raawwachiiftuun hojii waldichaa sirna eebba giddugala gabaa magaalaa Lemmaniifi Magaalaa Amboorratti argamuun raawwii hojii waldichaa daaw’achuun kallattii hojii gara fuulduraarratti mari’ataniiru. Gareen jila pirezdaantii waldichaan durfamu Kollejii Bizinasii ‘Horn Of Africa’ jedhamu kan waldichi magaalaa Ambootti banes daaw’ateera.
Giddugalli gabaa magaalota lamaaanitti ijaaraman dargaggoota biroof carraa hojii bal’aa banuun hawaasa naannawaas kan tajaajilan ta’uu kan himu pirezidaantichi, mankuusa giddugala gabaa ijaaramanittis xaafii dabalatee midhaan akaakuu gara garaa bitamanii tuulamaa jiru. Waldichi omishaalee qonnaan bultootarraa bituu qofa utuu hintaane xaa’oo aadaatti akka fayyadamuun omishaafi omishtummaasaanii akka guddifatan, omishasaanii qulqullinaan akka sassaabaniifi gabaaf dhiyeessan, qarshii argatan akka qusataniif leenjisaafi tajaajila qarshii liqiis kan dhiyeessuuf ta’uu eereera.
Waldichi fayyadamummaa hawaasaa caalaatti guddisuudhaaf Magaalaa Ambootti gamoo abbaa darbii sadii ijaaruuf dizaayiniisaa xumuruufi lafa Magaalaa Leemmanitti kennameefirrattis suuqota dabalatee ijaarsawwan biroo fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan qorannoorratti hundaa’uun kan hojjetu ta’uu himee, qabeenyawwan naannawaa jiran sirriitti qorachuudhaan faayidaa hawaasaaf oolchuun kallattii hojii ijoo waldichaati.
Waldichi bu’aa argatu caalaa fedhii hawaasaa guutuu, fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu, carraa hojii bal’aa dargaggootaaf uumuurratti xiyyeeffatee jira kan jedhu Sanyiin, waldichi dhaloota qaruufis damee barnootaarratti hirmaatee hojjechaa jira. Waldichi yeroo ammaa Kollejii Bizinasii ‘Horn Of Africa’ jedhamu bara 2013 magaalaa Ambootti banee barsiisaa jiraachuufi gara fuulduraatti ammoo damee kollejichaa babal’isuufi manneen barnootaa oolmaa daa’immaniirraa kaasee hanga sadarkaa lammaffaatti bakka gara garaatti ijaaruuf karoora kan qabu ta’uus eereera.
Miseensotni waldichaa sheerii qarshii kuma 10 kaffalanii fixaniifi kollejichatti baratan gatii barnootaa %50 qofa kaffaluun akka baratan ta’eera. Waldichi barattoota kolleejichatti barachaa jiran lamaaf ispoonsarshiippii guutuu, barattoota ja’aaf ammoo ispoonsarshiippii walakkaa kennee barsiisaa jira. Yeroo ammaa kolleejichatti barachaa kan jiran barattoota 70 ol yoo ta’an, bara dhufutti barattoota hedduu simachuuf qophii cimaan taasisaa jiraachuu pirezidaantiin waldichaafi walittiqabaan boordii kolleejichaa Sanyii Iddashuu himeera.
Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf kolleejichatti barsiisota digirii lammaffaafi sadaffaa qabaniifi qabxii 3.5 oliifi muuxannoo hojii qabaniin barumsi kennamaa jira. Mootummaanis qulqullina barnootaa mirkaneessuuf qormaatni ba’iinsaa (Exit Exam) akka jiraatu waan murteesseef dhimmi qulqullina barnootaa mirkaneessuu hojii xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jiruudha. Meeshaalee qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gargaaran guutuufi kollejicha hawwataa, dorgomaafi filatamaa taasisuunis hojii xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jiru ta’uus eereera.
Waldichi hundaa’ee waggaa lama keessatti hojiilee fayyadamummaa dargaggootaafi hawaasaa mirkaneessan hedduu raawwachaa jiraachuufi namoota 175 oliif carraa hojii uumeera. Waldichi hojiilee biqiltuu dhaabuu, deggersa taasisuufi tola ooltummaa adda addaarratti hirmaatee hojjechaa jira. Waldichi hojiilee hojjechuuf karoorfate qabartamaan hojiitti hiikee agarsiisaa jira. Bulchiinsi mootummaa federraalaa, naannoofi magaalotaas waldichaaf lafa hojii kennuun deggeraa jiraachuu pirezidaantiin waldichaa dubbateera.
Waldichi torban dhufu ammoo giddugala gabaa damee Magaalaa Galaan kan eebbisiisu ta’uu kan himu Sanyiin, hojiin walfakkaatu magoolota biroo keessatti kan itti fufan ta’u. Hojjetee haasa’uu malee utuu hin hojjetin haasa’uun amala waldichaa miti. Waldichi waan karoorfate qabatamaan hojiin mul’isaa jira. Waldichi hiyyummaafi rakkoo hojidhabdummaa hir’isuu, dinagdeerratti jijjiirama bu’uuraa fiduu, dargaggootaafi hawaasa fayyadamoo taasisuufi tajaajiluurratti xiyyeeffatee hojjechaa kan jiru ta’uu pirezidaantiin waldichaa himeera.
Koreen raawwachiiftuu hojii waldichaa akka jedhanitti, hojiilee waldichi raawwachaa jiru abdii kan namatti horuufi gara fuulduraatti hojii kana caalu hojjechuuf daandii sirriirra jiraachuusaa agarsiisa. Waldichi waggoota lama keessatti hojii yaadameefi karoorfameen ol raawwateera. Pirezidaantiin waldichaas nama kutannoo hojii qabuufi yeroosaa guutuu hojiirratti dabarsu, nama karoora waldichaa milkeessuuf halkanii guyyaa hojjetu waan ta’eef waliin taane hojiifi milkaa’ina caaluuf tokkummaafi kaka’umsa olaanaadhaan ni hojjenna jedhaniiru.
Natsaannat Taaddasaaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014