Harka fuune akkam jiirtu dubbistoota keenya? Maxxansa keenya kanaan luba yeroo jalqabaatiif ‘Qiddaasee’ Amaariffarraa barreeffama harkaatiin gara Afaan Oromootti hiikuun tajaajila Afaan Oromoo mana amantii Ortodoksii Godina Wallagga Lixaa keessatti kan eegalsiisan Lubaa Badhaasaa Tolaati.
Lubni Badhaasaan tajajila hafuuraa Afaan Oromoo mana amantii Ortodoksii Itoophiyaa keessatti har’a babal’achaa jiruuf isaan ijoodha. Oggaa bal’inaan ibsaman maal hojjetan, eenyu isaan? amma maalirra jiru isa jedhuuf deebiisaa akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Bariisaa: Lubni Badhaasaa Tolaa eenyu? Achumaanis bakka dhalootaa otoo nuu ibsitanii?
Luba Badhaasaa: Lubni Badhaasaa Tolaan jedhama. Mana amantii Ortodoksii Itoophiyaatti miseensa hayyootaa yoon ta’u, Koree Qindeessituu Mana Lubummaa Oromiyaatti Barreessaa Olaanaadha.
Kanan dhaladhee guddadhe Godina Wallagga Lixaa, Magaalaa Qilxuu Kaarraa Ganda 01tti. Barnoota hafuuraafi idilee naannawuma sanattin hordofe.
Bariisaa: Haalli maatii keessanii maal fakkaata?
Luba Badhaasaa: Fuudhee ijoollee sadii horadheera. Isaan keessaa kan hojiitti bobbahe jira. Kaanimmoo barachaa jiru.
Bariisaa: Sadarkaa barnoota idilee keessaniifi kan hafuuraa maal fakkaatu nu ibsaamee?
Luba Badhasaa: Barnoota idilee seeraan Yunivarsiitii Pablik Sarvisii Oromiyaarraa (Yunivarsitii Naannoo Oromiyaa ammaa) dippiloomaan eebbifameera. kana malees digriikoo jalqabaa Manaajimentiin eebbifameera.
Bariisaa: Barnoota hafuuraatiinoo sadarkaa maaliirra jirtu?
Luba Badhaasaa: Barnoota hafuuraa ilaalchisee Oromoon barnoota akkanaa akka baratuuf hineeyyamamu ture. Ta’us naannawuma sana Kawwalaan ykn Gadaamiin waan jiruuf carraa barachuu argadheera. Haaluma kanaan Kawwaalaa abbaa keenyaa Qulqulluu Gabramanfas Qiddus Wallagga Lixaa (Aabboo)ttin baradhe.
Haaluma kanaan barnoota duuka buutummaa (Daaqonii) baradhee ergan xumuree ‘Qinee’ barachuuf Itoophiyaa kaabaa deemee ji’oota afuriif hordofeera.
Bariisaa: Akkamiin gara Lubummaatti dhuftan?
Luba Badhaasaa: Barnoota hafuuraakoo kan Kawwaalaas kan Qinees akkuman xumureen deebihee abbaan hafuuraafi tajaajila hafuuraa Afaan Oromoon akkan kennuuf lubummaadhaan muudamee Wallagga Lixaatti ramadamee hojjechaa ture.
Bariisaa: Lubni Badhaasaa wayita Wallagga Lixaa, Gimbii turan lubummaarraa kaafamanii turan jedhama kun hammam dhugaadha? Sababiinsaa hoo?
Luba Badhaasaa: Dhugaadha. Nan yaadadha bara 2000 muudamnikoo Luba Badhaasaa Tolaarraa gara Atoo ykn Obbo Badhaasaa Tolaatti akka jijjiirame xalayaadhaan nabeeksisanii turan. Sababiinsaas ummanni keenya Afaan Oromoo malee waan hindhageenyeef Qiddaasee Afaan Oromoon eegalsiisnaan amantii balleessaa jira jedhuun himatameeni.
Bariisaa: Kan kana godhu eenyu maali ka’umsisaanii?
Luba Badhaasaa: Abunii yeroo sana Kutaa Lallaba Biyyaa Wallagga Lixaa hogganaa turaniidha. Dura afaaniin nagaafatanii haala jiru himeera. Anis waan amantoonni Amaariffa hinbeekneef tajajila qiddaasee harkaan barreessee Afaan Oromoonin eegalsiise malee amantii balleessuufi siyaasa biraa hinqabu jedheen deebiseef.
Bariisaa: Gimbiitti Afaan Oromootiin lallabuufi Qaddasuun achumaan hafe jechuudhaa?
Luba Badhaasaa: Abunichi sababuma fudhatama hinqaqbne adda addaa tarreessuun eeyyamamaa hintaane. Anis lakki duubatti hindeebi’u yaada jedhuun gurri afaan dhagahuun sagalee Waaqayyoo haa dhaggeeffatu jedheen kutannaan hojiikoo ittan fufe.
Abunichi sodaa adeemsichi anas aangoorraa nakaasisa jedhuun irra deebiin nagaafatanis, “Lakki, kitaabni qulqulluu afaansaaniin barsiisaa jedha ummannikoos afaansaatiin sagalee Waaqaa dhagahuu waan barbaaduuf duubatti hindeebi’u” jedhee ittan hime.
Ummannis nawajjin hiriiruun afaan ofiitiin sagalee Waaqaa dhagahuu, kadhachuu, qaddasuu akka barbaadu ibsuun anas nahumneesse. Kanarraa kan ka’ee lallabaafi qiddaasee Afaan Oromoo hanga bara 2009tti ittifufne.
Bariisaa: Sana booda maaltu ta’e?
Luba Badhaasaa: Sana booda Abunich bara 2000 keessa xalayaa lubummaarraa namulquu naa barreessaniiru. Xalayichis guyyaa har’aarraa kaasee Luba Badhaasaa Tolaa jedhamuurraa gara Obbo Badhaasaa Tolaatti jijjiiramtaniittu; aangoon lubummaas isinirraa mulqameera kan jedhu ture.
Kan sababa ta’eefis eeyyama Qulqulluu Sinodosiin ala qiddaasee Afaan Oromootti waan hiiktaniif himata jedhuun tarkaanfiin lubummaa mulquu narratti fudhatame jechuudha.
Bariisaa: Erga lubummaa keessan mulqamtanii tajaajila dhaabdanimoo akkam taatan?
Luba Badhaasaa: Lakki, isaan murtee fedhan dabarsanis ummanni bal’aan afaansaan tajaajilamuu barbaadu akkan tajaajilakoo addaan hinkunneef nahumneessuun mindaa dachaan naa dabaluun itti fufiinsaan akka isaan tajaajilu nataasise.
Muudamni kee nubiratti fudhatama qaba; nutu simuuddate ati luba keenya. Kanaaf nutajaajiluu qabda murtee jedhu murteeffachuun akkan tajaajilakoo addaan hinkunne ummanni na onnachiise.
Bariisaa: Beekamtii mana amantii malee tajaajila gaggeessaa jiru hinjedhamnee ree?
Luba Badhaasaa: Turtii yeroo gabaabaa booda sabaafi sablammii walitti buusaa jira, siyaasa gaggeessaa jira dhimmi kun hordofamuu qaba himata jedhuun Oromiyaatti na iyyataniiru.
Iyyannisaaniis bara Abbaa Duulaa Gammadaa Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa turan karaa Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa akkasumas karaa Komishinii Poolisii Oromiyaa akka hordofamuu ta’e.
Bariisaa: Sana booda maaltu ta’e?
Luba Badhaasaa: Gareen bulchiinsaafi nageenyaarraa bobba’e, poolisoonni, akkasumas mana amantii Ortodoksiirraa kanneen aangoo qaban namoonni sadii Gimbii dhufuun qorannaa narratti taasisan.
Anis wanta jiru hunda ibseeraaf. Kunis Afaan Oromootiin qaddasuu, lallabuu tajaailuun ala siyaasni biraa gaggeeffamu hinjiruu maaliif afaan keessaniin wangeela barsiistu, maaliif barattu himata jedhu ta’uu itti hime.
Isaanis dhimmicha gadi fageenyaan erga ilaalanii booda rakkoofi siyaasa biraa kan hinqabne ta’uu adda baafatanii jaraaf ibsuun bilisaan nagadhiisaniiru.
Kanamalees afaan ofiitiin kadhachuuf eeyyama eenyuuyyuu gaafachuun hinbarbaachisu isa jedhu ittihimuun himaticha gatii dhabsiisneerra.
Taatee sanaan walqabatee seenaa keessatti wanti dagatamuu hinqabne yoo jiraate qaamonni naqorachuuf dhufan dhugaa jiru erga adda baafatanii booda sochiin keenya siyaasas ta’e yaada biraa sabaafi sablammii walitti buusuu kan hinqabne ta’uu qaama baruu barbaadutti beeksisuusaaniiti.
Fedhiifi gaaffii ummataatiin afaan keenyaan wangeela baranna gaaffii jedhu waan ta’eef yaaddoo nageenyaa ta’uu hindanda’u jedhanii dhimmicha xumuranii manni amantii Ortodoksii Itoophiyaa hojmaata manasaaniin hudhaa kana furachuu malu malee dhimmi ulfaataan luba kana seeratti butu hinjiru yaada jedhu beeksisanii deeman.
Bariisaa: Erga qaamonni qorannaaf bobba’an bilisa isiniin jedhanii hogganaan kutaa lallabichaa maal jedhaniree?
Luba Badhaasaa: Hoggantichi harkuma lubummaakoo narraa buusaniin deebi’anii xalayaa Luba Badhaasaa Tolaa jedhamuun muudamni lubummaa keessanii isiniif deebi’eera jedhu naqaqqabsiisan.
Egaa tajaajilli Afaan Oromoo kun bataskaanota Ortodoksii guutummaa Oromiyaa keessa jiran maratti kennamuu akka qabu nakakaase.
Tajaajila hojii hafuuraatiin Finfinnee galuun rakkisaadha. Akkan achi dhiyaadhu hinfedhan. Sababnisaas komiin narraa qaban akkuma jirutti ta’ee keessumaayyuu lubni Oromoo ta’e hojiidhaan Finfinnee galuun ulfataa ture.
Bariisaa: Afaan keessan dammaan qabee rakkoon naannawa mana amantichaa keessa keessa ture akkamitti ibsama?
Luba Badhaasaa: Akka wangeelli jedhutti manni amantii biyya lafaaf fakkeenya ta’uu qabdiiyyu. Keessumaa gochoota hamoo kamuurraayyuu bilisa ta’uu malti ture. Manneen amantii Finfinnee keessa garuu isa kanatu baay’ataayyu.
Bariisaa: Erga tajaajilaaf gara Finfinnee dhufuun ulfaataa rakksiaa ta’ee isin akkamiin dhuftaniree?
Luba Badhaasaa: Tajaajilakoo kan Gimbii warruma achi jirutti kenneen hojii mootummaarratti mindeeffamee hojjechuuf dhufe. Sana booda barnoota maanaajimentii baradheen odiitarummaan Kutaa Bulchiinsa Lammii kuraat keessa hojjechaan ture.
Adeemsa keessa abbootii amantii wajjin walitti dhufee ergan taatee jiru hubachiisee hojii hafuuraa koottis deebi’een mana lubummaa Oromiyaattis akka mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaattis miseensa hayyootaa ta’een hojjetaan jira.
Bariisaa: Manni Lubummaa Oromiyaa mul’ata akkamii qabatee socho’aa jira?
Luba Badhaasaa: Oromoon afaansaan tajaajilamuu qaba. Wangeellis hunduu afaan beekuun haagalateeffatu waan jedhuuf tajaajilli Afaan Oromootiin kennamu akka cimuuf malee ergama biraa hinqabu.
Bariisaa: Sochiin mana Lubummaa Oromiyaa hundeessuu maalirra jira?
Luba Badhaasaa: Gama kanaan hojiilee mul’atanirra kanneen hinmul’annetu caala. Tarii muudama barbaacha sochii taasifame godhanii kan ilaalan jiraachuu malu. Ala taa’anii waa jechuurra keessa dhaabatanii hojjechaa akka sirratu gochuutu bu’aa buusa. Imalli keenya ammallee finiinaa jira. Kanaafis bu’aaleen tajaajila Afaan Oromoo cimsuuf hojjetamaa jiran ragaadha.
Bariisaa: Gama kanaan sochii qabatamaan lafarra jiru maal fakkaatu?
Luba Badhaasaa: Ani jalqaba qiddaasee Afaan Oromoo harkaan barreessee Wallagga Lixaa keessatti akka babal’atu taasiseera. Isa kanaafimmoo kan galtee naa ta’an Luba Olaanaa Waaqtolaati.
Sana booda Luba Ifaa Qana’aa dabaladheen lama taanee qiddaasee guutummaasaa hiiknee harkaan barreessinee hojiirra oolchineerra.
Kadhannaawwan guguddoo kanneen akka ‘Ya abbaa keenyaa, eebba, kadhata dhiifama cubbuu, barnoota gaa’elaa Luba Olaanaarraa fudhannee harkaan katabnee waliin geenyeerra.
Sana booda qiddaasee ani harkaan katabee jalqabsiise hayyoota Oromoo mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa keessa jiraniin qindaa’ee, kitaabaan maxxanfamee fuula 300 ol kan qabu har’a guutummaa Oromiyaatti hojiirra ooleera. Qabiyyeen kitaaba qiddaasee kun Amaariffa, Gi’iiziifi Afaan Oromoon walcinatti katabamanii tajaajilaa jiru.
Bariisaa: Egaa isin miseensa hayyootaati. Tajaajila wangeelaa Afaan Oromootiin babal’isuuf kitaabileen wabii hordoftoota amantichaa cimsuuf gargaaran gara afaanichaatti jijjiiruun barbaachisaadha, gama kanaan amma maalirra jirtu?
Luba Badhaasaa: Kitaabilee hedduun gara Afaan Oromootti hiikamaa jiru. Hundumtuu abbaa abbaa godhateera jechuun danda’ama. Qiddaaseen ala kitaabilee baay’een hiikamanii manneen amantaatiif gadi bu’anii hojiirra oolaa jiru.
Fakkeenyaaf kitaabilee Afaan Oromootti hiikamuun tajaajila kennaa jiran keessaa Amantii Abbootii (Haymaanote Abawu), Sinkisaarii, Qiddaasee Duukaa bu’ummaa, Kitaaba Fuudhaafi Heerumaa, Kitaaba Cuuphaa, Raajii Maaramii, Dirsaana Mikaa’eliifi Dosqoroosfaa eeruun ni danda’ama. Isaan kunneen maxxnfamanii tajaajilarra oolaniiru.
Bariisaa: Macaafa Qulqulluus Afaan Oromootti hiikaa jirtu jedhama hammam dhugaadha.
Luba Badhaasaa: Eeyyee, gareen hayyootaa hojii kanaaf bobbahe sochiirra jira. Yeroo ammaa Kakuu Haaraan xumurameera. Irra deebiin erga beektotaan ilaalamee booda yeroo gabaabaa keessatti maxxanfama jedhamee eegama.
Walumaagalatti kitaaba 81n ahaaduu guutummaatti Afaan Oromootti hiiknee tajaajilaaf oolchuuf hojiitti jirra. Gargaarsa Waaqaatiin ni milkaa’a jennee abdanna.
Bariisaa: Yeroo kitaabilee amantii kanneen hiiktan jechoonni ulfaataa ta’an hedduu isin mudachuu malu. Kana akkamiin keessa darbaa turtan fuulduraafoo gama kanaan kallattiin kaa’ame jiraa?
Luba Badhaasaa: Dhugaadha. Akkuma ati kaaste Oromiyaan daran bal’oodha, loqoda gara garaatu jira. Sana walunachiisaa deemuuf hayyoota dhaabbilee barnoota olaanaatiinis deeggaramaa jirra. Dhimmichi dhimma amantii Ortodoksii qofa osoo hintaane kan Afaan Oromoos waan ta’eef bakki qaama dhimmisaa ilaallatu itti hirmaachisnu jira.
Bariisaa: Amantoonni kitaabilee wabii amantii Ortodoksii Afaan Oromootiin qophaa’an dhiyeenyaatti argachuu danda’uu?
Luba Badhaasaa: Yeroo ammaa naannawa Bataskaana Maaramii (Finfinnee) darbii sadaffaarratti gurgurtaan kitaaba hafuurawaa Afaan Oromoo jira. Yeroorra yerootti itti dabalamaas jira. Dhimma cimsinee irratti hojjetaa jirruudha.
Bariisaa: Tajaajilli Afaan Oromoo Finfinnee keessatti dabalaa jira jedhama isin maal jettu?
Luba Badhaasaa: Kabaja ayyaana cuuphaarratti faarfannaan Afaan Oromootiin gaggeeffamaa; ittiinis lallabamaa jira. Irraa fagaachuurra keessa taa’anii hojjechuun bua’aa guddaa qabaachuu argaa jirra, jabaan Waaqa.
Bariisaa: Sirna gaggeessaa reeffa Jaal Galaasaa Dilboo Kaateediraalii Qiddisti Sillaaseetti gaggeeffamerrattis qiddaaseefi kadhannaan Afaan Oromootiin gaggeeffame mitii?
Luba Badhaasaa: Eeyyee, namoota baay’ee biratti gaaffii uumee ture. Waan haaraa ta’ees fudhatame. Qiddaaseen, seera yeedaloo Yaareedii eegee, kadhanni, lubbuusaanii nuuf mariin Afaan Oromootiin taasifame.
“Oo! Nuu maari lubbuu Jaal Galaasaa Dilboo” jennee kadhanne. Kanneen maqaa kiristinnaasaaniin waamamanii kadhatamuufii qaba jedhanis turaniiru.
Isaaniif gurra hinkennine. Sababnisaas wayita Atsee Yohaannisiifi Atsee Teediroosfa’iif kadhanni gaggeeffamu maqaa kiristinnaatiin osoo hintaane maqaasaanii kabajaatiini. Kan Jaal Galaasaas akkasuma ta’e. Kun taatee addaafi isa jalqabaati. Tattaaffiin keenyas lubbuu horachaa jira.
Bariisaa: Tajaajila Afaan Oromoo cimsuuf kolleejjonni hafuuraa Afaan Oromootiin leenjisan jiruu?
Luba Badhaasaa: Hanga ammaatti hinjiran. Gaaffiin keenya akka mana lubummaatti jiru tokko kana. Ta’us jalqabbiiwwan nama humneessan tokko tokko jiru. Isa cimsinee irratti hojjetaa jirra.
Qabsoo gama kanaan taasisaa turreen tamsaasa televizhinii ‘OCN/ Oromia Clergy Network’ jedhamu banachuun tajaajila lallabaa, barsiisaalee gara garaa kennaa jirra; tokko jedhanii lama jedhu.
Kanamalees Finfinnee teessoo keenya godhannee biyyoota Afrikaafi Awurooppaa gara garaatti onlaayinii barnoota hafuuraa Afaan Oromootiin barsiisaa jirra. Dameelee hojiis banachaa jirra. Imalli keenya bu’aa guddaa buusaa jira.
Bariisaa: Amantoonni Ortodoksii Oromoo afaansaaniin tajaajilamuu dhabuun bataskaanonni cufaman jiru jedhamaatii kanarratti maal jettuu?
Luba Badhaasaa: Dhugaadha, bataskaanonni hedduu Afaan Oromootiin tajaajila kennuu dhabuun amantootashii hedduu dhabaniiru. Kan cufamanillee jiru. Istaatistiksii bara 2007 gaggeeffame bu’uureffannee yoo ilaalle tajaajila Afaan Oromootiin dhabuun walqabatee amantoonni miliyoona shan ta’an amantiisaanii jijjiiraniiru. Qorannoon kun osoo booda kana hojjetameera ta’e dachaan dabaluu mala.
Bataskaanota cufaman deebisnee banuuf takkaan Afaan Oromoo afaan tajaajila taasisuun dhiyeessiiwwan barbaachisoo guuttachuun, tajaajiltoota hafuuraa horachuun dirqama waan ta’eef tattaaffichi akka hojiitti galamu ta’eera.
Bariisaa: Dhimma ho’aa tibbana Finfinneefi naannawa Finfinneetti mudachaa jiruun isiniif kaasa. Innis taabonni waaqarraa bu’e, lafa keessaa argame yaanni jedhu ka’aa jiraatii kana quba qabduu?
Luba Badhaasaa: Eeyyee quba qaba. Dhimmi kun “Qaala Awwaadii, Seera mana amantii Ortodoksii Itoophiyaatiin” deeggaramu miti. Taabonni waaqarraa hinbu’u. Lafa keessaas hinba’u.
Gartee muraasa ka’ee olola akkasii afarsuun saamicha lafaaf kaayyeffatanii yoo ta’ee malee taabonni waaqaa bu’e, akka waakkoo lafa keessaa bahe jedhamu fudhatama hinqabu.
Hawaasni tokko mana amantii ijaarrachuu, bakka awwaalchaa argachuu yoo barbaade adeemsa deemamuu qabu deemee lafa ijaarsa mana amantaafi bakka awwaalchaa mootummaarraa erga argatee booda taabota karaa mana amantii Ortodoksii Itoophiyaa gaafachuun seerri barbaadamuufi ulaagaan guutamuu qabu erga guutamee kennama malee lafaa bahe waaqaa bu’e kan jedhamu sirrii miti.
Kun ta’e jedhanii maqaa mana amantichaa gurraachessuuf kan akeeke waan ta’eef Qulqulluun Sinodosiis ta’e mootummaan qaamota akkasiirratti tarkaanfii fudhachuu qabu. Taateen tibbana Galaanitti raawwatames weerara lafaa kan kaayyeffateedha.
Bariisaa: Ayyaanni Faasikaa amantoota kiristaanaatiif maali?
Luba Badhaasaa: Ayyaanni Faasikaa (Quufaa) guyyaa golgaan cubbuu itti tarsa’ee hidhaan seexanaa itti cirameefi walabummaafi bilisummaan dhala namaa itti mrkanaa’eedha.
Ayyaanni kun waan baay’ee nubarsiisa. Kan wallole itti araaramu, kan waljibbe yeroo itti dhiifama walgaafatuufi kan daareefi beela’e yeroo itti dheebuu bahuudha.
Bariisaa: Rakkoo nageenyaa yeroo ammaa Itoophiyaa mudachaa jiruuf akka abbaa amantii tokkootti maal dhaamtu?
Luba Badhaasaa: Akkuma bakka mariin jiru nagaatu jira bakka nagaan jiru waan hundi jira jedhamu walii walii keenya gidduutti nagaa buusuun dirqama. Kana lafa qabsiisuun ammoo dirqamni abbootii amantiifi jaarsolii biyyaa harka jira. Nuti araara yoo lallabne amantoonni araara waliif godhu.
Yoo nuti jibba lallabne jibbatu biqila. Kanaaf ayyaanichi kan araaraa, kan jaalalaa, nageenyi waaraan Itoophiyaa itti mirkanaa’u akka ta’uuf abbootiin amantiifi jaarsoliin biyyaa cichinee hojjechuu qabna.
Ayyaanichi kan eebbaa, kan nageenyaa, kan tokkummaafi harqoota jibbaafi waljifachuu ofirraa buusnee nageenya waaraa biyya keenyaa mirkaneessinee waliin jiraannu nu haataasisu. Nagaa buusuuf nagaa lallabuu qabna.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014