Qeexaalaafi Fichee Cambalaalaan aadaa sabni Sidaamaa ittiin beekamu keessaa adda durummaan eeramu. Ficheen jala bultii ayyaana bara haaraa ummata Sidaamaa yoo ta’u, Cambalaalaan ammoo guyyaa jalqaba bara haaraati.
Guyyaan ayyaanichaa qorannoofi murtee ayyaantuuwwaniirratti hundaa’uun murtaa’a. Ayyaantuuwwan namoota haala addeessaafi urjii qorachuudhaan waan lafarra jiru wajjin madaaluudhaan guyyaa ayyaanichaa murteessan yoo ta’an, dhahaa (kaalaandara) ummata Sidaamaa keessatti iddoo olaanaa qabu.
Ayyaantuuwwan utuu barri haaraan hinseenin ji’a tokko dursanii guyyaa ayyaanni bara haaraa irra oolu ummatatti beeksisu. Ummannis guyyaa ayyaana bara haaraa ayyaantuuwwanirraa erga dhaga’ee booda qophii taasisuu eegala. Fichee Cambaalalaan qorannoofi murtee ayyaantuuwwaniirratti hundaa’uun waan kabajamuuf guyyaa dhaabbataa ta’e tokko hinqabu. Ayyaanni kun waggaa waggaan guyyoota muraasa duubatti harkifachuun kan kabajamu yoo ta’u, barana Ebla 21fi 22 bara 2014 akka ayyaaneffamu ibsameera.
Guyyaa ayyaana Fichee Cambalaalaa namni liqii liqeesse maallaqasaa hingaafatu, loon qaluun dhorkaadha, muktis hinmuramu, lafti hinqotamu, namoonni yakka raawwatanis guyyaa kana dhiifama argatu. Namoonni wallolanis ayyaanicha dura araaramu, namoonni gaddarra turan uffata gaddaa dhiisanii uffata haaraa uffatu, shamarreen barana heerumtes ayyaanicharratti dubartoota birootti makamuun yeroo misirrummaashee xumurti. Namni sababa kamiinuu qe’ee isaatii fagaates Ayyaana Fiichee Cambalaalaaf gara qe’eesaatti deebi’a.
Ayyaana Fichee Cambalaalaatiif horiin hinqalamu, foonis hin nyaatamu, loowwan caffee qophaa’eef keessa akka dheedan taasifama. Ayyaannichi kan namaa qofa osoo hintaane kan uumama maraati jedhama. Nagaa, tokkummaafi jaalalli mallattoo ayyaanichaati. Guyyaa ayyaanichaa nyaata aadaa Boorshaamee jedhamu kan warqee ykn qoccoorraa qophaa’utu aannaniin nyaatama.
Ayyaanni Fichee Cambalaalaa sirboota aadaa, nyaatawwan aadaafi sirnoota aadaa gara garaatiin waa’elfamuun kabajama. Sirboota aadaa guyyaa ayyaanichaa sirbaman keessaa tokkoofi inni beekamaan ‘Qeexaalaa’ jedhama. Sirbi aadaa kun gamtaadhaan sirbama. Taateen ummanni Sidaamaa bara haaraa ce’uusaa ittiin agarsiisu ammoo ‘Hulluuqaa’ jedhamuun beekama. Hulluuqaan wanta bifa golboo qabuufi leemmanaafi baala jiidhaarraa hojjetamee dhaabbatuudha. Hulluuqqaan sadarkaa maatiifi hawaasaatti kan adeemsifamu yoo ta’u, yeroo barri haaraan seenutti namniifi loowwan hulluuqqaa keessa akka darban taasifama. Ayyaanni Fichee Cambalaalaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Walta’anii (UNESCO)n galmaa’uunsaa ni yaadatama.
Biiroo Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Naannoo Sidaamaatti, Ogeessa Aartii Obbo Asnaaqaa Ayyalaa Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, Qeexalaan sirboota aadaa Sidaamaa keessaa isa daran beekamuudha. Qeexaalaan sirba aadaa keessumaa guyyaa Fichee Cambalaalaarratti sirbamu yoo ta’u, abbootii, harmootii, dargaggoonniifi ijoolleen walmakanii tokkummaan sirbaniidha. Sirbi kun yeroo sirbamu hundumtuu walfaana miila kaasee walfaana ejjeta; yeroo miilli mirgaa kaafamu kan miila bitaa kaasu tokkollee hinjiru. Kana malees sirbi aadaa ‘Hanoofi Faaroo’ jedhamus jira. Faaroon sirba aadaa Sidaamaa shamarraniifi dargaggoonni hinheerumneefi hinfuune sirbaniidha jedhu.
Aadaa sabni Sidaamaa ittiin beekamu keessaa tokko ‘Affiniidha’. ‘Affinii’ jechuun dhageessanii jechuutti hiikama. Namoonni lama wallolanii isaan keessaa tokko ‘Affinii’ yoo jedhe, lolli sun achumatti dhaabbata. ‘Affinii’ erga jedhamee booda lolli itti fufu hinjiru. Aadaan kun nageenya buusuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Sirni jaarsummaa aadaa Sidaamaa namoota wallolan ittiin walitti araarsan ammoo ‘Luwaa’ jedhama. Sirni kun jaarsolii biyyaatiin Gudumaalee irratti geggeeffama. Gudumaaleen bakka jaarsoliin taa’anii itti sirna araaraa gaggeessaniidha jedhu.
Sabni Sidaamaa nyaataawwan, uffannaa, faayaawwaniifi sirboota aadaa eenyummaasaa ibsaniifi beeksisan biroos kan qabu ta’uu himanii, Sidaamaan nama kamiyyuu fuula isaa ilaalee utu inni waan nyaatuufi dhugu hingaafatin nyaataafi dhugaatii kennaaf. Namni saba Sidaamaa ta’e tokko yoo akkam beela’ellee nyaata naaf kennaa jedha utuu hintaane bishaan xiqqoo naaf kennaa jedhee gaafata. Nama bishaan gaafate kanaaf ammoo nyaataafi urgoo ykn aannantu kennamaafi. Nyaatawwan aadaa Sidaamaa irra jireessi warqee ykn qoccoo irraa hojjetama. ‘Buurisaamee, Cuukkamee, Omolchoo, Duwamee, Caancanaamee’, nyaatawwan aadaa Sidaamaa bebbeekamoodha. Nyaatawwan aadaa kunneen keessaa ‘Buurisameen’ nyaata aadaa warqeerraa hojjetamuufi dhadhaa baqfamaan baay’inaan itti naqamee hojjetamu ta’uu himu.
Nyaatni aadaa ‘Buurisameefi Cuukkamee’ kan adda godhu baay’ina dhadhaa baqfamaa itti dabalamuudha. Nyaata aadaa Cuukkameetti dhadhaan akka nyaata aadaa Buurisameetti itti hindabalamu. Nyaata aadaa Omolchoo jedhamutti ammoo dhadhaan itti hin naqamu. Buurisameen nyaata aadaa kabajamaa baay’ee mi’aawu, barbaadamuufi jaallatamuudha kan keessummaa kabajaatiif dhiyaatuudha jedhu.
Aadaa fuudhaafi heerumaa saba Sidaamaa biratti beekaman keessaa inni beekamaafi kabajamaan ‘Huccattoo’ jedhama. Huccattoon aadaa fuudhaafi heerumaa waliigaltee warra ilmaafi warra intalaatiin raawwatamuudha. Aadaa fuudhaafi heerumaa kanaan warra ilmaatu intala mucaasaaniitiif taatu barbaadee fuusisa. Aadaa fuudhaafi heerumaa kana keessatti fedhii ilma fuudhuufi intala heerumtuu gaafachuun hinjiru. Abbaan ilmaa intalli abaluu mucaa kiyyaaf ni taati jedhee yoo itti amane warra intalaa bira deemee intala keessan mucaa kiyyatti heerumsiisaa jedhee gaafata. Maatiin intalaas beellama yeroo lamaafi sadii booda waliigalu. Abbaan ilmaas warra intalaatiif gabbara kenna. Maatiin ilmaafi intalaa waliigalanii guyyaa cidhaa erga murteessanii booda warra walfuudhuufi walitti heerumutti himu. Huccattoon aadaa fuudhaafi heeruma saba Sidaamaa keessatti kabajamaafi fudhatamummaa guddaa kan qabu ta’uu eeraniiru.
Magaalaa guddoo naannoo Sidaamaa kan taate Hawaasaan magaalaa jaalalaa jedhamtee beekamti. Hawaasaan magaalaa bashannanaaf, jireenyaaf, invastimantiifi turizimiif filatamtuufi mijattuu taateedha. Magaalaan Hawaasaa dorgommii qulqullina, magariisummaafi misoomaa magaalota Itoophiyaatiin waggoota torba darbaniif walitti aansitee tokkoffaa ba’uun waancaa kan fudhatte ta’uufi magaalaa saboonniifi sablammoonni biyyattii hundi nagaafi jaalalaan keessa jiraatan ta’uu himu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014