“Imaanaan Yunivarsiitiin Dambi Dolloo natti kenne olaanaadha” -Barattuu Madiinaa Gammachuu

Barattuu Madiinaa Gammachuu dhalattee kan guddatte handhuura Oromiyaa, Magaalaa Finfinnee, naannawa Saarisiitti. Barnootashee sadarkaa tokkoffaa Mana Barnootaa Hiwoot Faanaa, sadarkaa lammaffaa ammoo Mana Barumsaa Firee Hiwootitti baratte. Bara 2009 qorumsa biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuudhaan qabxii seensa yunivarsiitii argattee carraa akaakuu barnootaa Seeraatiin Yunivarsiitii Dambi Dolloo seenuu argatte.

Namni yeroosanatti mitiiti, durumaayyuu yommuu bakka dhaloota ofiirraa fagoo darbees gara Oromiyaa Lixaa deemuu yaadu sodaafi yaaddoodhaan guutama. Keessattuu namni Afaan Oromoo hinbeekne garas yoo deeme akka rakkatutti wanti odeeffamu sammuu namoota baay’ee booresseera.

Madiinaan garuu sodaafi yaaddoo namootaatiin osoo hinraafamiin, kaayyooshee milkeeffachuuf imalashee gara kallattii lixa biiftuu, Qeellem Wallaggaa, Dambi Dollootti taasifte. Erga chi deemtee booda garuu wanti odeeffamuufi achi jiru hundi walii faallaa akka ta’eedha gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa wajjin taasifteen kan ibsite.

Dhiheenya kana Yunivarsiitiin Dambi Dolloo Barattuu Madiinaaf dorgommii barreeffamaa Waldaan Fannoofi Addeessa Diimaa idil addunyaa akka Baha Afrikaatti qopheesse sadarkaa tokkoffaa argachuusheetiin akka yunivarsitichaatti beekamtii kenneeraaf. Beekamtii kanaanis badhaasni maallaqaa, waraqaa ragaafi amabaasaadarummaan kennameeraaf.

Nutis beekamtii yunivarsiitiin Dambi Dolloo kenneef akkasumas badhaasa akka idil addunyaatti argatte sababeeffachuun dubbisneerraan. Akkasheen jetteetti, dorgommiin idil addunyaa isheen mo’atte akka Afrikaa Bahaatti kan qophaa’eefi yunivarsiitiiwwan 38 irraa dorgomtoonni 48 barreeffama dhiheessaniiru. Barreeffamichis koorsii seeraa, IHL ykn mala waraanaa jedhu waggaa arfaffaatti fudhatan irratti bu’uureeffachuun kan barreeffameedha.

Kunis, ‘IHL’ ykn malli waraanaa biyyoota garagaraa keessatti yommuu hojiirra oolu hanqina seeraafi hojiitti hiikuu kan mudatu ta’uu kaastee, kana jechuun seeronni yeroo yerootti ba’an akka barbaadametti hojiirra oolanii tajaajila barbaadameef oolaa akka hinjirre kan agarsiisu ta’uu dubbatti. Barreeffamni bal’aa isheen dhiheessites kana bal’inaan kan balballoomsu ta’uufi Yunvarsiitii Dambi Dolloo, Muummee Seeraa bakka bu’uun dhihaateefi tokkoffaa ta’uun kan filatame ta’uu himti. Seerota ba’aniin walqabatee hanqinni hojiitti hiikuu rakkoo biyyoota hedduu ta’uu kan eertu Barattuu Madiinaan, barreeffamichaanis kana agarsiisuuf yaaluusheefi malli furmaataallee maal ta’uu akka qabu kaa’uushee dubbatti.

Dorgommii kana akka dorgomtuuf haala kan mijeesseef yunivarsiitiishee yoo ta’u, keessumaa koorsii ‘IHL’ daran waan jaalattuuf yommuu akka dorgomtu itti himamu daran gammaduushee kan himtu barattuun tun, dorgommichi garuu dadhabsiisaafi yerooshees kan fudhate ta’uu eerti. Barreeffamicha yommuu barreessituus yeroo filannoo marsaa ja’affaa sana waan tureef boqonnaaf maatii bira dhuftee Finfinnee yeroo turtetti yoo ta’u, kunimmoo dhiibbaa hojii maatii gargaaruu, nama dhihootti ishee hordofuufi deeggaruu dhabuun walqabatee kan ishee dhiphisee ture akka ta’e dubbatti.

“Barreeffamni yommuu barreeffamu xiyyeeffannaafi bakka tasgabbaa’aa barbaada. Kanaaf ani guyyaa waanin maatiikoo gargaaru gargaaree galgala erga hundisaanii rafanii boodan taa’ee barreessa. Mooraa yunivarsiitirraa fagaadhee waanin jiruufis yeroo yerootti barreeffamakoo barsiisotakoof ergee agarsiisuuf rakkataa turus hanga danda’ameen ilaalanii waanin sirreessu natti himaa turaniiru. Haalonni turan rakkisoo ta’anillee garuu akkan injifadhu amantaa guutuun qaban ture” jetti.

Barreeffamicha barreessitee xumuruuf gara ji’a tokkoo akka ittifudhate kan ibsitu Madiinaan, halkan barreessuun cinaatti “Yaada kana dabaluu, kana dhiisuu” inni jedhu daran ishee dhiphisaafi itti ulfaachaa akka ture ibsiti. Ta’us kaayyoonshee injifachuu waan tureef dadhabbiiwwan kunneen kan itti hinmula’anneefi yaadashee galmaan ga’uuf qofa hojjetaa akka turte kaasti.

Akkuma waliigalaattuu namni waan hojjetu tokkoof of kenne hojjechuu qaba kan jettu Barattuu Madiinaan, damee kamirrattuu taanaan injifannoon kan argamu yoo akkas ta’e qofa ta’uu dubbatti. Jalqabuma gaafa barnoota Seeraa barattu filannoosheetiin ta’uufi “nan danda’a” jechuudhaan kan itti seente yoo ta’u, isa namoonni “barnootichi ni ulfaata” jechuun fagootti sodaachiisuuf yaalaniif gurra akka hinkennine eerti.

Barattoonni baay’een seerri akaakuu barnootaa baay’ee dubbisuu barbaduufi waggaa dheeraa baratamu waan ta’eef yeroo baay’ee filannoosaanii jalqabaa akka hintaasisne kaastee, gaafa itti seenan garuu jabaatanii hojjennaan salphaa akka ta’eefi namni kamiyyuu fagootti waa sodaachuurraa waa hunda seenee ilaaluu akka qabu dhaamti. Namni tokko waan tokkoon milkaa’uu dhabe jechuun waan hundaan hinmilkaa’u jechuu waan hintaaneef yaaluun gaariidha jetti.

Keessumaa shamarran barnoota Seeraa sodaachuurra itti seenanii cimanii barachuun rakkoo sarbama mirga namaa keessumaa kan dubartootaa hiikuuf hojjechuun akka irra jiru kan kaastu barattuun kun, isheenis bara kana erga barnootashee xumurtee eebbifamteen booda ogummaa gonfatteen lammiishee tajaajiluuf gamanumaa qophii ta’uu himti. Keessattuu yeroon ammaa yeroo mirgi dubartootaa garmalee sarbamaa jiru waan ta’eef kanarratti qabsooftee haqa dubartootaa mirkaneessuuf waan irraa eegamu ba’achuuf akka yaaddu ibsiti.

Badhaasni ishee dhaabbata Fannoo Diimaafi Addeessa Diimaa argatte caalaatti hojjechuu akka qabdu kan isheef akeekan ta’uu kan ibsitu Barattuu Madiinaan, keessumaa imaanaa Yunivarsiitiin Dambi Dolloo kenneef olaanaa ta’uusaatiin carraa argame maraan dhugaa yunivarsitichaa darbees kan naannawichaa agarsiisuufi barsiisuuf akka tattaafattu eerti.

“Beekamtiin yunivarsiitichi naa kenne waan baay’eef agarsiisadha. Warra dura gaafan garas deemuu sodaataafi yaadda’aa turaniifis deebiidha. Yeroodhuma gabaabaa kana keessattillee namoonni anatti dhihaatan illee durumaayyuu akkas tureeyii jedhanii na gaafaatu. Kanaaf akka waliigalaatti ilaalchi gara Oromiyaa Lixaatiif jiru akka sirratuuf namoota baay’ee barsiisuun narraa eegama” jetti.

Waliigala namni fagootti waa tilmaamuurraa waa hunda itti seenee ilaaluu qaba kan jettu Madiinaan, gama barnootaan qofa osoo hintaane, namoonni dhimmoota agaragaraarratti ilaalcha sodaafi yaaddoo qaban keessa seenanii mirkaneeffachuu akka qaban dhaamti. “Bakki akkanaa rakkoo akkasii qaba, yoo deemtan akkas taatu, lakkii hindeemiin” jedhanii sodaachiisuurra dhugaan jiru akka hubatamuuf yoo danda’an ofii deemanii, kanaachimmoo namoota deeman dura dhaabachuu dhiisuun dhugaa jiru akka hubatamu taasisuu qabu jetti. Ta’uu kan qabu akkamiin keessaa ba’uun, sirreessuun danda’ama isa jedhu ta’uu akka qabus ni eerti.

Yunivarsiitiin Dambi Dolloo torban darbe Barattuu Madiinaa malee, Barsiisaa Amaanu’eel Barsiisaa Sooressaa Shuumaaf beekamtiifi badhaasa kenneera.

Pirezdaantiin yunivarsiitichaa Doktar Lataa Tasfaayees sirna beekamtichaarratti haasawaa taasisaniin, yunivarsitichi erga hundaa’ee yeroo gabaabaa ta’us namoota hojiiwwan fakkeenyummaa qaban hojjechuun yunivarsiticha addunyaatti beeksisan kanneen galateeffataniiru.

Barsiisaa Sooressaa Shuumaa, hojii misooma qonnaa adda addaa mooraa yunivarsiitichaatti of kennuun hojjeteen, Barsiisaa Amaanu’eel Baalchaa dirooniifi xiyyaara nam-maleessa kalaquufi barattuu Madiinaa Gammachuu dorgommii barreeffamaa Waldaa Fannoo Diimaafi Addeessa Idil Addunyaa akka Afrikaa bahaatti qophaa’een sadarkaa 1ffaan xumuruun akka yunivarsitichaatti beekamtiin kennameeraaf.

Pirezdaantiin Damee Qorannoofi Tajaajila Hawaasaa Yunivarsiitii Dambi Dolloo Gargaaraan Piroofeesaraa Yooseef Shifarraa gamasaaniin, namoota yunivarsiticha beeksisuu keessatti qooda olaanaa bahatan kanneen jajjabeessuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru. Namoonni kunneen kana caalaa cimuu akka qaban dhaamuun, namoota milkaa’ina namoota kanneenii duuba turanis galateeffataniiru.

Yunivarsiitichatti namoota hojiisaaniitiin fakkeenyummaa qabu hojjetaniif beekkamtii kennuun kun waggaa waggaan akka qophaa’us ibsameera.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014

Recommended For You