
Finfinnee: Godina Shawaa Kibba Lixaa, aanaalee Ammayyaafi Wanciitti oppireeshinii qaama nageenyaafi hawaasa waliin taasifamaa jiruun seeliin Shanee 181 saaxilamuu ibsame.
Saamichaafi gidiraa Shaneen qaqqabsiisaa turerraa ka’uun duulli balaaleeffannaa kan taasifame yoo ta’u, kanaanis aanaalee godinichaa dhiibbaafi gochaa badii Shaneerraa bilisa baasuun ittifufee jira. Balaaleffannaan gaggeeffamaa jirus ergaa “Shaneen diina keenya, qabsoofnee of keessaa balleessina” jedhu of keessaa qabaachuun hubatameera.
Jiraattonni kunneenis “Shaneen gidirsaa Oromooti!, lubbuu keenya oolfachuuf qarshii kuma 100 kaffaluu hinqabnu, qabeenyi keenya barbadaa’uu hinqabu!, Sababa Shaneef nageenyi keenya boora’ee misoomni keenya gufachuu hinqabu” jedhaniiru.
Jiraattonni aanaalee kanneenis hamma nageenyi waaraan aanaafi godinasaaniitti mirkanaa’utti gara manaatti akka hindeebine ibsaniiru.
Bulchaan Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Taayyee Giddisaa ibsa dheengadda gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, jiraattota aanaalee Ammayyaafi Wanciitti oppireeshiniin Shanee barbadeessuu ittifufee jira. Shaneen aanaa Ammayyaatti gandoota 19 Wanciitti gandoota shan, waliigalaan gandoota 24 keessatti saamichaafi gidiraa ummataa irraan ga’aa tureera. Miseensota caasaa gandaafi maatiisaanii bosonatti butaa, saamaafi qabeenya barbadeessaa tureera. Kanarraa ka’uun ummati duula balaaleeffannaafi oppireeshinii waraanaa irratti banee gaggessaa jira.
Dilbata darbe ummati kuma shan ol ta’u dirreerratti ba’uun Shanee balaaleeffachuu eeranii, caasaa gandaa qeerroofi qarreen eeboofi shaanfoo qabachuun torbee kanarraa eegaluun Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin bosona seenuun oppireeshanii gaggeessaa jiraachuus himaniiru.
Oppireeshinii hanga ammaatti gaggeffameen miseensota Shanee sagalirratti tarkaanfiin fudhatamuu kan himan bulchaan kun, seelii Shanee 181 ummati ofkeessaa calalee baasuufi booji’amaa tokko waliin meeshaa waraanaa afur to’annoo jala ooluu ibsaniiru. Kutte duudaa geejjibaaf Shaneen ittifayydamaa ture ja’a abbaa qabeenyichaaf deebi’uufi doqdoqqeewwan 10 walitti qabamuun abbaan qabeenyaa itti barbaadamaa akka jiru ibsaniiru.
Hirmaannaa ummataa malee Shanee barbadeessuun hindanda’amu kan jedhan Obbo Taayyeen, torbee lama keessatti godinicha gochaa Shaneerraa bilisa baasuuf karoorfamee itti hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Oppireeshiniin gaggeeffamaa jiru hawaasa biratti fedhiifi kaka’umsa guddaa uumee waan jiruuf yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramu kaasaniiru.
Ummati diina balaaleffachaa akka of eeguuf hojiin hubannoo uumuu cimee itti fufuu akka qabus dhaamaniiru.
Rippoortara Gaazexichaan
BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014