Hojiifi hojii barbaaddattoota walagarsiisuuf: Poteenshaala carraa hojii qorachuu

Adaamaa: Oromiyaan baay’ina ummataafi haala teessumasheerraa kan ka’e naannolee biyyattii keessaa naannoo hojii dhabdummaan itti hammaateedha. Qorannoon ‘IMO’ barana adeemsifame akka ibsutti, Oromiyaa keessa waggaa waggaadhaan hojii dhabaan miiliyoona 1.7 hanga miiliyoona lamaatti ni jiraata.

Lakkoofsi kun kan hammatu caalaatti dargaggoota. Kunimmoo yoo sirnaan hogganame malee biyyaaf balaa ta’uu waan hinoolleedha. Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaas (BCHUOO) rakkoon kun furmaata akka argatuuf hojiilee garagaraa hojjetaa jira.

Rakkoo ijoon hojii dhabdoonni baay’ataniif qorannoo saayinsawaan taasifamee pootenshaalli jiru utuu adda hinbaafamin hojjetamaa waan tureef ta’uu adda baasuun wiixata darbe yunivarsiitiiwwan mootummaa naannichaa keessatti argamaniifi koolleejjonni poolii teeknikii hojii kana ittigaafatamummaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Hogganaan biirichaa Obbo Ahmad Idiris haasaa waltajjicharratti taasisaniin, qorannichi waggoota shanan dhufaniif kan gargaaru ta’uu kaasanii, qorannicharraa ka’uun bara bajataa baranaatti ji’oota arfan hafanitti lammiilee kuma 400f carraa hojii uumuuf kan hojjetamu ta’uu dubbatu.

Rakkoon hojii dhabdummaa hir’achuu kan dadhabe qorannoon bifa saayinsawaatiin adeemsifamee hojiifi hojii barbaadaan kallattiidhaan walarguu dhabuusaatiin ta’uu eeranii, qorannoo dhaabbileen barnootaa olaanaa naannicha keessaa taasisuuf irratti waliigalan hanga dhuma Waxabajjiitti ni xumuru jedhamee eegamus kana kan jijjiiruudha jedhu.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Adam Kamaal barreeffama ka’umsa marii waltajjicharratti dhiheessaniin, kanaan dura qorannoon poteenshaalaa haala garagaraan kan qophaa’uufi jalqaba waggaarrattis karoorri carraa hojii namoota miiliyoona 1.6, 1.7 ni uumama jedhu dhihaachaa turuu eeru. Gaafa kurmaanni lammaffaa dhumee sadaffaan eegalummoo “Magaalaa kiyya keessa warshaan hinjiru, qabeenyi hinjiru, hojii dhabaan ni baay’ata” sababoonni jedhan akka ka’an himu.

“Inni kun akka hintaaneef qorannoon poteenshaalaa carraa hojii amma adeemsifamu kan mul’atu ta’uufi kan namni yoo gurmaa’ee kallattiin itti galu ta’uu qaba. Ittaansuun gabaafi walitti hidhamiinsi achi keessa jiru sirritti ilaalamuu qaba. Kana malees karoorri biiznasiisaa waliin qophaa’uutu irra jira. Kana ta’uu baannaan yaada ta’ee hafa jechuudha” jedhu.

Carraa hojii uumuun gaaffii dinagdee qofa osoo hintaane kan siyaasaallee ta’uu kan himan ittaanaan kun, mootummaan lammiileef carraa

Qorannoo Dhaabbanni Giloobaal Istaatistiksi jedhamu bara 2022 taasiseen, waggaa sadii keessatti intarpiraayizoota magaalota Oromiyaa keessatti gurmaa’an hanga % 83 akka diigaman kan ibsu ta’uu himanii, kanaafis sababni ijoo qorannoodhaan gaggeeffamuu dhabuu ta’uus omishatti sona dabaluu dhabuufi walitti hidhamiinsa gabaa uumuu dhiisuunis rakkinichi akka cimu taasiseera. Kana malees ilaalchi hojii waan dhabaniif gurmaa’uun waan jiruuf intarpiraayizoonni haala barbaadameen bu’a qabeessa hinta’an.

Akka waliigalaatti rakkoo damee kana keessa jiru furuuf qorannoo saayinsawaa kan baarbaachisu yoo ta’u, faayinaansiin ga’aa ta’e, dandeettii gabbisu, humna raawwachisummaa cimsuufi hawaasa baratu dagaagsuun rakkoo hoji dhabdummaa hir’isuuf hojjetamuu qaba jedhu.

Pirezdaantiin Yunivarsiitii Amboo Doktar Baay’isaa Lataa akka jedhanitti, waliigaltichi walitti hidhamiinsa yunivarsiitiiwwaniifi koollejjota poolii teknikaa cimsuuf bu’aa olaanaa kan qabu ta’uu himanii, Yunivarsiitiin Amboo kanaan dura koolleejjota naannoo Oromiyaa keessa jiran waliin hojiiwwan gurguddoo hojjetaa tureera. Dabalataanis, miseensa Cuucoo (Consummator of Universities and Colleges in Oromia) ta’uun yunivarsiitiiwwan Oromiyaa keessa jiran waliin walitti hidhamuun carraa hojii uumuufi misooma garagaraarratti hirmaachaa turuusaa ibsu.

Yunivarsiitichi fuuldurattis BCHUOOfi yunivarsiitiiwwaniifi koolleejjota Oromiyaa keessa jiran waliin ta’uun hojiilee Oromiyaa keessatti hojjetaman ceesisuuf cimsanii kan hojjetan ta’uu himanii, Yunivarsiitiin Amboos ittaanaa walitti qabaa Cuucoo ta’uun hojjetaa jira. Hanga yoonaa hojiilee misoomaa hawaasa gargaaran keessatti mootummaafi seektaroota garagaraa waliin ta’uun qooda fudhataa jiraachuu kaasanii, keessumaa qorannoofi qo’annoo gaggeessuudhaan gamtaadhaan kan hojjetamu ta’uufi waliigalteen amma bifa haaraatti mallatteeffames hojicha caalaatti kan cimsu ta’uu ibsu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014

Recommended For You