“Kilaboonni gurmaa’an ol’aantummaa keenya mirkaneessuu qabu” – Obbo Gammachuu Garramaw

Finfinnee: Guddina dinagdeefi hawaasummaa biyya tokkoo keessatti ispoortiin shoora ol’aanaa kan taphatu yoo ta’u, keessattuu akkaataa qabatamaa biyya keenyaatti Atileetiksiif bakka guddaatu kennama.

Bu’uuruma kanaan mootummaan naannoo Oromiyaa seenaa Atileetiksiifi Oromiyaa waliin walitti hidhamiinsa qabu irraa ka’uufi Atileetonni ciccimoo hedduun baay’inaafi qulqullinaan horatamaniiru. Yeroo darberra caalmaas guddina dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa biyya keenyaa keesatti gahee ol’aanaa taphachuu akka danda’aniifs yaaliin godhameera.

Kanumarraa ka’uudhaan bara 2002 deeggarsa mootummaa naannoo Oromiyaafi uumataatiin kilaboonni Atileetiksii lakkoofsaan 20tti lakkaawaman ciminaan akka gurmaa’an taasifamee ture. Kilaboonni gurmaa’an kunneen olaantummaa Keenya mirkaneessuu qabu jechuudhaan naannichichaan ilaalchi addaas itti kenamaa tureera.

Kilaboota gurmaa’an kanneen keessaa tokko kan ta’e kilabni Dhaabbata Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaa tokkodha. Nus dhiyeenya kana bakka “Kaampii” kilabichaa dhaquudhaan hojii gaggeessaa kilabichaa Obbo Gammachuu Garramaw haasofsiisnee akka armaan gadiitti dhiheessineerra.

Bariisaa: Kilabni kun eddaa hunddeeffamee waggaa kudhan darbeera. Maal irraa dhufee, maal irra jira?

Obbo Gammachuu: Kilabni keenya edda hundaa’ee waggoota kudhanii ol lakkoofsiseera. Atileetonni hedduunis nu biraa bahaniiru. Isaan keessaa tokko atileetii beekkamaa Saamu’eel Tafarraati. Kanneen biroos kan biyya bakkaafi naannoo keenya bakka bu’anii hirmaatan jiru. Hedduunisaanii kan nubiratti milkaa’aniidha.

Bariisaa: Warreen milkaa’an kanneen maqaa dhahuu dandeenyaa?

Obbo Gammachuu: Eyyeen, akka biyyaatti olompikiidhaaf atileetota torba filachiifneerra. Saamu’eel Tafarraa, Xurii Milkaanaa, Siimboo Alamaayyoo, Tolasaa Godaanaafi Tigisti Katamaa atileetota kilabii keenya keessaa argamaniidha.

Bariisaa: Amma walumaa galatti dhiiraaf dubaraan Atileetota meeqa qabdu?

Obbo Gammachuu: Atileetonni hanga ammaa nubira jiran 45 leenjistoonni isaanii ammoo akkaakuwwan atileetiksii adda addaatiin leenjisaa lama qofa.

Bariisaa: Hundi isaanii kaampii kana keessa jiraatuu?

Obbo Gammachuu: Harki caalu as keessa jiraatu. Kanneen akka Saamu’eel Tafarraafi garee biyyaalessaaf filataman mana saanii jiraatu. Kun garuu bultiidhaaf malee kan shaakalan bakka tokkotti.

Bariisaa: Amma kaa atileetota 45tu jira. Leenjiin atileetiksiin saayinsiidha waan ta’eef leenjistoonni lameen kun ga’aadha jettuu?

Obbo Gammachuu: Fiildiin atileetiksii hedduudha. Atileetota kanneen qabannee fiildii 11 jechuun, gabaabaarratti, giddu galeessaafi dheeraarratti iddoo lamatti adda qooduudhaan irratti hojjachaa jirra. hanga ammaatti rakkinni wayiituu numuudatee hin beeku. Kanaaf hanga fiildii biro hin dabalannetti leenjistoonni lameen gahaadha.

Bariisaa: Biyya keenyatti kilaboonni atileetiksii hedduun ni hundaa’u. Atileetonni hadduunis Maanajaroota biyya keessaafi biyyoota alaatiin ni leenji’u. Garuu itti fufiinsa hin qaban. Gama keessaniin hoo dhimma kana akkamitti ilaaltu?

Obbo Gammachuu: Nubiratti amansiisadha. Dhaabbanni keenya gaafa kilabii kana ijaaru atileetiksiifi malee waan biraatif miti. Atileetonni kan jiraatan doormii keessa. Osoo kaampii qabaachuu baannee itti fufiinsa hin qabnu. Haata’u malee Kaampichumti kun mataasaa har’a bu’uuraalee Bishaanii hin qabu. Dhaabbatichi keenya waggoota kanneen hunda bishaan bootteedhaan dhiheessaa jira.

Gara fuula duraatti Paarkii Inxooxxoo kanaaf waan dhufuuf hawaasni naannichaa yoo argatu nus ni arganna abdii jedhun qaba. Kanaafuu kilabni keenya waan dandamatuuf itti fufa jedheen amana.

Dhaabbileen misoomaa kunniin kan mootummaati. Kanaaf dhimmoota dargaggootaaf carraa uuman kanneen irratti hirmaachuun murteessaadha. Fakkenyaaf Saamu’eel Tafarraa har’a keenyaa miti. Biyya bakka bu’ee waan hirmaatuuf kan biyyaati. Bakka deemutti moo’achuudhaan alaabaa biyyattii ol kaasuudhaan yoo balaliisu wanti kana caalaa nama gammachiisu hin jiru.

Kanaaf ammoo kilaboonni keenya kanneen jiran qofa osoo hin ta’in guddattootas jalaa fiduudhaan kunuunsee waan guddisuuf itti fifiinsaan jiraata jedheen yaada.

Bariisaa: Maddi galii keessanii maali?

Obbo Gammachuu: Egaa baajanni atileetiksiidhaaf ramadamu gahaadha jechuun hin danda’amu. Sababa kanaaf yeroo ammaa akka rakkoo guddaattis kan adda bahe kanuma. Hojii boonsaafii gaarii ta’etu hojjatama malee mindaan leenjistootaatuu xiqqaadha.

Gara fuula duraatti garuu dhimmoonni akkasii kunniin ni sirraa’u jennee abdanna.

Rakkoon jiru inni biroo immoo iddoon kaampii kun bu’uraalee misoomaafi istaadiyeemii irraayis fagoodha. Atileetonni keenya geejjibaan imalaniiti kan shaakalaa deebi’an. Kanaaf dhimmi kunis xiyyeeffannoo argachuu qaba ergaa jedhu dabarsuu fedheeti.

Bariisaa: Yeroo atileetiin akka Saamu’eel faan dorgommii biyyoolessaa irratti hirmaatanii injifatan kilabichaaf wanti gargaaran jiruu laata?

Obbo Gammachuu: Hanga ammaatti wanti baratame hin jiru. Atileetiin tokko yoo deeme inuma deema. Haata’u malee kilabichi atileetota jalaa guddisuudhaan jalaa guutaatuma deema.

Sana qofaa miti, atileetiksiin daangaa qaba. Atileetiin tokko as keessa turuudhaan gaafa humna fixate bakka isaanii san ammoo atileetota boru biyya bakka bu’an mindeessuudhan guddisa.

Bariisaa: Federeeshiniin Atileetiksii Oromiyaa deeggarsa akkamii isiniif taasisaa jira?

Obbo Gammachuu: Yeroo tokko tokko manni hojii waan tokko tokkoo murteessuu yoo didu federeeshiniin dhiibbaa gochuu qaba. Garuu deeggarsi federeeshiniin gochaa jiru ga’aa miti. Osoo federeeshiniin naannoo keenyaa cimee atileetiksiin kana caalaa guddata.

Ammaan tana atileetiksiin naannoo keenyaa baay’ee gadi deemaa jira. Federeeshinichi mataasaan kan of danda’ee hundaa’e yeroo dhihoodha. Federeeshinii kana immoo kan cimsuu qabu mootummaadha. Gara fuula duraatti naannoon keenya dhimma kanarratti ciminaan akka hojjatu abdii qaba. Bariisaa: Rakkoolee damee atileetiksii kana furuudhaaf eenyurraa maaltu eeggama ?

Obbo Gammachuu: Biyya kana keessatti qaama kamiiyyuu caalaa atileetiksiin dinagdee, hawaasaafi siyaasa keessatti gahee guddaa qaba.

Yeroo biyyattiin rakkolee garaa garaatiif saaxilamtu keessatti dhimmi atileetiksii kun dagatamee xiyyeeffannoo barbaachisu dhabuu hin qabu. Biyya keenyatti immoo dameen kun kan hojjatu baajata mootummaatini. Baajatni kun immoo gahaa ta’uu dhabuurraa kan ka’e akka yaadametti hojjachuun ulfaataadha.

Kanaaf dameen kun akka guddatu yoo barbaadame baajatni ramadamus dabaluu qaba. Dhimmi ispoortii akka walii galaatti xiyyeeffannoo olaanaa barbaada. Kanumaan kan wal qabatu imaammanni damee kanaas wantoonni sirrachuu malan irratti sirreeffamuu qabu.

Bariisaa: Karoorri keessan kan yeroo dheeraafi gabaabaa akka Bosonaafi Bineensota Bosonaatti maal fakkaata?

Oboo Gammachu: rakkoolee armaan olitti sitti hime saniin sirreessinee garee cimaafi itti fufiinsa qabu taanee itti fufuuf karoora guddaa qabna.

Bariisaa: Yeroo nuuf kennitaniif galatoomaa

Obbo Gammachuu: Isinis galatoomaa

BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014

Recommended For You