Bakka bu’oonni Lusiiwwanii Afrikaa Kibbaa mo’atan

Finfinnee: Waggaa lamatti al tokko biyyoota adda addaatti kan qophaa’u walmorkiin waancaa kubbaa miilaa dubartoota Addunyaa umrii 17 gadii kan jalqabame ALA bara 2008 Niiwuzilanditti. Walmorkiin kan adeemsifame ardiiwwan jahaarraa garee dubartoota 16 jidduutti ture.

waancaan kun edda jalqabamee waggoota 14 lakkoofsiseera. Waggoottan kanneen keessatti biyyoota jahatti keessummeefameera. Niiwuzilaand, Tiriinidaadinaafi Tobeegoo, Azarbaajaan, Kostaarikaa, Jiordaanfi Uraaguwaayitti jechuudha.

Waancaa kanas Kooriyaan Kaabaa al lama, Kooriyaan Kibbaa, Faransaay Jaappaaniifi Ispeen yeroo tokko tokko mo’achuudhaan fudhataniiru.

Walmorkii kanarratti biyyoonni Afrikaa Kaameeruun, Gaambiyaan, Gaanaan, Naayjeeriyaan, Afrikaan Kibbaafi Zaambiyaan al tokko tokko hirmaatanis waancaa argachuu hindandeenye.

Waancaan kun yeroo 7ffaaf ALA Onkololeessa 11-30 bara 2022 qopheessummaa Hindiitiin magaalaa Niiwu Deelhitti adeemsifama jedhamee eegama.

Afrikaa bakka bu’uun biyyoonni lama qofti kan hirmaatan yoo ta’u, carraa kana argachuuf biyyoonni hedduun tapha gulaalaa godhachaa turaniiru.

Walmorkiiwwan gulaalaa adeemsifamanitti Naayijeeriyaan Misira 4-0n, Kongo 5-0n, Gaanaan ammoo Giinii 3-1n, Senegaal 3-0n, Morookoon Niijari 11-0n, Beeniin 2-0n, Taanzaaniyaan Bootiswaanaafi Burundii haala walfakkaatuun 4-0n mo’achuudhaan gulaalaa ittaanuuf darbaniiru.

Itoophiyaan gamasheetiin Burundii wajjin 3-3n adda baatee, Afrikaa Kibbaa, Johaanis Bargitti 3-0n mo’achuudhaan tapha deebii kan Adoolessa 28 bara 2014 Istaadiyooma Abbabaa Biqilaatti adeemsifamutti dimshaashumatti yoo mo’ate tapha ittaanuuf darbuuf carraa qabdi jedhamee eegama. Kaameeruun gamasheetiin Zaambiyaa 2-0n mo’achuudhaan tapha deebiitti mo’annaan darbuuf abdii qabdi jedhamera.

Wal morkiin ittaanu kan adeemsifamu Gaanaafi Naayjeeriyaa, Morookoofi Taanzaaniyaa jidduuti yoo ta’u, Itoophiyaan ammoo mo’ataa Gaanaafi Naayijeeriyaa wajjin taphatti.

Tapha kanatti yoo mo’atte Waancaa kubbaa miilaa dubartootaa Addunyaa umrii 17 gadii kan Hindiitti adeemsifamuuf Afrikaa bakka bu’uun hirmaatti jechuudha.

BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014

Recommended For You